Sirna simannaa ispoorteessitootaa Gujiitti:

Godina Gujii Lixaatti sirni Simannaa Gootota Ispoortii Kubbaa Miilaatiin garee biyyaalessaa keessatti taphaata jiraniif taasifame. Isaanis Daawwaa Hoxxeessaatiifi Habtamuu Taddeesaati.

Ammaas dabalataan akka Godina Gujii Lixaatti ispoorteessitoota kubbaa miilaatiin kilaboota guguddoo keessatti taphachaa jiraniif badhaasni mallaqaa ispoortessitoota torbaaf kennameera. Akkamas miseena liigii biyyaalessaa magaalaa Bulee Horaatiifi kubbaa miilaa baay’inaan 10 kennameera.

Kana malees Daawwaa Hoxxeessaafi Habtamuu Taaddasaatiif tokko tokkoosaaniif lafti karee meeetirri 502, warqii giraamni 32.5 kennameeraaf. Ispoorteessitoota kileebiwwaan gara garaa keessatti taphachaa jiraniif ammoo qarshii kuma 70n kennameera.

Akka odeeffannoon Biiroo Dargaggootaafi Ispoortii Oromiyaarraa argame addeessutti garee Liigii Biyyaalessaa magaalaa Bulee Horaatiif kubbaa miilaa 10fi qarshiin kuma 35 kennameera. Simannichi bifa addaa ta’een akka godinaatti kan gaggeeffame yoo ta’u, aanaalee godinichaa hundas kan hammateedha.

BARIISAA SANBATAA F ulbaana 14 B ara2 0

Recommended For You