Utaalloon kan nu qabu qaamni sirna hargansuu keenyaa gara olii, addumaan funyaaniifi qoonqoon, yoo rifatan yookaan infeekshiniin yoo nu qabe kan dhufudha. Infeekshiniin kunis yeroo baay’ee infeekshinii vaayirasiidha. Vaayiraasiin dhibee kanaas gosa garaagaraati malee, murtaa’oo miti. Qaamni hargansuu keenyaa kan qoonqoo olitti argaman, funyaan keenya dabalatee, sababa garaagaraa irraan kan ka’e infeekshiniif ni saaxilamu.
Utaalloon hedduminaan daa’imman irratti kan heddummaatu yoo ta’u ga’eessotas baay’inaan kan qabudha. Sababa utaalloon daa’imman yookaan ijoollota irratti baay’atu keessaa ijoon eeggannaa dhabuu isaanii irraa kan ka’edha. Akkuma beekamu, daa’imman yookaan ijoollonni wantota argan gara afaan isaaniitti geessuu irraa of hinqusatani.
Waanuma argan tuttuquutiinis beekamu. Wantota vaayirasii dhibee kanaa ofirraa qaban edda tuttuqanii booda afaan, funyaaniifi ija isaanii qaqqabachuu irraas of hineeggatani. Kunimmoo wantota dhibicha nama irraa namatti akka daddarbuuf haala mijeessanidha.
Sababa kanaaf, daa’imman yookaan ijoolloni utaalloof irra caalaa saaxilamoo ta’anii argamu. Asumaanis, utaalloon meeshaalee vaayirasichaan faalaman tuttuquudhaan nama irraa namatti akka daddarbuu danda’u beekuun barbaachisaadha. Addumaan ijoollota irratti immoo wantoota akka ‘ashaangulliitii’ yaada keessa galchuun nurraa eegama.
Sababani isaas, yeroo baay’ee isa tuttuquu waan jaalataniifi. Yoo meeshaan kun faalamee jiraate, achirraan isaanitti darbuu waan danda’uufi. Kanaafuu, kanneen kana beeknee eeggannaa gochuu qabna. Gabaabumatti, harka keenya yeroo yeroon dhidhiqachuu, namoota dhibee kanaan dhukkubsachaa jiran waliin tuttuqqaa gochuu dhiisuufi funyaan ofii osoo harka ofii haalaan hin dhiqatiin tuttuquu dhiisuunis carraa dhibee kanaan qabamuu hir’isuun akka danda’amu beekuun barbaachisaadha.
Dhukkubsatanii yaaluun hamma dursanii irraa of ittisuu hin gahu mitiiree? Eeyyeen kanaafi! Kanaafuu ittisa utaalloon armaan olitti kaafne kanneen irratti ibsa dabalataa kaafnee mee haa ilaallu!
Akkamitti carraa utaalloon qabamuu hir’isuu dandeenya?
1. Harka ofii saamunaafi bishaaniin dhiqachuu
Yoo xiqqaate sekoondii digdamaaf harka keenya saamunaafi bishaaniin dhiqachuu qabna. Daa’imman yookaan ijoollonnis akka akkana godhan gochuun nurraa eegama. Yoo saamunaa hin arganne, bakka isaa alkoolii yookaan sanitaayizera fayyadamuun ni danda’ama. Vaayiraasiin utaalloo nama qabsiisuu danda’u harka keenyarra jiraachuu waan danda’uuf, harka keenya haala kanaan dhiqachuun carraa dhibeen kun nama qabuu danda’u haalaan hir’isuu danda’a.
2. Harka hindhiqamneen funyaan, afaaniifi ija keenya qaqqabuu dhiisuu
Kanas gochuun kan barbaachiseef, vaayirasiin dhibee kana nama qabsiisuu danda’u akka gara qaamolee keessa keenyaatti hin galleefi.
3. Namoota dhukkubsatan irraa fageenya eeggachuu
Addumaan namoota dhibee kanaan qabamanii jiran waliin tuttuqqaa gochuu dhiisuufi fageenya eeggachuun akka barbachisuudha. Kunis, vaayiraasiin dhibee kana namatti fiduu danda’u akka nama dhibee kanaan qabamee jiru irraa nama fayyaatti hindabarre gochuu keessatti gahee olaanaa qaba. Namoonni dhibee kanaan qabamanis, yeroo qufa’aniifi haxxiffatan of eeggannoo gochuu qabu. Yeroo qufa’an harka isaanii gara ciqileen afaan isaanii golguun daddarba vaayirasii dhibichaa ni hir’isa.
Baay’inaan dhibee utaalloo kan namatti fidan jarmiiwwan vaayirasii yoo tahan, baakteriyaanillee utaalloo namatti fiduu ni danda’a. Vaayirasiiwwan dhibee utaalloof nu saaxilan baay’ee yoo ta’anis baay’inaan dhibee utaalloof kan nu saaxilu vaayirasii ‘Riinoovaayiras’ jedhamudha. Vaayirasiin kun uumamaan bakka diilallaa’aa waan jaalatuuf kutaa qaama keenyaa keessaa funyaan jalatti maxxanee jiraata. Vaayirasiin kunis namarraa namatti kan daddarbu karaa hargansuun ykn tuttuqqiitini. Vaayirasiin kunis waqtii diilallaa’aa eeggatee waan namatti ka’uuf yeroo baay’ee waqtii kana filachuun bay’inaan namoota hedduu qaba.
Mallattoowwan Utaalloo maalidha?
- Dhangala’aan funyaan keessaa nama dhangala’uu
- Mataa dhukkubbii
- Qufaa goggogaa
- Funyaan nama cuqqaalamuu
- Dhukkubbii qoonqoo
- Nama haxxiffachiisuu
- Dhukkubbiifi bututa maashaaleefi kkfdha.
Mallattoolee armaan olii kana keessaa namoota utaalloon qabaman irratti qoonqoo dhukkubbiin %45, qufaan %50 fi dhukkubbiin maashaalee akkanuma %50 kan irratti mul’achuu danda’udha. Mallattoolee utaalloo jennee armaan ol eerre keessaa dhukkubbiin qoonqoofi dhangala’aan funyaan keessaa nama dhangala’uun mallattoolee jalqaba nama utaalloon qabame irratti mul’atan yoo ta’u, qufaafi nama haxxiffachiisuun immoo itti aananii dhufu.
Namoonni baay’een mallattoolee kana irraa guyyoota 7- 10 gidduutti ni bayyanatu. Garuu namoonni madiinummaa yookaan dandeettiin ittisa dhukkubaa isaanii dadhabaa ta’e, akkuma dhukkuboota akka asmiifi dhukkuboota hargansuun wal qabatan biroo qabanitti cimuun gara dhibee hargansuu cimaatti isaan geessuu mala.
Utaalloon egaa dhibee miidhaa jabaa nama irraan gahu ta’uu baatus, sababa guddaa ijoollonni barnoota isaanii itti dhiisaniifi gaa’eessonni immoo dalagaa irraa hafaniidha. Waggaattis namni ga’eessi tokko si’a 2-3 utaalloon qabamuu kan danda’u yoo ta’u, daa’imman yookaan ijoollonni immoo, akkuma armaan ol kaafne, carraa kanaan olii ittiin qabamuu qabu. Namoonni baay’een dhibee kanaan kan qabaman waktiilee akka gannaafi arfaasaa ta’us, waggaa keessaa yeroo kamuummoo nama qabuu kan danda’udha.
Yeroo dhibeen utaalloo nu qabe maal gochuu qabna?
1. Wantoota ho’aa ta’an bishaanis ta’e shayee ykn kan biroo dhuguu ykn aara ho’asaa funyaan keenyatti qabachuu. Akkuma jalqaba kaasuuf yaalle, vaayirasiin yeroo baay’ee utaalloo fidu riinoovaayirasiin jiraachuuf bakka diilallaa’aa waan filatuuf yeroo waan ho’aa argatu ni du’a. Kanaaf waan ho’aa fayyadamuun baay’ee gaariidha.
2. Dhangala’aawwan garaagaraaf kuduraafi muduraawwan akka loomiifi burtukaanaa baay’inaan fayyadamuu. Akkuma beekamu dhangala’aan funyaan namaa keessaa waan dhangala’uuf dhangala’aan qaama keenya keessaa hir’achaa deema. Kanaaf dhangala’aa fudhachuun bakka buusuu qabna. Gama biraaan kuduraafi fuduraawwan akka maangoo, loomiifi birtukaaniin viitaminii C’n waan badhaadhaniif fayyadamuun gaariidha. Vaayitaamin C’n haguuggii ujummoo qilleensa keenyaa jabeessun akka dhukkuba ofirraa lolu godha.
3. Boqonnaa fudhachuu
4. Yoo mataa dhukkubbii hamaan nu mudate qorichoota mataa bowwuuf oolan baay’een waan jiraniif isaaniin fudhachuu
5. Qorichooonni dhangala’aa funyaan keessaa dhaaban kan ‘decongestant’ jedhamanis waan jiraniif isaaniin bitatanii fayyadamuuniis gaariidha
6. Damma dhangala’aa fayyadamuu. Dammi keemikaala farra baakteriyaafi vaayirasii ta’e waan of keessaa qabuuf qorannoon ba’e tokko akka agarsiisuutti damma fayyadamuun qufaa sababa utaalloon dhufu ittisuu keessatti ga’ee guddaa qaba. Kanaaf yeroo ciisichaa damma fal’aana tokko fayyadamuun baay’ee gaariidha. Keessaattuu daa’immaniif hedduu fayyada
Hubachiisa: daa’imman waggaa tokkoo gadiif damma kennuun fayyaa isaaniif gaarii miti.
7. Qullubbiifi zinjibillis utaalloo nurrraa loluuf mallattoowwan utaalloon wal qabatanii dhufan nurraa fooyyessuu keessatti ga’ee guddaa qaba.
8. Bishaan soogiddaan xiqqoo ho’isnee qoonqoo keenya ittiin lulluuqachuunis mallattoowwan utaalloon wal qabatanii dhufan kanneen akka dhukkubbii qoonqoo nurraa ittisuu keessatti ga’ee guddaa qaba.
9. Bishaan ho’aa erbee xiqqoon jiisuun naannoo morma keenyaarra godhachuunis gaariidha.
Yeroo tokko tokko utaalloon namarra turuun gara sombaa deemuun infeekshinii sombaaf nama saaxiluu danda’a. Kanaaf mallattoowwan armaan gadii yoo ofirratti argitan deemtanii yaalamuun barbaachisaadha.
- Qufaa jiidha qabu.
- Ho’ina qaamaa olaanaa.
- Laphee nama waraanuu
- Hafuurri nama cituu.
Fayyaa hindhabinaa!
Doktar Naafyaad Geetuu
BARIISAA SANBATAA Onkololeessa 19 Bara 2015