Irreecha Irranaa

Irreecha koo xurree seenaa,

Mallattoo du’aa jiraa,

Isaa finiinsaa dharaa,

Bararaan ceessistee,

Riqicha baraa nuu taatee,

Nu keessatti goobsitee,

Of ta’aaf nu mooksitee,

Gaarii yaraa nu mul’iftee,

Dhaloota hiriirsitee,

Irreecha koo irranaa,

Daraaraa waaqeffannaa.

Coqorsa dachee keenyaa

Ejersa qe’ee keenyaa

Siin bullee nuun buli

Sitti irreeffannaa nu milkeessii

Iddoo dhalootaa nu handhuurii

Milkii jireenyaa ati eerii.

Tulluu Cuqqaalaa ati laali,

Guddicha Eerar nu taajjabii,

Hora Arsadii ragaa bahii,

Hora Fiinfinnee atis barii,

Meeqatu karaatti hafee?

Meeqatu yaa Waaq jedhee?

Yaa’aa galaana lammii,

Hiriira hora Arsadii,

Meeqatu irreeffatee?

Meeqatu taliileffatee?

Meeqatu milkeeffatee?

Irreecha koo irree irranaa

Irreecha koo irree si irreeffannaa

Irreecha koo isin gammadnaa

Waaqaa lafatti siin himannaa

Hammeenyi kaanaan si dhokfannee

Nageeny buunaan mirmannee

Tulluu malkaatti si waammannee,

Maqaa bade deeffannee

Bishooftuudha argannee

Okawoodha deebifannee

Sirbinee sirbisiisnee,

Dhiichifnee dhiichisiifnee

Adaamaas deebifannee,

Irreecha koo irree irranaa

Mallattoo malkaa waaqefannaa

Amboo, Walisoo, Finfinnee

Akka keenyattu waammannee.

Guyyaa kee waa yaadannuu?

Ganda Finfinnee keessa baanuu?

Dhiibbaa maqaalee sitti himannuu?

Agamsi Markaatoo ta’ee,

Doobbiin Qacanee taatee,

Hurufni Moombii Jaan Meedaa ta’ee

Walakkaan Daabus Charchil ta’ee

Yekkaanis Ekkaatti jijjiiramee

Dildila Inxooxxoo ta’ee

 Roorroodhaaf moggaafamaa

Muujjaanis Shiroo Meedaa

Caffee Tumaanis Siddisti Kiiloo

Aadaa golguuf tolfatee fuuloo

Hunduu garagalee

Qarsaan Kaazaanchiis ta’ee.

Irreecha koo mee naa argii

Kinoo mee naa dhaga’ii

Irreecha koo naa raagii

Fooyyee fooyyeedhaa nuu mul’isii

Fooyyee fooyya’aa dhageessisii

Miidhaa miidhamaa nurraa cabsii

Miidhaa milkii jiidhadhaa

Xurree seenaa dhuudhaadhaa

Irreecha koo irree irranaa,

Mallattoo malkaa waaqeffannaa,

Sitti bulee nuun bulii,

Golgaa nurraa saaqi, nuu mul’isii,

Daba dabarraa nuu deebisii,

Abdataa keetii tolii,

Sa’aa namaan nuu ofkalii,

Hamaa qalbiitii nuu eerii,

Gaarummaa gaarii fiixa baasii,

Wallaalaa itti nuu qarii,

Beekaa itti nuu furii,

Furamee hinlaafinii,

Karaatti nu jalaa hinhafinii,

Irreecha koo irree irranaa,

Isa Oromoo xurree seenaa,

Kallacha caaccuu gadi nuu yaasii,

Aanaa alagaa daaw’achiisii,

Fitinaa baraa nurraa caamsii,

Oromoo sirnaan boonsii,

 Haalatu haala uummatee

Namatu maqaa jijjiirratee

Iddoottu maqaa jijjiirratee

Sabatu duudhaa dhokfatee,

Dhiibbaatu irra gomboobee,

Himamee hindhumuu kan Finfinnee,

Calcalliin Saar Beetoochii,

Sangaa Taraanis Garbiidhaa

Qeeraafi Qirqoosis Golboodhaa

Araat Kiiloonis Daalattiidhaa,

Safarri Iraas Kaasaa Baddaa Ejersaatii

Nafaas Silkiin Roobii,

Kanatu maqaan badee,

Deeffachuunis ni dhibee,

Finfinneedhaan golgamee.

Irreecha koo irree irranaa

Didhaa saba dhiibamaa

Sirratti na hambisanii

Yaa Waaq galata haa jennuu

Waan lafa lafaa argannuu

Irreecha koo milkii malkaa

Sumaan Waaqa kadhadhaa

Sumaan Waaqa waqeeffannaa

Kan dhabnes ni argannaa

Waaqatti lallabannaa

Ganna bacaqii qoorfannaa

Birraa booqaatti baanaa

Irraa gora sirreeffannaa

Dogoggora oolfannaa

Hora keetti loowwan bobbaafannaa

Bishaan keetti dhibaafannaa

Malkaa keetti areerrannaa

Hiriirree baanee irreeffannaa

Nuu guuti sitti himannaa

 Irreecha koo irree irranaa

Mallattoo Waaqeffannaa

Oromtichi sirnaan mormee,

Ofirraa dhiibee dadhabee,

Yoo jilbi jalatti munyuuquu,

Sirni sirnaan yii dabuu,

Tuttuqee tuqee kaasaa

Geeraree geerarsiisaa

Afoolaan waa himataa

“Dildila dhaabatanii

Caffee gadi ilaaluun hafee

Finfinnee loon keessanii

Hora obaasuun hafee

Tulluu Daalattiirratti

Yaa’iin Gullallee hafee

Gaafarsa darbanii

Qoraan cabsachuuf hafee

Hurufa Boombiirratti

Jabbilee yaasuun hafee

Bara jarri dhufanii

Loon keenya ni dhumanii

Edda Mashashaan dhufee

Birmadummaanis hafee”

Jedhee ittigeeraree.

Afoolaan afoolessaa

Mirga dhabeef komataa

Irree irranaatti waa himaa

Malkaa bu’ee tulluu bahaa

“Yaa Waaq” jedha, Waaqatti himataa

Irreeffatee cuuphata

Badii ofirraa dhiqaa

Irree irranaatti watwaataa

Waan dade sirreeffataa

Waaqa galateeffataa

Masqaluu Baalchaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkololeessa 5 / 2015

Recommended For You