“Oromoo afaan walwallaale kana afaan tokko tolchee gara nageeyaatti fiduun barbaada” – Abbaa Gadaa Jiloo Maandhoo

Keessummaan keenya maxxansa kanaa nama baay’een keenya beeknu, jaalannuufi kabajnu Abbaa Gadaa Gujiifi walittiqabaa Gumii Abbootii Gadaa Oromoo; Jiloo Maandhooti. Abbaa Gadaa Jiloon erga gadoomatti dhufanii waggoota ja’a caalaniiru. Abbaa Gadaa Jiloon haasawaafi haala dubbiisaanii miidhagaa, hojjaasaanii dheeraafi hawwataa akkasumas, fuulasaanii ifaafi hundaaf seequ sanaan hunda biratti jaalatamu.

Kana malees dhimma nageenyaarratti of kennanii hojjechuun hanga dhuunfaadhaan dorsifamuufi sodaachiifamuuttiillee qaqqabaniiru. Sirni Gadaa ‘UNESCO’tti akka galmaa’uufis gumaachi isaan taasisan akka laayyootti kan ilaalamu miti. Yunivarsiitiin Bulee Horaallee kanuma hubachuun doktireetii kabajaa kennuufiin ni yaadatama. Nutis maxxansa addaa Ayyaana Irreechaa sababeeffachuun keessummaa keenya kabajaa isaan taasifachuu jaalanneerra; dubbisa gaarii.

Gaafdeebiin kunis bu’uura haaluma dubbiisaaniirratti hundaa’ee kan barreeffame ta’uu dubbistoonni keenya nuu hubadhaa!

Bariisaa: Keessumaa otoo qophii ayyaana Irreechaatiif ko’oommatanii yeroo dhiphaa qabdanirraa nuu qooduun gaafdeebii keenyaaf eeyyamamoo ta’uu keessaniif dursa galatoomaa. Mee Abbaa Gadaa dubbistoota keenyaan sirriitti walbaraa.

Abbaa Gadaa Jiloo: Hayyee! Isinilleen galatoomaa. Aniin Abbaa Gadaa Jiloo Maandhoon jedhama. Abbaa Gadaa Gujiifi Walitti Qabaa Gumii Abbootii Gadaati.

Bariisaa: Eessatti dhalattanii guddattan, haala ijoollummaa keessaniiwoo akkamiin ibsitu?

Abbaa Gadaa Jiloo: Bakkin itti dhaladhe Aanaa Bulee Horaati. Bakki addaasaa Ganda Carii Golalchaa jedhani. Maqaan kiyyallee dur lafa sanatti waan dhaladheef Carii ture. Jiloo kanin jedhame gara muudamiinsaatti erga dhufeen booda. Sababnisaa ayyaanni inni dhalate marroo ayyaana jilaa, ayyaana ulfinaa waan ta’eef jedhanii gara kana jijjiirani. Maqaan abbaa kiyyaa garuu hinjijjiiramne. Ijoollummaa kiyyatti korma, jabbii, loon tiksaan guddadhe.

Bariisaa: Barnoota idilee barattaniittuu?

Abbaa Gadaa Jiloo: Barnoota bacaa hinqabnu. Ennaan sun Zamana Hayilasillaaseeti. Wanni ‘tamaarii’ jedhanillee hintamaaranu. Namaafuu hineeyyamamu.

Bariisaa: Maatii keessaniif ilma meeqaffaadha?

Abbaa Gadaa Jiloo: Nuti warra maatii Bacaati. Maatii abbaa kiyyaatiif dhiirti 11 yoo ta’an ani kudhaneessoodha. Dubarri immoo na boodaan lamatu jiru.

Bariisaa: Mee osoo abbaa gadummaatti hindhufiin dura sadarkaawwan Gadaa daa’imummaa keessanii kaastanii keessa hulluqxanitti waan hojjetaa turtan osoo nuu kaastanii?

Abbaa Gadaa Jiloo: Gadaa keessatti akkaataa ani itti darbee, yommuu abbaan kiyya Abbaa Gadaa tureetti ani Dabballee. Ijoollummaa kiyyaan Dabballee qabee, Qarree te’ee, Qarree buufadhee, Libaasa te’ee, libaasarraa Kuusa te’ee, Kuusarraa Raaba te’ee, Raabarraa Doorii te’een gara Gadoomaatti dhufe. Sirna Gadaa keessatti keessumattin guddadhe jechuudha.

Egaa kanneen keessatti waa baay’ee hojjetaan ture. Ennaa Dabballee sana ni beekta yoo ta’e waa mataatti kaa’ataniitu jira. Dabballee sana muuduuf dhaataa deeman. Dhadhaa ollaa keessaa guurrataa “Dabballeen misa deebi’ii mirga deebi’i” jedha. Achi keessa ennaa jedhan mataa kana haadanii Qarree achi gubbaatti lakkisan. Akkaa Gaammee kan jedhanuu sana. Kunillee ijoollummaa’a. Qarreerra taree ennaa Libaasa te’ellee ijoollummaa’a.

Achirraa taree ennaa Kuusaa te’u, yaa’a tee’u jalqaba. Hojii sirna Gadaa kana hojjetuu jalqabe. Kuusaa ennaa te’uu “meexxarri” jedhanii waa tokko harkatti kee’atani. Kana te’uu ennaa jalqabu hojii Gadaa jalqabe. Korma qaluu, Waaqa kadhatuu, dibbee ardoolee yaa’aa faluu jalqabe. Hamma kana hundatti dubartii waliin hinjirru. Dhiira qofa waliin deenna. Kuusama kana duudii hojjedheen dabarse. Akkan abbaa Gadaa te’us kaadhimameera.

Ardoolee yaa’aa kana lafa Gujiitti 376 ka te’u, keessa hojjedhee, kana mara falasaa offaleen, achii dabaree Raaba ta’e. Gaafa Raaba te’u haadha warraa waliin jireenya eegale. Ana qofa osoo hintaane miseensonni na waliin biroos haaluma kanaan dabarsan. Ennaa kana kan qaccee te’uufi fiixee te’u ni beekama. Ennaa kana guutuu jedhanii, guutuu dhoofnee dubartii, ‘miidhoo’ jedhanii (waa tokko kan akka kunoo lootii gurratti kaa’atte kana qabduu) gurratti qabduu, waliin hanga waggaa shanii waliin turre. Kana jechuun Gadooma eegaleera.

Dooroma yommuu ga’u waddeessa muran jedhama. Anis waddeessa muree dooroma kana kallacha ulfaataa jedhanuun hidhachuu eegale. Dooroma kana na hidhan jechuudha. Inni kun muudama isa dhumaa gara Gadaa dhufiisaati. Kanneen keessa darbeen baallii fudhee Abbaa Gadaa ta’e.

Bariisaa: Yommuu isin baallii fuutan sana, akka carraa ta’ee anillee Me’ee Bokkootti gabaasaaf argameen ture. Isin dabalatee Abbootii Gadaa sadiitu muudame. Inni maalimee utuu nuu ibsitanii?

Abbaa Gadaa Jiloo: Gosti Abbaa Gadaa teetu gosa sadii. Waajituu, Daraartuufi Golla. Gosa sadeen san keessaa ani ka Waajituuti. Akka Gujiitti ammoo gosa Waajitu keessaa kan gadooma fudhanne ilmaan sadii jechuunis Uraagaa, Maattiifi Hookkuudha. Kanneen keessaa ani Uraagaa yoo te’u, hangafa.

Bariisaa: Erga abbaa gadummaatti dhuftanii waggoota ja’a taataniittu. Kan isin hafu lama hinguutu. Abbaan Gadaa gaafa baallii fuudhu wanti akka hojjetuuf irraa eegamu ni jira. Mee Abbaa Gadaa isin yeroo keessan kanatti waan narraa eegamu mara hojjedheera jettanii yaadduu?

Abbaa Gadaa Jiloo: Ani akka kiyyatti waan gadoomaa kana hundumasaayyuu sirreessee hojjedheera. Ka hinhojjetiin, bardheengaddaatii jalqabee hanga waggaa lamaa kan silaa hojjedhu, ka narraa hafetu jira. Baalliii fuudhee, dibbee gannaalee duudii deebi’ee, guutimala naqee, kaadho baasee, torbaan lakkaa’ee, qufi daamaa fixee (loon 10 qalee nyaachisee) dibbee dhugu’ootti deebi’ee, jila guddoo godhee, kan Me’ee Bokkoo sun bal’isee akka ummata dhaqqabu Gujii baaseera. Kana malees kan yuuba horan jedhanii warra duraan baallii kennee waliin walbaree, warri kun seera naa himee, achirraan ka’ee ‘nudheela’ kan jedhan duudii hojjedhee, saddeeta kan jedhamus hojjedheera.

Ammaan kana silaa haqaan qabaa qabadhee, jaarraa utaalee, ilma maqaa baasuutu narra ture. Inni kun sababa nageenyaatiin hinhojjenne. Iddoo kun itti tolchan Adoolaa yoo ta’u karaa Bulee Horaatii godaananii achii dhaqan. Sababa kanaan kun waggaa tokko narra tare.

Bariisaa; Isin harkaa baallii fuudhuun Gadoomatti kan dhufuuf jedhanis ni jiru. Mee isaan waliin hariiroo ni qabduu, muuxannoo walii qooduun ni jiraa?

Abbaa Gadaa Jiloo: Inni gadoomatti dhufu, akkuma ani sadarkaawwan addaddaa keessa darbee gadoomatti dhufe, sana duudii keessa darbee dhufa. Amma dooroma jira. Isaafi miseensotasaa guutuu walumaan hojjenna. Waluma cinaa qubanna. Waanuma ani hojjedhu hojjeta, waan Gadaan hojjetu hojjeta. Walumaan mari’ataatuma wal kunuunsaa deemna jechuudha. Addee wallaalan na gaafataa, anis addee beeku itti akeekaa, karaa kana situ qara dhufee hojjetee, addeen kun maali? jechaa walgaafataatuma walumaan hojjetaa jirra.

Bariisaa: Sirna Gadaa keessatti abbaan Gadaa kana raawwachuu qaba, kanammoo raawwachuu hinqabu waanti jedhamu ni jira. Mee waa muraasa nuu kaasaa. Maalfaatu dhorkama maalfaatu eeyyamama?

Abbaa Gadaa Jiloo: Abbaan Gadaa utuu hinmuudamiin qara Abbaa Murtii te’a, achirraa Abbaa Yaa’aa te’a. Isarraan Abbaa Gadaa te’a. Maqaansaa sadi’i. Eennuma kanayyuu waan isatti seeranuu jira. Waan inni hojjetuufi hihojjennetu jira. Fakkeenyaaf dubartii namaa waliin hinbuliin jedhan. Dubartii gosasaafi lubasaa teete malee. Yoo inni kuusa ta’e dubartii warra sanaa malee kan dhibii waliin hinbuliin jedha. Ammallee qorii cadduutti hin nyaatiin, barcumaa cabaa gubbaa hintee’iin, dhugaa malee dhara hindubbatiin, lafa namni du’e bo’a namaa hindhaqiin jedhan. Abbaan Gadaa yoo inni bo’e dansaa miti, olbaan duudii hinbootti, imimmaantu namatti bacata, hinbooyiin jedhanii seeran.

Jalqabuma gaafa jalqaban sanayyuu qajeela ilaalan. Haadhasaa, abbaasaa, niitiisaan qajeela kan jiru muudan. Ammallee miilasaa, harkasaa, ilkaansaafi naftisaa gadaannisa ka hinqanne, qulluu ka dhalateen jiru, ka haadhaan qulluu, ka niitii inni fuudhellee qulluu, kan nafisaallee qulluu muudu. “Akkuma amma nuti qulluu laallee si muunne kana qulluu qulqulluu ta’i malee xuriin sitti hinqabatiin” jedhanii itti gorsanii itti muudu.

Bariisaa: Yoo godaannisa xiqqoosheellee qabaatan Abbaa Gadaa hinta’anii?

Abbaa Gadaa Jiloo: Gadaannisa xiqqashuullee qabaannaan, yoo harka kottee qabaatan, miilarraas waa xiqqoo qabaatan te’uu hindanda’an. Nafti guutuu qulqulluu te’uu qaba.

Bariisaa: Bo’ichas deemuu hindanda’amu jetteniittu. Erga Abbaa Gadummaatti dhuftanii isin bo’icha takkallee hindeemnee?

Abbaa Gadaa Jiloo: Hindeemne. Abbaafi haatii kiyyallee ergan Gadoomatti dhufee du’an. Akka tasaa gaafa haatii kiyya duute biran jira. Garuu bira jiraadhellee hinbo’u. Caalliseedhuma tee’ee waanuma tolchan tolchuu malee bo’iinsi seera miti. Yoo Abbaa Gadaa bo’a dhaqee bo’e Gadaa guutuutu bo’a. Warri inni bira bo’a dhaqee gaddees gaddi irraa hincittu, irraas hindhabamtu.

Bariisaa: Hinulfaatuu garuu? Jechuun gaafa namni dhihoo ofii du’u gadduun waan uumamaatiwoo?

Abbaa Gadaa Jiloo: Ee, ni ulfaata. Ani amma haati kiyya na biratti duute. Kun akka malee na ulfaate. Haadhallee waan jaaladhuuf isiinillee guddoo waan na jaalattuuf akka malee na ulfaatee ture. Garuu namoonni bitaafi mirga kiyyaan tee’anii akka yaadni kiyya gulana hindeebina na dhoggani. Ennaa ani diqqoo natti ulfaatee jedhu isaan na bira tee’an, “seera maal gootaa, seera hinbeettuu” naan jedhanii gara seeraatti na deebisan. Waa hundarra seerri waan ulfaatuuf anillee nin dhiise.

Bariisaa: Kanaaf abbaa gadummaatti yommuu dhufan waan ofii dhiisanii ummataaf jiraatu jechuudha?

Abbaa Gadaa Jiloo: Ee waan ummataa yaadda malee waan ofii hin yaaddu. Hinqottu, hinboccu, hin nagadattu. Waan ummataaf dansaa qofa hojjetta. Halkan hindeemtu, gufuun miilakee dhotti, qoreen si waraanti. Lafa dhibii deemtee yoo sitti dhihellee bakkuma dhiite bulta. Gaafa muudamte nafa qulqulluun waa muudamteef waan akkasiirraa ofeeguu qabda.

Bariisaa: Akkan hubadheetti of irrattuu aboo hinqabdan jechuudha. Dhugaa dubbachuuf haala ulfaataadha. Mee sirna Gadaa haala kanaan gatii guddaan itti kaffalamaa dhalootatti darbaa dhufe kana dhaloonni ammaa akkamiin hubataa jira? Kunuunsaa jira jechuu dandeenyaa? Ofii fuudhee dhaloota ittaanuutti dabarsuufoo kaka’umsa inni qabu akkamiin madaaltu?

Abbaa Gadaa Jiloo: Ani sirna kana ijoollummaa kiyyarraa kaasee waan keessa ture. Kan ennaa sirna Amaaraa sanallee, kan Dargiillee, ka hanga Ihaadeeg biyya bitteellee beeka, ka ammaallee beeka. Walbira qabee ennaa ilaalu, yeroo durii wanni diqqoo dadhasiisu kan amantii addaddaati. Namni kana tuffatee amantii addaddaatti seenutu ture. Inni barates waan barnootaa malee kan tuffatee akka nurra lakkisuu ta’e.

Amma wanti jiru dansa. Inni barates nutti dacha’ee sirna kana deeggaraa jira. Aadaa keenya jedhee barataa jira. Nullee eddoo arginetti barsiisnee waliigallee sirna kana guddisaa jirra. Warri amantii biroollee reefu hubatee, amantiifi aadaan akka walhintuqne, amantii waan lubbuu abbaa dhuunfaa te’ee, kun ammoo waa ummataa, aadaan waan dhalootaa waan te’eef kanarratti waliigallee waliin guddisaatuma jirra.

Dhaloota ammaarratti waanti rakkisaa te’e, akka duriitti hinjiru jedhee an laalu, wanni nuun gargar harkisuutti jiru waan siyaasaati. Warri siyaasaa kuun as buta, kuun achi buta. Abbaan Gadaa keenya jedha, kuun immoo keenya jedha. Garuu Abbaan Gadaanis Gadaanis kan namoota hundaati. Akka seera keenyaatti namni tokko gaafa Abbaa Gadaa te’e, Abbaa Marraa, Abbaa Maddaa, Abbaa Horii, Abbaa Mukaafi waanuma lafarraa hunda Waaqni uume hundaati.

Abbaan Gadaa siyaasa keessa hinseenu. Fakkeenyaaf yommuu filannoorratti hinhirmaatu. Waraqaa filannoo hinfudhatu, seeratu dhogga. Kana filatanii, kaan jibbuu seerri keenya ni dhogga. Kun ta’uus Abbaa Gadaa siyaasa keessa oliifi gadi butuutu jira. Kanaafuu warri siyaasaa kan siyaasa addaddaa hordofu duudiin gara ofii yoo deebifate, nuti abbaa nama maraa malee, abbaa nama tokkoo ta’uu hinqannu.

Inni kun akkuma Itoophiyaatti rakkoo jiruudha. Utuu ani gara kanaatti deebi’e kuun ni fedha, utuun achi deebi’ees akkasuma. Nut ammoo abbaa namoota hundaa jennee walitti qanna.

Wanti guddaan ammoo ijoolleen nu duubaa nurraa fuudhiinsaaf ni baratan, barnoota aadaa baddaa keessa, Waaqa keessa deemanii hojjetan. Namni ammayyaa kun konkolaataan, roophilaan deemee aadaa yoo hojjete malee gulana akka keenna sana baddaa keessa deemuu hindanda’u jedheen yaada malee, ummanni Oromoo hundi, nullee akka Gujiitti walbarree waliigalleerra.

Diqqoo kan nuti irratti waldhabaa turre warra seeraa kana. Abbaan seeraa waan nuti jennu waliin waliigaluu dadhabaa ture. Akka Gadaatti intala tokko qabanii yoo isiin iyyite, seerri iyyasii dhaga’ee qabee, eenyuutu si reebe jedhee gaafata. Isiinis abalu yoo isiin jette, itti murteessina. Isaanimmoo ragaa fidii, eessa si qabee, bitaan dhufemoo mirgaan dhufe jedhanii gaafatu. Waan kana ta’eef namni nuti itti murteessine sun keenya didatee gara mana murtii deemuu filata.

Namni intala tokko qabu yookaa namni waan badaa tokko hojjetu bakka ragaan jirutti hinqabaa? Hattuunillee bakka ragaan hinjirre barbaaddi, namni waan hamtuu yaadu bakka ragaan hinjirretti hojjeta. Haala kanaan jara waliin dura waldhanneerra. Namni aadaa keenya yakke dafee gara mana murtii deema. Achi yoo deemu manni murtii ragaan yoo hinjirre bilisa baasa.

Inni kun amma furmaata argataa jira. Mootummaan ammaa kun mana murtii aadaa dhaabeera. Wantoota aadaan hiikamuu qabanillee gara mana murtii aadaatti deebisaa jira; yoo yakka ta’e malee. Nama intala namaa qabe, aadaa gosaa, aadaa firaa ballassee nutti as deebisaa jira. Inni kun amma akka dansaa jira jechuudha.

Bariisaa: Yeroo abbaa gadummaa keessanii xumuruuf jettu. Yeroo isin hafte kanatti maal hojjechuuf yaaddan? Yommuu fixxanii yuuba taatan haala kamiin sirna Gadaa kana cimsitanii ittifufsiisuuf hojjettu?

Abbaa Gadaa Jiloo: Yeroo na hatte kanatti waan dhibii hojjechuuyyuu hinfedhu; waan nageenyaa hojjetuun barbaada. Irra guddaa Oromoo afaan walwallaale kana, hunna qabaadhee adoo danda’ee kan biyya alaa jirullee bira deemee, kan biyya keessa jirullee dubbisee, afaan tokko tolchee, akka waljaallatanii gara nageenyaa akka dhufan hojjechuun yaada. Yeroo diqqoo gabaabfadhe kanatti waan Oromoo haa te’u, waan Itoophiyaa haa te’u, waan gaarii hundaa te’u hojjetuun barbaada.

Yommuun abbaa gadummaa kiyya fixee utuun yuuba hinte’iin baatuun te’a. Baatuu jechuun nama baallii irraa baateedha. Yoon yuuba te’us hamma hunna kiyyaa, hamma lubbuun kiyya jirtutti, waan nagenyaarrattin hojjedha. Garuu waan ganni kiyyallee na deemee jiruuf umuriin kiyya na dadhasiisee manatti gale waan godhu hinqabu malee hamma danda’u inuma hojjedha.

Bariisaa: Umuriin keessan hammamii?

Abbaa Gadaa Jiloo: Amma gara 70 na deemeera.

Bariisaa: Ilmaan meeqa qabdu?

Abbaa Gadaa Jiloo: Dhiira kudhanii shaniifi dubra afur qaba.

Bariisaa: Mee amma immoo gara Irreechaatti isin haa deebisu. Har’a Irreecha Hora Finfinnee kabajna. Borimmoo kan Hora Arsadeetu kabajama. Inni Finfinnee waggoota 150f addaan citee deebi’ee har’a yeroo afraffaaf kabajamaa jira. Kan Bishooftuu gidduutti adda citee turus waggoota walitti aananiif kabajamaa jira. Asirratti miira keessan osoo nuu ibsitanii?

Abbaa Gadaa Jiloo: Irreenchi Finfinnee kun gaafa deebi’e yaada hedduu kenneera ani. Yeroo Irreechi Hora Finfinnee deebi’ee “Oromoon har’a dhalate” jedheen ibsaa ture. Har’a yeroo afraffaa yommuu irreenfachuuf deemnu handhuurri keenya nuu deebi’uusaatiin itti gammadaa kabajna.

Kan Bishooftuu osoon abbaa gadummaatti hindhufiin irraa kaaseen kabajaa ture. Erga gidduutti adda citee deebi’een booda tokkollee oolee hinbeeku. Yeroo Abbaa Gadaa Laggasaarraa qabee, Kan Bayyanaatti, ammammoo kan Goobanarratti jechuunis hanga Gadaa sadi’i, ittuman jira.

Irreenchi waan dansa. Irreencha namni Oromoo ta’u hundi harkaa qaba. Darbees namni Itoophiyaa ta’e hundi Irreecha kana beeka. Dalla afraniinuu kan biyya keessa jiruufi biyya alaa jirullee beekee dhufuutti jira. Waa’ee Irreenchaa har’a barsiisuuf osoo hinta’iin Irreecha jechuun nageenya, araara, bakka Oromoon walitti dhuftu, lafa Waaqa itti araarfataniifi galata galchanuudha.

Namni Irreencha dhaqu qara mana ofiitiin walitti araaramee deema. Haadha warraatiin, abbaa warraatiin, ilmee ofiitiin walitti araaramee Irreencha dhaqiinsaaf deema. Achiin duuba lafa araaraafi Waaqaaf galata galchanii, “Waggaa bardheengaddaatii baanee, baranaan nu geette” Waaqa galata keeti jechaa haalota addaddaatiin galateeffata. Dukkana gannaa keessaa ba’ee Booqa birraatti ba’uusaatiifis akkanuma galateeffata. Kanaaf Irreenchi lafa galataa, lafa nageenyaati.

Namni Irreencha deemu waan qabatu qaba. Ennaa manasaatii nama hunda araarfatee ba’u sana marga jiidhaafi daraaraa qabatee ba’a. Haadhotiin Siinqee, Siinqeefi caaccuu qabdi. Warri Gadaa Kallacha, Bokkuu, Lichoofi daraaraa qaba. Kana malee waan tokko ofirratti hinqabatan.

Kan ammoo dargaggoo ta’ee, wayyaa aadaa uffatanii sirbuu malee, waa aadaa hojjetuu, waa aadaa taphatuu malee wanna tokko hinqabatan. Gaaf sana alaabaa abbaa Gadaa malee kan dhufu tokkollee hinjiru. Kan mootummaa Federaalaallee, kan naannoollee kamuu hindhufu jechuudha. Alaabaa Abbaa Gadaayyuu amma eegalame malee dur hinjiru.

Irreenchi kan Abbaa Gadaa waan ta’eef inni tokkichi eeyyamama. Irreenchi dirree siyaasaa miti. Waan namni dhaadannoo itti mul’ifatu miti. Waan kadhannaa Waaqaa malee waan dhibii waan of keessaa hinqabneef ummanni Oromoo akkanaan dhufee haa irreenfatun jedha.

Bariisaa: Sirna irreeffannaa wajjin walqabatee, jalqaba Abbaa Malkaatu malkaa eebbisee Saaqa. Ittaansuun Abbootii Gadaafi Haadholiin Siinqeen ni irreeffatu. Namni utuu malkaan hineebbifamiin bakka Irreechaa ga’ee irreeffachuun sirriidhaa?

Abbaa Gadaa Jiloo: Irreecha abbootii Gadaa dura Abbaa Malkaatu saaqa. Erga inni eebbisee saaqee haadholii siinqeefi abbootiin Gadaa irreenfattee dachaatee booda ummati irreenfata. Yommuu gara Irreechaa deeman haadhooliin Siinqee dura deemu, abbootiin Gadaa ittaananii, “Mareewoo, Mareewoo” jedhaa deeman.

Bariisaa: Gaafa irreefatan nyaataniimoo garaa duwwaa irreeffatama. Yaadonni walfalman waan jiraniifi?

Abbaa Gadaa Jiloo: Inni kun yeroonumti isaatuu yeroo nyaataaf tolu miti. Yeroo namni irreenfatu yeroo boruun diimatu ykn aduu achiin hinbaatu. Yeroo simbirri wacuu eegaltu, yommuu isheen afaan baqaffattu irreenfatama waan ta’eef namni yeroo nyaatuyyuu hinqabu.

Namni subiidhaan irreenfatee waan mara Waaqa kadhatee deebi’ee nyaata. Yoo namni kaan nyaatee dhufee irreenfates abbaan malkaafi abbootiin Gadaa utuu waa hin nyaatiin dhaqanii waan irreensa eebbisaniif rakkoo hinqabu.

Bariisaa: Mee ayyaanichaan walqabatee ergaa baga geessanii Oromoo maraaf akka dabarsitaniif carraan isinii kenna.

Abbaa Gadaa Jiloo: Ummata Oromoo kan dalla afranuu jiru hundi, akkasumas ummata Itoophiyaa hunda, warra ollaa keenyaa, jaalattoota keenya hundaan baga ayyaana kana isin gayee, baga waliinuu dhaqqanne jedha. Achiin duuba Irreenchi Irreencha nageenyaa isinii haa te’uu, kan hortee, ka hormaataa duudii isinii haa te’u, akka nageenyaan dhuttan utuu gufuun isin hindhahiin nageenyaan galaan jedha.

Bariisaa: Dhumarratti, utuun kana dubbadhee waanti jettan yoo jiraate carraa isinii kenna.

Abbaa Gadaa Jiloo: Kanarratti waa ani dubbatuu barbaadu, isinillee hangafaan na gaafattanii, waa aadaa na gaafachuu keessaniif galatoomaa. Oromoof ergaa ani dubbatuu barbaadu, namni Oromoo jedhamu kamuu, ilaalcha, siyaasa addaddaallee yoo qabaatan, paartii fedhellee yoo keessa jiraatan hundi afaan tokko dubbatuu, walii araaramuu qaba. Irreenchi waa aaraaraati kan nuti jenneef kanaafi.

Irreencha kanarratti namuu waan qabaatu garaa keessaa haa qabaatu malee Oromoo dalla arfan jiru duudiin araara kanarratti akka walii araaramu. Araarri kan Waaqaa kan irreenchaa, kan Abbaa Gadaati. Eebba Abbaa Gadaa Oromoon fudhatee, kan biyya alaafi keessa jiru hundisaatuu Oromoon walii araaramuu qaba. Yoo walii araarame eebba Abbaa Gadaa fudhata. Eebba abbootii Gadaa fudhadhaa, ilaafi kallacha abbootii Gadaa sodaadhaa. Oromoo walitti araaraamaa. Waaqa sodaadhaa, Gadaa sodaadhaa walitti nu araaramaa jedhee dhaamsa dabarsuu barbaada.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 21 Bara 2015

Recommended For You