Jeneraal Taaddasaa Birruu: Goota seenaansaa warqeedhaan barreeffame

Bara 1914 Godina Shawaa Kaabaa, Aanaa Hidhabuu Abooteetti ilma tokkotu dhalate. Ilmi dhalate kun akkuma ilmaan qonnaan bulaa kamiyyuu jireenyuma idilee jiraachaa kan guddate yoo ta’u, namni sabasaafi biyyasaaf goota ta’a jedhee tilmaamees hinturre; Taaddasaa Birruudhaan.

Umuriisaa dargaggummaatiin abbaansaa lola Itiyoo Xaaliyaaniitiin lubbuunsaanii darbe. Haatiisaas gadda cimaa isheerra ga’een turtii ji’oota muraasa booda addunyaa kanarraa dabarte. Jeneraal Taaddasaan garuu rakkoon dargaggummaan itti dhufte onnee taateef malee hinjilbeenfachiifne. Qabsoo jireenyaa injifachuun ofiisaarra darbee ummata keessaa dhalate Oromoof dawaa ta’e. Bara jiraate keessatti keessumaa Oromoon akka baratuuf hojii inni hojjete kan dagatamu miti.

“Lammii baratetu mirgasaa gaafata” jechuun kan beekamu Birgaader Jeneraal Taaddasaan, hundeeffama Waldaa Walgargaarsa Maccaafi Tuulamaa keessattis hojii inni hojjete seenaatu dhugaa ba’a. Gootni kun, mootii yommuusii Haayilasillaaseetti dhihoo kan turan yoo ta’u, jibbaafi dhiibbaa sirnichi ummatasaaniirratti taasisu garuu akka eebichaa itti hadha’a. Guyyaa tokko yeroo Haayilasillaaseen affeerraa irbaataafi wayinii taasisuufi, ummanni Oromoo barachuu akka hinqabne ejjennoosaa ibseef, dhangaa dhihaateef dhiiga sabasaanii waan itti fakkaateef achumatti dhiisanii akka deeman seenaan ni ibsa.

Akka seenaansaanii ibsutti gootni kun yeroo lama murtoon du’aa irratti murtaa’ee tureera. Kunneenis mootummaa Xaaliyaaniifi Haayilasillaaseetiin ture. Kun garuu gootni kun sabasaaniif akka hinhojjenneef isaan hindhorkine, inumaayyuu xiiqii keessa galche malee.

Barreeffama kanaan seenaa goota kanaa guutuu isinii qooduuf osoo hintaane, kitaaba seenaasaaniirratti hundaa’uun mata duree ‘Dannaanee hanga Finfinnee’ Taaddasaa Birruu (Birgaader Jeneraal) jedhamu torban darbe eebbifame irraa waa isiniif qooduuf malee. Sirna eebba kitaabichaa Dilbata darbe Hoteela Iskaayilaayitiitti adeemsifamerrattis Pirezdaantiin Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Pirezdaantiin Oromiyaa duraanii Obbo Abbaaduulaa Gammadaa, anga’oonni sadarkaa naannoofi federaalaa, hayyoonni siyaasaa gooticha beekan, artistoonni, firoonniifi namoonni waamichi taasifameef hirmaataniiru.

Kitaabichi Durbee Zufaan Urgaatiin kan barreeffame yoo ta’u Afaan Oromoofi Afaan Amaaraatiin qophaa’e. Gatiin isaas qarshii 300 yoo ta’u, inni Afaan Oromoo fuulawwan 202, inni Afaan Amaaraa ammo fuulawwan 210 qaba.

Barreessituun kitaabichaa durbee Zufaan haasawaa sirnicharratti taasifteen, kitaaba seenaa goota kanaa barreessuuf bu’aa ba’ii hedduu keessa darbuu dubbatti. Kaayyoon kitaabichaas dhaloonni seenaasaanii akka baratuufi ofiifis seenaa akka hojjetuuf ta’uu kaastee, kitaabichi akka dhugoomuuf namoota gama hundaan deeggarsa taasisaniif galateeffatteetti.

Keessumaa ragaawwan waa’ee Jenaraal Taaddasaa ibsan barbaacha waajjiroota garagaraarra yommuu deemaa turte namoonni hedduu deeggaraanii turuufi, keessattuu intalli gootichaa Aadde Tsahaay Taaddasaa Birruu yeroosaanii osoo hinqusatiin ishee deeggaraa turuu kaasuun galateeffatteetti.

Barsiisaan Yunivarsiitii Arsii Doktar Alamsaggad Dabalee,yaada kennaniin, kitaabichi fuulawwan 201 kan qabuufi boqonnaawwan 11 kan qabu yoo ta’u, ulaagaalee kitaabni seenaa tokko guutuu qabu hunda kan guute ta’uu himu. Ergaan ijoosaas Jeneraal Taaddasaa Birruun yommuu lubbuun ture biyyaafi ummatasaaf maal hojjete, gumaacha akkamis taasise? Isa jedhu dhalootaaf kan dabarsuudha.

Namni tokko yoo seenaa Jeneraal Taaddasaa Birruu gadifageenyaan xiinxaluu barbaade kitaabicha akka wabiitti fayyadamuu akka danda’u eeranii, hojii Jeneraal Taaddasaa hojjetan qabsoo ummata Oromoo calaqqisuun kan mul’ise ta’uu dubbatu. Gootni kun leenjii loltummaafi saayinsii siyaasaatiin illee hammam cimaa akka ta’e seenaa kitaabichaa keessaa hubachuun ni danda’ama. Kana malees Waldaan Maccaafi Tuulamaa akka jajjabaatuuf waan isaan hojjetanillee ifatti kan mul’isuudha.

“Barbaachisummaan kitaaba kanaa gaaffii keessa hinseenu. Madda odeeffannoo seenaa ta’uun tajaajila. Seenaa Jeneraal Taaddasaa Birruurraa dhaloonni waa hedduu barachuu danda’a. Inni duraa gootummaadha. Kana malees obsaafi jabina qabsoo keessatti taasifamudha. Akkasumas suurawwan kitaabicha keessatti barreessituun fayyadamte sammuu namaa keessatti kan waa uumuudha. Akkaataan seenaffamaa, caaseeffama boqonnaawwaniifi yaadaa kan eeggate yoo ta’u kitaaba seenaa warqeedhaan barreeffameedha jechuun ni danda’ama” jedhu.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkololeessa 19 Bara 2015

Recommended For You