Qananiisaa Baqqalaa dorgommii maaraatoonii Landanirratti ni eegama

Finfinnee: Dorgommii maaraatonii Landan kan 2022 biyya Ingiliz, Magaalaa Landanitti adeemsifamurratti Atileetota Itoophiyaa kanneen akka Sisaay Lammaafi Birhaanuu Laggasaa waliin ta’uun kan hirmaatu ta’uun beekameera.

Atileet Sisaay Lammaa mo’ataa maaraatoonii Landan kan bara darbee yemmuu ta’u, Atleet Birhaanuu Laggasaa immoo Maaraatonii Tookiyoo yeroo lama nama injifateedha.

Atileet Qananiisaanis dorgommiiwwan gara garaarratti injifachuu qofa osoo hintaane riikardii haaraa galmeessisuunis injifachaa kan ture yemmuu ta’u, atileet Qananiisaa Baqqalaa, Birhaanuu Laggaseefi Moosinnat Garramoo seenaa maaraatoonii keessatti sa’aatii fooyya’aa qabaachuun walduraa duubaan sadarkaa 2ffaa hanga 4ffaatti argamu.

Lammiin keeniyaa Eilud Kiphoge immoo seenaa maraatoonii keessatti sa’aatii gaarii qabaachuudhaan sadarkaa duraarratti kan argamuudha.

Atileetota dorgommii maraatoniirratti sa’aatii fooyya’aa qaban kan hirmaachisu dorgomiin maraatonii Landan 2022 kun, Atileet Qananiisaa Baqqalaa atileetota injifannoof eegaman keessaa isa tokko ta’eera.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 21 Bara 2015

Recommended For You