Yeroo tokko waa’ee dubartii utuu mana namaa keessa hojjettuu yeroo boqonnaasheetii deemtee suura kaaftu tokkoo dubbiseen ture. Dubartiin tun namoota erga duutee booda badhaasa akka addunyaatti namoota beekamoof kennamu argatan keessaa tokko taate.
Haa ta’u malee dubartiin tun yeroo dheeraa kan dabarsitu gola namaa keessa utuu nyaata qopheessituu, ijoolleefi mana eegduu ture. Torbee keessaa sa’aatii gabaabduu qabdutti fayyadamuun asii achi deemtee suura kaafti. Gaaf tokko akka tasaa dhukkubsattee duute.
Waan nama beekamtuu hinturreef duutishee namoota biratti bakka guddaa hinarganne. Akkuma duuteen erga awwaalanii booda kutaa isheen keessa ciisaa turte qulqulleessuu eegalan. Yeroo kana suura kaasaa turuusheef fiilmii ragaa ta’u argan. Namoonni kutaa ishee qulqulleessaa turanis fiilmii suura hinmiiccamne qabu kana gatuurraa muraasa irraa miiccisiisuu barbaadan.
Kanaafis yeroo gara mana suuraatti ergan suurri isheen kaasaa turte akka addunyaa keenyaatti suuraalee beekamoo turan. Biyya lafaa kanarratti namni akkasheetti suura kaasuu danda’u gonkumaa hinturre. Inni kun akka isheen badhaasa addunyaa kanarratti namoota jajjaboo ta’an, namoota hojii addaa hojjetan qofaaf kennamu akka mo’attu ishee taasise.
Wanti nama gaddisiisu utuu jireenyaan jirtuu mana namaa keessa nama hojjettu yoo taatellee du’aan ishee garuu badhaasa kana mo’ate. Sababiinsaas yeroo biyya lafaarra turtetti maaliif akka dhalatte, kennaan akkamii akka keessashee jiru, dandeettii qabdu, isa qabdu kana ammoo akkamitti, eessatti, yoom akka fayyaddamtu adda baaftee hinbarre. Utuu dandeettiisheetti hinfayyadamin biyya lafaa kanarraa sokkite. Maaliif akka dhalatte hinbarre. Jireenya kasaaraa cimaa ture.
Har’as akkuma dubartii tanaa namoonni baay’een utuu waan dhalataniif hinta’in akkasumaan biyya lafaa kanarra jiraatu. Gaaffii guddaan itti yaaduu qabnu maaliif dhalanne? Sababa maaliif biyya lafaa kanarra jiraataa jirraa? Isa dhalanneef sanaaf taaneerraa? Dandeettii qabnu adda baafnee beekna moo jireenya yaalii jiraachaa jirra? Gaaffilee kanneeniifi kkf sirriitti of gaafachuufi ittiyaaduu qabna.
Sababiinsaa namoonni baay’een utuu waan dhalataniif hinta’in barasaanii akkasumaan dabarsu. Yeroodhuma barreeffama kana dubbisaa jirtu, gaaffii guddaan of gaafachuu qabduufi deebiisaarratti yaaddu isa kana. Yoo maaliif akka dhalatte hinbeekne jireenya kasaaraa jiraatta. Maaliif akka duutus hinbeektu. Dandeettii qabdus adda baaftee beekuun si rakkisa. Ittifayyadamuus hindandeessu.
Inni kun rakkoo namoota baay’eeti. Maaliif akka baratan, maalis akka baratan, maal hojjechuu akka qabaniifi kkf utuu adda baafatanii hinhubatin bakka dhaabachuu hinqabne dhaabatanii, waan hojjechuun irra hinturre hojjetanii, waan hojjechuu qaban immoo utuu hinhojjetin gamaa gamanaan kan walcina taran danuudha.
Kan nama dhibu hanga sababa dhalanneef adda hinbaafannetti eenyummaa keenya isa sirrii, dandeettii sirrii qabnu adda baafachuu qofa utuu hinta’in utuu itti hinhojjetin biyya lafaa kanarra darbina. Wanti dagatamuu hinqabne jireenya namaa keessa dhalachuu qofa utuu hinta’in maaliif akka dhalatan adda baafachuun murteessaadha.
Bara jiraannu keessatti guyyoota guguddaa lamatu jira. Inni tokko guyyaa itti dhalanne yoo ta’u, inni lammaffaan ammoo maaliif akka dhalanne guyyaa itti adda baafanneedha. Keessumaa erga dhalannee biyya lafaa kanarra jirra ta’ee maaliif akka jiraataa jirru adda baafachuun barbaachisaadha. Isa kana nama biraatu nutti hima utuu hinta’in numatu adda baafata. Maaliif akka dhalanne kan hubatu numa qofa ta’uu qaba. Tarii namoonni nutti siqan seexaa akka qabannu nu taasisuu danda’u ta’a. Waan uumamneef akka taanu garuu nu taasisuu hindanda’an.
Yeroo tokko maanguddoon biyyaa, beekumsa guddaa, ilaalcha gaarii, ogummaa guddaa, hawaasa birattis kabaja qabaniifi biyyi gorsaaf isaan barbaadu tokko yeroon waan isaan hojjetan dubbise dhuunfaa kootti barumsa cimaa naa ta’eera. Maanguddoon kun namoota biraa haa gorsan malee ilmisaanii gorsa kan barbaadu, nama hojii kan hintaane, waan argate hunda dhuguufi nyaachuu qofa malee nama hojiitti hingalle ture.
Nama gonkumaa abbaasaa wajjin walhinfakkaanne, nama hirriba jaalatuufi hirribaa kaanaan nyaatee daandiirra olii gadi naanna’aa oolu ture. Gurbaa kana gorsi hindanda’u. Akka hawaasichaatti nama beekaa wajjin jiraata. Dheekkamsis hindeebisu. Abbaasaatiif ammoo ilma tokkicha; abbaansaas dulloomaniiru. Lamaanuu hojjechuu hindanda’an. Abbaan dulloomoodha; ilmi nama hojiitti hingalle turan.
Inni kun jaarsa daran yaaddesse. Egereen jireenya ilmasaanii isaan yaaddesse. Kanaaf gorsuu barbaadan. Gurbaan kun waa’ee jireenyaa sirriitti akka hubatu barbaadan. Sababa biyya lafaa kanarra jiraatuuf beekuu akka qabu fedhan. Ittigaafatamummaa fudhachuu qabu akka fudhatu gochuu barbaadan.
Kanaaf, gaafa tokko ilmasaanii kana waamanii qabeenya fagootti awwaalan tokko dhaqee akka fudhatee ittifayyadamu ittihiman. Hanga qabeenya kana bakka awwaalamee baasee fidutti galaa karaarratti nyaatu, uffata waqtiilee adda addaa uffatu, (yeroo roobaa, yeroo ho’aa, yeroo qorraafi kkf) akka fudhatu; bakka dhaqu kanaaf ammoo kaartaa kallattii itti agarsiisu qabatee qabeenyicha fidee deebi’u ajajan. Gurbaanis gargaarsa abbaasaatii adda ba’ee deemee beekuu baatus gorsa abbaasaa fudhatee guyyaa ittaanu imala eegale.
Bakka yaade ga’uu hindandeenya. Ittifufee torbeefi ji’oota hedduu kaartaa qabateen gaggeeffamee bira ga’uu yaale. Waan guyyoonni dheerataniif nyaata fudhatee ba’e of harkaa fixe. Kaartaansaa si’a tokko tokko gaara garmalee dheeraatti isa baasa. Isa kana ciniinnatee, tiratee ba’a. Yeroo gaararra ga’u ammoo kaartaan sun gara bowwaatti geessa.
Ammas ittiin gaggeeffameetuma bowwaa
cimaa keessa darbee galaanatti ba’a. Galaana sanas dandamatee, du’aafi jireenya isa mudate injifatee oggaa ce’u gaara koruun hindanda’amne, saamtotni keessa jiranitti ba’a. Achitti saamtotni uffatasaa irraa fudhatanii dabarsan.
Innis bokkaa, aduu, galaana, qoraattii, bosona, gaara, irraangadee, bonaafi ganna… hundumaan dhaanamee dhumarratti kaartaan sun muka guddaa tokkotti isa baase. Bakka ga’uu qabus ga’e. Lafa naannawa mukichaa guyyoota muraasaaf qotee qabeenya awwaalame baasuuf yaale.
Kan nama dhibu garuu argachuu hindandeenye. Muka dhaabatus muree, yaalii taasisuu qabu hunda taasisus argachuu hindandeenye. Akka abbaansaa isa gowwomsettis fudhate. Rakkoolee hedduu keessa taree, saamtotaan reebamee, ganniifi bonni irratti waljijjiiree, gaaraafi irraangadee, baddaafi gammoojjii keessa darbee, gaariifi hamaa hunda dhandhamee dhumarratti akkas ta’uusaatti gadde.
Waan bakka sanatti hafuu hindandeenyeef gara manaatti deebi’uuf yeroo dhufe caalaa gatii isa baasisa. Amma nyaata of harkaa hinqabu. Uffata saamameera. Waan qorraafi bokkaa ittiin ofirraa ittisu hinqabu. Ta’us filannoon qabu kaartichaan gargaaramee bakka qe’ee abbaasaatti deebi’uudha.
Yoo kana gochuu baate achumatti du’uudha. Kanaaf filannoonsaa gara mana abbaasaatti deebi’ee rakkoo isa mudate itti himuu ture. Utuu hinturiin ammas imala eegale. Ji’oota hedduu booda gara manaatti deebi’e. Bakka beela’etti kadhatee nyaachaa, bakka itti dhiyetti mana namaa kadhatee bulaa deeme. Bu’aa ba’ii kanneen hunda booda abbaasaa wajjin walargee haala isa mudate hundumaa itti hime. Abbaansaas tarii akka daandii dogoggoraa irra isa erge ibseef. Yoo adeemsisaa rakkoo qabaatellee itti gammadeera. Dhaqattis ta’e galatti rakkoon karaarraa isa dhaabe hinturre.
Abbaansaa erga mudannoowwansaa mara callisee dhaggeeffatee booda akkas jedheen, “Mucaakoo waanti jette kun sirriidha. Daandiin ati irra deemte mara nan beeka. Ta’us jireenya kee sirriitti gaggeeffachuuf, maaliif akka dhalatte sirriitti beekuuf kanneen hunda buutee ba’uun barbaachisaadha.
Yoo akkas ta’uu baate akka waan nama fayyadneetti hafta. Xiyyeeffannoon kee ga’umsa kee utuu hinta’in utuma daandiirra naannoftuu ooltee bulta. Kana keessaa ba’uun keemmoo babraachisaadha. Egeree keerratti xiyyeeffachuu qabda. Ga’umsa keerraa ija kee buqqifachuu hinqabdu” jedheen.
Har’a meeqa keenyatu egeree keenyarratti xiyyeeffannee jirra? Kanarratti gadi fageenyaan yaaduun barbaachisaadha. Maaliif akka dhalanne sirriitti beekuun murteessaadha.
“Bara jiraannu keessatti guyyoota guguddaa lamatu jiru. Inni tokko guyyaa itti dhalanne yoo ta’u; lammaaffaan ammoo guyyaa itti maaliif akka dhalanne adda baafanneedha. Yoo maaliif akka dhalanne hinbeekne jireenya kasaaraa jiranna. Maaliif akka duunus hinbeeknu. Dandeettii qabnus adda baafnee beekuun nu rakkisa.”
Doktar Zarihun Gabree
BARIISAA SANBATAA Onkololeessa 12 Bara 2015