“Hojmaattota federeeshinicha keessatti komii kaasisaa turan fooyyessa jirra” – Komishinara Gargaartuu Daraartuu Tulluu

Finfinnee: Hojmaattota yeroo adda addaatti komiin irratti dhihaachaa ture fooyyessuudhaan qajeelfamoonniifi dambiiwwan haaraa qophaa’uu Pirezidaantiin Federeeshiinii Atileetiksii Itoophiyaa ibse.

Filannoo atileetotaa, leenjistootaa, dursitoota garee biyyaalessaafi faayidaalee argachuu qabaniin walqabatee komiiwwan yeroowwan adda addaatti ka’aa turan furuuf dambiiwwan haaraan qophaa’anii qaamota dhimmi ilaalu hundaaf dhiheessuu pirezidaantiin federeeshiinichaa Gargaartuu Komishinaraa Daraartuu Tulluu himte.

Dambiiwwaniifi qajeelfamoota haaraa federeeshiinichi qopheesseefi yaa’ii waliigalaarratti ragga’ee turerratti qaamota dhimmi ilaalu waliin mari’achuufi galteewwan dabalataa funaanaa jiraachuu Bariisaatti himtee, hojmaata bittinnaa’aafi komiidhaaf karaa banaa ture duuchuuf shoora olaanaa kan taphatu ta’uu dubbatteetti.

Akka ibsashiitti, tanaan dura akkuma leenjisaan leenjii ga’aa qabu jiru, kanneen osoo leenjii gahaa hinqabaatin atileetota leenjisaa turan jiru. Kun immoo atileetii cimaafi dorgomaa baasuu keessatti hanqina mataasaa kan qabuudha.

Gama biraatiin atileetota biyya bakka bu’uudhaan dorgommiiwwan biyyoolessaarratti hirmaatan filachuun walqabatee ulaagaan jirus iftoomina gahaa kan qabu waan hinturreef fooyyessuun barbaachisaa ta’ee argameera.

Jalqabumarraa kaasee filannaan atileetotaafi leenjistootaa, akkasumas dursitoota gareefi qaamolee gara garaa hundi bifa seeraqabeessa ta’een akka raawwatamu taasisuu keessattis hojmaatniifi dambiiwwan haaraa qophaa’an kunniin hedduu murteessoodha jetti.

Dambiiwwaniifi hojmaatni kun kan qophaa’eefi yaa’ii walii galaatiin ragga’e dhuma bara 2014 ta’uu himanii, wanti amma taasifamaa jiru immoo dambiiwwaniifi hojmaattota kanarratti qaamota dhimmi ilaalu, kilaboota atileetiksii, naannoleefi bulchiinsa magaalotaa, leenjistootaafi waldaalee atileetiksii irratti hojjatan hundaaf hubannoo uumuu akka ta’es dubbataniiru.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 28 Bara 2015

Recommended For You