“Kubbaa Miilaa Oromiyaa ceessisuuf humna qabnuun hojjenna” – Doktar Waaqjiraa Simaa

Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Oromiyaa yaa’iisaa 1ffaa tibbana Adaamaatti gaggeesseen koree raawwachiistuu hojii haaraa kan filate yoo ta’u, Doktar Waaqjiraa Simaa Pirezidaantii Federeeshinii Kubbaa Miilaa Oromiyaa ta’uun filatamaniiru.

Pirezidaantichi haasaa yaa’icharratti taasisaniin kubbaa miilaa Oromiyaa ceessisuuf koree isaan waliin filatamaniifi qaamota dhimmisaa ilaallatu waliin ta’anii kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.

Sochii kubbaa miilaa Oromiyaa cimsuufis hudhaalee damichaa adda baasuun hanqinaafi ciminasaarratti xiyyeeffannoo kennanii hojjechuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Kunimmoo hojiirra kan ooluu danda’u sochii fedhereeshinichaafi koreewwaniin qofaan osoo hintaane hirmaannaa abbootii qabeenyaas ni barbaada jedhaniiru.

Kanaan dura taphattoonni hedduu horatamuu ibsanii, naannoorra darbanii biyyaaf bu’aa buusaa akka jiran kaasaniiru. Sun taphattoota yeroo ammaa duuba jiraniif fakkeenya gaarii ta’uu ibsanii, guddattootarratti xiyyeeffatanii kan hojjetan akka ta’e ibsaniiru.

Miseensonni raawwachiistuu hojii alana filatamanis ga’umsaafi kutannoo qabu jedhanii, imaanaa itti kenname milkeessuuf cimsanii hojjechuuf qophii ta’uusaanii eeeraniiru.

Ittigaafatamaa Waajjira Federeeshinii Kubbaa Miilaa Oromiyaa Obbo Firoomsaa Laggasaa gamasaaniin dubbii dubbataniin kubbaa miilaan dhaloota ga’umsa qabu horachuuf guddattootarratti xiyyeeffatamee hojjetamuu qaba jedhaniiru.

Kun akka milkaahuufimmoo sadarkaa godinaatti federeeshinii hundeessuun barbaachisaadha jedhanii, kanaafis xiyyeeffannoon akka hojjetan dubbatu.

Hojiin dhaloota kubbaa miilaan korniyaawwan lamaaniinuu gahoomsuun kan garee tokkoo qofa miti jedhanii, abbootiin qabeenyaas hirmaannaa taasisuu akka qaban hubachiisaniiru.

Raawwachiistonni hojii filataman kunniin damee kana ceessisuurratti ga’umsa qabu jedhanii, qaamonni dhimmisaa ilaallatus waliindhaabachuu akka qaban gaafataniiru.

Hojii kanaan dura tureen Oromiyaan taphattoota biyyaaf ija ta’an uumuu dandahuu ibsanii, ammas sana ol horachuuf taphattoota guddatoo kunuunsuurratti hojjetamuu qaba jedhu.

Isa kanaafimmoo ijaarsi istaadiyoomii sadarkaasaa eeggatee dhibuun hudhaa ta’uu kasanii, kun akka furamuuf humna qabaniin namoota filataman waliin hojiin cimaa akka isaan eeggatu ibsaniiru.

Guddattoota filatanii umrii barbaadameen dhiyeessuurratti godinoonni rakkina qabu jedhanii, kan ganna 17 gadii akka dhiyeessaniif yeroo gaafataman dargaggeessa ganna 20 dhiyeessuun qormaata damichaa tureedha jedhu Obbo Firoomsaan.

Godinaaleen kana beekanii korniyaawwan lamaaniinuu umrii gaafatame giddugaleeffachuun dhiyeessuu akka qaban ga’umsasaanii adda baasuufi sadarkaa naannoorra darbanii biyyaaf akka bu’aa buusaniif miira kankooti jedhuun hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA F ulbaana 14 B ara2 0

Recommended For You