Oromoon aadaa walgargaarsaa hedduu qaba. Kunis bakkeewwan garagaraatti haala garagaraan haa adeemsifamu malee bu’uurrisaa dadhabbiifi rakkoo walii qooddachuudha. Kunis humnaan, qarshiidhaan, horiidhaaniifi qabeenyawwan biroodhaan taasifamu yoo ta’u, kan qabaachuuf dhabuurratti qofa bu’uureeffate miti. Barreeffama kanaanis aadaa walgargaarsa Oromoo Jiillee kan fuula feesbuukiin Kominikeeshinii Jiillee Dhummuuggaa irraa arganne qindeessinee dhiheessina.
Hoofarii (Daboo): Daboon aadaa walgargaarsaa keessaa tokko. Akka Oromoo Aanaa Jiillee Dhummuugaatti yoo namni tokko hojiin ittti baay’ate firaafi ollaa ofumaa itti kadhata. Hojiin inni itti kadhatu kunis qonna, guuraa midhaanii, soraa manaa kaasuu, ijaarsa manaafa’a irratti bahee nama murtaa’e osoo fageenya hindeemne kadhata. Guyyicha sana nyaataafi dhugaatii kanneen akka biddeena, affeellaa, akaawwiifi bunni ni qophaa’a.
Ajajuu (Jigii): Yeroo haamaafi midhaan galchan, hojii nama muddu dafanii kaafachuuf humna hamma hojiichaaf naaf xumura jedhanii yaadan baafachuudha. Nama naaf baasi jedhee ajaja. Namichi inni ajajame kunis, namoota hamma jedhame caalaa baasa. Fakkeenyaaf; yommuu abbaan jigii nama kudhan jedheen namni inni ajajame kun namoota digdama fida. Guyyicha sana nyaataafi dhugaatiin kanneen akka biddeena, foon, daabboofi buna qopheessuun nyaachisanii obaasu. Jigiin nyaataafi dhugaatiidhaanis hoofarii caala.
Wanfalii: Namootni walitti dhihaatan yookiin walii galan lakkoofsaan muraasa ta’an dabaree galanii kan hojii walii isaanitti bobba’aniidha. Aadaa hojii kana keessatti namni miseensa wanfalii ta’e dabaree hojii isa tokkorraa ooluu yookiin hafuu hindanda’u. Kunis, namni wanfalii fudhate deebisuu waan qabuuf hojii wanfalii kanarratti namoonni bobba’an akkuma hojii mataa isaaniitti mijeessanii hojjachuutu irraa eegama. Wanfaliin saala hinfoo’u. Hojiilee akka aramaa, haamaa haamuu, cabsaa midhaaniifa’a walgargaaruun hojjatu.
Walitti birmachuu: Aadaan hojii wal gargaarsaa kun namni tokko yookiin miseensi hawaasa naannawichaa tokko rakkoon du’aa yoo qunname hojii nama kanaa guyyaa tokko hawaasi itti bahuun waan namni kun qotatee qabu hunda irra deemuun hojjechaafi oolu. Kana keessattis walii galtee hawaasummaa cimaa ta’etu jira. Yoo namni tokko hawaasa keessaa walii galtee kana diigee argame gaafa rakkoon akkanaa kun isa mudate hojiin isaa hinhojjetamuuf. Fakkeenyaaf, dubartii abbaan manaa irraa du’e yoo ta’e walitti bahanii lafa ishii qotuuf, manas ni ijaaruuf, midhaanis ni kennuuf. Rakkoolee ishii mudatan hunda bira dhaabbatu.
Afooshaa: Afooshni aadaa walgargaarsaa keessaa isa tokko. Kunis, Oromoo Aanaa Jiillee Dhummuugaa biratti guddaafi xiqqaan osoo addaan wal hinqoodin mala ittiin walgargaaraniidha. Afooshni qarshii walitti buufachuun seera mataa isaanii tumatanii ittiin waliin bulaniidha. Adabbiin nama seera isaa cabses ni jira. Kunis, kaayyoo guddaan rakkoolee waliif salphisuu, gaddaafi gammachuurratti waljajjabeessuufi walitti dhufeenya hawaasaa keessatti gahee guddaa qaba.
Iqqubii: Kunis aadaa walgargaarsaa Oromoo aanaa kanaa ta’ee buusii maallaqaa torban tokko tokkoo yookiin lama lamaan adeemsifamu yommuu ta’u, balaa tasaa kanneen akka lolaa, dhukkubsachuu, maatii balaa addaatiin miidhamaniif ni gargaara.
Hirphuu: Kun immoo yoo hattuun nama jalaa loon fudhatte, balaa gurguddaa akka manni gubachuu akkasumas lolaa/ galaanaafi dhukkubni adda addaa yoo loon nama jalaa fudhatuufi fixu bakka walii buusu. Yoo namni waan akkanaa irratti waliif birmachuu baate guyyaa balaan akkanaa mudate hawaasni isa gargaaruu hindanda’u.
Gumaata: Gumaatnis aadaa waldeeggarsaati. Haati tokko yommuu deessutti sirna ittiin wal ilaalan, wal eebbisan, wal bira dhaabbataniidha. Dubartiin Jiillee yommuu deessu maatiin, ollaan, aanteen, hawaasniifi firri ishee, guyyaa deesse irraa eegalanii gumaataan bira gahu. Kan gumaachamus akkuma aantummaa isaaniitti kan safuu isaaniitiin barataman ni jiru. Kanneen keessaas kan ijoo ta’an aannan, dhadhaa, garbuu daakameefi hororame kan marqaafi dammaafa’a.
Dhangaawwan kunneen kan gumaataman mana deessuu geeffamuuni. Haa ta’u malee, haati Jiillee dahuu isheetiin duratti waqtii dahumsaaf dhiyaattutti dursanii qopheeffamu. Kan qopheessuus ishee, maatii isheefi maatii abbaa warraa isheeti. Guyyaa deesse irraa eegalanii hanga qaamni isheefi qaamni mucaa ishee jabaatee dahumsa irraa kaatutti gumaataan itti deemu.
Gumaatni inni duraa kan abbaa warraa dubartii deesseeti. Dubartiin heerumte akka aadaa warra Jilleettis ta’ee gosoota Oromoo birootti jireenyaan dhiyeenyatti kan waliin jiraatu maatii abbaa warraa ishee wajjini. Kanaafuu, dahumsaan duras ta’e yeroo deesseetti qophiilee duraafi booddee barbaachisoo ta’an hunda deessuu wajjiin ta’anii kan raawwatan maatii abbaa warrichaati. Gumaattota jalqabaas kan ta’aniif kanaafi.
Gumaattonni isaan biroon maatii dubartii deesseeti. Maatiin dubartii deessee intalli isaanii osoo hindahiin dura gumaata intala isaaniif qabatanii deeman ni qopheeffatu. Garbuu daakameefi hororame, dhadhaa, aannaniifi dhangaawwan biroos akkuma qabeenya isaaniitti. Yeroo intallisaanii deessuttis guyyaa deesse irraa eegalee guyyaa sadii hanga torbaa gidduu jirutti waan qopheeffatan qabatanii gumaatan itti deemu.
Maatiin deessuu yeroo intallisaanii akka deesse dhagahanitti yommuu gumaataaf deemuuf ka’an ollaan, gandi, firri dhiyeenyaa wajjin jiraatan marti aannan isaan qabatanii deemuuf qopheeffataniin alatti dabalataan elmanii geessuuf. Kan sa’a elmamu qabu hundi kana gochuun akka aadichaatti dirqama.
Kana gochuu dhabnaan akka waan safuu cabseetti lakkaa’ama. Waqtii maatiin deessuu gumaataaf deemanittis mana intala isaaniitti maatiin abbaa warraa deessuufi abbaan warraa ishee korbeessa yookiin tumaalessa re`ee/hoolaa akkuma humna isaaniitti qalanii keessummeessu.
Gumaattonni isaan sadaffaan ollaa, ganda, aanteefi fira deessuu wajjin dhiyeenyatti jiraataniidha. Kunneen akkuma dubartittiin dahuun ishee dhagahameen aannan elmatanii deemanii gumaachuun eebbisu. Kan kana hinraawwanne namarra darbee sa’iyyuu itti gadda waan jedhamee amanamuuf safuu cabsuudha. Kan hinqabne garuu hindirqisiifamus, hin yakkamus.
Gumaatni yommuu deemamus akkuma odeeffannoon gurrasaanii gahetti gamtaafi dhuunfaan deemuun ni danda’ama. Sirna gumaataatiin alatti hojiidhaanis ni gargaaru. Gumaatni keessattuu harka qal’eeyyiif bakka addaa ni kenna. Harka qalleeyyiif aannan qofa qabatanii hindeeman. Dhadhaas wajjin qabatu.
Humnaafi dinagdee birootiinis ni deeggaru. Adeemsa gumaataa keessatti dubartoonni dhangaa qabatanii deemuun gumaachuun safuufi seera ta`uus; dhiironnis qaamaan deemuun deessuu ni eebbisu. Dubartoonnis ta’e dhiironni Oromoo Jiillee yommuu deessuu gaafatan akkas jedhanii eebbisu.
Fayyaan gumaata
Gumaatni fayyaadha
Fayyaan guddifadhu
Nagaan lama taatee
Kan deesse Rabbi nagaan siif haa guddisu jedhu.
Dhahii: Inni kun immoo fira irraa eegala. Durbii, obboleessa, abbeeraa, eessumaa fa’an sirna fuudhaafi heerumaa irratti kan gurbaa fuudheefis ta’ee intala heerumteef sa’a kennaniidha.
Harka deebisaa: Gargaarsa hiriyaafi ollaan guyyaa rakkoofi cidhaa nama rakkate ittiin gargaaranidha. Namichi gargaarame kunis horii kana fudhatee hinhambisu hojjatee gaafa argate waanuma duraan gargaarame sana deebisee gargaara. Wantoonni ittiin walgargaaran kunneenis, midhaan, qarshii, loon, dhadhaafi waan qaban hundaan ta’uu danda’a.
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 26 Bara 2015