“Goobeefi Shinooyyeen gola Oromiyaa, Finfinneetti kabajamuunsaa nu boonseera” – Qeerroofi Qarree Oromoo

Goobeefi Shinooyyeen sirba dargaggoonni Oromoo bara haaraa ilaalchisuun sirbaniidha. Agarsiifni Goobeefi Shinooyyee kun dardarraniifi shamarran magaalota Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinneerraa babba’aniin Finfinnee keessatti bifa festivaalaatiin agarsiifamuu erga jalqabee waggoota afur lakkoofsiseera.

Agarsiifni kun barana gara Kaarnivaalaatti guddachuun Qaammee 1 bara 2014 hanga Fulbaana 10 bara 2015tti adeemsifamaa ture Kibxata darbe Giddugala Aadaa Oromootti mijjirii ibsuu, sirbaafi shubbisa aadaatiin xumurameera.

Sagantaa cufiinsa Kaarnivaala Goobeefi Shinooyyee marsaa 4ffaa Dhaabbatni Piromooshinii Aartii Boraatiifi Biiroon Aadaafi Turizimii waliin ta’uun qopheessan kanarratti dargaggoota Oromoo Finfinneefi Magaalota addaa Oromiyaa naannawa Finfinnee jiraatan hedduun argamaniiru. Yaada dargaggoonni agarsiisa Gopobeefi Shinooyyeerratti hirmaataniifi cufiinsa saganticharratti argaman nuu kennan akka armaan gadiitti qindeessinee dhiyeessineerra.

Magaalaa Bishooftuurraa kan dhufeefi agarsiisa Goobeefi Shinooyyee Magaalaa Finfinneerratti kan hirmaate Dargaggoo Wabii Kabbadaa Barkeessaa akka jedhutti, Goobeefi Shinooyyeen ayyaana baroota dheeraaf magaalaa Finfinneetii dhiibamee baadiyyaatti kabajamaa tureedha.

Agarsiisni Goobeefi Shinooyyee waggoota afran darban Finfinneetti adeemsifamaa ture aadaa, duudhaafi eenyummaa Oromoo magaalattii keessaa dhiibamee ture deebisuuf gargaara. Agarsiisa kana qopheessuuf Hundeessaafi Hojigaggeessaan Dhaabbata Piromooshinii Aartiifi Boraatii Dargaggoo Biruk Girmaafi namoonni biroon guddaa itti dadhabanii waan hojjetaniif aadaafii duudhaan ayyaanichaa baadiyyaatti daanga’ee ture gara magaalaatti akka deebi’u ta’eera jedha.

Ayyaanonni Oromoo waqtii birraa kabajaman baay’eensaanii walqabatu. Jalqabarratti ayyaana Ililii ykn Ingicaatu kabajama. Ingicaan ayyaana shamarraniiti. Ittaansee ayyaana Taaboreetu kabajama. Ayyaanni Taaboree kan daa’immaniiti. Ittaansee ayyaana gubaa ykn mijjirii Oromootu kabajama.

Ayyaana Gubaatti aansee ammoo ayyaana Goobeefi Shinooyyeetu kabajama. Ayyaanni kun kan dardarraniifi shamarraniiti. Ayyaana kanatti aansee Irreechatu kabajama. “Hagayya keessa Waaqayyo bokkuu lafaan tuqa” jedha Oromoon. Akka falaasama Oromootti, Waaqayyo bokkuu lafaan tuqa jechuun lafti qooruu jalqaba jechuudha. Kun birraan bari’uu agarsiisa jedha Dargaggoo Wabiin.

Finfinneen Magaalaa Guddoo Oromiyaa ta’uunshee seeraanis ta’e seenaan dhugaadha. Finfinneen gola Oromoo waan taateef aadaa, duudhaafi eenyummaan Oromoo keessatti calaqqisuu qaba. Ayyaanni Goobeefi Shinooyyee kun aadaafi duudhaa gabbataa waan of keessaa qabuuf ‘UNESCO’tti galmaa’ee addunyaan kan irraa baratu ta’uu qaba.

Kana dhugoomsuun ammoo tumsa Ministeera Aadaafi Ispoortii, Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa, akkasuams kan hawaasaa barbaada. Ummanni Oromoo hundi baga jala bultii Ayyaana Irreechaa bara 2015n isin gahe jechuun hundumtuu uffannaafi meeshaalee aadaatiin faayamanii, aadaafi duudhaa ayyaanichaa eeguun ayyaanicha akka kabajaniif ergaa dabarseera.

Shamarree Korree Uumaa Margaa Magaalaa Sabbataarraa kan dhufte yoo ta’u, agarsiisa Shinooyyee Finfinnee keessa naanna’uun agarsiisaa akka turte dubbatti. Akka shamarreen tun jettutti, Shinooyyee kan sirban shamarran hinheerumneedha. Shamarran yeroo Qaammeen ga’u qunnii qabatanii mana namaarra naanna’anii Shinooyyee sirbu. Goobeefi Shinooyyeen Finfinnee keessatti agarsiifamuu erga jalqabee yeroo lammaffaaf kan hirmaatte ta’uufi kan baranaa haala addaafi hawwataa ta’een kan adeemsifame ta’uu dubbatti.

Agarsiifni Goobeefi Shinooyyee guyyoota 15f (Qaammee 1 bara 2014 hanga Fulbaana 10 bara 2015tti) Magaalaa Finfinnee keessattti adeemsifamaa turetti hirmaachaa turuu kan himtu shamarreen tun, agarsiisichi aadaa, duudhaafi eenyummaa Oromoo magaalattii keessaa badeefi dagatamee ture deebisuu, beeksisuu, barsiisuufi guddisuu keessatti gahee guddaa qaba jetti. Goobeefi Shinooyyeen Finfinnee mitii baadiyyaattuu laafee kan ture ta’uufi yeroo ammaa garuu aadaafi duudhaa kana deebisuuf tattaaffii cimaan taasifamaa jiraachuu himti.

Dardarraniifi shamarran Goobeefi Shinooyyeen akka guddatu, beekamuufi babal’atu taasisuurratti gahee irra eegamu bahachuu akka qaban kan yaadachiiftu shamarreen tun, ayyaana Irreechaa Hora Finfinneefi Hora Harsadii Fulbaana 21fi 22 bara 2015 kabajamurrattis aadaafi duudhaa ayyaanichaa eeguudhaan uffannaafi meeshaalee aadaatiin miidhaganii akka hirmaataniif dhaamsa dabarsiteetti.

Jiraataa Finfinnee kan ta’e Doktar Naahoom Girum akka jedhutti, “Akka carraa ta’ee dhaladdhee kanan guddadhe naannawa Magaalaa Finfinneetti. Ayyaanni Goobeefi Shinooyyee naannawaan itti dhaladhee guddadhetti daran beekamaadha. Ayyaana kana Goobee ijoollummaa kiyyaa kaasee hanga ammaatti haala gaariinan kabajaa jira. Ayyaanni kun waggoota dheeraadhaaf Finfinneetti kabajuu mitii waa’ee ayyaanichaa yaaduunuu daran rakkisaadha ture.

“Waggoota afran darbanii as garuu Ayyaanni Goobeefi Shinooyyee kun Finfinneetti dargaggootaan magaalota Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinneerraa dhufaniin kabajamaa jira. Anis waggaa waggaan kabaja ayyaanichaarratti hirmaachaan jira. Ayyaanni baranaa kun kan waggoota darbaniirra adda. Waggaa dhufu ammoo kanarra haala addaatiin akka kabajamu abdiin qaba” jedha.

Agarsiisni ayyaana Goobeefi Shinooyyee waggoota afur dura Dhaabbata Piromooshinii Aartii Boraatiitiin yeroo Finfinneetti eegalu dargaggootaa muraasaa hirmaachisuun ture. Baay’inni dargaggoota agarsiisa Goobeefi Shinooyyeerratti hirmaatanii waggaa waggaan dabalaa kan jiru yoo ta’u, kan baranaa kan waggoota darbaniirra haala miidhagaafi hawataa ta’een xumurameera.

Yeroo sagantaan akkasii qophaa’u dargaggoota agarsiisicharratti hirmaatan qofa utuu hintaane hawaasni Oromoo Finfinneefi naannawaashee jiraatu ayyaanicharratti bal’inaan hirmaachuu akka qabu yaadachiiseera Doktar Naahoom.

Agarsiisni ayyaana Goobeefi Shinooyyee waggoota afran darban bifa Festivaalaatiin adeemsifamaa ture barana gara Kaarnivaalaatti guddateera. Qaamolee saganticha qopheessan dabalatee hundumtuu waan isaanirra eegamu hojjennaan waanti Goobeefi Shinooyyeen ‘UNESCO’tti hingalmoofneef hinjiru jedheen yaada jedha ogeessi fayyaa kun.

Dur ayyaana Irreechaa miira xiiqiifi mirga keenya kabachiisuufi aadaafi duudhaa keenya deebifachuutiin kabajaa turre kan jedhu Doktar Naahoom, yeroo ammaa mirga keenya deebifachuun aadaa, duudhaafi safuu ayyaanichaa eegnee sabootaafi sablammoota biroo waliin kabajaa jirra. Yeroo ammaa qaamni ayyaana kanarratti akka hinhirmaanne nu horkus hinjiru. Ayyaanni Irreechaa baranaa kan milkii akka nuu ta’un hawwa jechuun hawwii gaarii dabarseera Doktar Naahoom.

Barreessaafi Daariktara Fiilmii Biqilaa Asfaawu akka jedhutti, Ayyaana Goobeefi Shinooyyee Finfinnee keessatti kabajamurratti waggoota afuriif hirmaateera. Ayyaannichi bifa miidhagaafi hawataa ta’een kabajamuunsaa aadaafi duudhaa Oromoo dagatameefi badee ture deebisuu, beeksisuufi guddisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Agarsiisni Goobeefi Shinooyyee waggaa waggaan Finfinneetti adeemsifamaa jiru “Jirra jirraa qofa utuu hintaane, dhuguma akka jirru agarsiiseera”. Agarsiisichi aadaa, duudhaafi eenyummaa Oromoo badee ture sadarkaa biyyaattis ta’e addunyaatti mul’isuufi beeksisuu keessatti gahee olaanaa qabu qabu ta’uu dubbata.

Dhaabbanni Piromooshinii Aartii Boraatii sagantaa agarsiisa Goobeefi Shinooyyee kana qopheessuuf galata guddaan qaba kan jedhu Biqilaan, dargaggootaafi shamarran godina addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee jiran walitti qabanii sagantaa kana qopheessuun hojii dadhabbii guddaa qabuudha.

Hojii dhaabbatichi hojjechaa jiru dhaloonni duubaan dhufu aadaa, duudhaa, eenyummaafi seenaasaa beekee akka guddatu taasisuu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf qaamoleen mootummaa, miti mootummaa,

abbootiin qabeenyaafi hawaasni dhaabbaticha deggeruu akka qabu yaadachiiseera. Goobeefi Shinooyyeen sirbaafi shubbisa aadaa bara haaraa ilaalchisuun dargaggoonni sirban waan ta’eef ayyaana Irreechaatiifis dadammaqiinsa gaarii kan uumu ta’uu hima.

Komediyaanii Waaqoo Geetaachoo akka jedhutti, Goobeefi Shinooyyeen Finfinnee keessaa dhiibamee ture bakkasaatti deebi’ee haala kanaan kabajamuun daran na gammachiiseera; sabboonummaa dhugaa lafarratti akka arginus nu taasiseera. Keessumaa dargaggoonni Oromoo aadaafi duudhaa sabichaa sirriitti qorachuu, beekuu, eeguufi kunuunsuurratti xiyyeeffatanii hojjechuu qabu. Ayyaana Goobeefi Shinooyyee aadaafi duudhaa Oromoo gabbataa qabu kana Finfinnee keessatti kabajuun, agarsiisuufi beeksisuun hiika guddaa waan qabuuf gara fuulduraattis kana caalaa cimee itti fufuu qaba. Ayyaanni Goobeefi Shinooyyee Ayyaana Irreechaaf dadammaqiinsa guddaa kan uumuudha. Finfinneen kan Oromoo ta’uushee qabatamaan mirkaneessuuf ammoo aadaafi dhuudhaa Oromoo keessatti beeksisuu, babal’isuufi guddisuun gama siyaasaa, hawaasummaafi dinagdeetiinis hiika guddaa kan qabu ta’uu dubbata.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA F ulbaana 14 B ara2 0

Recommended For You