“Irreechi Jaarmayaa Gadaa Itoophiyaanota maraa, waan ta’eef jibbuun miira Itoophiyaanummaarraa fagaatedha” – Doktar Daani’el Dheeressaa

Irreechi Jaarmayaalee Gadaa Oromoo keessaa isa tokko yoo ta’u nageenya, tokkummaa, obbolummaa, walqixxummaafi uumama maraaf sirna kabaja kennu waan ta’eef kan Itoophiyaanota maraati jechuun nidanda’ama.

Irreechi nageenya erga jennee kan nagaa barbaadu Oromoo qofa hamma hintaanetti sabaaf sablammootni hundinuu miira kankooti jedhuun kabajuu akka malan hayyonni seenaa nikaasu.

Kabaja jala bultii ayyaana Irreechaa Hora Finfinnee fi Harsadii kabajamuuf jiru ilaalchisuun Irreechi maali kaleessaa fi har’a maal fakkaata isa jedhuuf gaazexaan Bariisaa hayyuu tokko qabattee dhiyaatteetti.

Hayyuun keenya Hundeessitoota Galma Aadaa Oromoo fi hayyuu seenaa kan ta’an Doktar Daani’el Dheeressaa yoo ta’an gaafdeebii isaan waliin taasisne akkaataa armaan gadiin isiniif dhiyeessineerra.

Bariisaa: Doktar Daani’el Dheeressaa eenyu? Eessatti dhalatanii guddatan?

Doktar Daani’el: Ani ilma qotee bulaati, kanan dhaladhee guddadhes Godina Wallagga Lixaa Aanaa Ayiraa bakka jedhamuttidha. Umriin koo barnootaaf akkuma gaheen sadarkaa 1ffaa Mana Barumsaa Mishinerii Jarman Calliyaatti argamuttan baradhe. Kutaa 7 fi 8 Mana barumsaa Mishinerii Ayiraattin xumure.

Sana booda sadarkaa 2ffaan achi waan hinjirreef magaalaa Dambidolloo mana Barumsaa Mishinerii Ivaanjelikaalii Beeteel jedhamuttan barumsakoo sadarkaa 2ffaa kutaa sagalii hanga kutaa kudha tokkoo achittan baradhe.

Kutaa 11 akkuman xumureen hulluum wede Zemechaa (Hunduu gara adda waraanaatti) labsiin jedhu labsamuusaan barumsakoo osoo hin xumuriin adda waraanaattin bobbahe.

Bariisaa: Duultanii yoom deebitan?

Doktar Daani’el: Bara 1969 dirqama loltummaa natti laatame xumuree biyyattan deebi’e, akkuman biyyatti deebi’een Kaadiree Oomishaa (Mirti Kaadiree) ta’een hojiin jalqabe yeroonsaa yeroo ‘qeyyi shibbirii’ ture .

Bariisaa: Yeroon kun waqtii ‘qeyyi Shibbirii’ (Goolii Diimaa) ture jettaniittu, mee akkamiin ‘qeyyi shibbirii’ kana jalaa baatan?

Doktar Daani’el: Yerichi yeroo balaafamaa ture anis ajaja Bulchaa Awuraajjaa Wallaggaa kan ta’an Nugusee Faantaan hidhameera, wayitii sanatti haalli mana hidhaa keessa ture ulfaataa ture, badiin osoo namatti hin murtaa’in kan ajjeefamu hedduudha.

Bariisaa: Badii maalii dalagdanii hidhamtan silaa waamicha hunduu gara adda waraanaatti jedhu isiniif taasifame hordoftanii duultaniittu, hammamimmoo hidhamtan?

Doktar Daani’el: Hidhamuukoof sababa kan ta’e Wallagga Lixaa Innaangootti Gadaa buttaa waan qalleefi, kanan hidhames waggoota sadiifidha.

Jaalleewwan nawaliin hidhaman keessaa hiriyoonnikoo afur goolii diimaa sanaan gara jabummaan ajjeefamaniiru, ani garuu galata Rabbii lubbuun gaafa guyyaashii malee hinbaatu oolee har’a gaheera.

Namoota soddomii jaha taanee hidhamnee hedduun dhumaniiru anaafi hiriyootakoo dabalatee nama “Abbiyyuu Galataa” jedhamutu nubaraare, innis siyaasarraa bilisadha rakkoo ilaacha booddeetti harkistummaa hinqabani jedhee wabiin du’a nu oolcheeraa.

Bariisaa: Manni hidhaa hiraarsaan alatti ogummaa isinii badhaase qabaa laata?

Doktar Daani’el: Eeyyee buttaa qaltan jedhee sirni Dargii waggoota sadiif nahidhus turtii achi keessatti dabarseen ogummaa wayyaa dhahuun ijaaramee baheera.

Bariisaa: Gara barnootaatti akkamiin deebitaniree?

Doktar Daani’el: Akkuman hidhaarraa hiikameen haalli siyaasaa jiru dukkanaahaa waan tureef qe’eerraa fagaadheen kutaa 12 akkan xumuru abbayyeenkoo waan barbaadaniif gara Biilaatti na erguun kutaa 12 Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Biilaattin xumure. Qormaata Biyyoolessaas achitti akkuman fudhadheen 1974 qabxii 3 fideen Awuraajjaa Wallaggaarraa 1ffaa baheen yunivarsiitii Finfinnee gale.

Yeroon yunivarsiitii Finfinnee barachaa ture mana barumsaa Iswiidin sadarkaa 1ffaa Waldaa Makaaneyesuus Inxooxxootti ji’aan qarshii 180 qacaramee yeroo boqonnaakootti barsiisaan ture.

Kanaaf kan nakakaasemmoo haadha warraa wayitan sadarkaa 2ffaa baradhu waan fuudheef dhalas waan godhanneef isheefis biyyatti ergaa ofiis ittiin of gargaaraa abjuukoo milkeeffachuuf hojjetaan ture.

Bariisaa: Yunivarsiitii Finfinnee galtanii maal barattan?

Doktar Daani’el: Yunivarsiitii Finfinnee galeen barumsa Seenaan digrii jalqabaanin 1978 eebbifame. Akkuman achii eebbifamee baheen Baalee Mana Barumsaa Doollaa jedhamutti qacarameen barsiisummaan hojjetaan ture.

Adeemsa keessa haadha warraakoo ofitti fudhee achi jiraachuun jalqabe. Turtii waggoota Muraasaan booda gara Inistitiyuutii Leenjii Barsiisotaa Roobeetti qacarameen barsiisota leenjisuun alatti Diinii Saayinsii Hawaasaa ta’een hojjechaan ture.

Turtii waggaa lamaa boodammoo Diinii barattootaa ta’een akkan hojjedhu ta’eera. Yerichi yeroo sirni barnootaa haaraa Qubee Afaan Oromoo hojiirra akka oolu ta’e waan ta’eef ani dursee qubee barsiisaan ture. Kanamalees qophii kitaabilee barnootaarratti hirmaannaa taasisuun hojii jajjabeessaa hojjetaan ture.

Bariisaa: Namoonni Afaan Oromoo barsiisan hedduu akka ABOtti yakkamuun tureera isin mudateeraa laata?

Doktar Daani’el: Dhugaadha qubee barsiisuun walqabatee durumaa sochii gara garaa taasisaa waan tureef anarras gaheera. Kuni ta’us dhiibbaan fedhe uumames qabsoon eegalame duubatti hindeebine.

Bariisaa: Akkamiin gara waajjiraatti dhuftan?

Doktar Daani’el: Hojii ani akka dhaabbata leenjii Barsiisotaa sanatti hojjetaa jiru bahee mul’achuu eegaluusaan walqabatee Godina Baalee Waajjira Aadaafi Ispoortiitti Dursaa Garee Aadaa ta’een akkan hojjedhu xalayaan Biiroorraa nadhaqqabe.

Hojiin achitti hojjedhe dhimma aadaarratti daataa sassaabuu, afoola sassaabuu hojiikoo godhadheen qorannoolee gara garaa hojjetaan ture.

Kanarraa kan ka’e Finfinneetti dhufeen qorannoo sassaabbii daataa afaanii taasisuun seenaarratti, afaanirratti, asoosama, afoola gara garaa gareekoo waliin walitti qabuun dhalootaaf olkaahaa turre.

Biiroon Aadaafi Ispoortii Oromiyaas carraa barnootaa digrii lammaffaa akkan argadhu nataasisuun alatti Dursaa Garee Qorannaa seenaa ta’ee akkan hojjedhus carraa naaf kennaniin hojiilee aadaa, seenaafi afoolarratti gareewwan ijaaraman waliin hojjetaa turre.

Bariisaa: Digrii lammaffaa keessan eessatti maaliin hordoftan?

Doktar Daani’el: Yunivarsiitii Finfinnee muummee Sooshaal Antroopooloojii hordofeen xumure. Sana booda Biiroo Aadaafi Infoormeeshinii Dursaa garee qorannaa ta’een hojjetaa kitaaba Seenaa Ummata Oromoo hanga jaarraa kudha jahaffaa afaanota sadiin alshan deebihee maxxanfame keessatti shoora guddaa taphadheera.

Hojiin achirratti gareewwan koofi hayyota Oromoo gara garaa waliin hojjetame ummata Oromoof ashaaraa hindabarreedha hanga har’aa dhalootaaf cuuphata ta’ee tajaajilaa jira. Walumaa galatti kitaabilee seenaa, aadaa, afaanii, seerlugaa, afoolaafi kkf shantamii lamaa ol garee qorannaa keenya waliin maxxansiisuun dhalootaaf cuuphata olkaahuu dandeenyeerra.

Hojiiwwan kana cimsinee akka hojjennuuf ergama nutti laatameen Biiroo Aadaafi Ispoortii Oromiyaatti Dursaa Garee Kunuunsaafi Eegumsa Hambaa ta’ee dhalootaaf waa olkaahuu akkan danda’uuf ergamni natti laatame. Hojiin kun bal’aa waan ta’eef galma aadaa qabaachuu akka malu hubachuun galmi aadaa kun ijaaramuu akka malu hiriyootakoo waliin yaadasaa kaasne.

Bariisaa: Akkuma isinuu kaastan namoota giddu galli aadaa Oromoo akka ijaaramuuf yaada saayinsawaa diriirsan keessaa isin tokkodha jedhamtu maaltu isin kakaasemee?

Doktar Daani’el: Akkuman dura siif kaase hojiin kunuunsaa fi eegumsa hambaa bakka hojii mijataa barbaada kun akka ta’uufimmoo galmi aadaa ijaaramuu akka qabu waliigallee yaadasaa kaasnee kutannaa Pirezdaantii yeroosanaa Obbo Abbaaduulaa Gammadaa agarsiisaniin har’a galmi aadaa hawwataa fi seena qabeessa ta’e kun lafa akka qabatu ta’eera.

Isa kanaaf Obbo Abbaaduulaa Gammadaa kabaja guddaa qabu sababnisaas abbaan qabeenyaa Sheek Allaamuddiin ijaarsasaa nan gaggeessa jedhee waadaa galee ka’ee wayita nuganu jirra jechuun ashaaraan kun akka lafa qabatu kan godhan isaanidha.

Bariisaa: Yaada eebbifamaa kanaaf namoonni adda durummaan socho’aa turan hammam turan?

Doktar Daani’el: Dhugadha namoonni adda duree ta’an sadi hincaalani boodarra garuu natu shoora guddaa taphate kan jedhu hedduudha kanas ta’e sana hundi keenyayyuu hojii boonsaa nuti hojjenne ilmaan Oromoof bu’uura kunuunsa seenaa akka keenyu hojjenneerra.

Bariisaa: Galmi aadaa Oromoo ijaarame kun seenaa qabeessadha jedhama maaltu seena qabeessa isa taasisa?

Doktar Daani’el: Bakki kun callisee hin filatamne wiirtuu Oromoon Tuulamaa araaraaf itti walgahu, Gadaasaa gaggeessu isa kanammoo iskiriiptiisaa mootummaa naannoo Oromiyaaf dhiyeessinee kutannaa mootummaa naannoo Oromiyaan baajata ramadameen ijaarameera.

Bariisaa: Giddugalli Aadaa Oromoo sadarkaa biyyaarra darbee sadarkaa Afrikaattillee addadha jedhama maaltu adda isa taasisa?

Doktar Daani’el: Naayjeeriyaan, Afrikaan Kibbaa galma aadaa qabu isaan kunniin kolonii Ingiliiz jala waan turaniif ilaalcha warra gurraachaan alatti kan warreen adii irraa waan calaqqisuuf keenyaan qixa jechuun hindandahamu.

Galmi aadaa Oromoo lafa irratti ijaaramerraa kaasee, iskiriiptii ijaarsasaaf qophaaheefi hambaaleen seenaa achi keessatti argaman marti eenyummaa Oromootaa kan calaqqisaniidha.

Kanamalees hambaaleen achi keessa jiran marti sammuu ilmaan Oromoon bocamanii harka ilmaan Oromoon kan hojjetaman malee harki biyyoota koloneeffattootaa kan keessa hin seenne waan ta’eef qaroomina Kush kan agarsiisaniidha.

Bariisaa: Egaa Oromiyaan bal’oodha hambaalee seenaa achi keessa jiran kana akkamiin eessaa eenyuun funaantanii galchitan?

Doktar Daani’el: Gaaffii gaarii naaf kaaste hambaaleen seenaa achi keessa jiran kunneen qorannoon gara garaa erga hojjetamanii akka godinaatti garee ijaaruun hambaaleen kun saassaabamanii dhalootaaf olkaa’amuu akka qaban gaaffii dhiyeessinee fudhatama guddaa argateera.

Kanarraa kan ka’e Kamisee dabalatee Oromiyaa mararraa sassaabamuun galma aadaaf akka dhiyaatan taasifamaniiru. Hambaan achi keessa jiru mallattoo Oromoon hundi itti beekamu, kan dhaloonni dhufu itti boonu ashaaraa hinbannedha.

Bariisaa: Akkuma sila isinuu kaastan hambaaleen kunniin gosa gara garaa bakka garagaraarraa sassaabaman hamma ta’anitti sirriitti ibsuun akka danda’amu maaltu hojjetameera.

Doktar Daani’el: Hambaaleen kunniin akkuma sassabamaniin maal akka ta’an, maal akka ibsan, Oromoo godina kamii akka bakka bu’an irra deddeebiin qoratamee galma akka galu leenjii kennaa turre malee callisaan sassaabamee hin teenye; haaluma kanaan hojii bu’aan qorannoo gadi fagoon irratti hojjetame sassaabameedha.

Baraiisaa: Bittaan dhiyeessitanimoo tola sassaabame?

Doktar Daani’el: Lakki yaadumti kun taanaan hoggantoonni godinaalee yaadichatti gammaduun sadarkaa gandaarraa hanga godinaatti koree hundeessuun sassaabamee aadaan keenya akka lafa qabatu ta’eera.

Irreechi kaleessa dheengadda sirnoota balaafamoon abaaramaa ture har’a ifatti bahee kabajamaa jira kun jajjabeessaafi bu’aa qabsoo jijjiiramni fideedha.

Bariisaa: Irreechi maali?

Doktar Daani’el: Jaarmayaalee Sirna Gadaa jala jiran keessaa isa tokkodha. Jaarmayaaleen kunniin Irreecha, Moggaasaa, Guddifachaafi kkf of jalatti qabata.

Jaarmayaaleen kunniin dhala namaafi uumama lafarraaf kabaja guddaa kan itti agarsiisan karaa hariiroon dhala namaafi uumamaa itti walsimatu hojiirra ooludha.

Asirratti beekamuu kan qabu yoo jiraate Oromoon jaarmayaalee kana gaafa ijaarratu karaa isaaf tolutti namaafi uumama walitti araarsuuf hariiroo waliinii itti cimsuuf kan gargaarudha.

Isaan keessaa Irreechi isa tokko yoo ta’u sirna galateeffannaa dukkana gannaarraa booqaa birraatti bahuu uumaasaanii kan itti galateeffataniidha.

Egaa Oromoon malkaatti, gaaratti, lagatti bahee uumaasaa kan galateeffatu Waaqa kana hunda uumte jedhee galateeffata malee laga, tulluu ykn malkaatti hinsagadu.

Bariisaa: Irreechi dur yakka ta’ee namoonni baay’een itti wareegamaniiru fagoo osoo hindeemiin Wayyaaneenillee dhaloota hedduu fixxeetti har’a sadarkaa inni irra jiru kana akkamiin madaaltu?

Doktar Daani’el: Mudannoo mataakoorraa ka’ee yoon sitti hime bara dargii keessa duularraa deebi’ee hiriyootakoo waliin Wallagga Lixaa Innaangootti Buttaa waan qalleef qabamnee hidhamneerra, kan nabiraa du’an hedduudha kun marti qabsoo aadaa Irreechaa kana dabarsuuf kaffalameedha jechuun nidanda’ama.

Bariisaa: Yaada gadi fagoo hamma kana kanan isiniif kaaseef Jaarmayaan Gadaa Irreechis gahaa jira gama kanaan Oromoon Horasaa ganamaatti kan Finfinneefi Harsadiitti bilisummaan bahee galateeffachuu erga eegalee bubbuleera bu’aa qabsoo gama kanaan jiru akkamiin ilaaltu?

Doktar Daani’el: Dhugaadha duudhaa Oromoo Irreechas ta’e isaan biroo balleessuuf sirnoonni darban marti duula taasisaniin miidhaan gahe olaanaadha.

Kuni ta’us qabsoo hadhaa’aa ilmaan Oromoo taasisaa turaniin horasaa ganamaa Finfinnee hanga Harsadiitti sabaaf sablammoota gara garaa biyyattiis ta’e kan biyyoota alaa hirmaachisuun eenyummaa Oromoo gadi baasanii agarsiisaa jiran kun jajjabeessaadha.

Bariisaa: Waan Ormaa yoo dandeesse balleessi yoo dadhabde kankee godhuu dhaali kan jedhu jira dabni kun Oromoorratti hin hojjennee laata?

Doktar Daani’el: Dhugaadha hora Finfinnee dabalatee bakkeewwan duudhaaleen sirnoonniifi aadaawwan Oromoo gara garaa itti gaggeeffaman balleeffaman jiru hammi tokko qabsoo cimaa taasifameen bakkatti deebi’aniiru kun jajjabeessadha.

Adeemsi yeroo ammaa duudhalee dagataman, dhaalamanfi bakkisaanii fudhatame bakkatti deebisuuf hojjetamaa jiran jajjabeessaadha. Mootummaan haaromsaa sochii gama kanaan taasisaa jiru daran abdii kan namatti horudha dhaloonni isa kana ciminaan duukaa bu’ee hojjechuu qaban jedha ani.

Bariisaa: Irreechi ummata Oromoo qofaaf kan dhaabateedhaa laata?

Doktar Daani’el: Lakki ummanni Oromoo aadaa kana gaafa ummatu namaafis ta’e uumama lafarraaf mijachuu akka danda’utti xiyyeeffannoo itti laatee hojiirra oolchate.

Kana jechuun dhala namaa hunda hamma hirmaachisetti sabni kamuu, hordofaan amantii kamuu, lammiin biyya keessaas ta’e biyya alaa uumaasaa dukkanarraa ifatti isa baase akka galateeffatuuf kan affeerudha.

Jalqaba turtii jaarraa tokkoo fi walakkaa booda hora Finfinneetti wayita kabajamuu eegalu jiraattonni magaalaa Finfinnee mana cufatanii dhoksaan ilaalaa turaniiru.

Kun rakkoo ilaachaa hubannoo dhabuufi waa’ee Irreechaa wallaaluu dhabuudha malee bu’aansaa fayyadamoo akka isaan taasisu osoo beekanii akkas hingodhan ture.

Irreechi uumama maraaf kan dhaabate, hunduu uumaasaa akka galateeffatu kan taasisu dimokiraasii kan barsiisudha.

Bariisaa: Duudhaalee Irreechaa madda galii godhachuurratti hojii hojjetamaa jiru akkamiin madaaltu?

Doktar Daani’el: Kanarratti hojiin hojjetamuu malu ammallee fagoo hindeemne, madda galii ta’uu osoo maluu hintaane. Hamma tokko uffata aadaarratti, faaya irratti hojiin hojjetamaa jiru jajjabeessaa ta’us ammallee hedduutu hafa.

Duudhaaleen keenya manneen shaayii keessatti, manneen nyaataa keessatti, egzibiishiniiwwan keessatti, manneen hojii keessatti, karaa aadaa kana ibsaniin bifa loogoonillee hojiirra ooluu qabu. Kunniin beekamtiin aadaa keenyaa akka dabalu taasisu.

Biyyarraa gaafa baanu bifa meeshaan agarsiistuu Oromoo qopheessuun bifa ammaayyaan faayanii agarsiisuun gabaaf dhiyeessuurratti osoo hojjetamee Oromoo dinagdeen, hawaasummaanfi siyaasaan cimsuun danda’ama.

Irreecha dabalatee aadaalee, duudhaleefi uffata dabalatee faaya keenya bifa ammayyaan hojjennee gabaaf osoo dhiyeessinee ija gabaa addunyaa keessa seenuun dinagdeen akka ijaaramnu nutaasisa. Kanamalees qaroominni ilmaan Kush dur ture dhaloota haaraa kanaan dhaalamaa darbuunsaa egeree ilmaan keenyaaf wabii sabboonummaati jechuun nidandahama.

Bariisaa: Irreechi dinagdee, hawaasummaafi siyaasa nama biroo guddisuu keessatti qooda qabaa laata?

Doktar Daani’el: Fakkeenyaaf jiraattota magaalaa Finfinnee Oromoo hintaane tokko tokko guyyaa ayyaanichaa waan gabaan barbaadu hirmaattotaaf dhiyeessuun dinagdeesaanii fooyyessuu danda’u, kanamalees meeshaalee aadaa bifa ammayyaan hojjetaman gabaaf dhiyeessuun dinagdeesaanii humneessuu danda’u kanamalees hariiroo sabaaf sablammoota gidduu jiru cimsuu, waldhabdee siyaasaa furuu keessatti fayyadamoo ta’uu danda’u.

Sababnisaas duudhaaleen Oromoo hedduunsaanii uumaaf, namaafis ta’e uumama lafarraa maraaf kabaja kan kennan safuu kan beekan dimokiraasii kan barsiisan hamma ta’etti namuu akka waan kansaa hintaaneetti ilaaluu hinqabu kun miira Itoophiyaanummaa miti.

Jaalala Itoophiyaa qabda taanaan duudhaalee sabaaf sablammii, aadaasaa, safuusaa kabajuun kankooti jedhanii ofitti fudhachuun barbaachisaadha.

Bariisaa: Irreechi jaarmayaa Gadaa hunda hirmaachisuudha jettaniittu hunduu miira kankooti jedhu qabaa laata? akkamiin madaaltaniittu?

Doktar Daani’el: Jalqaba jiraachuu Itoophiyaaf bu’uura kan ta’e Oromoodha, dacheen Itoophiyaa hundi bakka Oromoon hinjirre ashaaraansaa hinqabanne hinjiru kanaaf Irreechi kan Oromoo qofa osoo hintaane hunda kan hirmaachisuudha.

Kabajamuu walabummaa Itoophiyaaf adda durummaan kallattii hundaan kaleessas har’as aarsaa barbaachisu kaffalee utubaa ta’ee kan dhabe Oromoodha sirni inni qabu Oromoo qofaaf kan dhaabatu osoo hintaane kan hundaati.

Itoophiyaanumma kan kaastu yoo ta’emmoo Oromoo caalaa Itoophiyaanummaan kan faayame hinjiru kun jette jettee osoo hinta’iin ragaa qabatamaa seenaan dhugaa bahuudha.

Itoophiyaanummaa leellisaa duudhaa Oromoo jibbuun wallaalummaa siyaasa, dinagdee, dimokirasii, hawaasummaafi walqixxummaarraa nama fageessu waan ta’eef ilaalcha haaromfamuu qabuudha.

Bariisaa: Hiriyoota keessan waliin ta’uun hojiilee jajjabeessoo dhalootaaf galaa ta’an hedduu hojjettaniittu boodana gara Muuziyeemii Biyyaalessaa galtanii hojjetaa akka jirtan dubbatama maal gaheen hojii keessanii?

Doktar Daani’el: Ogeessa hambaalee seenaa ta’ee hojjetaan ture amma garuu waatu ta’e durumaa carraa barnootaa Phd argachuuf biyya alaatti babarreessaan ture.

Adeemsa keessa biyya Ameerikaa Yunivarsiitii Atilaantik Internaashinaliirraa Iskoolaar shiippii argadheen dhibbantaa 10 kaffalachaa kaan bilisaan oonlaayiniin waggaa sadiifi walakkaatti damee barnoota Bulchiinsa Biizinasii (Business Administration) PhD koo fudhadhe. Waanti na ajaa’ibe garuu Soorama Baheen guyyoota sadi boodan PhD koo xumure. Amma dhaabbilee dhuunfaa gara garaa keessa hojjechaan jira.

Bariisaa: Baga gammaddan jechaa ayyaana Irreechaa fuuldura keenya jiruuf dhaamsaafi ergaa yoo qabaattan

Doktar Daani’el: Ummata bal’aa Itoophiyaa hundaanuu baga bacaqii gannaarraa booqaa birraatti nagaan ceetan, Irreechi kan milkii kan gabbinaa kan tokkummaafi dimokirasii isiniif haata’u.

Irreechi kan waloo keenyaati, guyyaa itti uumaa galateeffannuudha. Bakakkaa nubaraaree, balaa lolaa nu oolchee, cabbii nurraa qabee dukkana keessaa ifatti kan nubaaseef guyyaa galataa akka nuuf ta’un hawwa.

Mootummaanis duudhaalee hambaalee Oromoo bakkatti deebisuuf dhaabbiin ijaaruuf hojii jajjabaa hojjetaa jira kan namatti toluudha kana cimsee itti fufuu qaba dhaloonnis kan qabate harkatti galfatee isa hafes dimokiraatawaa ta’ee argachuuf hojjechuu qaban jedha.

Bariisaa: Aarsaa yeroo keessaniif horaa bulaa hayyuu raagaa ta’aa Irreechis irreecha milkii isiniif haata’u.

Doktar Daani’el: Isinilleen galatoomaa nama dhalootaaf birmatu gurraafi ija ta’u isin haa taasisu.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA F ulbaana 14 B ara2 0

Recommended For You