“Sirna bittaa elektirooniksii keessaa hafuun waan hindanda’amneef hunduu of qopheessuu qaba” – Obbo Hajii Ibsaa

Sirni bittaa karaa elektirooniksii akka raawwatamu ta’uun hojii salphisuu, yeroo, qarshiifi humna qusachuufi namni kamuu bakkaafi yeroodhaan utuu hindaanga’in caalbaasii ba’erratti akka hirmaatu taasisuun hannaafi malaammaltummaa bittaafi caalbaasiirratti raawwatamu kan hambisuudha. Walga’iin dhimma kanarratti xiyyeeffates tibbana Finfinneetti adeemsifameera.

Walga’ii Abbaa Taayitaa Bittaafi Qabeenya Mootummaatiin qophaa’e kanarratti, waldaaleen daldalaafi dameesaa, dhiyeessitootaafi qaamoleen dhimmichi ilaallatu argamuun marii bal’aa adeemsisaniiru.

Daariktarri abbaa taayitichaa Obbo Hajii Ibsaa walga’icharratti akka jedhanitti, biyyoota guddatanitti dinadgeen kan hogganamu damee dhuunfaatiini. Hojiileen misoomaa hedduus kan hojjetu damee dhuunfaati malee mootummaa miti.

Fakkeenyaaf Chaayinaatti bajatni mootummaan bittaaf ramadu %5 qofa. Itoophiyaatti garuu bajatni mootummaan bittaaf ramadu %70. Kana jechuun bajata waggaa mootummaa federaalaa biiliyoona 786 keessaa dhibbantaa 70 bittaadhaaf ramadama.

Itoophiyaatti ijaarsa daandii manneen barnootaa, yunivarsitiiwwanii kan hojjetu mootummaadha. Kana yeroo jennu abbootiin qabeenyaa mootummaadhaa olitti utubaa biyyattii ta’anii hojjetan hinjiran jechuu miti jedhu.

Akka isaan jedhanitti, sirni bittaa elektirooniksii kun biyya keenyaaf haaraa ta’us waggoota 30fi 40 dura Kanaadaa, Ameerikaa, Jaappaan, Chaayinaafi Singaapooritti jalqabamee yeroo ammaa biyyoota addunyaa hedduu keessatti hojiirra oolaa jira.

Sirnichi ‘Smart phone’, taabileetii, laaptooppiifi komputara fayyadamuun utuu bakkaafi yeroodhaan hindaanga’in bittaa akka geggeessinu, caalbaasiirratti akka hirmaannu kan taasisu hojmaata hannaafi malaammaltummaarraa bilisa ta’e kan diriirsuudha.

Sirni kun namni kamuu bakka barbaade taa’ee caalbaasiin tokko yoom akka ba’e, yoom akka cufamu, eenyufaan akka irratti hirmaataniifi eenyu akka mo’ate ‘online’ agarsiisuudhaan hanna, hojmaata badaafi malaammaltummaa caalbaasiidhaan walqabatutti daandii kan cufuudha.

Barana yunivarsitiiwwan irraa kan hafe dhaabbileen mootummaa federaalaa 169 gara sirna bittaa elektirooniksii kanatti galchuuf hojjetamaa jiraachuus himanii, hojii hanga ammaatti raawwatameen dhaabbileen mootummaa federaalaa 72 gara sirnichaatti galaniiru. Waggoota lamaa hanga shanii keessatti naannolee biyyattii hunda gara sirna bittaa elektirooniksiitti galchuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.

Sirni kun namoota bittaafi caalbaasiirratti hannaafi malaammaltummaa raawwachaa turan taphaa ala kan taasisu ta’uus himanii, sirnichi keessumaa yeroo qusachuu keessatti gahee olaanaa qaba. Kanaanis namni dhuunfaan, ummanniifi biyyi fayyadamoo ta’u jedhu.

Dhaabbileen federaalaa hundi hanga Sadaasa 30 bara 2015tti gara sirna bittaa elektirooniksiitti seenuu akka qaban hubachiisanii, kanneen sirnicha keessa hinseenne (hingalmoofne) dorgommii keessa galuus ta’e bittaa raawwachuu akka hindandeenye dubbatu. Sirnichi hojiin iftoomina, haqaqabeessaafi malaammaltummaafi hannarraa bilisa ta’e akka raawwatamu gochuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uus dubbataniiru.

Sirni bittaa elektirooniksii kun waraqaa caalbaasiifi doolaara waraqaa bituuf ba’u kan hambisu ta’uus himanii, biyyoonni guddatan sirna kana hojiirra oolchuudhaan bajatasaanii %5-25tti qusachuu danda’aniiru.

Sirnichi deddeebii namni caalbaasiirratti hirmaatu taasisaa ture kan hambisu, odeeffannoo qaqqabamaa kan taasisuufi hojii keenya daran kan salphisuudha. Sirna bittaa elektirooniksiifi du’arraa hafuun waan hindanda’amneef hundumtuu gara sirnichaatti galuuf of qopheessuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Itoophiyaa keessa hawaasa daldalaa baay’een waan jiruuf hawaasni kun bakka barbaade taa’ee caalbaasii ba’erratti walqixa akka hirmaatuufi dorgomu kan taasisu ta’uus eeranii, hojmaata ifaafi haqaqabeessa diriirsuudhaan hunda walqixa kan tajaajiluudha jedhu.

Sirnichi Ministeera Maallaqaa, baankota dhuunfaafi mootummaa, telebirriidhaan kan walqunname ta’uus himanii, nageenyisaas Bulchiinsa Nageenya Marsariitii Odeeffannootiin kan to’atamuufi hordofamu ta’uu eeru.

Sirni bittaa kun Itoophiyaatti qoratamee erga hojiirra ooluu jalqabee waggaa sadii ta’uufi dhaabbilee sagal qofa keessatti hojiirra akka ture kan himan Obbo Hajiin, bara darbe Caamsaa 1 bara 2014 irraa jalqabee dhaabbileen federaalaa 63 leenji’anii sirnichatti makamaniiru jedhu.

Walumaagalatti dhaabbileen federaalaa 72 yeroo ammaa gara sirnichaatti kan galan ta’uufi kanneen hafan hunda barana galchuuf hojjetamaa jira. Hanga ammaatti dhaabbileen mootummaa federaalaa 110 karoora bittaasaanii karaa sirnichaatiin kan ergan ta’uufi 65 ammoo karoora bittaasaanii hinergine jechuun ibsan.

Bittaan kamuu karooraan malee hinraawwatamu. Dhaabbileen karoora bittaa hinqabne bittaa raawwachuu hindanda’an. Bittaa raawwachuuf ammoo dirqama karoorfachuufi sistamicha keessa galuu qabu. Sirni bittaa elektirooniksii kun sadarkaa kaa’uun ‘online’ waan raawwatamuuf odiitara faayinaansii hinbarbaachisu. Sistamni kun hojii walbeekuu, firoominaafi bu’aa dhuunfaa argachuuf raawwatamu hambisuun tajaajila hundaa kan mirkaneessu ta’uus himaniiru.

Sirnichi baasii waraqaafi geejjibaaf ba’us kan hambisu ta’uu himaniiru. Dameen dhuunfaas bu’aa sistamni kun qabu sirriitti hubachuu qabu. Abbaan taayitichaa dhaabbbilee mootummaa federaalaa, damee dhuunfaatiif dhimma bittaa elektirooniksii kanarratti leenjii kennaafi gara fuulduraattis kan kennu ta’uu himaniiru. Sirnichi walitti bu’iinsa dhaabbilee mootummaafi dhiyeessitoota gidduutti mudatus kan hambisu ta’uu dubbatiiru.

Haala qabatamaa biyya keenya keessa jiruun caalbaasiin biyyoolessaa tokko hanga ji’a afuriitti lafarra harkifata. Caalbaasii biyyaalessaa yoo ta’es ji’a sadii gaditti ni xumurama jedhamee hinyaadamu. Hojmaata duraaniitiin caalbaasiin guyyoota 15 banamee tura.

Erga dorgommichi xumuramee booda komiin yoo jiraate jedhamee guyyoota shan tura. Sirni kun garuu rakkoolee gama kanaan jiran furuudhaan hunduu odeeffannoo akka argatu, ifaafi bilisaan caalbaasii ba’e akka dorgomu, kan caalbaasicha mo’ates ifatti akka beekamu kan taasisuudha. Sinichi loogii, hanna, hojmaata badaafi malaammaltummaa bittaafi caalbaasiirratti raawwatamaa ture kan hambisu ta’uus eeraniiru.

Miseensa Boordiifi Ittigaafatamaa Kominikeeshinii Waldaa Kontiraaktaroota Itoophiyaa Injiinar Zallaqaa Radii akka jedhanitti, sirni bittaa mootummaa karaa elektirooniksii akka raawwatamu taasisuun faayidaa hedduu qaba.

Sirna bittaa duraan tureen caalbaasiin harka wayyaa jalaatiin xumurama. Namni hanganni caalbaasicharratti hirmaateera jechuuf malee namni caalbaasicha mo’atu dursee murtaa’a ture. Bittaa karaa elektirooniksii akka raawwatamu taasisuun rakkoolee hedduu furuun namni akkaataa humnaafi dandeettiisaatti caalbaasii akka dorgomu taasisee hojmaataafi hattummaa kan dhabamsiisu ta’uu dubbatu. Sirnichi rakkoolee damicharratti mul’atan furuun bu’aa guddaa biyya fayyisu kan argamsiisu ta’uus eeraniiru.

Sirnichi maallaqa kontiraaktarri tokko caalbaasiif baasu kan qusatu ta’uus himanii, qarshiin nama dhuunfaas ta’e kaaznaa mootummaa keessaa seeraan ala qisaasa’u (badu) kallattiidhaanis ta’e alkallattiidhaan biyyarratti dhiibbaa ni qaba. Baasii hinmalle hambisuun ammoo nama dhuunfaas ta’e biyya nifayyada.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkololeessa 19 Bara 2015

Recommended For You