“Itoophiyaan gaaga’ama keessa turttus guddina dinagdee jajjabeessaa galmeessisteetti”Pirezidaanti Saalawarqi Zawudee

Waasihun Takileetiin

Barri darbe Itoophiyaaf bara qormaataa yoo ta’u, keessumaa waraana akka biyyaatti kaaba Itoophiyatti mudachaa jiruun, goginsaan, balaa lolaafi rakkoo nageenyaa bakkaa bakkatti mudateen raafama hamaa dinagdee biyyaa sakaalu keessa turteetti.

Kunimmoo kallattiinis ta’e alkallattiin dinagdee biyyaarratti miidhaa kan geessisu ta’us Itoophiyaan haalota kanneen dandamattee bara bajataa 2014tti guddina dinagdee dhibbantaa 29n galmeessisuunshee waan ajaa’ibaati jedhu Pirezidaantiin Itoophiyaa Saalawarqi Zawudee.

Pirezidaantittiin yaa’ii waloo Manneen Marii Bakka Bu’oota Ummataafi Federeeshinii kan bara hojii lammaffaa Kibxata tibbana gaggeeffamerratti haasaa saaqiinsaa taasisaniin guddina dinagdee jajjabeessaa raafama keessatti galmaa’e kanaaf bu’uura kan buuse hojii damee qonnaa, manufaakchariingiifi albuudarratti hojjetameeniidha.

Keessumattuu waraana Itoophiyaa kaabaatti mudateen walqabatee rakkoolee nageenyaa biyya keessaafi dhiibbaan alaa hammaan biyyattiirratti dudduufee wayita jirutti osoo haalotaaf hinjilbeeffatiin hojii kutannoon hojjetameen guddinni dinagdee kun galmaa’uu kan himan pirezidaantittiin, ta’uus Itoophiyaan Afrikaa Bahaa keessatti biyya dursaa jirtuudha.

Itoophiyaan goolama hamaa kanaan osoo hinraafamiin alergii omishaalee dachaan dabaluun galiin sharafa alaa akka dabalu hojii hojjetameen bu’aan galmaa’e warraaqsa dinagdee biyyaa fuulduratti tarkaanfachiiseera jedhan.

Akka ibsasaaniitti, Itoophiyaan Afrikaa Bahaatti biyya dinadgeedhaan dursituufi kallattiin wiirtuu buufata investimentii kan taate warraaqsa dinagdee walirraa hincinneefi damee misoomaarratti hojjetamaa tureen bu’aan galmaa’e olaanaa ta’uusaatiini.

Waggoota darbanitti tajaajila hawaalaafi kan birootiin sharafni alaa argame dhibbantaa 10.5 dabaluu kan himan Pirezidaanti Saalawarqi, isa kanarraa galiin doolaara biiliyoona 5.65 argamuu akka danda’es kaasaniiru.

Galiin argame kun kan bara 2013n walbira qabamee wayita ilaalamu jijjiirama guddaa kan agarsiise ta’uu himanii, raawwiin bara 2014tti galmaa’e biliyoona 4.9n caalmaa agarsiisuunsaa mootummaan ciminaan hojjetaa jiraachuu, darbees hudhaalee gara garaa keessa ta’amee caalmaa agarsiisuunsaa abdii jijjiiramaa kan namatti horu ta’ee mul’ata jedhu.

Karoora bara 20194 qabame keessaa galiin taaksii dhibbantaan 93.5 haala quufsaa ta’een milkaa’uu kan kaasan Pirezidaanti Saalawarqi, tarkaanfiin fudhatamaa jiruufi bu’aan galmaa’aa jiru fakkeenya gaarii ta’ee tajaajila jedhu.

Rakkoowwan nageenyaa hudhaa biyyattii ta’an osoo furamaniitii kanaa olitti jijjiiramni dinagdee dhufuu akka dandahu yoo kaasan sochiin marii biyyaalessaa milkeessuuf taasifamaa jiru ammas cimee ittifufuu qaba. Ejjennoo mootummaan gama kanaan qabus kan jajamu ta’uu kaasaniiru.

Misoomni Itoophiyaan jalqabde cimee ittifufee hudhaa dinagdee akka furuuf hariiroon biyyoota ollaa wajjin jiru cimuu akka qabu hariiroon dippilomaasiis si’aayinaan hordofamuu akka qabu kaasaniiru.

Dippilomaasiifi hariiroo Itoophiyaan biyyoota alaa wajjin taasistu karaa walabummaan biyyattii hinmiidhamneefi faayidaan biyyaa eegamuun keessummeeffaamuu qaba yaada jedhuudha.

Haata’uutii hudhalee dame dinagdee Itoophiyaa ta’an walwaraansi, hanni, alseerummaafi rakkoon bulchiinsa gaarii ammallee dhimmoota xiyyeeffannoo argachuu qabaniidha.

Hudhaalen kunneen hordoffii kan dhaban taanaan dinagdeen biyyaa hubamuu waan dandahuuf hordoffii walirraa hincinne taasisuun barbaachisaadha.

Itoophiyaan wiirtuulee investimentii Afrikaa keessatti bakka olaanaa qabdu waan taateef damee investimentii kanaaf xiyyeeffannoo kennanii hojjechuun ammallee dhimma ijoo ta’uus kaasaniiru.

Lakkoofsi uummataa dachaan dabaluu wajjin walqabatee fedhiinfi carraan hojii walmadaaluu dhabuun rakkoo mudate furuuf sochii taasifameen bara baajataa 2014tti namoota miliyoona 2.38 ta’an carraa hojii dhaabbii argataniiru.

Carraa hojii gama kanaan uumame kanaaf dameen qonnaa dhibbantaa 43 kan haguugu yoo ta’u dhibbantaan 32 damee tajaajila gara biroorraa kan argameedha. Damee faayinaansiin walqabatee qarshiin liqaa kennameefii kan deebihee galii ta’e kan waggaa darbeen walbira qabamee wayita ilaalamu jijjiiramni jajjabeessaa argamuu akka dandahe agarsiistuuwwan nama onnachiisan jiru.

Kuni ta’us qaala’insa gatii gabaan walqabatee hawasni keenya dararaa tureera kan jedhan pirezidaantittiin, qormaatni kun to’annoo ala akka hinbaaneef jijjiiramoonni poolisiifi caasaa taasifamuu akka qaban kanamalees hordoffii mootummaan taasisu cimuu akka qabu ta’eera.

Kanarraa kan ka’e hawaasni qaala’insa gatii gabaan dararaa keessa ture haara galfii akka argatu ta’uu dandaheera.

Kuni ta’us qaala’insi gatii gabaa kun waggaa dhufutti akka hindabarreef damee qonnaa, manufaakchariingiifi maaykiroorratti hojjetamuu akka qabu kallattiin taa’ee jira.

Jijjiirama hala qilleensaatiin dhufu hordofee omishaafi oomishtummaarra miidhaan akka hingeenye gamanumaa irratti hojjetamuu qaba jedhanii tarkaanfichi gaaga’ama dinagdee dhufuu malu qolachuu kan danda’uudha.

Keessumaa ashaaraa magarsiisaa babal’isuun gaaga’ama dinagdee balaa lolaafi ongeen dhufuu malu to’achuu waan danda’uuf ammallee ciminaan irratti hojjetamuu akka qabu kallattiin taa’eera.

Ijaarsi hidha haaromsaa guddichaa si’achuu akka qabus kallattii kaahanii xumuramuunsaa dinagdee biyyaa dachaan cimsuu keessatti bakka olaanaa akak qabu kaasaniiru.

Kun ta’us ijaarsa hidha guddichaatiin walqabatee komii biyyoonni ollaa kaasaa turan karaa dippilomaasii eegalame kanaan goolabamee biyyoonni ollaa kunillee kan irraa fayyadaman akka at’e baranii Itoophiyaa waliin dhaabachuu akka qaban kaasaniiru.

Dhimmi ijaarsa hidha guddichaa Itoophiya qofa fayyadamaa kan taasisu osoo hintaane biyyoota ollaafillee abdii kan ta’uudha.

Hidhi haaromsaa kun yeroo qabameefii keessatti qulqullinaan xumuruuf Itoophiyaanonnis ta’an mootummaan cichee hojjechuu akka qabu ibsanii deeggarsi gama kanaan taasifamu ittifufuu qaba jedhu.

Egaa milkaa’ina damee dinagdee biyyaa dhugoomsuuf tattaaffiin gama hundaan taasifamaa jiru jajajbeessaa ta’us damee nageenyaarratti ciminaan hojjechuun kanamalees waldhabdee jiru mariin furuun hojii ijoo ta’uu akka malu ka’eera.

Qaala’insa gatii gabaa humnaa olii 2014 keessa qormaata ta’aa ture furuuf oomishtootaafi bittoota karaa salphaa ta’een akka wal argan gochuun murteessaa ta’uu kaasanii, jalqabbiin jiru abdii kan namatti horuudha jedhan.

Uummanni keenya rakkoo siyaasaafi hawaasummaa isa mudataa jiruun gaaga’ama hamaa keessa ture keessaa akka bahuuf mariin biyyoolessaa eegalame xiyyeeffannoo argatee yeroon haara galfii fi tokkummaan biyyaa itti mirkanaahu dhufuu akak qabuuf hunduu tumsa taasisuu akka qabu dhaamaniiru.

Walumaa galatti Itoophiyaan bara baajata darbe keessa qormaatilee hammaataa ta’an keessa teessee damee dinagdeen jijjiiramoota nama onnachiisan kan galmeessite yoo ta’u keessumattuu dame qonnaa, manufaakcheriingiifi albuudarraa galiin argame isa ijoodha.

Damee kana ammayyoomsuun hudhaalee sakaallaa damichaa turan adda bahan irratti hojjechuun Itoophiyaa badhate ijaaruuf hunduu tums gochuun barbaachisaadha.

BARIISAA SANBATAA Onkololeessa 5 / 2015

Recommended For You