Ayyaanni Irreecha Hora Finfinnee har’a Magaalaa Finfinneetti, kan Hora Harsadii ammoo bor Magaalaa Bishooftuutti kabajama. Jala bultiin ayyaanichaas marii paanaalii, baazaariifi sagantaalee gara garaatiin kabajameera. Baazaariin Irreechaa Kamisa darbe Giddugala Aadaa Oromootti banamerratti uffannaa, faayaawwaniifi meeshaaleen aadaa Oromoo ibsan adda addaa dhiyaataniiru.
Obbo Sabirii Kamaal baazaaricharratti meeshaaleefi faayawwan aadaa Oromoo qabatanii kan dhiyaatan yoo ta’u, baazaarichi namoonni uffannaa, faayawwaniifi meeshaalee aadaa bitachuu barbaadan bakka tokkotti akka argatan taasisuufi aadaa Oromoo guddisuufi beeksisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Meeshaaleen aadaa isaan qabatanii dhiyaatanis waggoota dheeraa kan lakkoofsisaniifi jabina kan qaban ta’uu eeranii, baazaarichi meeshaalee, uffannaafi faayawwan aadaa Oromoo kanneeniif carraa gabaa bal’aa kan uume ta’uu dubbatu.
Meeshaalee aadaa baazaaricharratti dhiyeessan godinaalee Oromiyaa adda addaarraa walitti qabuu kan himan Obbo Sabriin, baay’eesaanii godina Jimmaafi Wallaggaarraa kan walitti qaban. Meeshaaleen aadaa kunneen Finfinneetti gurguraa, suphaafi fakkeessanii hojjechaa jiraachuu eeranii, meeshaaleen aadaa isaan baazaaricharratti dhiyeessan hedduun muka Waddeessaa bilchaataarra kan hojjetamaniifi cimina kan qaban ta’uufi aadaafi seenaa Oromoo ibsuu keessatti qooda olaanaa qabu. Meeshaalee aadaa durii muka bilchaataarraa waan hojjetamaniif jabina qabu. Kanaafuu namoonni meeshaalee aadaa durii bitatanis ta’e manaa qaban sirriitti eeguu, kunuunsuufi ittifayyadamuun dhaloota ittaanutti akka dabarsaniif dhaamsa dabarsaniiru.
Baazaariin Irreechaa kun namoota baay’een akka walbaran, meeshaalee aadaa Oromoo dur hojjetaman akka gurgurataniifi agarsiisaniif carraa gaarii naaf uumeera kan jedhan Obbo Sabiriin, baazaarichi namoonni wantoota bitachuu barbaadan bakka tokkotti akka argatan taasisuufi walitti hidhamiinsa gabaa uumuu keessatti gahee guddaa kan qabu ta’uus eeraniiru.
Yeroo ammaa namoonni Oromoo ta’anii meeshaalee aadaasaanii ibsan manaa hinqabne baay’ee waan ta’aniif carraa akkasiitti fayyadamuun meeshaa aadaa dhalootaa dhalootatti darban bitachuufi kanneen qaban ammoo eeguufi kunuunsuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Obbo Waaqumaa Abbayyaa Galatee Godina Shawaa Lixaa Magaalaa Baakkoorra Ayyaana Irreechaarratti argamuuf dursanii akka dhufan dubbatu. Baazaariin jala bultii ayyaanichaa ilaalchisuun Finfinnee Giddugala Aadaa Oromootti baname baay’ee kan nama gammachiisu, aadaa Oromoo baroota dheeraaf ukkaamamee ture beeksisuufi barsiisuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu himu.
Irreechi Hora Finfinnee waggoota 150 oliif addaan citee ture bakkatti deebi’ee aadaafi duudhaan Oromoo irraanfatamee ture waggoota shanan darbanii as Finfinnee keessatti mul’achuu jalqabeera kan jedhan maanguddoon kun, baazaariin jala bultii Ayyaana Irreechaatti banamu kun aadaa Oromoo beeksisuu, walitti hidhamiinsa gabaa uumuufi galii argamsiisuu keessatti gahee guddaa waan qabuuf gara fuulduraatti kana caalaatti ammayyaa’ee qophaa’uu kan qabu ta’uus eeraniiru.
Irreechi mallattoo araaraa, nageenyaa, jaalalaafi obbolummaa waan ta’eef hundumtuu duudhaafi safuu ayyaanichaa eeguudhaan kabajuu akka qabu yaadachiisanii, ayyaanichi hunda keenyaaf kan milkii, nagaafi jaalalaa haata’u jechuun ergaa hawwii gaarii dabarsaniiru.
Jiraataa Magaalaa Finfinnee kan ta’e Dargaggoo Bari’aa Moosaa akka jedhutti, baazaariin jala bultii Irreechaa haala kanaan qophaa’uunsaa ayyaanichaaf miidhagina addaa kenna. Baazaariin kun Giddugala Aadaa Oromootti qophaa’uunsaa giddugalichi waa’ee aadaa Oromoo akka dubbatu, barsiisuufi beeksisu taasiseera jedha.
Baazaarichi kaffaltii seensaa waan hinqabneef hundumtuu itti goree meeshaalee, uffannaafi faayawwan aadaa Oromoo ibsan bitachuufi daawwachuu danda’a kan jedhu dargaggoon kun, baazaarichi warra gurguruufis ta’e bitatu waltajjii tokkotti fiduun walitti hidhamiinsa gabaa uumuu keessattillee bu’aa guddaa qaba. Ayyaanni Irreechaa aadaafi duudhaa Oromoo hawaasa addunyaatti beeksisuuf kan gargaaru ta’uus eereera.
Ayyaanni Irreechaa aadaafi duudhaa gabbataa hawaasni addunyaa irraa barachuu qabu hedduu of keessaa waan qabuuf qo’annoofi qorannoo gadfagoo irratti adeemsisuun ‘UNESCO’tti akka galmaa’uuf hayyoonni gahee isaanirraa eegamu bahachuu qabu kan jedhu Bari’aan, ayyaana Irreechaa beeksisuufi gurgurachuurratti hojiin hanga ammaatti raawwatame gahaa miti. Miidiyaaleenis afaanota adda addaa fayyadamuudhaan aadaafi duudhaa ayyaanichaa karaa dijitaalawaa ta’een viidiyoo, suuraa, barreeffamaafi sagaleedhaan addunyaatti beeksisuurratti hanqina kan qaban ta’uu dubbata.
Itoophiyaan biyya sabootaafi sablammoota aadaa, afaaniifi amantaa gara garaa qaban hedduu waan qabduuf miidiyaaleen biyyattii aadaafi duudhaa sabootaafi sablammoota hundaa beeksisuufi barsiisuurratti xiyyeeffachuu qabu. Miidiyaaleen aadaafi duudhaa saba tokkoo qofa kan leellisan yoo ta’e kun balaa qaba. Kanaafuu miidiyaaleen aadaafi duudhaa sabootaafi sablammoota biyyattii hundaa walqixa ilaaluu, barsiisuufi beeksisuurratti xiyyeeffatanii hojjechuu qabu jedha.
Irreechi Hora Finfinnee waggaa 150 booda bara 2012 irraa kaasee kabajamaa jiraachuu kan himu dargaggoon kun, ayyaanni Irreecha Hora Finfinnees ta’e Hora Harsadii bara 2012 haala ajaa’ibaatiin kabajame. Rakkoon nageenyaa tokkollee hinmudanne. Bara itti aanu lamaan sababa weerara vaayirasii koronaatiin haala eegamuun hinkabajamne jedha.
Ayyaanni Irreechaa akkuma ayyaana Masqalaa torban darbeetti nagaan kabajamuu qaba. Ayyaanichi nagaan akka kabajamu taasisuu keessatti gaheen Abbootii Gadaa, Haadholii Siinqee, dargaggootaa, qaamolee nageenyaa murteessaadha kan jedhu Dargaggoo Bari’aan, ilaalchi namoonni tokko tokko Ayyaana Irreechaarratti qabanis jijjiiramuu qaba. Irreechi ayyaana nagaa, araaraa, jaalalaafi tokkummaati jedha.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 21 Bara 2015