Addunyaa kanarratti amantii, waqtiilee, guyyoota injifannoowwaniifi kkf biyyoota, hordoftoota amantiifi hawaasa addaa addaatiin kan ayyaaneffatamaniifi kan kabajan yoo ta’u, kanneen keessaa gariinsaanii gita addunyaatti beekamtii argataniin kaan ammoo sadarkaa biyyaatti utuu ayyaaneffatamanii agarra. Darbees biyyoota gara garaa keessatti ayyaanni yookaan guyyootni kabajaman akka biyyaatti kan ayyaaneffataman yoo ta’an kaan ammoo akka saba tokkootti, akka amantii tokkootti kan kabajaman ta’anii argamu. Guyyootni adda ba’an kunniinis seenaa yookaan amantii wajjin kan walqabatan ta’uu danda’u.
Kanneen keessaa tokko tokko galataaf, kadhataaf, waaqeffannaaf yeroo ta’an kaan ammoo akkasumaan taateewwan darban yaadachuuf kan gaggeeffaman ta’u. Fakkeenyaaf biyyootni akka Faransaay guyyaa itti bittaa mootummaa hamaa jalaa ba’an keessumaa isa warraaqsa Faransaay jedhamee beekamu bara 1789 kan ittiin yaadatan yoo ta’u, kanneen akka Awustiraaliyaa guyyaa birmadummaa argatan taasisanii kabajatu.
Egaa ayyaaneffannaan yoom eegale kan jedhu gaaffii keenya ta’uu danda’a. Isa kana gama seenaafi gama amantiitiin ilaaluun yoo danda’amellee barreeffama kanaaf jecha gama seenaan ilaaluun barbaachisaadha. Akka barreeffamootni gara garaa agarsiisanitti ayyaaneffachuun kan eegalame bara durii (Ancient times) yoo ta’u, tarii aarsaa namoota du’an ilaalchisee dhiyaatan wajjin akka walqabatu dubbatu. Kanatti aansuun akka namootni jijjiirama waqtiilee gara garaa waaqeffachuu eegalan agarra. Inni kun tarii yeroo itti midhaan facaasaniifi galfatan yeroo itti ayyaaneffatan ture.
Ittifufuun ayyaanni warri Roomaafi Giriikii ayyaaneffatan taphawwan gara garaa kanneen akka Oloompikiifi kkf kan of keessatti qabate akka ta’e beekamaadha. Biyyootni akka Roomaa ammoo ji’a Guraandhalaa keessa ayyaana Luppeerkaaliyaan jedhamu yoo ayyaaneffatan ji’a Muddee keessa ayyaana Saaternaaliyaan jedhamu sirbaafi dhiichisaan, nyaataafi dhugaatiin ayyaaaneffatu turan. Isaan kunniin bu’ura ayyaanota biyyoota gara garaatti bara keenya keessatti mul’atan ta’uu danda’u.
Ayyaanonni hedduun amantiilee gara garaa wajjin kan walqabataniidha. Isaan kun waaqeffannaa nyaata qulqullaa’aa, guyyaa qulqullaa’aa of keessatti hammatu, ayyaaneffannaa haalota gara garaafi taateewwan addaa addaa ittifufuun yeroo ammaa ayyaanota mana sagadaatii eegalee hanga dirreetti ayyaaneffatamiiniif bu’uura ta’eera jechuun nidanda’ama.
Bara keessa jirru kanas ayyaannis ta’e guyyootni itti taateewwan gara garaa raawwataman fakkeenyaaf kanneen akka guyyaa injifannoo, waaqeffannaa amantiilee wajjin kan walqabatan kanneen akka ayyaana Masqalaa, Irreechaafi kkf hedduun gama amantii Kiristaanaanis ta’e Islaamaan ni ayyaaneffatamu. Isaan kunniin kan dhiyeenya kana eegalan utuu hinta’in baroota dheeraa lakkoofsifataniiru.
Biyyi keenyas biyya ayyaaneffannaawwan adda addaa akka biyyoolessaattis ta’e dhuunfaatti keessatti gaggeeffamuudha. Biyya sabaafi sablammiiwwan gara garaa keessa jiraatu, namootni amantiilee adda addaa qaban kan waliigalteen jiraataniifi waaqeffannaansaaniis bu’uura mataasaa qabuudha.
Tarii namootni gama amantiitiin dirreerrattis ta’e naannawa mana amantiisaaniitti gaggeeffataniif hiikkaa hafuuraa niqabaataaf. Ayyaanota akka biyya keenyaatti ayyaaneffataman yeroo ilaallu tokko tokko amantiirratti kan hundaa’an, kaanis waqtiileerratti kan bu’ureeffaman, kaan ammoo gita biyyoolessaatti biyyaan kan ayyaaneeffataman ta’uunsaanii beekamaadha.
Isaan kunniin marti bifa bareedaa ta’een waggaatii gara waggaatti oggaa gaggeeffaman daaw’achuun daran kan namatti tolu, faayidaansaaniis kallattiilee gara garaatiin akka dhuunfaattis ta’e akka biyyaatti guddaadha.
Kanaaf ayyaanonni hedduun akka saba tokkoottis ta’e biyyaalessaatti kan ayyaaneffatamaa turan gama amantiinis ta’e amantiin ala kan namoota walitti fidan, burqaa gammachuu, burqaa nagaa, burqaa eebbaa akka ta’an beekamaadha. Namoonni guyyoota ayyaaneffataman kanarratti amantiin utuu adda walhinbaasin, waliin gammaduu, waliin ayyaaneeffachuu, waliin nyaachuufi dhuguudhaan kan dabarsan, gama kan biraanis hiikkaa isaa isa gadi fagoo, maaliif akka ayyaaneffatan yeroo itti adda baasanii hubataniidha.
Kanarraa kan ka’e ayyaanni kamuu sababa rakkoofi jeequmsaa, burqaa miidhamaa ta’ee hinbeeku. Hawaasni ayyaanasaa gammachuu guddaafi hawwiidhaan eeggata.
Ayyaanota kanneen keessaa gariinsaanii dirreetti ba’uun kan ayyaaneffatamaniidha. Faayidaan kanaa danuudha. Ayyaanni dirreerrattis ta’e hawaasa waliin ayyaaneffatamu namoota kanaan dura walhinbeekne kan walitti fidu, kan walbarsiisu, akka namootni caalaatti wanta waaqeffatan yookaan amantiisaanii hubatan kan taasisu, aadaas ta’e barsiifata qabanitti akka jabaatan kan taasisuudha.
Darbees akka namoota gidduutti hariiroo gaariin jiraatu, waliigalteen akka hawaasaatti akka uumamuuf bu’aansaa cimaadha. Rakkoon jiru garuu namootni dhimma dhuunfaasaaniif yeroo muraasaa as itti dhimma ba’uun duudhaaleen kunniin dimismisaa’aa deemeera. Hanga gara biraatti jijjiiramuutti ga’uutti argineerra. Inni kun itti yaadamuu, irratti hojjetamuufi sirrachuu qaba. Gara duudhaa isa ganamaatti deebi’uun barbaachisaadha.
Karaa biraas ayyaaneffachuun seenaa, amantii, aadaafi kkf kan dhaloota darbee keessa ture dhaloota ammaatti kan dabarsu, dhalootni ammaa abbootasaa darbanirraa akka biyyaattis ta’e akka amantiitti akka baratuuf kan gargaaruudha. Gama amantiinis akkasuma. Namootni darban maal akka hordofaa turan, maal akka dabarsan, hiikkaa maalii akka isaaniif qabu dhalootni har’aa kan irraa barataniifi duudhaaleen kun utuu hinjallatin dhaloota dhufutti daandii ittiin dabarsaniidha.
Gaaffiin guddaan of gaafachuu qabnu yoo jiraate garuu bara keessa jirru kana ergaa inni kanaan dura qabaataa ture akka har’a of keessaa hindhabnetti ayyaanota ayyaaneffannu akka biyyoolessaattis ta’e akka amantaa tokkootti maal gochaa akka jirru, hangam akka eegnee dabarsaa jirru gadi fageenyaan itti yaaduufi irratti hojjechuun murteessaadha.
Ayyaanotni adda addaa yeroo dirree irratti ayyaaneffataman burqaa rakkinaa utuu hinta’in burqaa akka biyyaatti walitti dhufeenya hawaasa gidduutti fiduudha. Namootni ayyaana injifannoo garaa garaa ayyaaneffatamanirraa walitti dhufeenyaan walii wajjin dhaabachuu keessa humni meeshaa hammayyaa caalu akka jiru hubatu.
Fakkeenyaaf, guyyaa ayyaana injifannoo Adwaa ilaalchisee namootni waliin dhaabachuun hangam akka faayidaa qabu hubatu. Dhaloota dhufutti isa kana labsa. Waliin dhaabachuun bu’aa akkamii akka qabu dubbata.
Gama amantaan illee taanaan ayyaanonni ayyaaneffataman akka biyya keenyaatti danuudha. Amantiin Islaamaa dirreerratti kan ayyaaneffatan qabu. Amantiin Kiristaanaas ta’e Waaqeffataan niqabaatu. Tarii namootni hedduun kan hinhubanne yoo jiraate faayidaa isaan qaban ta’uunsaa beekamaadha.
Amantiin tokko dirree irratti yeroo waaqeffatus ta’e yeroo ayyaaneffatu waa’ee amantaa sanaa gadi fageenyaan akka barruuf carraa guddaa nuuf kenna. Baay’een keenya amantii mataa keenyaa yoo qabaannellee dabalataan kan namoota naannwa keenyaa, waaqeffannaasaanii, duudhaa isaan qaban akka hubannuufi wantootni achi keessatti calaqqisan gaarii yoo ta’e akka irraa barannu, yoo hamaa ta’e ammoo akka irraa baqannuuf carraa guddaa nuu kenna. Isaan kanneen akka adda baafannuuf nu gargaara.
Guyyoonni ayyaaneffannaa biyya keenya keessatti gaggeeffaman faayidaan isaanii kan biraa aadaa keenya akka eeggannuuf nu gargaara. Duudhaa darbaa dabarsaan nu bira ga’e akka hindaganneefi dhaloota dhufutti akka dabarsinuuf nu gargaara. Isa kanarrattillee gadi fageenyaan yaaduufi irratti hojjechuun barbaachisaadha.
Karaa biraas yeroon ayyaanaa akka maatiifi firaatti faayidaa guddaa qaba. Yeroo itti maatiifi firoonni tokkummaan waliin dabarsaniidha. Maatiin walirraa fagaatee jiraatu yeroo itti walbarbaaduudha. Yeroo itti waliin tokkummaan dabarsaniidha. Haalota keessa turre, tarii haala nama dhiphisu keessaa baanee yerootti boqonnuudha. Hojii keessa turre keessaa ba’uun maatiifi firootaa wajjin yeroo dabarsinuudha.
Kanaaf faayidaan isaa akka biyyaafi amantaa yookaan ayyaaneffannaa qofa utuu hinta’in akka dhuunfaa keenyaattillee faayidaan isaa guddaadha. Yeroo boqonnaati. Yeroo haala jiru keessaa baanuudha. Akka maatiittis yeroo tokkummaati. Akka biyyaattis yeroo namootaa wajjin caalaatti wal barruudha. Gama amantaanis warra kaleessaa irraa kan barru, dhaloota dhufuttis duudhaalee amantii jiran eegnee yeroo itti dabarsinuudha.
Gara dhumaatti, guyyootni ayyaanaa yeroo itti ofii keenya qofaaf gammannu utuu hinta’in namoota harka qalleeyyiillee yeroo itti gargaarruudha. Namoota gidduutti riqicha ijaaruun akka namoota harka qalleeyyii tumsinu, waan qabnu irraa akka warra kaaniif arjoomnu guyyaa carraa nuuf kennuudha.
Inni kun hawaasa gidduutti walitti dhufeenya kan cimsu, tokkummaa hawaasa gidduu jiru kan jabeessu malee kan laaffisu miti. Darbees, gama dinagdeen faayidaan isaa guddaadha. Uffanniwwan ayyaana kanarratti uffataman, namootni dawannaaf biyya ambaatii dhufan, guyyaa ayyaana kanaatti meeshaaleen garaa garaa barbaachisan irraa galiin argamu dinagdee biyyaa kan tumsu, namoota dhuunfaa kan deeggaruudha.
Waliigalatti, ayyaanonni ayyaaneffataman akka dhuunfaattis ta’e akka hawaasaatti, aadaa tokko guddisuufis ta’e duudhaalee jiran dhaloota dhufutti dabarsuuf, namoota walitti fiduun akka wal irraa baratan, tokkummaan hawaasa gidduutti akka cimu, namoonni haala jiran keessaa ba’anii akka boqonnaa argatan, akka dinagdeen dhuunfaas ta’e biyyaa guddatuuf kan gargaaruudha. Egaa ayyaanota jiran mara safartuu kanaan ilaaluun tarii bakka itti karaa irraa kaate yoo jiraatu madaaluun bakkatti deebisuun murteessaadha.
“…ayyaanni akka saba tokkoottis ta’e kan sablammilee garaa garaatti ayyaaneffatamaa kan namoota walitti fidan, burqaa gammachuu, burqaa nagaa, burqaa dinagdee, burqaa boqonnaafi eebbaati. Madaalliinsaas kanuma.”
Doktar Zarihun Gabree
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 21 Bara 2015