“Gaaffiin barsiisota Itoophiyaa ni tura malee osoo deebii hinarganne hafee hinbeeku” -Doktar Yohaannis Bantii

Waggoota 17 darbaniif Waldaa Barsiisota Itoophiyaa hoogganuurratti argamu. Bara isaan gara aangoo hoggantummaa waldichaatti dhufanitti walqoodiinsaafi walshakkii hoggansa waldichaa jidduu ture furuudhaan waldaa cimaa; sagalee barsiisota biyyattii akka ta’uuf nama daran dadhabee itti milkaa’e, yeroo ammaa immoo barsiisota biyyattii qofa osoo hintaane barsiisota Afrikaa bakka bu’uudhaan Boordii Barsiisota Addunyaa keessa kan jiran Doktar Yohaannis Bantii keessummaa Bariisaa maxxansa kanaati. Gaaffiifi deebiin Doktar Yohaannis wajjin taasifne akka armaan gadiitti dhihaateeraa dubbisa gaarii!

Bariisaa: Mee dursaatii dubbistoota keenyaan walbaraa. Doktar Yohaannis eenyu? Eessatti dhalataniifi haala guddina keessaniirraa jalqabdanii otoo nuu ibsitanii.

Doktar Yohaannis: Bareeda. Yohaannis, Godina Wallagga Lixaa, Aanaa Najjoo, ganda baadiyyaa Meettii Maariyaam jedhamutti kan dhalate. Akkuma ijoollee Oromoo baadiyyaa kamuu haalota jiruufi jireenya hawaasa baadiyyaa kan dhandhameefi garuu maatiin gara barnootaatti akka fuulleffatuuf dhiibbaa taasisaa tureen osoo jabbilee hintiksine umrii daa’imummaatiin gara mana barnootaatti kan ergameedha.

Bariisaa: Ijoollee baadiyyaa taatanii akkamitti osoo jabbii hintiksine mana barnootaa galtan mee?

Doktar Yohaannis: Abbaan koo qonnaan bulaas ta’us hamma tokko jiruu gara hammayyummaatti dhihaatu kan hordofuufi barnootaaf immoo xiyyeeffannoo addaa kennu waan tureef umriikoo xiqqaattii gara mana barnootaatti na erge. Garuu yeroo umriinkoofi dareen barnootaa koos dabalaa dhufu keessumaa yeroon sadarkaa 2ffaa baradhutti oggaan mana barnootaatii galu loonirra hoolaan tiksaa ture. Ganna ganna yeroo manni barnootaa cufamus hojii qonnaa maatii gargaaruu dabalatee loonis tikseera.

Maatii baadiyyaa hedduu biratti bifa baratamaa hintaaneen garuu abbaan keenya guyyuma tokkollee barnoota oollee akka hojii isa gargaarru ijoolleesaa gaafatee hinbeeku. Mi’aafi bu’aan barnootaa namoota dursee ifeef keessaa abbaan keenya nama tokko natti fakkaata. Kanaaf imala barnootaafi milkiiwwan hanga ammaa ani argadhe keessatti xiiqiin barnootaaf abbaankoo qabaachaa ture iddoo olaanaa kan qabatuudha.

Barnoota kutaa 1ffaa hanga 5ffaa jiru achuma baadiyyaa iddoo dhaloota koottin hordofe. Garuu yeroo sanatti namni sadarkaa duraa baratuufi sadarkaa 1ffaadhaa hanga 3ffaa yoo baate waggaa tokkotti kutaa lama seenta waan ta’eef anis kutaa afuraffaafi shan waggaa tokkottin xumure.

Sana booda baadiyyaa sana keessatti manni barnootaa sadarkaa giddugaleessaafi lammataa waan hinturreef kutaa jahaffaan booda gara Magaalaa Najjootti galuudhaan Mana Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Abdiisaa Aagaatti hordofe.

Bara 1980tti immoo barnoota kutaa 12ffaa xumuruudhaan qabxii yunivarsiitii na seensisu waanin fideef Yunivarsiitii gale. Waan si ajaa’ibu barattoota yeroo sana Mana Barnootaa Abdiisaa Aagaatti qormaata kutaa 12ffaa fudhatan keessaa kan qabxii seensa yunivarsiitii fide ana waliin namoota afur qofa turre.

Bariisaa: Mana barnootaa tokko keessaa akkamitti namni afur qofti darbe?

Doktar Yohaannis: Bara 1980 mana barnootaa keenya qofa osoo hinta’in akkuma guutuu biyyaattuu qormaataan walqabatee rakkoon tureera. Yeroo sana qormaanni ba’ee markaatotti akkuma qinxaabootti gurguramaa turuutu himama. Kun immoo ijoollee baadiyyaatiif kootaan akka jalaa guutamu taasiseera.

Dura garuu gara yunivarsiitiitti ni galu jedhamee eegamaa kan ture barattoota hanga 40ti. Sababa amma siin jedheen garuu namoota afur qofatu darbuu danda’e.

Bariisaa: Yunivarsiitii kamitti, muummee maal jedhamu galtan?

Doktar Yohaannis: Yunivarsiitiin itti ramadame Asmaraa yemmuu ta’u, muummeen barnootaa immoo Keemistirii ture. Akkuman bara 1981fi 82 baranneen garuu waraanni mootummaa Itoophiyaafi humnoota Shaabiyaa gidduutti ture ulfaachaa waan dhufeef gara yunivarsiitiiwwan gidduu biyyaatti deebi’uun dirqama ture. Sababuma kanaan ana dabalatee barattootni barnoota saayinsii uumamaa hordofan Yunivarsiitii Finfinnee, kaampaasii Araat Kiiloo galle.

Garuu utuu baay’ee hinturiin akkuma semistara tokko qofa baranneen waraanni mootummaan Dargii gaggeessaa ture waan cimaa dhufeef bara 1983 barattootni dhaabbilee barnoota olaanaa hundi gara dirree waraanaatti akka bobba’an ajajani ba’e.

Yeroo sanatti barnootni fedhii keenyaan ala haala siyaasaa yeroo sana tureen waan addaan citeef filannoo lama qabna ture. Inni tokko gara dirree waraanaatti adeemuu yemmuu ta’u, inni hafe immoo gara maatiitti deebi’uu qofa. Obboleessi koo hangafni Jimma jiraatu tokko akkan isa bira adeemu waan nagaafatee tureef anis waggaa sana Jimmatti dabarsuuf dirqame.

Boodarra garuu sirni Dargii injifatamee erga biyyattiin tasgabbooftee booda gara mooraa Yunivarsiitii Finfinneetti deebi’uudhaan barnoota semistara sadii waggaa tokkotti xumuree eebbifamuu danda’e.

Bariisaa: Akka barnoota xumurtaniin eessatti hojii eegaltan?

Doktar Yohaannis: Akkuma eebbifameen naannawuma dhaloota koo, Wallagga Lixaatti deebi’ee waggoota afuriif; sana booda Magaalaa Gimbiitti waggaa sadii barsiisee gara Waldaa Barsiisota Oromiyaa dhufe. Achirraayis iddoon amma jiru, gara Waldaa Barsiisota Itoophiyaatti tarkaanfadhee waggoota 17 darbaniif waldicha gaggeessaan jira.

Bariisaa: Yeroo jalqaba gara waldichaa dhuftan gaaffiin ijoon barsiisotaa maal ture?

Doktar Yohaannis: Yeroo sanatti gaaffii guddaan barsiisota biraa ka’aa ture dhimma guddina barsiisotaati. Barsiisummaan immoo sadarkaalee gara garaa kan qabu yemmuu ta’u, isaanis; barsiisaa jalqabaa, giddugaleessaa, olaanaafi dursaa jedhamu. Sadarkaaleen kunniin yeroo jalqabaatiif kan bahan bara 1987 ture.

Kanaaf yeroo sanatti leveliin barsiisaadhaaf kennamu jaha ture. Hojjattoota mootummaa kaaniif garuu ‘piisaa’ (ps) sagaltu kennama. Kanaaf gaaffii barsiisotaa kan ture akkamitti leveliin barsiitotaa kan hojjattoota mootummaatii gadi ta’a? kan jedhu isa jalqabaa ture jechuudha.

Gaaffii lammaffaan immoo waa’ee mana jireenyaa barsiisotaa wajjin kan walqabatuudha. Gaaffiin mana jireenyaa barsiisotaa kun Itoophiyatti ka’uu kan eegale bara 1961 akka ta’e seenaan ni ibsa. Kanaaf gaaffii dhalootarraa dhalootatti ce’aa dhufe kana deebisuunis hojii guddaa ture jechuudha.

Bara 1985 yeroo mootummaa ce’uumsaatti gaaffiilee waldaan barsiisotaa mootummaadhaaf dhiheesse keessaa inni tokko waa’ee mana jireenyaa barsiisotaati. Barsiisaadhaaf manni jireenyaa yookiin iddoon mana jireenyaa itti ijaarratu kennamuufii qaba kan jedhu ture. Ta’us mootummaan ce’umsaa sun gaaffii kanaaf waan deebii kennuu hindandeenyeef gaaffichi gaaffii ta’ee ittifufe jechuudha.

Baatii Adoolessaa bara 2000 yeroon pirezidaantii waldichaa ta’ee filatamettis gaaffiin kun gaaffii cimaa ta’ee bifa qindaa’een ittifufuun ka’aa ture. Akka carraa ta’ee bara 2001tti yeroo hundeeffamni Waldaa Barsiisota Itoophiyaa waggaa 60ffaan kabajamu waan tureef inumaayyuu gaaffichi bifa adda ta’een dhiyaate.

Dhimmi sadarkaafi mindaa barsiisotaa kan hojjattoota mootummaa kaan wajjin walsimsiisuus gaaffii guddaa ta’ee ittifufe.

Rakkoo guddaan biroo yeroo ani gara pirezidaantumaatti dhufu ture walqoodiinsa hoggansa waldichaa bara mootummaa ce’umsaarraa kaasee uumameedha. Bara mootummaa ce’uumsaatti hoggansi waldichaa iddoo lamatti walhiruudhaan inni tokko mootummaa deeggaraa inni hafe mootummaa mormuudhaan walirratti duuluun birmadummaa waldichaatiif qormaata guddaa ta’ee ture.

Bakka hoggansi waldichaa ijjannoo tokko hinqabaannetti immoo gaaffii barsiisotaa deebisuun hafee akka waldaatti beekamtii argachuun ni ulfaata. Keessumaa sadarkaa addunyaafi Afrikaatti beekamtii argatanii iddoo malu argachuuf hoggansa waldichaa okkoomsuun dhimma murteessaa ture. Kanaaf dhimma kana furuunis hojii guddaa ture jechuudha.

Bariisaa: Rakkoowwan guguddoo sadan kanneen akkam ta’an ree?

Doktar Yohaannis: Dhawaata Dhawaataan garuu rakkoowwan armaan olitti sii kaasee sadanuu furamaniiru.

Rakkoo walqoodiinsaa hoggansa waldichaa gidduu ture furuun hojii jalqabaa yemmuu ta’u, bara 2004tti rakkinicha furuudhaan sadarkaa addunyaatti beekamtii arganneerra. Beekamtii argachuu bira dabarree yeroo ammaa Afrikaa bakka bu’uudhaan Hoggansa Boordii Barsiisota Addunyaa keessa galleerra. Yeroo ammaa ani hogganaa Waldaa Barsiisota Itoophiyaa qofa osoo hintaane, barsiisota Afrikaas bakka bu’uudhaan miseensa boordii barsiisota Addunyaa ta’een tajaajilaa jira.

Kunis injifannoo rakkoo keessoo waldichaa furuudhaan sagalee tokkoon gaaffii barsiisotaatiif dhaabachuu keenyaan argameedha jennee amanna.

Gaaffii sadarkaa guddina barsiisotaa tures levilii jaharraa gara torbaatti baruma sana keessa akka guddatu taasifneerra. Boodarra bara 1988 inumaayyuu gara levilii sagaliitti ol guddisuun danda’ameera.

Bara 2008 immoo gaaffiin mana jireenyaa barsiisotaa deebii argachuudhaan rakkoolee jiran hunda bifa kanaan furuun danda’ameera. Asirratti wanti beekamuu qabu garuu, dhimmi gaaffii mana jireenyaa barsiisotaa deebii argate kun barsiisota sadarkaa 1ffaa irraa kaasee kanneen hanga kolleejjii teeknikii ogummaa jiran kan ilaallatuudha.

Haala kanaan erga gaaffiin mana jireenyaa yookiin iddoon mana jireenyaa barsiisotaaf akka kennamuuf ka’aa ture deebii argatee as gabaasa waggoota lamaa qabnuun akka biyyaatti barsiisotni kuma 110 yeroo ammaa iddoo mana jireenyaa yookiin immoo kondominiyemii argataniiru.

Oggaa kan Magaalaa Finfinnee qofa ilaallu barsiisotni kuma shanii ol haala kanaan fayyadamoo ta’aniiru.

Bariisaa: Carraan mana jireenyaa ykn iddoo manaa kun maaliif barsiisota yunivarsiitii hindabalanne?

Doktar Yohaannis: Akkuman armaan olitti sii kaase faayidaan barsiisotni mana jireenyaa akka argataniif waanti paakeejii barnootaa keessa taa’e sun barsiisota sadarkaa 1ffaa kaasee hanga kolleejjii teknikiifi ogummaa qofa kan ilaallatu malee kanneen yunivarsiitii barsiisan hindabalatu.

Ta’us yeroo ammaa gaaffii barsiisota yunivarsiitii biraa ka’aa jiru bu’uura godhachuun isaanis akka paakeejii kanarraa fayyadamoo ta’aniif mootummaa waliin marii guddaa gaggeessaa jirra. Haala hanga ammaa jirurraa hubachuun kan danda’amu mootummaa biraayis deebii gaariin akka jiru tilmaamuun ni danda’ama.

Kanaan ala bara 2013 irraa eegalee barsiisota yunivarsiitii irraa akka gaaffii guddaatti ka’aa jirutu jira. Gaaffiilee kanneenis qindeessinee Ministeera Saayinsiifi Barnoota Olaanaatiif dhiheessinee turre. Amma ministeerichi diigamee waan ministeera barnootaa jala galeef bara darbes irra deebiin gaaffii kana ministeerichaaf dhiheessineerra.

Gaaffiilee barsiisota yunivarsiitii biraa dhihaachaa turan keessaa inni biraa guddina sadarkaatiin kan walqabatu yoo ta’u, kanarrattis erga marii bal’aafi qo’annoodhaan deeggarame adeemsifamee booda yaa’ii bara 2014 Bahaar Daaritti gaggeeffameen sadarkaa tokko akka guddatan taasifameera.

Guddinni sadarkaa takkattii tunuyyuu barsiisota yunivarsiitii hunda kan ilaallatu miti. Garuu kana jechuun barsiisota jalqabarra jiran sadarkaa barsiisaa gargaaraa jalqabaafi gara dhumaa, pirofeesarummaarra jiran kan ilaallatu miti.

Bariisaa: Maaliif akka barsiisota yunivarsiitii hunda hammatu hintaasifamne?

Doktar Yohaannis: Gaaffii bareedaa nagaafatte. Dhimma kana calluma jedhanii hundaafuu sadarkaa tokko dabaluun salphaa ture. Garuu nuti jara fayyaduuf yaadneeti malee isaan miidhuufii miti kan giddina sadarkaa kana keessaa isaan baasneef.

Bariisaa: Guddina sadarkaa warri kuun argateyyuu dhorgatanii akkamitti isaan fayyaduuf jedhama?

Doktar Yohaannis: Akkamitti akka isaan fayyaduuf yaadamen sii ibsaa obsi. Ilaa, barsiisaan sadarkaa jalqabaa yunivarsiitiirra jiru mindaansaa naannawa kuma jahaati. Nama mindaa kuma jaha nyaatuuf sadarkaa tokko dabaluun jijjiirama hangam fidaaf? Yommuu sadarkaan tokko dabalamu qarshii kuma tokko ykn lama dabalamuun namni kun akkamitti mindaa kanaan mana kireeffatee, nyaata bitatee, uffatee jiraachuu danda’a? gaaffiin jettu deebii hinargattu. Kanaaf jara kanaaf sadarkaa tokko dabaluurra haala addaa, karaan namni kun jireenyasaa danda’ee itti jiraatu uumamuu qaba ijjannoo jedhu waan qabnuufi.

Inni sadarkaa pirofeesaroota ilaallatus dhimmuma kanaan kan walqabatu yemmuu ta’u, namni tokko umrii guutuu barumsarratti dabarsee, beekumsa horateen immoo osoo hinqusanne bakka biyyaafi ummata tajaajilaa jirutti guddinni sadarkaa tokkoo kennamu kun gahaa waan hintaaneef bifa addaatiin ilaalamuu akka qabu waan amannuufi.

Sababoota armaan olitti sii ibse kanneeniifi kanneen birootiin guddinni sadarkaa tokkoo barsiisota yunivarsiitiif kenname sunuu fiixeewwan lamaan duraafi boodaa kan ilaallatu miti jechuudha. Kana yemmuu jennu garuu jaraaf waan fooyya’aa yaanneeti malee akka isaan hinfayyadamneef yaannee akka hintaane hubatamuu qaba.

Dhimma kanarrattis ijjannoofi yaada qabnu qindeessinee mootummaadhaaf dhiheessuun keenya hubatamuu qaba.

Gaaffiin biraa kan barsiisotni yunivarsiitii kaasaa turaniifi haala qaala’iinsa jireenyaa amma jiru waliin yemmuu madaalamu gahaa ta’uu baatus dhimma tilmaama kanfaltii barsiisota (doktorootaafi pirofeesaroota qorannoowwan gara garaarratti gorsaniiti).

Jarri kun hojiiwwan qo’annoofi qorannoo yunivarsiitiiwwan keessatti adeemsifaman irratti warra gorsan, qajeelchan, yaada ijaarsaa itti dabalaniifi ijaaraniidha. Kanaaf hojmaatni kanaan dura ture yunivarsiitii tokkorraa isa birootti garaa garummaa kan qabuufi iddoowwan tokko tokkotti kanfaltiis kan hinqabne ture.

Kanaafuu garaagarummaa kanfaltii kana walsimsiisuuf hojii hojjatameen, Adoolessa 1 bara 2014 irraa kaasee yunivarsiitiiwwan hundi kanfaltii walfakkaatu akka raawwataniif xalayaan Ministeera Maallaqaa akka qaqqabu taasifamuusaatiin rakkoon kun furmaata argateera.

Kanas ta’ee garuu gaaffiin kanfaltichi sirrate gahaa miti jedhu akkuma jirutti ta’ee jechuudha.

Yommuu haala waliigalaatiin ilaalamu gaaffiiwwan waggoota sadeen darbanitti barsiisota yunivarsiitii biraa ka’aa turaniifi jiran tokko tokkoon furuuf mootummaa waliin tattaaffii cimaa gaggeessaa jirra.

Bariisaa: Yeroon ammaa kun yeroo barnootni itti eegalamu waan ta’eef barsiisotaaf ergaa akkamii qabdu?

Doktar Yohaannis: Barsiisotni Itoophiyaa hundi dhimma tokkorratti hubannoo gahaafi amanamaa ta’e tokko baruu qabu. Innis maali yoo jette, muuxannoo hanga ammaa seenaa barsiisota biyyattii jiruun gaaffiin barsiisotni biyya kanaa kaasanii deebii hinargatin kan hinjirre ta’uusaati.

Bubbuluu danda’a malee gaaffiin barsiisota biyya kanaatiin gaafatamee osoo hindeebine hafe tokkollee hinjiru. Akka fakkeenyaatti gaaffii mana jireenyaa barsiisota Itoophiyaa yoo fudhanne bara 1961tti eegalee bara 2008 deebii argate. Kanneen guddina sadarkaafi mindaa waliin walqabatanii jiranis yemmuu ilaallu ni turu malee furamuunsaanii hinoolu.

Kanaaf gaaffiiwwan yeroo ammaa barsiisota biraa ka’aa jiranis yoo dhimma yeroo ta’e malee kan hindeebine akka hinjirre hubachuudhaan bara haaraa kanattis gaaffii qaban bifa qindaa’een dhiheeffachaa adeemsa baruu barsiisuu bifuma barameen itti fufsiisuu qabu.

Tanaan duras barsiisotni biyya kanaa gaaffii yeroo adda addaatti taasisaniif guyyaa tokkollee adeemsa baruu barsiisuu osoo addaan hinkutne gaaffii qaban hunda kaasaa deebiis argachaa har’a gahuunsaanii dhaloota amma jiruufis barnoota guddaa kan dabarsuudha.

Bariisaa: Yeroo nuu kennitaniif guddaa galatoomaa!

Doktar Yohaannis: Isinis dhimma guddaa kanarratti sagalee barsiisota biyyattii akka dhageessisnuuf nu affeeruu keessaniif galatoomaa.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 7 Bara 2015

Recommended For You