Dargaggoo Biruk Girmaa Hojigeggeessaa Dhaabbata Piromooshinii Artii Boraatiiti. Dhaabbatichi erga hundaa’ee waggaa shan ta’eera. Boraatiin meeshaalee aadaa Oromoon ittifayyadamu keessaa isa tokko. Boraatiin meeshaa sammuu dadhabe boqochiisuudha.
Qaama namaa keessaa ammoo sammuun sirriitti kunuunsa barbaada. Aartinis sammuu namaa kunuunsuu, ijaaruufi dagaagsuufi ilaalcha namaa jijjiiruu keessatti gahee guddaa waan qabuuf dhaabbatichi maqaa Boraatii jedhamu moggaafate jedha gaafdeebii dheengadda Gaazexaa Bariisaa waliin taasiseen.
Dhaabbatichi saayinsii aartiitii fayyadamee aadaafi duudhaa ummata keenyaa kalaqa aartiitiin utubnee ijaaruuf hojjechaa jira. Dhaabbatichi sadarkaa aartiin Oromoo irra jiru guddisuufi aadaafi duudhaa ganamaa dagatamanii turan bifa waalta’eefi saayinsii aartiitiin deggerree hojiiwwan kalaqa aartii adda addaa ummata biraan gahaa jira. Dhaabbatichi dhimmoota aadaan walqabataniifi hojiiwwan kalaqa aartii gara garaa hojjetee hawaasa biraan gaheera, gara fuulduraattis ittifufiinsaan cimee kan hojjetu ta’uu dubbata.
Dhaabbatichi aadaafi duudhaa Oromoo dagatamanii turan ifatti baasuudhaan addunyaatti beeksisuuf hojjechaa jira. Hojii dhaabbatichi hojjechaa jiru ijaarsa sammuu hawaasafi biyyaa keessatti gahee guddaa qaba. Akkaataa ummanni Oromoo birraa itti simatu yeroo dheeraadhaaf dagatamee ture.
Birraan ykn barri haaraan Oromoo biratti hiikaa guddaa qaba. Birraan miira nama keessa jiru jijjiiruu, haaressuufi abdii kennuu keessatti gahee guddaa qaba. Birraan bu’uura Irreechaatisi. Wantoota bu’uura Irreechaa ta’an kunneen dagannee yeroo dheeraadhaaf utuu itti hinfayyadamnin turreerra. Sadarkaa biyyaattuu akkaataa nuti bara haaraa itti simataa jirru duudhaafi eenyummaa keenyarraa bifa maddeen miti jedhan.
Barri haaraan wantoota abdii namaaf kennaniin walqabata. Falaasama bara haaraa Oromoo sadarkaa biyyaattuu utuu ittifayyadamnee bu’aawwan gurguddaa of keessaa qaba. Kana keessaa sirni mijjiriifi hulluuqqoo akka fakkeenyaatti eeramu. Yeroo birraan bari’u dargaggoonni mana namaarra deemanii baga bacaqii gannaa baatanii booqaa birraa geessan jechuun eebbisu.
Kun abdii haaraafi onnee haaraa ummatatti hora. Kun jijjiirama hawaasaa fiduu keessatti gahee guddaa qaba. Yeroo birraatti ummanni ta’e lafti of jijjiira. Hawaasnis jijjiirama kana waliin jijjiiramuu qaba. Hawaasni utuu hinjijjiiramin uumama qafaatu jijjiirama taanaan walbira darbuufi wal hubachuu dhabuutu dhufa. Dur Oromoon saba uumama sirriitti hubatee waliin jiraatuudha. Beelliifi nageenya dhabuu uumama waliin walhubatanii jiraachuu dhabuun mudatu. Taateen yeroo birraa ammoo uumamaafi hawaasa walitti fiduu keessatti gahee guddaa waan qabuuf iddootti deebisuun dirqama ta’uu dubbata.
Akkaataan jijjiirraa bara Oromoo kun dargaggootarratti xiyyeeffata. Fakkeenyaaf shamarran Shinooyyee sirban kan jiruu hinjalqabneefi bultii hindhaabbanne ykn maatii hinhoranneefi fuulduratti abdii qabaniidha. Birraan yeroo midhaan faca’e biileefi daraaree itti abdatamuudha. Birraan ilaalcha hawaasaa jijjiiruufi abdii itti horuu keessatti gahee olaanaa qaba.
Goobeenis sirna yeroo birraa dargaggootaan raawwatamuudha. Sirna kanaan dargaggoonni mana manarra naanna’anii birraa bari’uufi jechuun abdii namatti horu. Sirna kanaan dragaggoonni mana nama amala addaa qabuufi hawaasaan walii hingallee hindhaqani. Namni dargaggoonni manasaa hindhaqne kun jaarsolii biyyaa bira deemee “Dargaggoonni maaliif mana koo hindhufne? Maaliif hawwii biyyaa na dhowwatan?” jedhee gaafata. Kanaafuu Birraafi dargaggoonni amala hawaasaa sirreessuu keessatti gahee guddaa qabu jedha.
Oromoo dur amala badaa, jibbaafi waldhabdeedhaan bara haaraatti hince’u. Falaasamni Oromoon bara haaraa ittiin simatu ilaalcha hawaasaa jijjiiruu keessatti gahee guddaa qaba. Birraan yeroo itti sirni Hulluuqqoo adeemsifamuudha. Hulluuqqoo kana keessa kan hulluuqu namoota namaan walhinlolle, amala gaarii qabuufi hawaasa waliin waliigaltee qabuudha. Waljibbaa, garaa walitti hammaachaa Hulluuqqoo keessa darbuun hindanda’amu. Kanaafuu sirna Hulluuqqoo raawwachuun dura warri walitti bu’an ykn wal lolan jaarsolii bira deemanii araaramuu qabu.
Sirni Hulluuqqoo kun hawaasni walitti bu’e garaa qulqulluu walitti araaramee bara haaraatti akka ce’u kan taasisu waan ta’eef hawaasni nageenyasaa akka tikfatuufi nageenyi akka mirkanaa’u taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Kanaafuu duudhaa kana jabeessuun, beeksisuu, babal’isuufi ittiin jiraachuun utuu danda’amee gaariidha jedha Dargaggoo Biruk.
Yeroo birraan ga’u Abbaan Gadaa ji’a tokkoof ykn lamaaf ginna galee Hagayya 16 ba’a. Ginni yeroo itti abbaan Gadaa waan yaraa ykn cubbuu utuu beekuus ta’e hinbeekin hojjetee Waaqa araara gaafatuufi kadhatuudha. Abbaan Gadaa yeroo ginna deemu muka tokko araddaarra dhaabee deema. Kana jechuun Abbaan Gadaa hinjiru ykn ginna galeeraa naannawaa keessan tikfadhaa yaada jedhu qaba.
Hawaasnis muka mana manasaatii fidii kan Abbaan Gadaa dhaabetti waan dabaluuf Hagayya 16 yeroo Abbaan Gadaa ginnaa ba’utti mijirii guddaa ta’a. Hagayya 16 sammuun lafaa xiqqoo ni jabaata jedhamee amanama. Ragaa hanga ammaatti funaannaneen barri haaraa Oromoo Hagayya 16. Hagayyi 16 yeroo hadaan ykn keelloon itti daraaru, bishaan lagaa guutee hawaasa addaan kutee ture itti hir’atee hawaasni walitti ce’u, lafti qooruu jalqabuudha jedha dargaggoon kun.
Sirna Hulluuqqoofi ginnaa bu’uura godhachuun geggeessitoonni biyyattii yeroo birraan bari’u beekaniis ta’e utuu hinbeekin waan balleessaniif utuu ummata dhiifama gaafatanii gaariidha. Yeroo birraa kanatti saboonniifi sablammoonni akkasumas dhaabbileen siyaasaa biyyattii keessa jiran bakka tokkotti utuu walarganii waan balleessaniif dhiifama walgaafatanii araara buusanii bara haaraatti ce’anii gaariidha. Yeroo birraa kanatti geggeessitoonni biyyaas ta’e dhaabbilee siyaasa adda addaa hojiilee waggaa guutuu hojjechaa ba’an yeroo itti of ilaalan, hanqinaafi ciminasaanii adda baafatanii rakkoolee jiran sirreessuuf yeroo itti of qopheessan ta’uu qaba jedha Biruk.
Sirni Mijirii ibsuu amantii Ortodoksiin walqabatee kabajamaa jiru kun ummata Oromoo birattis ta’e saba kaan biratti duudhaa ganamaa sirnasaaniirratti hundaa’ee kabajama. Akka aadaa Oromootti mijjiriin kan ifu Hagayya 16 guyyaa Abbaan Gadaa ginnaa ba’utti.
Guyyaa kana hawaasni addabaabayii tokkotti walga’ee mijirii ibsee bara haaraa simata. Sirni kun yeroo ammaa iddoowwan murtaa’aatti malee iddoobakka hundatti beekamee hinjiru. Yeroo ammaa sirna dagatameefi addaan citee ture kana deebisuufi beeksisuuf hojjechaa jira. Irreechi sirna mijirii ibsuu booda adeemsifama jedha.
Dargaggoonni nageenyaafi ijaarsa biyyaa mirkaneessuu keessatti gahee guddaa qabu. Kanaafuu dargaggootaaf waltajjiin siyaasarraa bilisa ta’eefi dargaggootni hundi irratti wal argan qophaa’uu qaba. Dargaggoonni waltajjii aadaa, duudhaafi muuxannoosaanii itti waljijjiiraniifi walirraa baratan tokko qabaachuu qabu. Dhaabbanni Piromooshinii Artii Boraatiis waltajjii dargaggoonni Afrikaa aadaa, eenyummaafi afaansaanii bu’uura godhachuun itti wal arguu danda’an tokko akka uumamuuf hojjechaa jiraachuu dubbata.
Bara haaraatti hawwii gaarii waliif ibsuu qofa utuu hintaane akkaataa nuti baricha itti simannutu murteessaadha. Bara haaraa akkaataa eenyummaa, aadaafi duudhaa keenya hin ibsineen simachaa turre. Barri haaraan kan nagaafi milkii akka nuuf ta’uuf bifa nagaa qabuun Waaqa araara kadhannee, walii keenyattis araaramuu qabna.
Kanaafuu eenyummaa, aadaa, duudhaafi falaasama keenya ganamaatti deebi’uu qabana. Duudhaa ittiin bara haaraa simannu dhabnee utuu hintaane dhiisneeti. Duudhaa Oromoon ittiin bara haaraa simatu kun sadarkaa addunyaatti biyyattiifi addunyaatti beeksisuun madda turizimii gochuuf jabaannee hojjechuu qabna jedha.
Duudhaa Oromoon ittiin bara haaraa simatu kun iddoofi yeroo murtaa’aatti utuu hintaane bifa kaarnivaalaatiin sadarkaa biyyaatti utuu kabajamee akkuma Irreechaa waltajjii Qeerroofi Qarreen waltajjii tokkorratti walitti qabamanii bara haaraa kana itti simatan ta’a. Sirni ykn duudhaan kun tokkommaafi nageenya biyyaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qaba; madda hawwata turizimii guddaas ni ta’a.
Kana gochuun waltajjii Qeerroofi Qarreen Oromoo Irreechaan ala irratti wal argan isa biraa ta’uun nageenya waaraa fiduuf kan gargaaru ta’uu hima. Dhaabbanni Piromooshinii Artii Boraatii waggoota sadan dhufanitti duudhaa kana deebisuun sabootaafi sablammoota biyyattii waliin bakka tokkotti kabajuuf sochii cimaa taasisaa jiraachuus eereera.
Aadaafi duudhaan Oromoo cabuufi laafuu kan jalqabe Finfinnee keessatti waan ta’eef bakkuma itti cabee turetti deebisanee jabeessuu qabna. Dhaabbatni Piromooshinii Artii Boraatii waggoota shanan darban duudhaafi aadaa Oromoo ccabee, laafeefi bade ture Finfinnee keessatti lafa qabsiisuuf hojjechaa jira.
Finfinneen magaalaa guddittii Oromiyaati yeroo jennu afaanuma qofaan utuu hintaane wantoonni magaalaa guddittii Oromiyaa ta’uushaa mirkaneessan keessa jiraachuu qabu. Eenyummaa, duudhaafi aadaa Oromoo ganamaas haala ittifufiinsa qabuun keessatti calaqqisuu qaba. Biiroon Aaadaafi Turizimii Oromiyaas dhimma kanaaf xiyyeeffannaa kennee irratti hojjechaa jiraachuu dubbata.
Hojiilee dhaabbatni keenya raawwachaa jiru akka laayyootti ilaaluun hinbarbaachisu. Deggersi qaamoleen gara garaa dhaabbatichaaf taasisaa jiranis quubsaa miti. Hojii dhaabbatichi hojjechaa jiru dhimma aadaa qofa utuu hintaane waan baay’ee of keessaa qaba waan ta’eef nama ani Oromoodha jedhe hunda ilaallata. Kanaafuu humna, yaada, maallaqaafi beekumsaan waldicha bira dhaabbachuun dirqama Oromummaa ta’uu qaba. Dhaabbatichi rakkoolee isa mudataniin kan abdii kutatu utuu hintaane jijjiiramaaf kan itti fayyadamaa jiru ta’uus eereera.
Finfinnee keessatti waltajjii Irreechaafi Kaarnivaala Shinooyyeefi Goobeetiin ala waltajjiiwwan ummanni Oromoo bakka tokkotti itti walargu biroo baay’ifachuun dirqama ta’a. Ummanni Oromoo waggaa keessatti waltajjii itti yeroo shan hanga kudhaniitti irratti wal arguu qabaachuu qaba. Waldajjiiwwan kunneenis duudhaa, aadaafi eenyummaa Oromoorratti kan xiyyeeffatan ta’uu qabu.
Ummanni Oromoo yeroo hunda rakkoo faarsuurra madda rakkoo sanaa beekee furmaata itti barbaaduurratti xiyyeeffachuu qaba. Rakoolee nu mudachaa jiraniif kan fala ta’u ammoo eenyummaa, aadaafi duudhaa keenya ganamaatti deebi’uu qofa. Kana sabni Oromoos ta’e mootummaan beekuu qaba.
Eenyummaa ganamaatti deebi’uuf dura ijaarsa sammuurratti xiyyeeffannee hojjechuu qabana. Hojiin ijaarsa sammuu guyyaa tokkotti galma kan ga’u waan hintaaneef ittifufiinsaan irratti hojjechuu barbaada. Ijaarsi sammuu adeemsa keessa jijjiiramaa deema. Hojii kanaan dudhaalee keenya ganamaa rakkoo keessaa nu baasuufi nageenya waaraa fiduu danmda’anirratti xiyyeeffannee hojjechuu qabna. Duudhaaleefi aadaa ganamaas yeroofi bajanni ga’aan qabameefii sirriitti qoratamuu qabu. Namni hundinuu ministeera nageenyaa akka ta’uuf ilaalcha nama hundaa jijjiiruurratti xiyyeeffatamee hojjetamuu qaba jedha.
Ummanni Oromoo aadaa, duudhaafi eenyummaasaa cabe iddootti deebifachuuf qabsaa’aa jira. Gamoofi aspaaltiin ijaarumu sammuu hin ijaaramneen sekondii tokko keessatti bada. Kanaafuu ilaalcha ijaaruun hojii dursi kennamuufii qabuudha. Ilaacha ummata Oromoo jijjiiruuf aadaa, duudhaafi eenyummaasaa cabe deebisuurratti xiyyeeffatamee hojjetamuu qaba.
Mootummaanis dhimma kanarratti xiyyeeffatee utuu hojjetee gaariidha. Caasaan aadaafi artiin Oromoo itti hogganamus sirraa’uu qaba. Miira ummanni keenya aadaafi artisaa guddisuuf qabu agarsiisa gara garaa Finfinnee keessatti yeroo dhiyeessinu argineerra. Aadaafi artii Oromoo kana guddisuuf mootummaan waan hundaanuu deggeruu akka qabu gaafateera. Rakkoo gama siyaasaa, dinagdeefi nageenyaatiin jiruuf furmaatni dhumaa aadaafi aartii Oromoorratti hojjechuudha jedha Dargaggoo Biruk.
Magaalaa Finfinnee keessatti yeroo agarsiisa adda addaa dhiyeessinu saboonni aadaafi artii Oromoo hinbeekne biroon dhufanuu nu gaafatu, nu dinqisiifatu. Kanneen rakkoo ilaalchaa qaban muraasni ammoo ija hamaadhaan nu ilaalu, kan nu arrabsanis ni jiru. Oromoon magaalaa Finfinnee keessa jiraatan ammoo yeroo nu argan gammachuudhaan of wallaalu. Kun Oromoon magaalaa Finfinnee keessa jiru hangam eenyummaa, aadaafi duudhaasaa dheebotee akka jiru agarsiisa.
Dhaabbanni Piromooshinii Artii Boraatii barana rakkoo bajataan walqabaterraa ka’uun dargaggoota 30fi shamarran 30fi garee dhjaabbatichaa 20 ta’uun Qaammee 1 bara 2014 hanga Fulbaana 8 bara 2015tti agarsiisa aartiifi aadaa Oromoo Finfinnee keessa naanna’ee agarsiisaa jira. Dhaabbatichi eenyummaa ummata Oromoo magaalaa Finfinnee keessatti gurguraa waan jiruuf deggersi mootummaan, dhaabbileefi namoonni dhuunfaa dhaabbatichaaf taasisan cimee itti fufuu akka qabu gaafateera.
Rakkoo geejjibaatiifi bajataa nu mudateef malee utuu baasota shan ykn ja’aan baay’ina dargaggootaafi shamarran agarsiisa aadaafi artii dhiyeessanii daballee hojicha sirriitti hojjennee gaariidha kan jedhu dargaggoon kun, akka yaadametti ta’uu baatus kaarnivaali Shinooyyeefi Goobee kun Finfinnee keessatti dhiibbaa gaarii olaanaa uumaa jira.
Sirni kun Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinneefi Finfinneetti lafa qabachaa jira. Ammaan booda dhaabbatichi hojjetus hojjechuu baatus aadaafi duudhaan Shinooyyeefi Goobee hawaasa biratti itti fufiinsaan kan adeemsifamu ta’uufi sirni kun sadarkaa biyyaatti babal’achuu akka qabu dubbata.
Barana Oromiyaa guutuutti akkaataa ayyaanni bara haaraa Oromoo itti kabajamurratti qorannoo taasisuudhaan ayyaanichi ga’uusaatiin dura bakka Abbootiin Gadaa, aanga’oonni mootummaafi bakka bu’oonni sabaa argamanitti guyyaan bara haaraa Oromoo waalta’aa ta’e sadarkaa biyyaatti murtaa’ee akka kabajamu taasisuun kaayyoo dhaabbatichaa isa ittaanuudha. Dhaabbatichi aadaafi duudhaa Shinooyyeefi Goobee ‘UNESCO’tti galmeessisuufis kan hojjetu ta’uu dubbata.
Oromoon lafa kanarratti kan bal’ateef ilaacha bal’aa waan qabuufi. Utuu ilaachisaa dhiphaa ta’ee hangana hinbabal’atu lafa hanganaarras hinjiraatu ture. Hanguma sammuufi lilaachi kee bal’ate bakki ati jiraattus bal’achaa deema. Babal’achuun humnaan utuu hintaane jaalalaafi tokkummaadhaani. Jaalalaafi tokkummaan ammoo Sirna Gadaatiin ala eessaayyuu fiduun hindanda’amu. Ilaalcha hawaasaa jijjiiruufi sammuusaarratti hojjechuuf furmaanni dhumaa eenyummaa, aadaafi duudhaa ganamaatti deebi’uudha. Kanaafuu mootummaan naannoo Oromiyaafi sabni Oromoo hundi dhimma xiyyeeffannaa guddaan hojjechuu akka qabanis gaafateera.
Aadaafi duudhaa Oromoo ganamaa mariifi hubannoodhaan yoo hojiirra oolchine malee lafa qabachaa hindeemu. Ommanni Oromoo ayyaana Irreecha Hora Finfinneefi Hora Harsadii barana magaalaa Bishooftuutti kabajamurratti wal argee, hawwii qabu waliif ibsee aadaafi duudhaa ayyaanichaa eegee nagaan bahee nagaan akka manasaatti galuuf maqaa dhaabbatichaatiin hawwii gaarii qabu ibseera. Dhaabbatichi ayyaanicharrattis hojii agarsiisa sirbaafi shubbisa aadaa agarsiisuun hojii hubannoo uumuu kan hojjetu ta’uus ibseera.
Namoonni quuqama aadaa, duudhaa, eenyummaafi aartii Oromoo guddisuuf quuqama qaban hundi Dhaabbatnni Piromooshinii Artii Boraatii waliin akka hojjetaniif waamicha dhiyeesseera. Dhaabbatichi dargaggootaafi shamarran dhaabbaticha waliin ta’uun shubbisaafi sirba aartiifi aadaa Oromoo agarsiisuurratti hirmaachaa jiraniif galata dhiyeesseera.
Qindeessituu Kaarnivaala Gobeefi Shinooyyee Shamarree Daraartuu Araarsaas akka jettutti, agarsiisni sirbaafi shubbisa Goobeefi Shinooyyee waggaa afur dura bifa fistivaalaatiin Giddugala Aaadaa Oromootti jalqabe yeroo ammaa gara Kaarnivaalaatti jijjiirameera. Aadaan kun addabaabayiitti ba’amee kan agarsiifamu waan ta’eef bifa kaarnivaalaatiin akka kabajamu ta’eera. hojiin kun qeerroowwaniifi qarreewwan magaalaa Sabbataatti argamaniin kan jalqabame yoo ta’u, dargaggoonniifi shamarran kunneen shubbisaafi sirboota aadaa Gobeefi Shinooyyeetiin erga leenji’anii booda Magaalaa Finfinnee keessa sirbaafi shubbisa aadaa kana agarsiisaaa jiraachuu dubbatti.
Agarsiifni kun Qaammee 1 bara 2014 hanga Fulbaana 8 bara 2015tti magaalaa Finfinnee keessatti kan agarsiifamu yoo ta’u, sagantaaan cufiinsa agarsiisichaa bor bakka Qeerroowwaniifi Qarreewwan Oromoo kuma shanii ol argamanitti Magaalaa Finfinnee Addababa’ii Masqalaatti kan adeemsifamu ta’uufi hirmaattonni sagantichaa uffannaafi meeshaalee aadaatiin faayamanii akka dhufaniif dhaamsa dabarsiteetti.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 7 Bara 2015