Irreechi aadaa galateeffannaati. Waaqa dukkana gannaatii gara booqaa birraatti nagaan nama dabarse gamtaan malkaatti ba’uun galata galchuudha. Ummatni Oromoo Aadaa baroota dheeraaf Sirna Gadaa keessati kuufate qaba.
Aadaan immoo muuxannoofi yaadota bara dheeraa keessaa dhala namaatiin darbaa dabarsaan gara dhalootaatti ce’eedha. Aadaan Oromoo immoo kan hammatame sirna Gadaa keessati. Gadaaan hawaasa Oromoo miseensa shanitti qoodee jiruufi jireenya isaanii akka sirnaan gaggeessan waliif dabarsu ta’e.
Kunis yeroosaatti sirna guutuu kan tureedha. Kanaaf, Gadaa damee siyaasaa, dinagdee hawwaasummaafi amantii ni qabaata. Kana keessatti Gadaan damee amantii namoonni akkamitti akka waaqeffataniifi dhugeeffatan seera qaba.
Seerri kun seerota ulfaa ja’an Gadaan lallabu keessa kan jiran (Seera Waaqaafi Lafaa, Seeraa Abbaafi Hadhaa, Seeraa Malkaafi Tulluuti jedhamu. Seeronni kunniin akka ulfina argataniif Gadaan ciminaan hordofa. Irreechi maaliif, eessatti akka godhamuu qabu ni tumsa.
Akkuma ummattoota Kuush warri Waaqaa aduufi samii kana, addunyaa kana uumeefi tokkicha maqaa dhibbaa, gumgumaa garaa cabbii, leemmoo garaa taliilaa jedha. Kun immoo Aadaaf faaruudha.
Irreeffachuun Galateeffachuudha. Galanni immoo uumama qabatanii Uumaa kadhachuudha. Kanaaf Oromoon marga jiidhaafi habaaboo qabatee malkaa bu’eefi Tulluu yaabee irreeffata. Kunis Aadaa Oromoon Waaqa isa uume ittiin dhugeeffatuudha.
Aadaan ibsituu eenyummaa dhala namaati. Kanaaf dhaabbilee sirni Gadaa Oromoon ijaare keessaa Irreechi isa tokko. Irreechi guyyaa ulfoo nagaan itti leellifamuufi kadhatamuudha. Nagaan badhaasa addaa uumaan uumamasaa hundaaf gumaacheedha.
Akka afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abduramaan jedhanittis, nageenyi biyyaa, lammii, maatii, jaarsaafi jaartii hanga daa’imaatti, beeylada manaafi bineensa ala galuuf, waliigalaan lubbu qabeeyyiifi dhabeeyyii hundaaf nagaan guyyaa itti mararfamuufi kadhatamuudha.
Uumaa uumamasaa tiksee guyyaa kana dhaqqabsiiseef ammoo guyyaa galataati. Sirna kadhataa, galataafi mararfannaa kanarratti Oromoo dabalatee ummattoonni obbolaa biroos kan irratti hirmaataniifi ummanni miiliyoonotaan lakkaa’amu bahee kan irreeffatuudha.
Bakka bu’oonni ummata keenyaa hundi keessatti argamaniifi dhimmoonni ijaarsa sirna dimokraasii, misoomawwan bu’uuraa, nagaafi tasgabbii ummataa, bulchiinsa gaarii, aadaa, seenaafi duudhaaleen sabichaa keessatti mul’atan, mari’atamaniifi murtaa’an waan ta’eef oggaa har’aafi boru Irreecha kabajnu haala duudhaa keenya ganamaa hammattummaa, warra nagaafi obbolummaa akkasumas guddummaa keenya agarsiisuun ta’uu qaba. Ayyaana gaarii!
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 21 Bara 2015