Biyya lafaa kanarratti akka qorannoowwan garaa garaa ibsanitti namootni yeroo qaban sirriitti itti fayyadaman dhibbeentaa 10 qofa. Isa kana irraa kan hubannu namootni hedduun yeroo qabanitti sirriitti akka hinfayyadamne ta’uu isaaniiti. Faayidaa yeroo sirriitti beekuun akka nuti yeroo qabnu wantoota jireenya keenyaaf bu’aa buusaniifi bor kan nu hingaabbisiisne irratti waa’ee baanuuf nu gargaara. Wanti dagatamu hinqabne namni kamiyyuu hanga ofitti gatii kennu yerootti gatii kenna. Namni ofii isaatti gatii hinlaanne yeroo qabutti gatii hinkennu jechuudha. Namni yeroo qabutti gatii hinlaanne ammoo yeroo isaatti utuu hinhojjetiin dabarsa. Inni kun jireenya kisaaraadha. Jireenya akkasumaan darbe jechuudha. Kanaaf ardii kana irratti namni hunduu yeroo walqixa yoo qabaatellee namootni tokko tokko hojii gurguddaa hojjetanii yeroo darban kaan garuu biyya lafaa kana irra jiraachuun isaaniiyyuu utuu hinbeekamin goodaanu.
Tarii baay’een keenya namootni yeroo akkas jedhan, “Namootni akkasumaan jiraatan eessatti akka yeroo dabarsan yaadu; namootni dhiibbaa geessisan ammoo akkaataa itti yeroo qabanitti fayyadaman yaadu” utuu jedhanii dhageenyee beekna ta’a. Wanti guddaan garuu yeroon mi’aadha; yeroon takkaa dabarraan deebi’ee hinargamu. Yeroon qabeenya nuuf kenname keessaa eeggannoo guddaa kan barbaadu, takkaa dabarraan lammata eessattiyyuu kan hinargamne, dhoksaa kufaatiifi milkaa’inaa kan ta’e, namni sa’aa qabu sirriitti to’achuu hindandeenye taanaan homaa tokko to’achuu akka hindandeenye beekuun gaariidha.
Kanaaf garmalee yeroon akka hindabarreef eeggannoo barbaachisaa taasisuun barbaachisaadha. Yeroo tokko nama yeroo hinkabajne, faayidaa isaas kan hinbeekne tokkotu gara beekaa tokko dhaqee “Namootni hundi maqaa na balleessu. Akkan hojii hinjaallanne namootatti himuun akkan naannoo kootii hojii hinarganne na taasisaa jiru. Ani garuu hojjedhee sooromuun barbaada. Baay’ee jabaadhee hojjechuu nan danda’a. Haa ta’uyyuu malee akkamittan isa namootni maqaa naabaasan kana injifadhee hojii argachuu danda’a?” jedhee gaafate. Namichi beekaan sunis erga sirriitti dhaggeeffatee booda “Egaa mee walii galtee sirriitti qabaanna. Utuu aduun hinseenin gara maasii kootii dhuftee yoo warqee walitti qabde hunduma isaa siifan kenna. Garuu utuu biiftuun hinseeniin dhufuu qabda” jedhe. Namichi kunis ariitiin gara mana isaatti deebi’ee haadha manaa isaatti hime. Kana booda yerootti dhaqee akka warqee fidee sooroman, rafaa ooluun akka hafu, karaa naanna’aa ooluun akka dhaabatu, hojjetee akka jijjiiramu itti hime.
Haati manaa isaas nigammadde. Si’achi yeroo isaatti nifayyadama jettees yaadde. Isa booda, “Laaqana koo naaf fidi; laaqana booda xiqqoo ishee rafuun barbaada” jedhe. Isheenis laaqana laatteef; laaqana booda xiqqoon boqodha jedhee hanga sa’aa lama ta’uuf rafe. Hirribaa ka’ee gara maasii namicha beekaa kanaa guuboo fudhatee deeme. Utuu karaa irra deemuu, “Aduutu na gube” jedhee gaaddisa mukaa jala takka taa’ee darbuu barbaade. Isa booda muka jala dhaqee utuu taa’uu hirribi qabee rafe. Yeroo kana sa’aa shan kan ta’uuf rafe. Yeroo hirribaa dammaqu aduun lixxeetti. Fiigee gara mana nama beekaa sanaa yeroo dhaqu, dhi’ee mana isaanii cufatanii rafaniiru. Faayidaa yeroo sababa hinhubanneef qabeenya dhabe; soorumni jalaa miliqe; hiyyummaa isaa keessatti hafe Yeroon gatii guddaa kan qabu ta’uu isaa dagate; sirriitti itti fayyadamuu dadhabe. Tarii nuti har’a akkamitti yeroo keenya dabarsaa jirra? Isa kana gadi fageenyaan itti yaaduun barbaachisaadha.
Waa’ee yeroo ilaalchisee namootni yeroo dubbatan, “Yeroon warqeedha jedhu”. Namoonni hedduun waa’ee nama addunyaa keenya kana irratti dureessa cimaa turee Biil Geetis utuu dubbataniis ta’e utuu barreessanii waan hedduu dhageenyeerra ta’a. Hangam akka inni yerootti gatii kennu yeroo ibsan akkas jedhu, “Doolaarri kumni tokko yoo harkaa gadi bu’e gadi jedhee fuuchuuf sekoondii afur isa fudhata. Inni garuu sekoondii afur keessatti doolaara kuma afur argata.” Kanaaf doolara kuma harkaa buute fuudhuu irra sekoondii sana itti fayyadamuu filata. Nama kanaaf yeroo jechuun qabeenya jedhuudha. Yoo sirriitti itti fayyadaman dhuguma qabeenya; yeroon jireenyas. Sababiin isaa sekoondiin walitti dhufee daqiiqaafi sa’aatii; isaanis walitti ida’amanii goyyootaafi waggaa ta’u. Umuriin namaas waggaa kanaan lakkaa’ama. Namni sirriitti yoo itti fayyadame egereen isaa nigeeddarama. Baay’een garuu yeroo isaaniitti fayyadamuu dadhabuun bara isaaniis ta’e kan nama biraa utuu qisaasessanii agarra. Namni yeroo isaaf kennametti sirriitti hinfayyadamne ofis miidhee isa kaan miidhuun isaa hinoolu.
Naannoo keenya yeroo ilaallu, namoota yeroo sirriitti itti fayyadamaniifi namoota yeroo isaanii sirriitti utuu itti hinfayyadamin hafan arguu keenya hinoolle. Gariin isaanii yeroo qabanitti sirriitti fayyadamuun yeroo milkaa’an, umurii gadiitti yeroo qabeenya horatan, beekumsa argatan kaan garuu sirriitti utuu itti hinfayyadamiin darbu. Wanti nama dhibu inni guddaan garuu namootni hunduu kan isaan walqixa qaban yeroo yommuu ta’u warri faayidaa isaa beekan yeroo milkaa’an warri isa kana hinhubanne garuu akkasumaan dabarsu, utuu sirriitti itti hinfayyadamiin darbu. Gaaffii guddaan garuu nuti har’a yeroo qabnutti akkamitti fayyadamaa jirra? Isa kana yoomiyyuu of gaafachuun barbaachisaadha.
Namoonni addunyaa kana irratti milkaa’oo ta’an namoota yeroo isaanii sirriitti itti fayyadaman ta’uun beekamaadha. Umuriin isaanii tarii guddaa yoo ta’uu baatellee namoonni yeroo isaanii sirriitti itti fayyadaman bu’a qabeeyyiidha. Nutis waan hundumaa yeroo isaatti hojjechuun barbaachisaadha. Yeroon erga darbee booddee gaabbuu irra waan hundumaa yerootti jabaatanii hojjechuudhaan milkaa’uun nidandaa’ama. Har’a ofii keenyaa milkaa’uuf, dhaabbata keessa hojjennus fiixaan ba’umsaan ga’uuf yerootti gargaaramuu irratti eggannoo gochuutu nurra jira.
Kanaaf yeroo utuu hindabarsin itti hojjechuun gaariidha. Carraan si’a tokko balbala namaa rukutti yoo dhaga’uu didne nutu balbala ishee rukutuuf joora. Yeroo beekuun gaariidha, Faayidaa isaa hubachuun barbaachisaadha. Takkaa dabarraan akka lammata hinarganne beekuus qabna. Akkamitti akka yeroo fayyadamaa jirru beekuun murteessaadha.
Yeroo tokko barsiisaan falaasamaa akkaataa bulchiinsa yeroo irratti barsiisaa ture. Kanaaf barattoota isaa dura meeshaalee garaa garaa fidee dhufee barsiisuu eegale. Isa booda jaarkaanii guddaa tokkotti dhagaa guutee barattoota isaatti galagalee “Jaarkaaniin kun guutuudhaa?” jedhee gaafate. Barattootni isaas guutuu ta’uu isaa deebisan. Itti fufuun hoomacha saamunaa walitti qabee dhagaa jaarkaaniitti naqe sanitti dabale. Saniin booda niraase. Itti fufee, “Jaarkaaniin kun guutuudhaa?” jedhee gaafate. Barattootnis guutuu ta’uu isaa deebisan. Sadaffaa irratti, ashawaa fuudhee itti naqe. Yeroo kana ashawaan itti naqame kun dhagaa gidduu seene. Itti fufuunis suuta jedhee raase. Isa booda barattootatti galagalee, “Jaarkaaniin kun guutuudhaa?” jedhee gaafate. Barattootnis niajaa’ibsiifatan. Sababiin isaa “Wantootni hedduun itti naqamanii ammayyuu deebisee gaaffii nu gaafataa?” jedhanii walgaafachuu eegalan. Hundumti isaaniiyyuu guutuu akka ta’e ammas itti himan.
Barsiisaan sunis itti fufuun, “Egaa jaarkaaniin kun jireenya keessan fakkaata. Dhagaan jalqaba itti naqame wantoota jireenya keessan keessatti baay’ee barbaachisoo ta’aniidha. Wantootni kan biraan yoo itti hinnaqamne ta’ellee jireenyi keessan guutuudha. Sababiin isaa dhagaan itti naqame sun jalqabaa eegalee guuteera. Inni lammata irratti itti naqame ammoo wanta isin barbaachisan kan akka hojii keessanii, manaafi kkf., ta’uu danda’u. Dhuma irratti ammoo ashawaan itti naqame wantoota jireenya keessan keessatti barbaachisaa hintaane jechuun nidandaa’ama.” jedhe. Kanaaf, “Utuu tarii isa dhuma irratti itti naqame dursitanii itti naqxan ta’e wantoota kan biraaf bakka hinqabdan turtan. Wantoota gatii hinqabnetu bakka qabata. Wantootni barbaachisoon garuu bakka dhabu”. Deebisee ammas akkas jedhe, “Isinis akkasuma. Jireenya keessan keessatti wantoota barbaachisaa hintaane irratti yeroo keessan yoo nidabarsitu taatan wantoota barbaachisaa ta’an argachuu hindandeessan. Wantoota barbaachisoo hintaanetu bakka qabata. Isa gaarii bakka dhabsiisa. Kanaaf isinis wanta barbaachisaa ta’e irratti xiyyeeffadhaa; dhagaa sana irratti xiyyeeffadhaa; karoora itti fayyadama yeroo duraa duubaan akka barbaachisummaa isaatti baafadha” jedhe.
Har’a yeroo qabnutti akkamitti fayyadamaa jirra? Yeroo keenya wantoota baay’ee barbaachisoo ta’an moo akkasumaan wantoota faayidaa hinqabne irratti dabarsaa jirra? Inni guddaan namootni hojii garaa garaatti qabamuu qofa utuu hinta’iin yeroo qabanitti sirriitti fayyadamuun bu’a qabeeyyii ta’uun gaariidha. Darbees wanti dagatamuu hinqabne guddaan namootni addunyaa kana irra jiran hunduu sa’aa walqixa qabu, Hunduu sa’aa diigdamii afur qabu. Tokko tokko cuunfanii sirriitti yeroo itti waa’ee ba’an kaan garuu hanga yaadame utuu hinfayyadamin dabarsu. Namootni yeroo isaaniitti sirriitti fayyadaman namoota duraan dursanii karoorsan, akkaataa barbaachisummaa karoora isaaniitti ammoo tartiiba isaa eeganii kan duraa duubaan raawwataniidha. Egaa yeroon qabeenya ilmi namaa qofti qabu isa guddaafi kan inni ammoo yoo sirriitti itti deebi’ee hinfayyadamne lammata hinarganneedha.
Doktar Zarihun Gabree
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 28 Bara 2015