Gareen shororkeessaa ABUT bara hoggansasaa qabeenya Oromoo saamuu cinaatti madaan dhiittaa mirga namummaa sukaneessaan raawwachaa tureen uumame hanga ammaatti hinqoorre.
Gareen shororkeessaan kun ummanni Oromoo eenyuummaasaatiin akka mataa ol qabatee hindeemneefi aadaasaa akka hinguddifanneefis dadhabsiisaa ture.
Bara 2009 ummata sirna kabaja ayyaana Irreecha Hora Harsadii irratti hirmaachaa turerratti haleellaa sukanneessaa raawwachuun maatii tokko keessaa hanga namni shanii dhumuun, waliigalaan ammoo namoonni 700 ta’an ajjeefamuun gocha badii garichaa kan mul’isuudha.
Taatee sanas miidiyaaleen akka ittaanufaatti gabaasaa turan, “Magaalaa Bushooftuu keessatti har’a ayyaana Irreechaa kabajuuf ummata miliyoonaan lakkaa’amutu yaa’e. Ummanni yaa’e diddaa mootummaaf qabu mul’isuuf harkasaa walqaxxaamursuudhaan ture gama ayyaanni kun itti ayyaaneffatamu hora Arsadiitti deemaa kan ture”.
“Humnoonni mootummaa lafoodhaan dhukaasaan, samii irraan immoo gaazii imimmaansu sana booda waan biifamuu jalqabeef ummanni achitti walga’e ukkaamamee dhaabachuu waan dadhabeef utuu achii baqachuuf yaaluu hedduun walirratti kufuudhaan kaanis lafti isaan irra ejjetan ittiin citee lafa jalatti awwaalaman. Kaan immoo itti dhukaafamuun ajjeefaman jechuudhaan” kanneen taaticha ijaan argan ragaa bahanii turan.
“Dhumaatiin Ayyaana Irreechaarratti, magaalaa Bishooftuutti raawwatame dhumaatii addaati. Gochi Faashistoonni Wayyaanee jedhaman Bishooftuutti raawwatan hamaadha. Wayyaanonni dhumaatii sukanneessaa raawwataniiru. Kanaanis ummanni Itoophiyaa Wayyaaneedhaan: “muu badi! Akkuma ati dhiiga ilmoo namaa dhangalaafte, mee Waaqni dhiiga kee haa dhangalaasu!” jechuun isa abaaraa jira.”
Ayyaanni Irreechaa, ayyaana sonaan kabajamaa ummanni Oromoo nagaan yaa’ee, nagaan Waaqa ofii galateeffatuudha. Haatahu malee, Wayyaanonni nagaafi safuu hinbeekne, qawweefi taankiin, helikoptaraafi gaazii imimmanessuun Ayyaana Irreechaarratti ummata coqorsaafi daraaraa qabatee yaa’utti dhukaasisuun galaafate.
“Amma jara Waaqaafi lafaan abaarameen, nama Waaqaafi lafti jibbeen gonkumaa hinbitamnu! Waaqaa lafti waan nu cinaa jiraniif, alaa manaa olkaanee bineeyyii kanneen ofirraa darbachuun ofbilisoomsuu qabna”! jedhe ummanni.
Abukaatonni, abbootiin seeraafi ogeeyyiin seeraa dureewwan TPLF manneen seeraa addunyaatti dhiyeessuu qabu. Durreewwan Wayyaanee dhiiga ummata Oromoo akka lolaa Adoolessaatti dhangalaasanii, addunyaa keessa deddeemanii olola afuufuufi bashannanuun dhaabachuu qabas jedhame.
Bakkawwan adeeman hundatti poolisoota biyyoota keessa deddeeman saniin adamsamanii qabamuun seeratti dhiyaachuu qabu. Kana Oromoonni waa’ee seeraa barataniifi beekan hojiisaanii isa hangafa godhachuun duukaa bu’uun dirqama Oromummaa ta’uunis eerame.
Ittidabaluunis, “Egaa, akkumma Oromoon: “abbaan iyyu malee, ollaan namaa hinbirmatu” jedhu san jabaannee, waljajjabeessaa irratti hojjachuun dirqama. Amma nuti ni turra, waa eegna yoo jenne Wayyaaneen waa nu hintursiiftu; waa nu hineegsiftu”.
Karaa hunda nutti cuftee, lafa irraa nu duguugdee dachee teenya jiituu tana, Oromiyaa kan dandeesse ofii dhaaltee kan dadhabde immoo yeeyyiiwwan addunyaatti gurgurachuu feeti. Kun ni feetii otoo hintaane jalqabdee jirti. Kanaafi, kan ishiin Irreecha Harsadiirratti guyyaa tokkicha keessatti Oromoota 700 galaafatteef, kanneen kumaatamaan lakkaa’amanis madeessiteef” jechuun adeemsi murnichaa hadheeffamaa ture.
Egaa gareen kun waggoota 27 ummata Itoophiyaa keessumaa Oromoorratti darbees qeerroo, qarreefi hayyoota Oromoo yakkoota tarreeffamee hindhumne heddu raawwateera.
Dhugaadha, murnichi baroota aangoosaa guutuu gootota Oromoo hedduu sababoota adda addaa ittimaxxansuun garajabeenyaan ajjeesaa, qabeenyasaa saamaa yakka tarreeffamee hindhumne raawwateera.
Gareen kun hanga gaafa qabsoo Oromoofi saboota biyyattii kanaaniin aangoorraa kaafameetti gidiraafi miidhaan biyyaafi ummatarraan gahe daran ulfaataafi sukanneessaadha.
Murni shororkeessaa kun erga aangoorraa ari’amee Tigraay, Maqalee mandheffatee asis harka wayyaa jalaatiin ummata biyyattii hiraarsuufi girsuurraa harkasaa hammanya bare hindachaafanne. Akkuma bare ajandaalee badii adda addaa bocuudhaan biyya boqonnaa dhorkaa jira.
Murnichi ummatuma maqaasaatiin kakatuufillee kan garaa laafu waan hintaaneef ijoolleesaa gara waraana hinbarbaachifnerratti hirmaachisuun lubbuusaanii tasatti gabbarsiisaa jira; akka harka namaatiin ibidda qabachuu jedhamu sana.
Naannoleefi saboota biyyattii kan murni shororkeessaa kun wiirtuu jeequmsaafi boo’ichaa gochuuf akkasumas waan qindoominasaatiin aangoorraa darbateef haaloo bahachuuf ittigamaa jiru Oromiyaafi Oromoodha. Kanaaf murnicha gochasaa wajjin alaalumatti balaaleffachuun waan boruuf jedhamu miti.
Murnichi farra nagaa, misoomaafi guddinaa ta’uun hanga liibsuu ijaatiifillee dagatamuu hinqabu. Waraana gareen shororkeessaa ABUT biyyi maaliif jiraatti jedhee jalqabes hunduu qolachuuf haaluma eegalameen miiraafi qalbii tokkoon cimee ittifufuu qaba.
Oromoos ta’e ummanni Itoophiyaa kuun biyya waloo keenya tokkummaan eeguu qabna.
Kutaa qophiitiin
BARIISAA SANBATAA F ulbaana 14 B ara2 0