Qorannaan raawwii hojii kurmaana 1ffaa guyyaa sadii Mootummaa Naannoo Oromiyaafi paartii tibbana gaggeeffameera. Kunis hojiin paartiifi mootummaa karaa idilaa’een qorachaa manii yaadame bira ga’uuf daran kan gargaaruudha.
Gaggeessaan rakkoo keessa ta’uun hojii karoorfame milkeessuuf tattaaffiin taasifame akka ciminaatti ka’eera. Humna waloo akka waliigalaatti jiru fayyadamuun dhimma walootiif ummata hiriirsuun cimina hojii raawwii kurmaana 1ffaati.
Hogganaa misoomaafi dinagdee ta’uudhaan jiruufi jireenya ummataa jijjiiruuf sochiin taasifamaa jiru kan jajjabeeffamuudha. Balaawwan qunnaman dandamachuun bira darbuun hojii ittaanuuf of qopheessuuf tattaaffiin taasifamaa jirus fooyyee kan qabu ta’uunis qorannicharratti ka’eera.
Ciminoota jiran qabachuun hojii ittaanu caalaatti milkeessuuf hanqinoota adda bahan ammoo guutaa hojiileen karoorfaman sirnaan akka raawwataniif qorannicihaan kallattiin kaa’ameera.
Bu’uuruma kanaan kenni tajaajilaa ummata keenyaaf kennamaa jiru hanqina guddaa kan qabu ta’uun adda kan baheefi gaggeessaan sadarkaan jiru tajaajila mootummaan ummataaf kennu karaa qulqullina qabuufi si’aayinaan akka ta’u kallattii ittaanuu keessatti dhimma xiyyeeffannaan hojjetamuu qabu ta’uunis ibsameera.
Kana malees hanni rakkoo ijoofi yoo yeroodhaan furmaata argachuu baate hanga sirnicha diiguutti waan deemuuf araarama tokko malee irratti qabsaa’uun sirreessaa deemuun murteessaa ta’uun waltajjicharratti ka’eera.
Gama biraatiin gaggeessaan hojii xixiqqaatti quufuun imala daandii dheeraa dagachaa deemuun hanqina ta’uufi bu’aawwan argaman hundi fayyadamummaa uummataatiin madaalamuu akka qabu kallattiin kaa’ameera.
Walumaagalatti ciminoota jiran qabachuun hanqinoota ijoo adda bahan karaa ijaarama furaafi hudhaa buqqisaa deemuun dhimma murteessaadha. Kunis dhimma hirmaattota waltajjichaatiin hubannaa waloo argateefi cichoominaan hojjetamuu akka qabu irratti waliigalameedha.
Kanaaf mootummaan naannichaafi paartiin bu’uuruma kallattii kaa’ameetiin milkaa’inota guguddoo keessumaa gama dinagdeefi hawaasummaatiin galmaa’an caalaatti cimsaafi tiksaa gama kaaniin haala amma biyyi keessa jirtu yaada keessa galchuun naannoodhaa hanga gandaatti hoggansa kutataa ijaaruuf xiyyeeffannaan hojjechuun daran murteessaadha.
Akkasumas hojmaata dhaabbatummaa paartichaa cimsuufi dandeettii gabbisuuf, hattummaafi saamicha dhabamsiisuuf, rakkoo cimaa kenniinsa tajaajilaarratti mul’atu hiikuuf, kontirobaandii damee albuudaa sirreessuuf akkasumas nageenya naannichaa caalmaatti eegsisuuf yeroo kamuu caalaa xiyyeeffannoofi araarama tokko malee hojjechuu qabu.
BARIISAA SANBATAA Onkololeessa 19 Bara 2015