“Sagantaa qayyabannaa nuu qophaa’etti sirnaan fayyadamnee qormaatichaaf qophii bareeda taasisneerra. Mana dubbisaattis sirnaan fayyadamneerra. Yeroon tasatti qisaasa’e nu bira hinjiru. Barsiisota keenya biraas deeggarsa gaarii argannee sirriitti of qopheessinneerra.
Qormaatichi yeroo jalqabaatiif yunivarsitiitti kennamuusaas fudhannee qorqalbiidhaan akka gaariitti of qopheessineerra. Yeroo ga’aas argannee, qormaatawwan moodeeliis fudhannee qormaaticha fudhachuuf guyyaasaa eegaa jirra.
Kanarraa ka’uun kan mana barnootaa keenyatti barame qabxii olaanaa fiduu waan ta’eef nutis qabxii olaanaa ni galmeessisna” jechuun Gaazexaa Bariisaatti kan himan barattoota Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa qormaata kutaa 12ffaa bara 2014 fudhachuuf qophiirra jiraniidha.
Kanaafis barattoonni Kamisa dheengaddaarraa kaasee gara yunivarsitiiwwan qormaaticha ittifudhataniitti seenaa jiru. Akka sagantaa baheetti Fulbaana 30 marsaa jalqabaa (saayinsii hawaasaa) kan fudhatan yoo ta’u, marsaa lammaffaatiin qoramtoota saayinsii uumamaatiif Onkoloolessa 8 hanga 11 bara 2015tti yunivarsitiiwwanitti sadarkaa biyyaatti barattoota kuma 976fi 18f ni kennama.
Kunis barattoota kuma 300n kan bardheengaddaa kan caaluudha. Baay’ina qoramtootaa akka biyyaatti eerame kana keessaa Oromiyaatti barattoonni kuma 393fi 981, Amaaraatti kuma 290tu qorama.
Marsaa sadaffaatiin ammoo barattoonni godinaalee fagoorra jiraniifi rakkoo gara garaa qaban kuma 56 ol yeroo ji’a tokko hincaalle keessatti qormaaticha kan fudhatan ta’u.
Qophiin qormaatichaafi maxxansaasaa teknolojiidhaan utubamee, haala yaaddoo nageenyaarraa bilisa ta’een of eeggannaa olaanaadhaan kan geggeeffame ta’uus Ministeerri Barnootaa ibsa tibbana kenneen eereera. Milkaa’ina hojichaatiifis ittigaafatamtoota hojii mootummoota naannoleefi federaalaa wajjin qindoomaan hojjetamaa jiraachuu ibseera.
Kanaaf, hawaasnis tarkaanfii mootummaan hanna qormaatichaa hambsisuufi nageenya qormaatichaa eegsisuuf fudhate kana yaada keessa galchuudhaan deeggarsaafi hirmaannaa barbaachisu gochuu qaba.
Keessumaa barattoonni dandeettiifi dandeettiisaanii qofaan waanuma facaasan haammachuuf, maatiin, qaamoleen tikaafi nageenyaa, waajjiraaleen barnootaa aanaafi hoggansi manneen barnootaa, rogeessitoonni, jaarmiyaaleen geejibaafi lojistikii, qaamoleen miidiyaafi dhimmamtoonni kuun dhimmichi dhimma biyya ijaaruu ta’uu hubatanii milkaa’ina kenniinsa qormaatichaatiif shoorasaanii bahachuu qabu.
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 28 Bara 2015