“Yeroo hunda carraa ilaallaan carraawwan baay’eetu nutti naanna’a” – Lalisaa Daani’eel

Lalisaa Daani’eel Guutamaa Oromiyaa, Godina Qellem Wallaggaa, Magaalaa Dambi Dollootti dhalatee guddate. Barumsasaa sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa (kutaa 1ffaa hanga 12ffaatti) bakkuma dhalootasaatti baratee xumure.

Barnootasaa digirii tokkoffaafi lammaffaa Filoosoofiidhaan Yunivarsitii Finfinneerraa eebbifame. Laliisaan yeroo ammaa Yunivarsitii Dambi Dollootti barsiisaa ta’ee tajaajilaa kan jiru yoo ta’u, Yunivarsitii Wallaggaatti ammoo digriisaa sadaffaa (PhD) “Public Administration and Development Management” barachaa jira. Turtiin Gaazexaa Bariisaa barsiisaa cimaa kana waliin dheengadda dhimmoota adda addaarratti taasise akka armaan gadiitti dhiyaateera.

Lalisaan barsiisummaadhaan muuxannoo waggaa shanii kan qabu yoo ta’u, waggaa lama Yunivarsitii Wallaggaa, waggaa sadii ammoo Yunivarsitii Dambi Dollootti utuma barsiisaa jiruu carraa barumsa digrii sadaffaa (PhD) argatee Yunivarsitii Wallaggaatti “Public Administration and Development Management” barachaa jiraachuu dubbata.

Laliisaan Falaasama (Phlosophy) jechuun maal jechuu akka ta’eefi akaakuu barnootaa biroorraa maaltu akka adda baasu oggaa ibsu, falaasamni ilaalcha nuti addunyaa, namaafi Waaqayyoof qabnuudha. Jechi Falaasama jedhu afaan Girikiitiin jechoota lama ‘Fiiliyaa’fi ‘Soophiyaa’ jedhamanirraa dhufe.

‘Fiiliyaa’ jechuun jaalala jechuu yoo ta’u, ‘Soofiyaa’ jechuun ammoo ogummaa ykn beekumsa jechuudha. Kanaafuu Falaasama jechuun jaalala ogummaa jechuudha. Beektonni adda addaa falaasamaaf hiikawwan adda addaa kan kennan yoo ta’u, hiikni waliigalaasaa garuu gaaffii gara sammuu namaatti dhufe tokko sirrii ta’uufi dhiisuusaa akkasumas ciminaafi laafinasaarratti gad fageenyaan irratti yaaduu jechuudha.

Hiikoo dhaabbataan falaasamaaf kennamu hinjiru. Falaasamaaf hiika kennuuf jaalalliifi ogummaan maal akka ta’e guutummaatti beekuu qabna. Jaalalaafis hiika kennuun salphaa miti. Jaalalli humna guddaa eenyuyyuu to’achuu hindandeenye of keessaa qaba. Ogummaan of keessaa beekumsa waan qabuuf hiika itti kennuu hindandeenyu.

Beekumsa, ogummaafi hubannaan hiika adda addaa qabu. Beekumsi yaadota nuti sammuu keenya keessaa qabnuudha. Yaadonni kunniin wantoota nuti karaa qaama miira keenyaa shanan argannu ta’uu danda’a. Beekumsa sammuu keenya keessa jiru yoo gara hojiitti jijjiirre ogummaa ta’a. Beekumsaafi ogummaa qabnu walitti daballee yeroo hojiirra oolchinuufi jireenya keenya guyyaa guyyaa yeroo ittiin adeemsifannu ammoo hubannaa ta’a.

Kanaafuu Falaasamatti akka salphaatti hiika itti kennanii bira darbuun hindanda’amu. Falaasamni yaada yaaduu of keessaa qaba. Falaasamni gaaffiilee ani maali, maaliifan jira, eessan jira, akkamittan jira, maaliifan jira? jedhan of keessaa qaba.

Akka yaada waliigalaatti namni hundi falaasama mataasaa waan qabuuf filoosoofara jedhama. Namni hundi akka itti addunyaa kana ilaalu qaba, amantii mataasaa qaba, ilaalcha namaaf qabu kan mataasaa qaba. Falaasama namni hundi qabu kana barnoota Falaasamaa daree keessatti kennamurraa adda.

Barumsi falaasamaa daree keessatti kennamu beekumsa omishuurratti xiyyeeffata. Kaayyoon barnootaas dhaloota of danda’aa omishuudha. Fakkeenyaaf rakkoon biyya tokkoo inni guddaan wallaalummaadha. Falaasmni ammoo beekumsa uumamaan, barumsaafi muuxannoodhaan sammuu namootaa keessa jiru ifatti baasa jechuun ibsa.

Gaaffii, yaadni namoota barumsa Falaasama barataniifi hinbarannee yeroo baay’ee maaliif walii hingalu jedhuufis Lalisaan oggaa deebii kennu; wantoonni addunyaarratti uumamanii jiran marti yaadaan sammuu keenyatti hidhamanii jiru.

Fakkeenyaaf bakka kaleessa turre, bakka itti dhalanne yaadaan malee kallattiidhaan addunyaa kana ilaala jechuu miti. Namni fedhees ta’e utuu hinfedhin ni yaada. Kanaafuu burqaan yaadaa eenyu akka ta’e hinbeekamu. Ani ofii kootiin haasa’a utuu hintaane yaada dhufee sammuu kootti guutamun haasa’a. Akkitti namni falaasama barate addunyaa itti ilaalu ammoo guutummaatti ni jijjiirama.

Namoonni falaasama baratan gadfageessanii waan yaadaniif namoota falaasama hinbaranne wajjin hingalan. Filosofariin Jarmanii kan akka ‘Karl Marx’, kan Girikii ‘Socrates’ yaada falaasamasaaniitiin ari’atamaafi jibbamaa turan. Saayinsii beekumsi haaraan yeroo jalqabaa ni jibbama. Falaasama jechuun gadfageessanii yaaduu agarsiisa.

Akka falaasamaatti namni addunyaa kana kan beeku yaadaani. Sammuun namaa ammoo yaadota wantoota addunyaarra jiranirraa waraabbata. Beekumsi yaada keessaa madda. Yaadni ammoo akka bishaan lola’uu utuu addaan hincitin sammuu namaa keessa lola’a. Namni yeroo taa’u, ka’u, deemu, hojjetuufi rafu ni yaada. Beekumsi yaadota sammuu namaatti dhufanirraa waan waraabamuuf beekumsi kanatu sirriidha ykn miti jechuun hindanda’amu.

Utuun falaasama hinbaratin Waaqayyo nama hundumaa gad bu’ee waan gargaaru natti fakkaata ture. Ergan Falaasama baradhee booda garuu ilaalchi koo kun guutummaatti jijjiiramee Waaqayyo waan aduu gadii keessaa hinqabu sadarkaa jedhurra na geessiseera.

Falaasamni saayinsii kamuu caalaa amala ilaalcha namaa jijjiiru qaba. Barattootan Falaasama waliin baradhe keessaa Waaqaaf buluu bira darbanii cireesaanii bataskaanatti geessanii namoota harqa qalleeyyiif kan kennan turaniiru. Barattoonni cireesaanii nyaachuu dhiisanii harka qal’eeyyiif kennaa turan semistara lammaffaa booda cireesaanii harkaqal’eeyyiif kannaa turuu keenyatti baay’ee dogoggorreerra jedhan. Barumsi falaasamaa ilaalcha namaa daran jijjiira.

Falaasamni dhimmoota afurirratti xiyyeeffata. Isaanis: waan qabatamaa, dhugaa jiru beekuun ni danda’ama moo hindanda’amu, waan dhugaa ta’e akkamitti beekuun danda’ama, waanti beekamu kun na fayyadamoo na hinfayyadu kanneen jedhaniidha.

Wanti na fayyadu namoota biroos ni fayyada moo hinfayyadu jedhanii yaaduurratti xiyyeeffata. Falaasamni jijjiirama amalaa, ilaalchaa, haasaa, uffannaa ni fida. Ani akka dhuunfaatti ergan falaasama baradhee taatee ta’u tokko karaa seera yaadotaatiin waanan ilaaluuf bakka hojiittis ta’e iddoo biraatti namoota baay’ee waliin walii hingalu. Falaasamni waan dhugaa, haqaafi gaarii ta’eefi dhalootaaf waan gaarii kaa’ee darbuutti amana. Addunyaan jallina, saamichaafi hannaan waan guutteef namni Falaasama barate namoota baay’ee waliin walii hingalu.

Rakkoolee guguddoon biyya keenya qoraa jiran maalfaa; akkamittis furuun danda’ama gaaffii jedhuufis deebii ittaanu kenneera Bariisaa Lalisaan. Rakkoolee biyya keenya qoraa jiran keessaa hiyyummaan adda durummaan eerama. Hiyyummaa biyyattii keessatti hundee gadifageeffate bu’uuraarraa furuun hojii xiyyeeffannaa guddaan irratti hojjetamuu qabuudha.

Yeroo ammaa sababa ongeefi rakkoo nageenyaatiin lammiileen biyyattii baay’een beelaaf saaxilamaniiru. Rakkoo hiyyummaafi ongee biyyattii mudate furuuf wabii midhaan nyaataa mirkaneessuun hojii xiyyeeffannaa guddaan irratti hojjetamuu qabuudha.

Rakkoo biyyattii mudatee keessaa ba’uuf hunduu gara hojiitti seenuu qaba. Hojiin guyyaatti biddeen nama nyaachisu hundi hojiidha. Hawaansi keessumaa dargaggoonni keenya kanatti amanuu qaba. Mootummaan ammoo wantoota adeemsa hojii gufachiisan ittisuurratti xiyyeeffatee hojjechuu qaba.

Yeroo baay’ee adeemsi hojii rakkoo nageenyaatiin gufata. Kanaafuu mootummaan hawaasa wajjin ta’ee nageenya mirkaneessuurratti xiyyeeffachuu qaba. Ummanni keenya keessumaa dargaggoonni dhibaa’ummaa keessaa ba’uu qabu. Namni hundi hojjetee of jiraachisuu danda’uutti amanee hojiitti seenuu qaba. Yoo sammuu keenya amansiifnee hojjennee ofii keenya, maatiifi biyya keenya jijjiiruu dandeenya.

Karoora malee fuudhuufi heerumuunis rakkoo hiyyummaa biyyattii hammeessaa jira. Jireenya mo’atanii ijoollee horatan kunuunsanii, barsiisanii guddisuun gahee maatiiti. Macaafa Fakkeenyaa Boqonnaa 24:27 irratti “Maasii qopheeffattee hamma waan ittiin jiraattu argattutti mana hindhaabbatin” jedha.

Namni tokko utuu waan ittiin jiraatu lafa hinkeewwatin ijoollee godhatee qoruu hinqabu. Macaafa Qulqulluu keessatti Waaqayyo walhoraa baay’adhaa kan inni jedhe iddoo rakkinni hinjirre Jannata Edan keessatti. Waaqayyo namni karooraan akka jiraatu barbaada malee akka namni rakkatu hinbarbaadu. Kanaafuu namoonni hundi karooraan jiraachuufi jireenyasaanii mo’achuurratti fuulleffachuu qabu.

Rakkoo hojidhabdummaa dargaggootaatiif furmaanni maal jetta jenneenii turre. Innis, baay’ina ummata addunyaas ta’e biyya keenyaa keessaa harki caalu dargaggoota. Hojdhabdummaan rakkoo dargaggoota biyya keenyaa isa ijoodha.

Dargaggoonni rakkoo isaan mudatee jiru kana keessaa ba’uu ilaalcha hojii tuffachuufi dhibaa’ummaa keessaa ba’anii hojii ofiisaanii uummachuurratti fuuleffachuu qabu. Keessumaa dargaggeessi gaafa waa’ee hojii yaaduu jalqabu waa’ee of jijjiiruu yaaduu eegala. Maatiin biyya keenyaa hedduun dargaggeessa waggaa 18 olii kan hojii hinqabneefi isaanii hinabboomamne nyaachisaa jira. Kun maatiidhaaf ba’aa guddaadha.

Dargaggeessi hojii malee taa’uu maatiisaaniirra ba’aa buusuuf gara hojiitti seenuun of danda’uu qaba. Dargaggeessi tokko hojjetee yeroo of danda’u maatiifi biyyarraa ba’aa guddaatu bu’a. Biyya rakkoon nageenyaa jiru keessatti carraan hojiitti seenuu dhiphaa waan ta’eef mootummaan dhimma nageenya biyyattii mirkaneessuurratti xiyyeeffannaa guddaan hojjechuu qaba. Warri biyyattii nagaa dhorkanis qalbiisaaniitti utuu deebi’anii gaariidha jechuun ibseera.

Bara haaraa ilaalchisees, Yeroo hunda carraa ilaallaan carraawwan baay’eetu nutti naanna’ee dhufa. Kun ta’uu dinnaan sanatu ta’a jennee yoo yaadne ammoo waan gaariitu nuuf ta’a. Bara haaraa kanatti hundumtuu waan galii isaaf argamsiisuufi jireenyasaa ittiin geggeeffatu hojjechuurratti xiyyeeffachuu qaba jedha.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Qaam’ee 5 Bara 2014

Recommended For You