Itoophiyaan qabeenya beeladaatiin akka addunyaattis sadarkaa shanaffaa, akka ardii afrikaatti ammo sadarkkaa tokkooffaarratti akka argamtu qorannoowwan damichaa ni mul’isu. Ta’us qabeenya kanarraa haalaan fayyadamtuu ta’aa hinjirtu. Keessumaa horsiisee bultoonni gama kanaan waan fayyadamuu qaban fayyadamaa hinjiran.
Komishiniin Hojii Gamtaa Itoophiyaas dhimmi kun akka furamuuf qorannoowwan bal’aa taasisaa turuudha Komishinarri Ittaanaa Komishinichaa Obbo Abdii Mumad fooramii Misoomaa horsiisee bultootaa Magaalaa Adaamaatti taasifamerratti ibsaniiru. Akka isaan jedhanitti, keessumaa bara 2015tti haala adda ta’een naannawawwan horsiisee bulaa waliin hojjechuuf karoorfameera.
Waantota akka horsiisee bultoonni qabeenya qabanitti sirriitti hinfayyadamne taasisan keessaa inni ijoo fuuncaan gabaa jiru walxaxaa ta’uudha. Beeladoonni karaa seeraqabeessa ta’een duraa duuba hojii jiru eegamee otoo irratti hojjetamee sharafa alaa olaanaa argamsiisuu ni danda’u. Horsiisee bultoonni waldaalee hojii gamtaatiin gurmaa’anii walitti hidhamiinsi gabaa mijataan akka uumamuufis hojjetamaa jiraachuu ibsu.
Akka isaan jedhanitti, mootummaan biyyattii yeroo ammaa dhimmoota bu’uura dinagdee jedhee itti amanu keessaa misoomni beeladaa isa tokko ta’uu kaasanii, kana dura horsiisee bultoonni naannawaa gammoojjiitti argaman maqaan deggarsa addaa barbaadan, naannoolee addaafi kkf itti kennamaa tureera.
Kun akka jijjiramuuf mootummaan xiyyeeffannaa addaa itti kennuun omishnisaanii hammaafi qulqullinaan akka dabaluuf darbees hojiisaanii keessatti rakkooleen akkamii akka isaan mudatan, bu’uura bakka jiraatanirratti wantoonni akka gogiinsaa yoo mudatan qophii akkamiitu dursee taasifamuu qaba kanneen jedhaniifi kkf irratti hojjetaa jiraachuu addeessu.
Horsiisee bultoonni biyyattii yeroo baay’ee ongeedhaan walqabatee rakkoon mudatu beeladootasaanii daran kan jalaa miidhu ta’uu kan himan komishinarri ittaanaa kun, kanneen balaa uumamaarraa hafanii gabaaf dhihaatan ammoo daldala seeraan alaatiif saaxilamuun faddaaltoonni yommuu itti durooman, horsiisee bultoonni garuu gatii dhamaatiisaanii itti dhabaa jiraachuu dubbatu.
Sirni daldala beeladootaa seeraan alaa kun faayidaa horsiisee bultootaa dhabsiisuurra darbee biyyillee sharafa alaa argachuu qabdu akka hinarganne kan taasisuufi saamichaaf kan saaxilamedha kan jedhan Obbo Abdiin, keessumaa qabeenyi beeladaa biyyattii baay’inaan gara daangaatti siqee waan jiruuf haala salphaadhaan akka qabeenya kana daddabarsan ta’aa jira.
“Rakkoo biraan omishtoonni beeladootaafi albuudaa daran itti rakkatan hojmaanni ammayyaawaan jiraachuu dhabuudha. Kanaan walqabatatees hanqinni dhiheessiwwanii, geejibaa, lojistikisii, mankuusaawwaniifi kkfn wantoota dhiibbaa geesisan keessaa muraasa.
Dhimma kanarratti naannolee waliin marii bal’aan kan adeemsifame yoo ta’u, misooma beeladaa kana haala addaatiin ilaaluuf marii taasifameen ragaan argame kan mul’isu bakkeewwan horsiisee bultootaa kunneen sanyiiwwan filatamoo hedduullee kan qaban ta’uun beekameera” jedhu.
Komishinichi erga rakkoolee kanneeniifi kanneen biroo adda baasee booda Fooramiin Misooma Horsiisee Bultootaa hundeeffamuu akka qabuufi waltajjiin dhimmamtoota hunda minjaala tokkorratti marsiisuu danda’u mijeessuu akka barbaachisu murtoorra gahuu himaniiru.
Mootummaan waggoota 10n dhufanitti bakkeewwan gammoojjiifi horsiisee bultootaa kanneen sadarkaa olaanaa misoomsuuf kan karoorafateera. Misoomsuu jechuun bu’uuraalee misoomaa garagaraa hojjechuu waan dabalatuuf hojii komishinichaaf daran murteessaadha.
Akka fakkeeenyaatti marii Naannoo Somaalee waliin dhiheenya taasisfameen rakkoon daandii aanaaleerra jiru, bakkeen tursiisaa dhibuu, fageenyaafi bal’inni hojicharratti danqaa ta’uu hubatameera. Kallattiin taa’een garuu kun furmaata waan argatuuf, komishinichi carraa kanaan fayyadamuun jireenyi horsiisee bultootaa darbees kan biyyaa akka jijjiiramuuf ni hojjeta jedhu.
Wayita ammaa mootummaan sammuu kalaqaafi hojii kan qabu waan ta’eef waan isa baasu hunda kan hojjetu ta’uu himanii, kanaaf bakkee omishniifi hojiin jiru hundatti xiyyeeffannaan kan taasifamu ta’uu dubbatu. Qabeenyi horatamuus haalaan akka hogganamuufis gamanumaa hojiin hojjetamaafi sistamni ammayyaawaan diriiraa jiraachuu ni himu.
Aadde Rahimaa Musammaa ammoo Inistitiyuutii Qorannoo Qonnaa Itoophiyaatti qorattuu olaantuudha. Isaanis yaada Gaazexaa Bariisaaf kennaniin, Itoophiyaan qabeenya beeladaa hedduu akka qabdu kan himamu ta’us beeladootas ta’e akaakuuwwan midhaanii biroo dabalatee isa karaa seera qabeessa ta’een daldalamu caalaa isa karaa seeraan alaa daldalamutu dachaafi isaa oliin biyyaa ba’aa akka jiru qorannoodhaan bira ga’amuu dubbatu.
Kanaaf ammoo sababoonni ijoon, sirni daldalaa inni seera qabeessa jedhamee taa’ee bu’aa ba’iin kan itti baay’ate ta’uu, giddugalli gabaa naannawaa horsiisee bulaarraa fagaachuu, odeeffannoo gabaa haalaan argachuu dhabuu, mannoon dhibamuu, yommuu gara giddugala gabaa dhufan ammoo bakka tursiisaa dhabuufi kkf ta’uu ibsu. Horsiisee bultoonniifi daldaltoonnis haalota dhamaasoo kanneen akka hinfilanne isaan taasisuu himu.
“Gama kanaan biyyattiin faayidaa hedduu dhabdeetti. Inni jalqabaa galii sharafa alaatiin argachuu qabdu dhabdeetti. Hojichi yeroodhaaf namoota naannawa sana jiraniif faayidaa kan qabu fakkaatuus miidhaa inni dinagdee biyyaarratti fidu olaanaadha. Keessumaa misoomni yeroo dheeraa (long term) kanneen akka manneen barnootaa, keellaawwan fayyaa, daandiifi kanneen biroo akka dafanii hinguutamne taasisa” jedhu.
Mootummaanis kana hubachuun saffisaan sirna gabaa seera qabeessaafi ammayyeessuu akka qabu kan himan Aadde Rahimaan, keessumaa hojiichi gareewwan addaddaa (ethnic group) haala fayyaduu danda’uun hojjetamuu akka qabu kaasu. Akka fakkeenyaattis, daangaa Somaaleerraa Somaaloonni Itoophiyaa keessa jiru, Somaalee Laandii keessa jiru; karaa Gujii Oromoon Itoophiyaa keessa jiru Keeniyaa keessas jiru; Ogaadeen Itoophiyaa keessa jiru, Keeniyaa keessas jiru; karaa Gaambeelaa Nyuweer Itoophiyaa keessa jiru, Sudaan Kibbaa keessas jiru jechuun kaasu.
Kanaaf haala kana to’annoodhaan qabuuf ulfaataa waan ta’uuf suuta suuta sirreessaafi idilee taasisaa deemuu akka qabu qorattuun tun eeranii, sirna bu’aa ba’iin itti baay’atummoo hir’isaafi gabaabsaa deemuun kara seera qabeessaa akka dhufuuf hojjechuu akka barbaachisu himu. Sirni kun fooyya’uu baannaan ammallee kan fayyadaman warra gidduurra jiran faddaaltota ta’ee ittifufa jedhu.
Dhimmi biraan dagatamuu hinqabne loon yommuu biyyaa ba’an qacceen sanyii wajjin waan darbuuf sanyiin loonii biyyattii beekamu haphachaafi badaa, akkasumas kan biyya biraa ta’a deema.
Kanaafuu miidhaa gama baay’ee kana hubachuun, biyyattiin faayidaa barootaaf dhabde deebistee akka argattuuf hojiin eegalame cimee ittifufuu akka qabu dhaamu. Kun akka milkaa’uufis qaamoleen dhimmichi kallattiidhaanis ta’u alkallattiin ilaalatu tumsuu akka qaban gaafatu, guddinni biyyaa guddina hawaasaa waan ta’eefi.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 28 Bara 2015