Dorgommii maaraatooniin olaantummaan atileetota Itoophiyaa cimee ittifufe

Finfinnee: Gootichi maaraatonii Abbabaa Biqilaa olompikii Room, Xaaliyaanitti ALA bara 1960 adeemsifametti meedaaliyaa warqii argachuun erga karaa saaqee walakkaa jaarraa tokkoo ol ta’eera.

Ergasii kaasee waggoottan 62n darbanif Atileetonni Itoophiyaa dirreewwan atileetiksii irratti hirmaatan marattuu injifannoo dachaa gonfachuudhaan meedaaliyaa heddu hammaarrataniiru.

Taphawwan Olompikii, shaampiyoonaawwan Atileetiksii Addunyaafi Afrikaa, dorgommiiwwan qaxxaamura biyyaarratti hirmaatanii mo’achuudhaan meedaaliyaa argachuu qofa osoo hinta’in rikardii haaraa yeroo yeroodhaan fooyyessuudhaan addunyaarratti beekamtii olaanaa argataniiru. Ammas akkasuma.

Dorgommiiwwan Atileetiksii waldaa Atileetiksi Addunyaatiin gaggeeffamaniin alatti kubbaaniyoonniifi dhaabbilee dureeyyiin Ameerikaa, Awuroppaafi Eeshiyaa waggaa waggaadhaan maqaa magaalota guguddotasaaniitiin dorgommii maaraatonni qopheessuudhaan atileetota mo’ataniif badhaasa doolaariifi meedaaliyaa, kanneen rikordii fooyyessaniif dabalataan doolaara “Bonasii” quufsaa kennaa turaniiru.

Atileetonni Itoophiyaafi Keeniyaa carraa kanaaf yeroo heddu milkaa’uun adda durummaan eeramu.

Dorgommiin kun baranas torbanuma darbe keessa magaalota adda addaatti atileetota addunyaarratti beekaman korniyaawwan lamaaniinuu adeemsifameera. Itoophiyaannonnis dorgommiiwwan kanneenirratti hirmaachuudhaan injifannoo dachaadhaan galaniiru.

Magaalota dorgommii maaraatonii gaggeessan kanneen keessaa Magaalaa guddoon Holaandi, Amistardaam takka ta’uudhaan beekamti. Amistardaam ALA bara 1806 kaastee magaalaa guddoo Hoolaandi akka taate seenaan ishee kan muldhisuudha.

Magaalaan tun ALA bara 1975 dorgommii kana jalqabdus bara 1978 rakkina faayinaansiitiin,bara 2020 sababii koviid- 19n osoo hinadeemsifamin kan hafe yoo ta’u, yeroo 45f haala miidhagaadhaan keessummessiteetti.

Waggoota kanneen keessatti atileetonni biyyoota addunyaa 18 qofti meedaaliyaa warqii argataniiru. Keeniyaan dhiiraan meedaaliyaa warqii 20, dubaraan saddeet walumaagalatti meedaaliyaawwan 28 yoo argattu, Itoophiyaan ammoo dhiiraan medaaliyaa warqii torba dubartotaan 14 walumaagalatti meedaaliyaa warqii 21n addunyaarraayis ta’u Afrikaarraa sadarkaa lamaffaarratti argamti.

Dorgommii kanarratti Itoophiyaan meedaaliyaa warqii kan argatte dubaraan Ilfinash Alamuu, Abbabaa Tolaa, Shittaayee Gammachuu, Geexee Waamii, Quxure Dullachaa, Iyyarusaalem Kumaa, Tiikii Galaanaa, Masarat Hayiluu, Beetalihem Mogos, Massalach Malkaamu, Taaddalach Baqqalaafi Daggituu Asmaraawutiini.

Dhiiraan ammoo Zarihun Gizaawu, Tasfaayee Xaafaa, Tasfaayee Itichaa, Hayilee Gabrasillaasee, Geetuu Fallaqaafi Taammiraat Tolaatiin ta’uun kan yaadatamuudha.

Dorgommiin maaraatonii Amistardaam kun baranas yeroo 45ffaaf kan gaggeeffame yoo ta’u, dubaraan atileetonni Itoophiyaa keessumaa gootonni Olompikii Almaaz Ayyaanaa, Ganzabee Dibaabaafi Tsahaay Gammachuu osoo atileetota biyyoota biroo of jidduu hingalchin tartiibaan tokkoffaadhaa hanga sadaffaa ba’uudhaan injifannoosaanii kan kanaan dura mi’eeffatan irra deebi’aniiru.

Dorgommii kanatti Almaaz tokkoffaa bahuushee malee sa’aatii 2:17.20n raawachuusheetti rikordii maaraatonii Amistardaam fooyyessiteetti. Ganzabeen ammoo sa’aatii 2:18.05n lammaffaa, Tsahaay Gammachuu sa’aatii 2:18.59n sadaffaa ta’uunshee beekameera.

Akkuma yaadatamu Olompikii Riyoo kan ALA bara 2016 Biraaziilitti adeemsifametti Almaaz fiigicha meetira kuma kudhaniin rikardii olompikii foyesuudhaan tokkoffaa, kuma shaniin ammoo sadaffaa bahuudhaan meedaaliyaawwan lama mormatti dirachuudhaan yoo mo’attu, Ganzabee Dibaabaa ammoo fiigicha meetira kuma tokkoofi 500n lammaffaa bahuun meedaaliyaa meetii argachuunsaanii kan yaadatamuudha.

Akkasumas Almaaz Ayyaanaa shaampiyoonaa atileetiksii Addunyaa ALA bara 2015 Chaayinaa, Beejiingitti adeemsifametti meetira kuma 10fi kuma shaniin tokkoffaa bahuunshee kan beekamuudha.

Ganzabeen ammoo fiigicha meetira kuma 1fi 500n, kuma sadiifi kuma shaniin rikordii addunyaa qabachuudhaan atileetii beekamtuu urjii waggaa ta’uudhaan waldaa atileetiksii addunyaatiin badhaafamuusheetti atileetota lameen jidduutti falmii olaanaan ni taasifama jedhamee eegamaa ture.

Haata’u malee atileetonni lameenuu yeroo muraasaaf dorgommiirraa fagaatani barana fuulasaanii gara maaraatoniitti gara galfachuudhaan tiraakiidhaa bahanii dorgommii aspaaltii daandiirratti yeroo jalqabaatiif walfalmuuf yoo hiriiran daaw’ataan xumura dorgommichaa miira olaanaadhaan eegaa ture.

Akkuma eegame atileetonni lameenuu walduraa duubaan galuudhaan mo’achuusaaniitti tilmaamni daaw’ataa dhugoomeera.

Dorgommiidhuma Amistardamitti dhiirota jidduutti adeemsifameen atileet Tsaggaayee Geetaachoo sa’aatii 2:04.49n rikardii maaraatoonii Amistardaam fooyyessuudhaan yoo mo’atu, atileeti Baazazawu Azmaraawu sa’aatii 2:04.57n sadaffaa bahuudhaan meedaaliyaa nahaasa argateera. Atileenni Keeniyaa Tiitaas Kiipruton sa’aatii 2:04.54 lammaffaa ta’eera.

Dorgommii Kaanaadaa, magaalaa Torontootti adeemsifameen ammoo dhiiraan Yihunilliny Adaanaa sa’aatii 2:07.18n tokkoffaa bahuudhaan mo’ateera. Atileenni Keeniyaa Kipironoo Kiikimoo sa’aatii 2:08.24, atileenni Kaanaadaa Fiiliksi Kaandiin sa’aatii 2:08.44n lammaffaafi sadaffaa bahaniiru.

Maaraatoniin Torontoo ALA bara 2000 kan jalqabame yoo ta’u, bara 2020 sababii koviid 19n osoo hin adeemsifamin hafus yeroo 21ffaaf gaggeeffameera.

Waggoottan kanneen keessatti Keeniyaan dhiiraan warqii 15n, dubaraan afur, dimshaashumatti meedaaliyaawwan 19 fudhachuudhaan Addunyaarraa biyya duraati. Itoophiyaan ammoo dhiiraan warqii sadii, dubaraan saddeet walumaagalatti meedaaliyaa warqii 11 fudhachuudhaan addunyaarraas ta’e Afrikaarraa biyya lammaffaa ta’uu dandeetteetti.

Itoophiyaan meedaaliyaawwan warqii dubaraan kan argatte Muluu Sabbooqaafi Shuree Damisee yeroo lama lama, Ashaa Giigii, Amaanee Gobanaa, Koranee Jayilaaliifi Maartaa Margaatiin yoo ta’u, dhiiraan ammoo Saahilee Waragaa, Darasaa Cimsaafi Yihunilliny Adaanaatiin ta’uun kan yaadatamuudha.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkololeessa 12 Bara 2015

Recommended For You