Turizimiin dameewwan guddina dinagdeef lafee dugdaa ta’an keessaa isa tokko. Biyyoonni turizimiirratti xiyyeeffatan qalbii ummata addunyaa hawachuurra darbee galii olaanaa ittiin argachaa jiru. Biyyoonni hawwata turizimiisaaniitti sirnaan fayyadaman guddina dingadeesaanii waggaa keessaas %10fi isaa ol kan uwwifamu ta’uu ragaaleen ni mul’isu.
Akka Afrikaattis yoo fudhanne biyyoonni turizimiirraa galii olaanaa argachuun utubaa dinagdeesaanii taasifatan kan akka Moorokoo, Afrikaa Kibbaa, Keeniyaa, Taanzaaniyaafi kkf jiraachuu qo’annoowwan gamasanaan taasifaman ni agarsiisu. Gara Itoophiyaatti yommuu dhufnu garuu biyyattiin bakkeewwan hawwata turistii ta’uu danda’an hedduu akkasumas, qabeenya uumamaan kan badhaate akka taate dubbatamuufis damichaaf xiyyeeffannaan kennamuu dhabuusaatiin sirnaan irraa fayyadamaa akka hinturre himama.
Keessumaa biyyattiitti akka mootummaatti dhaabbanni kallattiidhaan dhimmicharratti hojjetu erga dhaabbatee waggoota 70 ol lakkoofsisus bu’aa qabatamaa argamsiisuu kan eegale waggoota afur /shanii as ta’uudha daarektarri dhaabbata ‘Ijaa Developers’ Obbo Abiyyuu Tasammaa waltajjii Gumii Balal 25ffaa tibbana taa’amerratti kan himan. Waltajjichis mataduree “Daldala Turizimii Beekumsaan Hogganame” jedhuun bakka dhimmamtoonni argamaniitti qopheessummaa Waajjira Pirezdaantii Oromiyaatiin gaggeeffame.
Waltajjicharratti yaada ka’umsaa kan dhiheessan Obbo Abiyyuun akka jedhanitti, turizimiin mootara dinagdee biyyaa ta’uun bu’aa olaanaa galmeesisuufi akka meeshaa jijjiiramaatti fudhachuun kan danda’amuudha. Kana ta’uuf garuu damichi beekumsaan hogganamuu qaba. Tarsiimoo barreessanii kaa’uun qofti damee turizimii guddisuuf wabii ta’uu waan hindandeenyeef xiyyeeffannaa olaanaan itti kennamuu qaba.
Turizimii gara daldalaatti jijjiiruu jechuun waan yaadaan jiru tokko gara omishaatti jijjiiruun madda galii taasisuu ta’uu eeranii, akka fakkeenyaattis nyaata, uffataafi faaya aadaa ummata tokkoo isa yaadaan aadaa ta’ee jiru gara biznasiitti jijjiiruun akka galiin irraa argamu taasisuu akka ta’e himu. Kanaafis jalqabbiiwwan jiran gaarii ta’anillee ammallee caalaatti ittiin hojjetamuu akka qabu dubbatu.
Gaafa turizimiin dinagdeetti jijjiiramu faayidaatti jijjiiramaa akka deemu ibsanii, kana keessattis kalaqxoonni, dhiheessitoonni, ogeessoonniifi qaamoleen garagaraa kan fayyadaman yoo ta’u, haala kanaan dorgomtoonni baay’inaan uumamuu yoo danda’an ammoo fedhiin fayyadamuu namootaa dabalaa akka deemuudha kan kaasan.
“Dameen turizimii kun beekumsaafi haalaan hinhogganamu taanaan garuu faayidaasaarra miidhaasaatu caala. Fakkeenyaaf hawwata turizimii tokko beeksisanii haala daawwannaasaaf haalduree mijataan hinkaa’amu taanaan miidhaa geessisa.
Turistiin akkuma fedhe yoo gale qabeenya naannawaarratti dhiibbaa geessisuu danda’a. konkolaataan baay’ee irra deeddeebiin bakka hawwata turizimii tokko yoo deemu biqilootaafi bineensota xixiqqoo biroo miidhaa deemuu danda’a, akkasumallee qilleensa naannawaarratti dhiibbaa uumuu danda’a” jedhu.
Akka Daarektarichi kaasanitti, bakka hawwata turizimii tokko yommuu beeksiisnu madda dinagdee taasisuuf yaadamu kan irratti xiyyeeffatamu bakkicha qofaa ta’uu hinqabu. wantoota bakkicha waliin walqabatanii jiraniif hawwata turizimii ta’uu danda’ani qorachuun murteessaadha.
Fakkeenyaaf Gaarreen Baalee yommuu madda hawwata turizimii taasisuun yaadamu, haala jireenya namoota naannawichaa, afoolawwan isaa, uffannaasaafi kkf wajjin hawwata turizimii taasisuun murteessaadha.
Kana keessatti ammoo gahee olaanaa kan qaban dhaabbilee daldala turizimiirratti hojjetan ta’uu kan himan Obbo Abiyyuun, qaamolee kanneeniif garuu haalli mijataan hinuumamu taanaan keessa turuurra irraa baqachuu filachuun akka hinoolle himu. Kanaafuu gabaa barbaaduun, bu’aa irraa argachuu qaban akka argatan taasisuun, intarpiraayizoonnis akka keessatti hirmaatan gochuun ittigaafatama mootummaa ta’uu akka qabu eeru.
Yeroo ammaa xiyyeeffannaan damichaaf kennamee hojiin eegalame jajjabeessaa ta’uus himanii, keessumaa kaka’umsa Ministira Muummee Itoophiyaatiin hojiileen kanneen akka Paarkii Tokkummaafi Michummaa, Inxooxxoo, Pirojektii Shaggar, Wancii/Dandii, Gorgoraafi kkfn dadammaqiinsa damichaatiif gumaacha olaanaa taasisuu kaasu.
Xiyyeeffannaa kennameenis dhaabbileen turizimii kuma 1,350 jiran gara kuma lamaafi 98tti, turistii biyya keessaa miliyoona 20 irraa gara miliyoona 80tti, kan idil addunyaammoo miliyoona 7.3tti (kana keessaa %40 kan Oromiyaa akka ta’uuf) guddisuufi carraa hojii akka Oromiyaatti qofa miliyoona 5.2 itti argamsiisuuf karoorfamuun agarsiisftuu xiyyeeffannaa kennamee akka ta’e kaasu.
Akka Obbo Abiyyuun jedhanitti, xiyyeeffannaa akka biyyaatti kennamerraa ka’uun Oromiyaatti dhaabbanni of danda’ee turizimiirratti hojjetu akka hundeeffamu ta’eera. Waggaa lamaa dura Komishiniin Turizimii Oromiyaa hundaa’ee hojiilee jajjabeessoo hojjetaa jira. Ammammoo dhaabbanni ‘Ijaa Deeveloppars’ jedhamu hundaa’uun bakkeewwan hawwata turizimii adda ba’aniitti hoteelotaafi bu’uuraaleen misoomaa addaddaa akka guutamaniif akka hojjetuuf hundeesseera.
“Dhaabbilee hundeessuun qofti garuu ga’aa miti; qorannoo bal’aa gaggeessuun seeronniifi qajeelfamoonni hojjechiisuu danda’an qophaa’uu qabu. Qorannoo taasifamu keessattis biyyoota muuxannoo qabanirraa muuxannoo fudhachuun naannawa, haalootaafi bu’uuraalee misoomaa guutuurratti hojjetamuu qaba” jedhu.
Kana malees kana keessatti adda durummaan ummanni akka hirmaatuuf hubannoo hawaasaa cimsuun murteessaa ta’uu himanii, kana keessatti ammoo hojiin dijitaalaayizeeshiniifi miidiyaa olaanaa ta’uu himu. Ummanni aadaasaa kaarnivaalatti jijjiiruun madda galii taasisuu akka danda’u kan himan Obbo Abiyyuun, akka fakkeenyaatti warri Meeksikoo aadaa boo’ichaasaanii kaarnivaalatti jijjiiranii madda galii isa guddicha taasifachuu eeru.
Akka Oromiyaattis Irreecha waggaatti altokko ba’anii kabajuun aadaa qofa mul’isuurra sirbawwan, uffannaawwaniifi taateewwan addaddaa itti dabaluun kaarnivaala taasisuun akka danda’amu kaasu.
Utuu haala kanaan hojjetamee galii qarshii miliyoona 50 ayyaana al tokkoon argamu qara qarshii biliyoona 150tti guddisuun akka danda’amu kaasu. Keessumaa Oromiyaan qabeenya uumamaa baay’ee, haala teessuma lafaa mijataa qabduun akkasumas, biyyoota Gaanfa Afrikaallee walitti hidhuuf carraa qabduuniifi xiyyeeffannaa mootummaa argatteen haala kanaan osoo hojjettee daran fayyadamuu akka dandeessu dubbatu.
Bu’aan barbaadamu akka dhufu ammoo dhimmoonni irratti hojjetamuu qaban akka jiran kan kaasan Obbo Abiyyuun, dhaabbilee damicharratti hojjetan onnachiisuun, yaadamniifi ilaalchi hawaasni turizimiif qabu akka jijjiramuuf hojjechuun murteessaa ta’uu ibsu. Hawaasni turistiin isa alaa dhufu qofa amantaa jedhu akka jijjiiruuf hubannoorratti hojjechuun murteessaa ta’uu kaasu.
Dabalataanis fireemwoorkiin hojii wayitaawaan qophaa’uu, dhimmi bulchiinsa turizimii ifaan jiraachuu, lafa mijataa bal’aa jirurratti zoonii indastirii ijaaruufi kkf akka barbaachisu eeru.
Walumaagalatti dameen turizimii galii olaanaa argamsiisuun dinagdee utubuu danda’uun ifaa waan ta’eef mootummaan xiyyeeffannaa itti kenne cimsee itti fufuu qaba. Hawaasnis bakkeewwan hawwata turizimii kununsuun bu’aansaa ofirra darbee biyyaaf ta’uusaa hubachuun ittigaafatamummaan hojjechuu qaba. Akkasumas aadaa naannawaa ofii daawwachuu gabbifachuun guddina damichaaf kan gaheesaa haa ba’atu jenna.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Onkololeessa 12 Bara 2015