Qiddus Giyoorgis boru Al-Hilaal waliin taphata

Finfinnee: Tapha gulaallii duraa isa jalqabaa Fulbaana 1 bara 2015 (guyyaa Ayyaana bara Haaraatti) Istaadiyeemii Bahaar Daaritti adeemsifameen Qiddus Giyoorgis kilaba Sudaan, Al- Hilaal 2-1n kan injifate yoo ta’u, boru (Fulbaana 8 bara 12015) immoo tapha deebiitiif Sudaan, Amdurmaanitti imalee taphata.

Tapha jalqabaa Istaadiyeemii Bahaar Daaritti taasifameen booda boqonnaa guyyaa tokkoo qofa fudhachuun gara qophiifi shaakalaatti kan deebi’e kilabni Qiddus Giyoorgis, ergasii kaasee hanga taphni deebii kun ga’utti magaalaa Bishooftuu, Akkaadaamii Yidinaqaachooo Tasammaatti shaakalaa jira.

Waancaa Konfedereeshii Afrikaarratti Itoophiyaa bakka bu’uun hirmaachaa kan jiru kilabni Faasil gamasaatiin, tapha jalqabaatiin kilaba Ruwaandaa, Bumaamuruu 3f-0n injifateera. Tapha ittaanuuf immoo Finfinneetti shaakala taasisaa kan ture kilabichi, kaleessa immoo gara Taanzaaniyaa, Daaresalaamitti imaluudhaan tapha deebiisaa adeemsiseera, bu’aan taphichaa maxxansaaf nuu dhaqqabuu baatus

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 7 Bara 2015

Recommended For You