Natsaannat Taaddasaatiin
Ayyaanni Irreecha Hora Finfinneefi Hora Harsadii Fulbaana 21fi 22 bara 2015 haala miidhagaafi qalbii namaa hawwatuun naamusa gaariidhaan kabajameera. Gaazexaan Bariisaa yaada Qeerroofi Qarreen ayyaanicharratti hirmaatan kaasan akka armaan gadiitti qindeessee dhiyeesseera.
Dargaggoo Obsaa Dabal Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Bachoo irraa kan dhufe yoo ta’u, dargaggoota ayyaana Hora Finfinneerratti dubbisne keessaa isa tokko. Dargaggoon kun akka jedhutti, haalli nageenyi biyyattii xiqqoo yaaddessaa waan ta’eef daandiirratti qormaatni cimaan hirmaattota mudateera.
Haalli nageenyaa biyyattiin keessa jirtu xiqqoo rakkisaa ta’uunsaa lakkoofsi hirmaattota ayyaanichaa akka xiqqaatu taasiseera. Haalli jiru xiqqoo ulfaataa ta’us Ayyaana Irreecha Hora Finfinnee nagaan kabajneerra. Qormaatni kamiyyuu duubatti akka nu hindeebifneef dargaggoonni qaamolee nageenyaa waliin ta’uun sakatta’iinsa taasifamurrattis ta’e nageenya eegsisuurratti bal’inaan akka hirmaataniif dhaamsa dabarseera.
Magaalaa Buraayyuurraa kan dhufe Dargaggoo Gammachuu Araarsaa akka jedhutti, dargaggoonni hedduun haala nageenyaa yeroo ammaa biyyattii keessa jiruun daanga’anii nu biraa hafanis, Ayyaanni Irreecha Hora Finfinnee baranaa haala gaariin kabajameera.
Namoonni baay’een haala nageenyaa sodaatanii waan hafaniif lakkoofsi namoota ayyaana Irreechaa Hora Finfinnee baranaarratti hirmaatanii xiqqaatus ayyaanichi haala gaariin kabajameera; ayyaanichattis guddaa gammanneerra. Ayyaana Irreechaa Hora Finfinnee baranaa akka itti qophoofnetti hinkabajne kan jedhu dagaggoon kun, kanaan dura ayyaanicharratti yeroo sadiif kan hirmaate ta’uu eereera.
Godina Shawaa Bahaa Magaalaa Baatuurraa kan dhufte Shamarree Barakat Yaa’iqob akka jettutti, Ayyaana Irreechaarratti waggoota baay’ee hirmaatteetti. Ayyaana Irreecha baranaa waanti adda taasisu hirmaattonni ayyaanichaa kan baroota darbaniirra caalaatti uffannaa aadaa dizaayinii babbareedaafi bifa ammayyaa’aatiin hojjetameefi faayaawwan aadaatiin kan yeroo kamuu caalaatti miidhagee ayyaanicharratti hirmaachuusaati.
Dizaayiniin uffannaa aadaa Irreecha baranaarratti mul’ate ilaalamee hinquufamu kan jettu shamarreen kun, dargaggoonnis ta’e shamarran garee gareedhaan uffannaa aadaa walfakkaataa uffatanii ayyaanicharratti hirmaatan daran qalbii namaa hawwataniiru. Ayyaana Irreecha baranaarratti waan ajaa’ibaa argineerra jetti.
Ayyaana Irreecha baranaarraa ka’uun gara fuulduraatti waanti fooyya’uu qabus jira. Innis Foolleen sakatta’iinsarratti qaamolee nageenyaa waliin akka duraaniitti bal’inaan utuu hirmaatanii gaariidha. sakatta’iinsi nageenya keenyas ta’e ayyaanichaa eegsisuuf kan gargaaru ta’uu itti amanna. Barana sakatta’iinsi qaamolee nageenyaa qofaan adeemsifamaa waan tureef daandiirra turuufi waldhiibuun mudateera.
Utuu Foolleefi qaamoleen nageenyaa waliin ta’uun hirmaattota ayyaanichaa sakatta’anii gaariidha jedheen yaada. Nageenya keenya eegsisuu keessatti gaheen Foollee, Qeerroofi Qarree olaanaa waan ta’eef hundi keenya nageenya keenya gahee nurraa eegamu bahachuu qabna jetti.
Ayyaanni Irreecha baranaa naamuusa gaariifi haala miidhagaa ta’een kabajameera kan jettu shamarree Barakat, bakki irreeffannaas haala gaariin bal’ifamee waan hojjetameef waldhiibuufi waldhiphisuun hinjiru.
Godina Arsii Magaalaa Digsiisirraa kan dhufte Shamarree Afiyaa Kadir akka jettutti, Ayyaana Irreechaarratti barana yeroo jalqabaaf hirmaachuushee eertee, ayyaannichi baay’ee kan namatti toluufi nama gammachiisuudha.
Ayyaana Irreecha Hora Harsadii baranaarratti hirmaachuun koo kan baroota darbaniirratti hirmaachuu dhiisuu kootti nagaabbisiiseera. Dargaggoonniifi shamarran kanaan dura ayyaanicharratti hinhirmaanne yoo jiraatan kan bara dhufuutiif of qopheessuu akka qaban yaadachiifteetti.
Ayyaana Irreechaarratti hirmaachuu caalaa kan nama gammachiisu hinjiru kan jettu shamarreen tun, hundumtuu carraa kana akka argatuuf hawwii kooti. Dargaggoonniifi shamarran Sabootaafi sablammoota byyattii biroonis ayyaana guddaafi kabajamaa kana Oromoo waliin akka kabajuuf waamicha dhiyeessiteetti.
Godina Shawaa Lixaa, Magaalaa Ginciirraa kan dhufe Dargaggoo Sanyii Gonfaa akka jedhutti, Irreechi ayyaana guddaa ummata Oromoo biratti kabaja guddaa qabuudha. Ayyaanni Irrecha baranaa haala ho’aadhaan kabajameera. Dargaggoota naannawaasaa waliin ta’uun uffannaa aadaa walfakkaataa dizaayinii bareedaadhaan hojjetame uffannee ayyaanicharratti hirmaaneerra kan jedhu dargaggoon kun, ayyaanichi uffannaan aadaa akka ammayyaa’uufi dizaayinii babbareedaadhaan akka hojjetamu taasiseera. Namoonni uffata aadaa dizaayinii bareedaadhaan hojjetame uffatanii ayyaana baranaarratti hirmaatanis kan baroota darbaniirra qalbii namaa kan hawwataniidha jedha.
Ummanni Oromoo uffannaa aadaa hedduu qaba. Ayyaanni Irreechaa uffanni aadaa Oromoo kun bifa ammayyaa’aafi dizaayinii bareedaan akka hojjetamuuf carraa gaarii uumeera kan jedhu dargaggoon kun, ayyaanni Irreecha baranaa naamuusaafi miidhagina addaatiin kabajameera. Sakattan’iinsaan walqabatee konkolaataa irraa buunee daandii dheeraa miilaan deemnee Magaalaa Bishooftuu galle. Daandii dheeraa kana miilaan deemuun maanguddootaafi ijoollotaaf utuu hintaane dargaggootaafuu ulfaataadha ture. Utuu haalli geejjibaa nuuf mijateera ta’ee bareedaadha jedha.
Irreechi ayyaana guddaa abbootii keenyarraa dhaalleedha kan jedhu dargaggoon kun, ayyaana aarsaan guddaan itti kaffalamee nu bira gahe kana akka salphaatti ilaaluu hinqabnu. Keessumaa dargaggoonni Oromoo ayyaana guddaa waggaa waggaan kabajamu kanaaf qophii barbaachisu taasisee eeggateefi kunuunfatee dhaloota ittaanutti dabarsuu akka qaban yaadachiiseera.
Dargaggoo Saba Sidaamaa kan ta’eefi Magaalaa Hawaasaarraa kan dhufe Dargaggoo Daawit Gannaalee akka jedhutti, sabni Sidaamaa waggaa waggaan Ayyaana Irreechaa ummata Oromoo waliin ta’uun kabajaa jira. Gareen saba Sidaamaa Ayyaana Ireechaa Hora Finfinnee baranaarrattis hirmaateera.
Irreechi Hora Finfinnee bara 2012 kabajamuu erga jalqabee as irratti hirmaachaa jiraachuufi ayyaanni baranaa Irreecha Hora Finfinnee baranaa hiriyoota koo waliin ta’uun barii sa’aatii 9:00n ka’ee gara iddoo itti irreeffatamuu deemuun kabajeera. Ayyaanni baranaa baay’ee kan nama gammachiisuufi naamusa gaariin kan kabajame ta’uu dubbata.
Hirmaattonni ayyaana Irreecha baranaa uffannaafi faayaawwan aadaa qalbii namaa hawwataniin miidhaganii argamuunsaanii ayyaanichaaf miidhagina addaa kenneera kan jedhu dargaggoon kun, Oromoofi Sidaamaan Hortee Kuush waan ta’aniif aadaafi duudhaan isaanii walfakkaata. Ayyaanni Irreechaa kan Oromoo ta’uurra darbee kan saboonniifi sablammoonni biyyattii Oromoo waliin kabajaa jiraniidha jedha.
Tummicha Tukees dargaggoo Saba Sidaamaa Ayyaana Hora Finfinneerratti hirmaateedha. Irreechi ayyaana addababa’ii guddaa ummanni miliyoonaan lakkaa’amu irratti hirmaatuufi waggaa waggaan kabajamuudha. Ayyaanicha uffannaafi faayaawwan aadaatiin miidhaganii waltajjii tokkorratti waliin kabajuun baay’ee namatti toluufi tokkummaa keenya kan cimsuudha.
Ayyaanichi waltajjii irratti namoota haaraa waliin walbarru, aadaafi duudhaa keenya itti waliif qoodnuufi walirraa barannuudha. Ayyaanichi kan saba Oromoo ta’uurra darbee kan saboonniifi sablammoonni biyyattii tokkummaan waliin kabajan ta’eera. Ayyaanicha haala kanaan waliin kabajuun hariiroo sabootaafi sablammoota biyyattii gidduu jiru cimsuudhaan aadaafi duudhaa waljaalachuufi walkabajuu keenyaa gabbisuu keessatti gahee olaanaa qaba jedha.
Dargaggoo Shuumee Birruu Godina Arsii Aanaa Muunessaa irraa dhufe. Ayyaana Irreechaa Hora Finfinneefi Hora Harsadii baranaarratti hirmaachuuf dursinee qophii taasisaa turre. Ayyaanicha uffannaa aadaatiin miidhagnee kabajuuf dursinee itti qophoofneerra.
Irreechi ayyaana abbootii keenyarraa nutti darbeedha malee kan nuti har’a uumne miti. Kanaafuu nutis ayyaana kana eegnee dhaloota ittaanutti dabarsuu qabna. Ayyaanicha yeroo kabjnutti aadaa, duudhaa, safuufi nageenya ayyaanichaa eeguu qabna jedha.
Dargaggoonni baay’een uffannaafi faayawwan duudhaa ayyaanichaa waliin hindeemne uffataniifi qabatanii waan dhufaniif bakka sakatta’iinsaatti nu biraa hafaniiru kan jedhu dargaggoon kun, Irreechi iddoo itti Oromoon marga jiidhaafi habaaboo qabatee Waaqa dukkana gannaa keessaa gara booqaa birraatti isa baase itti galateeffatuufi kadhatu waan ta’eef aadaa, duudhaafi safuu ayyaanichaa eeguu qabna.
Ayyaanni Irreechaa waltajjii nageenyi itti lallabamuudha malee kan ilaalchi siyaasaa irratti calaqqisu miti. Kanaafuu gara ayyaana Irreechaa gaafa deemnu uffannaa aadaatiin miidhagnee, marga jiidhaafi habaaboo harkatti qabannee ta’uu qaba jedha.
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 28 Bara 2015