“Guyyoota 28f jennee seeraafi safuu keenya hin sharafnu” – Kuwaataar

Finfinnee: Qopheessituu Waancaa Addunyaa bara 2022 kan taate Kuwaataar ulaagawwaan hirmattonniifi dawwattoonni guuttachuu qabaniifi seerota haaraa ifa goote.

Waldorgommiin kubbaa miilaa idil addunyaa biyyi Kuwaataar qopheessitu baatii Sadaasaa keessa kan jalqabamu yemmuu ta’u, addunyaan guutuunis hawwii olaanaadhaan eeggataa jira.

“Taphataas ta’e leenjisaa, murteessaas ta’e, namni kamuu yeroo gara Kuwaataar dhufu waraqaa ragaa fuudhaafi heerumaa ykn kan Nikaa yoo qabaate malee dubartii waliin siree qabatee buluu hindanda’u” jechuun kan eegalu seerootni haaraa biyyattiin baafte kun, kana bira dabree yoo dubartii waliin siree takka qabatee argame seeraan akka gaafachiisu ibsiteetti.

Mallattoo uffata warra saala walfakkaataa ta’ee walfuudhu agarsiisu uffachuunis dhorkaadha. Keessattuu warri saalaa tokko qabu yeroo walquunnamtii saalaa raawwatan yoo qabaman ajjeechaadhaan akka adabdus akeekkachiiftee jirti.

Dhugaatii alkoolii iddoofi sa’atii eeyyamameen alatti fayyadamuun akka hindanda’amne akeekkachiifteetti. Akkasumas namni baala sammuu nama hadoochu fudhatee argame immoo hidhaa waggaa torbaatu isa eeggata.

Dubartoota huccuu gabaabaafi qaamasaanii mul’isu uffatanis adabuuf qophaa’uu kan ibsan Pirezdaantiin Federeeshiinii Kubbaa Miilaa biyyattii Jeneraal Abdulaziiz Abdallaa, guyyoota 28 tiif jecha seeraafi safuun biyyattii akka sharafamu tasuma kan hineeyyamamne ta’uus hubachiisaniiru.

Seerota ciccimoofi qajeelfamoota kanaan dura waancaawwan addunyaa darbanirratti hinbaramneen kan as baate biyyattiin xiqqoon qabeenya guddaadhaan biyyoota Arabaa dursitu Kuwaataar, ‘FIFA’nis seerota kana akka isheef kabaju amansiisuushee madden oduu garagaraa gabaasaniiru.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 28 Bara 2015

Recommended For You