Irreechi aadaa galateeffannaati. Galata Waaqaaf galchuudha. Ummatni Oromoo aadaa jaarra dheeraaf Sirna Gadaa keessati kuufate qaba. Aadaan immoo muuxannoofi yaadota bara dheeraa keessaa ilma namaan darbaa dabarsaan gara dhalootatti kan dhufuudha. Aadaan Oromoo kan hammatame Sirna Gadaa keessatti. Gadaan Hawaasa Oromoo Miseensa shanitti (5) qoodee jiruufi jireenya isaa sirnaan gaggeessuun akka waliif dabarsu ta’a ture.
Kunis yeroo isaatti sirna gaggeessummaan beekamee guutuu kan tureedha. kanaafi Gadaan damee siyaasaa, dinagdee, hawaasummaafi amantii ni qabaata. Kana keessatti Gadaan damee amantii namoonni akkamitti akka waaqeeffataniifi dhugeeffatan seera qaba. Seerri kun Seerota Ulfoo ja’an (6)n Gadaan lallabu keessa kan jiran (Seera Waaqaafi Lafaa, Seera Abbaafi Haadhaa, Seera Malkaafi Tulluu jedhamu. Seeroonni kunniin akka ulfina argatan Gadaan ciminaan ni hordofa. Keessattuu jaarmiyaaleen warra Qaalluu dhimma amantii kana kallattiin kan raawwachiisu ta’a. Irreechis maaliifi eessati akka godhamu qabu ni tumsu. Dur ummanni Oromoo hundinuu ummataa Waaqeffataadha. Akkumaa Ummatoota Kuush Waaqa aduufi samii kan addunyaa kana uumeefi Tokkichaa maqaa dhibbaa, Gumgumaa garaa cabbii, Leemmoo garaa taliilaa jedha. Kun immoo aadaaf faaru issaati.
Irreeffachuun galateeffachuudha. Galanni immoo umaama qabatee Uumaa kadhachuudha. Kanaaf Oromoon margaa jiidhafi abaaboo ykn dararaa qabatee malkaa bu’uufi tulluu yaabee irreeffata. Kun aadaa Waaqeffatootaati. (Aadaa Namoota Waaqa tokkotti amananiidha.) Kunis Aadaa Oromoon Waaqa isa uumee ittiin dhugeeffatudha.
Aadaan ibsituu eenyummaa ilma namaati. Kanaaf Dhaabbilee sirni Gadaa Oromoon ijaare keessaa Irreechis isa tokkodha. Irreechi ka’uumsi isaa lafa araaraafi galateeffannaa irraa kan ka’e jedhama. Kana malees ardaa ykn ”lafa awwaalaa” ykn namni jaalatamaan tokko itti awwaalamerraa eegalee jedhu. Akka hayyuu beekamaa Tsaggaayee Gabra Madihiin Qawweessaa jedhaniifi maangudoota Oromootti, ka’umsi Irreechaa waggoota kuma 12 dura akka naannoo sulula Abbaayyaatti raawwatamaa tureefi qoodama maatifi araaraa bu’een walqabata jedhu,
Oromoo ykn “Oro-MO” Hora ykn Ilma kaam jechuudha. Seenaan isaa kana ta’e, waggoota 12,000 /kuma kudha laman/ dura “Asra” kan jedhamu mootonni Kuush/ Fari’oon/ Ilmi Aduufi Samii /kan Waaqaa/ jedhee of moggaase. Ilmaan qabu “Oraa” kan jedhamu ilma quxusu ykn maanadhaafi intala durbaa “Asesii” ykn Adbaar kan jedhamtu qaba ture. Maatiin kun waliin jireenya keessatti gaafa tokko walitti bu’anii obboleessi guddichi quxusicha rukutee ajjeese. Gocha kanatti baayyee kan gaddite Aseesii ykn Ateeteen iddoo obboleessi ishee Oraan du’eefi itti awwaalame sanitti biqiltuu odaa dhaabde. Kana booda akka guddatu malkaa Abbayyaatii bishaan waraabdee kunuunsaa turte. Maatii wal ajjeese jidduutti nageenyiifi araarri akka bu’u Waaqa “Aduufi Samiif” nageenya akka buusuuf kadhatte. Yeroo boodas Waaqayyo dheekkamsa isaa nageenyatti jijjiree; Roobnis roobuu qabe, maatiin wal ajjeeses gaaddisa Odaa jalatti irreeffatanii gumaan araaraman. Gaaddisni Odaas iddoo araaraa malee falaasama ofii qaba. Kunis Odaa tokko ta’ee biqilee bakka lamatti addaan bahaafi boodas dameen isaa walitti deebi’uun tokko ta’e. Hiikni isaas maatii addaan ba’ee boodas araaraan deebi’ee tokko ta’e kan ibsu mallatoofi aadaa Oromoo isa ganamaa waan ibsuufi.
Kanaafis kadhaa Waaqaa kana Ateeteen Odaa jalatti gooteen akka raawwateefi kanarra ka’uun yeroo sanaa kaasanii Odaan lafaa seeraafi araaraa, mariin Gadaa itti mari’atamu ta’e. Ateeteenis ayyanaa nageenyaafi eegduu maatii akka jedhamtu taate. Ayyaana itti fufiinsa dhaloota ykn sanyii nageenyaafi haadha deessuu jedhamte. Hayyuu beekamaan Tsaggaayee G/Madiin Qawweessaa gaazexaa Xoophiyaarratti (1997) yaada kana yoo ibsu akkana jedha.
Dhugeeffannaa Oromootaa keessatti aadaafi duudhaa isaa ganama yaadachuuf wayitii Irreechaa malkaawwan gurguddaafi haroowwanitti hirreeffachuufi siidaawwan dhadhaa muuduun /muuda/ hicitii armaan olitti ka’aa ture ibsuuf kan godhamudha jedha.
Ittifufa
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 21 Bara 2015