“Pirojektonni guguddoon Finfinneetti ijaaraman namoota kuma 30f carraa hojii ni uumu”Injinar Dabboo Tunkaa

Bayyanaa Ibraahimiin

 Hoggansa bakka ramadame hundatti hojii qabatamaa hojjachuudhaan maqaansaa bakka inni hinjirretti ka’u, hojii hunda keessatti immoo eenyummaasaafi Oromummaasaa mul’isee darbuufi dhaloota boodaatiif fakkeenya ta’u, keessattuu hundeeffama Oromiyaa hordofee magaalotni Oromiyaa Oromoo akka fakkaatan taasisaa tureefi jiru.

Keessattuu mallattoolee Oromummaa Magaalaa Adaamaa keessatti argaman addababa’ii abbaa Gadaarraa hanga galma abbaa Gadaatti, bobboca abbaa Gadaa addababa’icha irra dhaabatee hanga Odaa achi keessa dhaabatee hanga har’aatti mallattoo Adaamaa ta’ee jiruufi ijaarsa OBNtti nama Adaamaan akka Oromoo Oromoo urgooftu taasise.

Kana qofa osoo hintaane dhaabbilee sadarkaa naannoofi federaalaatti jiran hedduu hogganuudhaan nama jijjiirama qabatamaa fideefi yeroo ammaa immoo Finfinnetti pirojektota guguddoo hojjetamaa jiran duubatti dhokate Injinar Dabboo Tunkaa keessummaa Bariisaa maxxansa kanaati. Turtee isaan waliin taasifne akka armaan gadiitti dhiheessineerraa dubbisa gaarii!

 Bariisaa: Dursaatii mee dubbiftoota keenyaan walbaraa, Injinar Dabboon eenyu? Eessatti dhalataniifi guddatan kan jedhuufi haala guddinaarraa osoo eegallee!

Injinar Dabboo: Bareedakaa, jalqabarratti haala kiyya ibsuun duratti namootni hedduun maqama koollee sirnaan waamuu waan hindandeenyeef, atis amma yeroo na waamtu ‘Dabo’ jettee na waamte. Dogoggora akkasii sirreessuuf dursa maqaan warri naa baase Dabbo. Barreeffama Afaan Oromoo keessatti qubeen gaafa jabaatuufi laaffatu hiikkaawwan gara garaa kenna waan ta’eef sirreeffama xiqqoo tanarraa eegaluu fedheeti.

Yemmuu gara gaaffii keetiitti deebinu, ani Dabboo Tunkaa Daadhiin jedhama. Kanin dhaladheefi guddadhe Godina Arsii, Aanaa Zuwaay Dugdaatti. Kana jechuun jalqaba hanga ani dhaladhee kutaa tokkooffaa barachuu eegalutti maatiin koo Aanaa Zuwaay Dugdaa keessa jiraachaa turan. Boodarra garuu gara Aanaa Xiyyootti waan godaananiif anis barumsa kutaa 1ffaa eegalee hanga 6ffaa aanichumatti mana barnootaa Hurutaa Cufaa jedhamutti baradheera.

Ergan kutaa 7ffaa xumurree booda garuu gara Magaalaa Asallaatti dhufuudhaan hanga kutaa 12ffaatti Asallaatti baradheera. Akka carraa ta’ee immoo barumsarratti ciminan qaba waan ta’eef firiin qabxii kutaa 12ffaas olaanaa ta’ee naa dhufe. Sanarraa ka’uudhaan bu’uuruma filannoo kootiitiin akaakuun barnootaa ani barachuu barbaaduufi Yunivarsiitiin ittibarachuu fedhus naa kennamee barnoota olaanaadhaaf gara Inistitiyuutii Teknolojii Bishaanii Arbaaminci gaafasiifi Yunivarsiitii Arbaa Minci har’aatti imale.

Waggoota shaniif muummee barnootaa teknolojii bishaanii barachaa erga turee boodatti bara 1985tti eebbifamuu danda’eera. Qabxiin kiyya immoo akkuma gaafa yunivarsiitii galu olaanaa turetti gaafa barnoota yunivarsiitii xumuree bahuttis olaanaa ture.

Bariisaa: Akka barnoota xumurtaniin jalqaba eessatti hojii eegaltan?

Injinar Dabboo: Akka carraa ta’ee yeroon nuti itti eebbifamne sun yeroo jijjiirraan sirnaa taasifamee, biyyattiin jijjiirama sirnaafi caasaa haaraa keessa galteedha. Bara 1983tti sirni abbaa irree, Dargii kufee yeroo sirni federaalizimii itti ijaaramuu eegale waan ta’eef kan naannoleen biyyattii itti hundeeffamaa tureedha.

Sababuma kanaan waajjirri akka federaalaatti ramaddii nuu kennu Miniteera Eegumsa Naannawaafi Kunuunsa Qabeenya Uumamaati. Yeroo sanatti naannoon Oromiyaas hundaa’ee waan tureef ogeeyyota dameewwan gara garaatiin eebbifamaniifi afaan hojii naannichaa danda’an barbaadaa waan tureef xalayaadhaan gara Oromiyaatti nu ergan.

Gaafas sadarkaa Oromiyaatti waajjira eegumsa naannoofi kunuunsa qabeenya uumamaa Godina Arsiitti ogeessa ta’ee akkan hojjadhuuf waan na ergee tureef hojiillee naannawuma itti dhaladhee gudadhe, Arsimatti eegale jechuudha.

Bariisaa: Waggaa meeqaaaf achitti hojjattan? Bu’aawwan gaafas godinichaaf buuftan keessaa kan maqaa dhahuu dandeettan jiraa?

Injinar Dabboo: Wanti beekamuu qabu yoo jiraate, yeroon sun akkuman siin jedhe yeroo reefu Oromiyaan ijaaramaa turte waan ta’eef rakkooleen akka naannoottis ta’e akka godinaatti jiran hojiileen zeeroorraa jalqabamu. Hojii ijoon gaafa achitti ramadamu akka raawwadhuuf natti kenname hojii bu’uuraalee misooma baadiyyaa babal’isuudha.

Ijaarsa daandiiwwanii, ijaarsa gamoowwaniifi bu’uraalee misoomaa sanaan dura tasuma hinturre hanga danda’ameen iddoowwan murteessoo ta’anitti waliin ga’uuf sochii cimaa taasisaa turre.

Pirojektii guddaan gaafas ani eegalchiiseefi xumursiise inni maqaa dhahamuu danda’u pirojektii bishaan dhugaatii bulchiinsa Magaalaa Asallaati. Osoo hojiiwwan bu’uuraalee misoomaa godinichaa kanaaf sochii cimaa keessa jirruu carraa barnootaa wayii argadhee barnootaaf biyya alaa deeme.

Bariisaa: Eessatti barattan? Maalis barattan?

Injinar Dabboo: Yeroo sanatti carraan iskoolaarshiippii kun mootummaadhaan mijaa’e malee kan seenamu dorgommii cimaadhaan ture. Anis dorgommicha darbuudhaan Inistiitiyuutii Teknolojii Hinditti argamutti muummee barnootaa Siviil Injinariingii waggoota lamaaf baradhe.

Akkuman barumsicha xumureen achuma, Godina Arsiitti deebi’ee hojiiwwan sanaan dura eegalaman xumursiisaa barnootaafi muuxannoo haaraa argadheen immoo yeroo pirojektota haaraa hojjachuu eegalutti (bara 1995 irraa eegalee) hogganaa Mana Qopheessaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa ta’ee akkan hojjadhuuf garasitti na geessan. Hojiiwwan guguddoofi mul’ata qaban. Kanneen hanga har’aattis namni kamuu ilaalee ragaa bahuu danda’u kanin hojjadhe garuu Magaalaa Adaamaa keessatti.

Bariisaa: Yeroon sun “Yeroo Adaamaan itti Oromoomte” wanti jedhamus jira waan ta’eef mee hojiiwwan guguddoo yeroo sana hojjataman muraasa nuu eeraa?

Injinar Dabboo: Dhugaa keeti. Barri 1995 hanga 2000 bara wantootni eenyummaa Oromoo agarsiisan magaalaa Adaamaa keessatti baay’inaan ijaaramaniidha jechuun ni danda’ama. Akkasumas bu’uuraaleen misoomaa magaalattiitti baay’inaan yeroon itti hojjatamanis yeroodhuma sanatti ture.

Akka fakkeenyaatti yoon siif kaase, addababa’iin abbaa Gadaa, kan namni martuu gaafa Adaamaa deemu suuraa biratti ka’u, suuraan abbaa Gadaa achitti bobbocaan hojjatameefi biqiltuun yookiin Odaan achi keessa dhaabbate sun isa ani ofii kiyyaa bira dhaabbadhee hojjachiiseedha.

 Galmi abbaa Gadaa guddichi yeroo ijaaramuuf iddoon qophaa’urraa kaasee hanga ijaaramee xumuramutti tumsi nuti akka bulchiinsa magaalattiitti taasisaa turreefi animmoo akka Oromoo sabasaaf quuqama qabu tokkootti waan guddaa gumaacheera.

Iddoon Galmi Abbaa Gadaa itti ijaarame sun lafa nama dhuunfaa ture. Isa fuuneeti ijaarsa mallattoo Oromummaafi tokkummaa Galma Abbaa Gadaatiif kan oolchine. Kana qofas miti. Ijaarsi galmichaa yeroo gabaabaa, waggaa sadii hincaalle keessatti akka dafee xumuramu taasisuurratti waan guddaa hojjenneerra. Galma Abbaa Gadaa kana ijaaruu keessatti qofa osoo hintaane, erga ijaarsisaa xumuramee tajaajilaaf banaa ta’ee boodas hoji gaggeessaa dhaabbatichaa jalqabaa ta’ee tajaajileera.

Ijaarsa OBNfis shoorri akka bulchiinsa yeroo sanaafi nama dhuunfaatti taasifne salphaa hinturre. Lafa ijaarsaa maastar pilaaniin adda baasanii qopheessuurraa kaasee haalota ijaarsaa deeggaruudhaan ummanni Oromoo yeroo jalqabaatiif miidiyaa ofiisaa akka horatu taasisuu keessattis shoorakoo bahadheera amantaa jedhun qaba.

Haala walii galaatiin yemmuu ilaallu fooliin Oromummaa har’a Adaamaarraa urgaa’u kan ulfaa’e baroota ani magaalattiitti hoggansa keessa ture, bara 1995-2000tti jechuun ni danda’ama.

Bariisaa: Oromoomsuu Adaamaa keessatti hoggantootni akka Abbaa Duulaa Gammadaafi Juunaddiin Saaddoofaa maqaan ni ka’a waan ta’eef, shoora jara kanaa akkamitti ibsitu?

Injinar Dabboo: Dhugaa dubbachuudhaaf nuti, warri hoggansa Magaalaa Adaamaarra turre hojii qabatamaa lafarra jiru sirnaan raawwachuudha. Murtiifi tarsiimoon hoggantoota Oromiyaa gaafasii garuu kan maddu warroota ati maqaa kaafte kanneenirraayyi. Abbaa Dulaanis ta’e Juunaddiin hojiiwwan Magaalaa Adaamaatti hojjataman kanniin keessatti warroota shoora dursummaa qabaniidha.

Yeroon sun akka carraa ta’ee yeroo bulchiinsi mootummaa naannoo Oromiyaa Finfinneerraa gara Adaamaatti akka godaanu taasifametti waan ta’eef, haalli sun magaalattiif carraawwan guguddoo uumuu danda’eera.

Kanaaf hojiiwwan yeroo sana Adaamaatti hojjatamaniif shoorri hoggantoota kanneenii iddoo olaanaa qabaatus riivoleeshiinii Adaamaa misoomsuufi Oromoomsuu lafarratti kan hoggane ana.

Bariisaa: Gara Korporeeshiinii Baaburaa Itoophiyaatti yoom galtan, hojii achi ture immoo akkamitti ibsitu?

Injinar Dabboo: Gara Korporeeshiinii Baabura Itoophiyaatti kanin gale bara 2000 irraa kaaseeti. Gaafa ani nama lammaffaa dhaabbata sanii ta’ee achitti muudamu hojiin hundi zeeroorraa kan eegalamu ture. Waajjira hundeessuu, humna namaa leenjisuufi gara hojiitti bobbaasuurraa eegalleeti kan gara ijaarsa daandiiwwan baaburaa guguddootti dhufame jechuudha.

Hojiin korporeeshiinii baaburaa hundeessuu kun immoo ulfaataafi hojii muuxannoo guddaa biyyoota guddatanii gaafatu ture. Nuti garuu kutannoofi kaka’umsa qabnuun yeroo gabaabaa keessatti waajjira sirnaan hundeessuu bira dabarree gara daandiiwwan baaburaa guguddoo Finfinnee hanga Jibuutiitti, hanga Maqaleetti, Magaalaa Finfinneetti immoo daandiin baabura salphaa ijaaramee tajaajilli geejjibaa akka eegalamuuf hojii cimaa hojjenneerra.

Akka dhuunfaattis taanaan hojiin korporeeshiinii baaburaa keessatti raawwadheen muuxannoo guddaa argadheera. Akka biyyaattis muuxannoon gaariin kan irraa qindaa’eefi pirojektota guguddoo biroo ijaaruuf kaka’umsa cimaa uumeedha.

Hojiiwwan dameewwan hundatti hojjataman kamuu keessatti garuu waan eenyummaa Oromoo calaqqisiisuufi mul’isu dhiibbaa cimaa keessa taa’ee hojjedheera. Akka fakkeenyaatti yoo ilaalle daandiin baaburaa ijaaraman kunniin iddoowwan adda addaatti buufata qabu. Kanaaf buufataalee daandii baaburaa Oromiyaa keessa jiran hundatti mallattoowwan eenyummaa Oromoo ibsan akka hojjataman kan taasifame barbaadamee qofa osoo hintaane, qabsoo cimaadhaani.

Boodarra bara 2010 gaafa jijjiiramni amma jiru kun dhufu immoo korporeeshiinii baaburaarraa Konistiraakshiinii Makalaakayaa (Raayyaa Ittisaa) akkan hoogganuuf achitti muudamee hojiiwwan guguddoo hanga wareegamaa gaafatan hojjachaan ture.

Humni Wayyaanee waggoota dheeraadhaaf raayyaa ittisaas ta’ee dhaabbilee misoomaa achi jala jiran dhuunfatee biyyattii saamaa ture dhaabbaticha keessatti hundee kan gadifageeffate ture. Yeroo ce’umsaa keessatti garee hannaan wal-ijaaree hojmaatawwan xaxamoodhaan dhaabbaticha saamaa ture tarsiimoodhaan irratti hojjennee suutuma suuta jarattii taphaan ala gochuun danda’ameera.

Hojii kanas dursummaadhaan hogganuu keessatti Ministira Muummeetiin ergamni kan kenname anatti waan ta’eef anis dhaabbatichi qaamolee hannaa kanarraa akka bilisa bahuufi qisaasamaafi saamicha keessaa bahee gara bu’aqabeessummaatti akka dhufuuf shoora olaanaa taphachaa turre.

Waajjirri Muummee Ministeera Raayyaa Ittisa biyyaa dhiyeenya eebbifame hojiiwwan erga riifoormii dhaabbatichaa taasifnee booda hojjetaman keessaa isa tokko yemmuu ta’u, gamoon ‘INSA’ guddichis osoo ani dhaabbatichatti hinmuudamin dhibbantaa 30 qofarra ture si’aayinaan akka xumuramu taasisuu keessatti shoora dursummaa bahadheera jedheen abdadha.

Dhaabbanni Konistiraakshiinii Raayyaa Ittisa Biyyaa kun dhaabbata guddaafi jaarmiyaalee konistiraakshinii guguddoo Itoophiyaa muraasa keessaa isa tokko ta’eedha. Dhaabbata waggaatti hanga qarshii biliyoona 37 sochoosu yemmuu ta’u, dhaabbileen konistiraakshiinii biyyattii maallaqa hanganaa sochoosan yoo jiraatanis muraasa.

Bariisaa: Mee gara waajjira keessan isa ammaa pirojektota guguddoo Magaalaa Finfinneetti hojjechaa jiruutti haa deebinuutii achirratti waa nuun jedhaa?

Injinar Dabboo: Jijjiirama bara 2010 Itoophiyaatti dhufeen walqabatee magaalota haaromsaafi jijjiirama qabatamaa keessa galan jidduudhaa tokko Finfinneedha. Akkuman dura sii kaasuuf yaale akkuma jijjiiramni ammaa kun dhufeen ani daandii baaburaarraa gara Konistiraakshiinii Raayyaa Ittisaattin dhufe. Achitti hojiiwwan riifoormii dhaabbatichaa hanga tokko milkeessee yeroo hafeef hojjachaa turetti Kantiibaan Magaalaa Finfinnee, Aadde Adaanach akkan gara magaalattiitti dhufee pirojektota guguddoo hojjetaman hogganuuf na muudan. Kanaaf ijaarsi pirojektota guguddoo magaalattii jijjiiramicha booda agartu kun hojii qe’ee ofii sirnaan misoomsuuti.

Finfinneen duris tan Oromoo taatus, amma garuu carraan misoomuu ishees abbaashee harkatti kufuusaatiin waggoota muraasa kana keessatti hojiiwwan guguddoon gara garaa kan hojjatamanii xumuramaniif.

Bariisaa: Raawwiin Pirojektota magaalattii hedduun haala dur hinbaramneen dafee xumuramaa jiraachuu duuba iccitii maaltu jira?

Injinar Dabboo: Pirojektiin tokko dafee xumuramuufis ta’e yeroo qabameefiin booda turee akka xumuramus wantoota taasisantu jiru. Galteewwan ijaarsaaf barbaachisan haala guutuu ta’een dhiheessuun, kanfaltii kontiraaktaraa yeroon raawwachuufi sirna hordoffiifi to’annoo cimaa diriirsuun immoo haaalota pirojektiin tokko dafee akka xumuramu taasisan keessaa isaan murteessoodha.

Dabalataan immoo kutannoon hoggansa olaanaarraa kaasee hanga sadarkaa iddoo hojiitti jiruufi qindoominnisaanii murteessaadha. Kanaaf pirojektiiwwan guguddoo jijjiiramaa as Finfinneetti ijaaraman, Paarkii Shaggar, Addababa’ii Masqalaa, Mana Kitaabaa Abrohootiifi kanneen biraas yoo fudhatte iccitiin dafanii xumuramuusaanii sababootuma irranatti eeramaniidha.

Kantiibaan magaalattii, Aadde Adaanach Abeebees yeroo hunda waan barbaachisu hundaan pirojektota kanneen bira dhaabbachuusaaniitiin yeroo qabamaniif keessatti dhumuu danda’aniiru.

Bariisaa: Baranas pirojektota guguddoon akka jalqabaman himamaa tureeraatii maal fa’i?

Injinar Dabboo: Pirojektonni guguddoo magaalattiitti ijaaraman yeruma tokko ijaaramanii kan xumuraman osoo hintaane, haala barbaachisummaasaaniitiin tartiibaan bara baraan kan raawwatamaniidha.

Kanarraa ka’uudhaan barana ijaarsa omisha bakka tokkoo, iddoo omishni qonnaan bulaa itti gurguramuufi pirojektota guguddoo hojjechuuf qophiin duraa xumuramee iddoon itti ijaaramanis adda baheera.

Keessattuu ijaarsi iddoo gurgurtaa omisha qonnaan bulaa kun faayidaa gama hedduu kan qabuudha. Kana jechuun omisha qonnaan bulaan baadiyyaa fagoo ta’e tokkotti omishee faddaaltota naannawa sana jiranitti gatii salphaadhaan gurgura.

Jiraataan magaalattii immoo omisha qonnaan bulaan faddaalaa naannawa qonnaan bulaatii gatii xiqqaadhaan bitee fide gatii qaalii ta’een bitachuuf dirqama. Haala kana keessatti qonnaan bulaanis omishasaatiif gatii gahaa hinargatu. Bitataan magaalattiis gatii olaanaadhaan daldaltoota gidduusaafi qonnaan bulaa keessa dhokatanirraa bitachuuf dirqama.

Kanaafuu, bakka haalotni akkasii jiranitti fayyadamummaa qonnaan bulaa mirkaneessuunis ta’e qaala’iinsa jireenya magaalaa tasgabbeessuun ulfaataa akka ta’e baramee haalli qonnaan bulaan omishasaa kallattiidhaan fayyadamaa biraan ga’u uumamuun ni barbaachisa ture.

Kanumarraa ka’uun pirojektota barana akka magaalaatti ijaaraman keessaa inni tokko iddoo omishni qonnaan bulaa kallattiidhaan fayyadamaa biraan ga’u ijaaruurratti xiyyeeffanne jechuudha.

Bariisaa: Hojiiwwan kanneen keessatti carraa hojii hammamiitu uumama?

Injinar Dabboo: Kanneen barana ijaaraman keessaa isuma iddoo gurgurtaa omisha qonnaan bulaa kana qofayyuu yoo fudhatte hanga namoota kuma 30f carraa hojii kan uumuudha. Pirojektotni hunduu gama carraa hojii yeroofi dhaabbii argamsiisuutiin shoora guddaa qabu.

Bariisaa: Yoo dhaamsa xumuraa qabaattan?

Injinar Dabboo: Dhaamsin qabu yoo jiraate, Oromoon magaalaatti galee hojii humnisaa danda’e hundarratti hirmaachuu qaba kan jedhuudha. Baay’ee haasa’uurras baay’ee hojjachuu aadaa taasifachuu qabna.

“Finfinneen duras ta’ee ammas teeti, amma inumaayyuu harkakee jirtii itti galiitii misooma magaalattii deeggari” dhaamsa jettu tana qofa naa dabarsi.

BARIISAA SANBATAA Onkololeessa 5 / 2015

Recommended For You