Qorannoowwan gara garaa akka addeessanitti namoota waggaa haaraatti haala keessa jiran, tarii haala jireenyasaanii miidhu, haala guddinasaaniif gufuu ta’u kamuu keessaa ba’uuf karoorsan keessaa dhibbantaan 25 ol utuu ji’a tokko hinguutin akka karoorasaanii hojiitti hiikuu dagatan agarsiisa.
Tarii gama jireenyasaaniin wantoota isaan milkeessu, gama fayyaasaaniitiin eeggannoo barbaachisaa gochuu, gama hojiisaaniitiinis taanaan namoota milkaa’oo ta’uuf karoora nibaafatu. Amala kanaan dura sirrii miti jedhanii yaadan dhiisuuf, walitti dhufeenya sirrii hintaanetti adda ba’uuf namni hinfeene, namni hinkaroorsine hinjiru. Hundumtuu isa kana nibarbaadu. Inni guddaan garuu namootni hedduun karooras ta’e fedha haa qabaatanillee malee kanneen milkaa’an muraasa.
Gaaffii guddaan garuu namootni tokko tokko karoora baafatanii, yeroo haala keessa jiran keessaa ba’an kaan ammoo haala keessa jiran keessaa akka isaan hinbaane kan isaan taasisu maalii? Kanaaf amala hamaa, adeemsa hamaa, ilaalcha hamaa, gochaa hamaa…keessaa ba’uun namoota egeree isaanii jijjiiran, namoota boriinsaanii milkaa’e ta’uuf ofii keenyarratti hojjechuun murteessaadha.
Sababiinsaas dhalli namaa uumama amala gaariis ta’e hamaa qabaachuu danda’uudha; amalli kun ammoo hamaafi kan isa miidhu yookaan kan isa gargaaru ta’uu mala. Amaloota dhala namaa keessaa dhibbantaan saddeettamaa oli kan baratamu akka ta’eefi amaloota kana keessaa tarii namootni amala hamaa qabaatan jireenyasaanii, gammachuu isaaniifi fayyaasaaniirratti dhiibbaa mataasaa danda’e qaba.
Qabeenya isaaniis ta’e fayyaasaanii kan miidhuu danda’u akka ta’e qorannoowwan gara garaas nimirkaneessu. Wanti guddaan nama ajaa’ibsiisu garuu namootni hedduun amala jireenyasaanii garmalee miidhuu danda’u kana keessaa ba’uuf tattaaffiin godhan xiqqoo ta’uusaati.
Fakkeenyaaf namni tamboo xuuxu tokko akka fayyaasaa, qabeenyasaa, walitti dhufeenya inni nama wajjin qabuufi kkf miidhu nibeeka. Haa ta’u malee haala hamaa kana keessaa ba’uuf tattaaffii inni godhu cimaa akka hintaane agarra. Isa kana irratti hojjechuun murteessaadha.
Baroota dhufanii darbanitti jireenya moofaafi ilaalcha moofaan, eenyummaa moofaafi adeemsa moofaan itti ce’uun barbaachisaa miti. Barri haaraan jireenya haaraa, ilaalcha haaraa, adeemsa haaraa, guddina haaraafi kkf kan barbaadu yoo ta’ellee kanneen tattaaffatanii isaan kana gonfatan muraasa.
Wanti dagatamuu hinqabne inni guddaan garuu jijjiirama amala yookaan adeemsa ofii irratti fiduun guyyaa muraasa keessatti kan raawwatu ta’uu dhiisuu danda’a. Namootni hedduun yeroo barreessan jijjiirama of irratti fiduun salphaafi yeroo gabaabaa keessatti akka ta’uu danda’u salphisanii kan dubbatan jiru. Haa ta’u iyyuu malee inni kun sirrii ta’uu dhiisuu danda’a.
Darbees ammoo jijjiiramni yeroo nu gaafachuu danda’a. Fakkeeenyaaf barreessitootni tokko tokko jijjiirama amala ofii irratti fiduuf yaaliin guyyaa digdamii tokkoo akka ga’aa ta’etti yeroo isaan dubbatan agarra. Inni kun garuu sirrii hinfakkaatu. Tarii qorannoo sirriirrattis kan hundaa’e ta’uu dhiisuu danda’a. Jijjiirama of irratti fiduuf guyyoota kanaa ol nutti fudhachuu danda’a. Namni tokko jijjiirama amalasaarratti fiduuf tarii ji’oota lamaafi isaa olillee fudhachuu nidanda’a.
Haa ta’u malee jijjiiramni murteessaadha. Bara qofa utuu hinta’in nutis namoota haaraa ta’uun barbaachisaadha. Yeroo tokko tokko amala nuti qabaachuuf yaallu yeroo salphaatti kan horannu yeroo ta’u, kaan ammoo kan yeroo fudhatan ta’u. Fakkeenyaaf, namni tokko nyaata isaa keessatti kuduraaleefi muduraalee garaa garaa itti ida’ee amala soorachuusaa fooyyeffachuu yoo fedhe akka isa kaaniitti baay’isee danqaa ta’uu dhiisuu danda’a.
Namni amala tokko sirriitti qabaachuuf giddu galatti guyyoottan jaatamii ja’a akka fudhatu beektotni gama amala namoota irratti qoratan niaddeessu. Darbees, namootni waggaa haaraatti amala keessa turan tokko keessaa ba’anii amala barbaadan tokko keessa seenuuf kan milkaa’an tarii dhibbantaa 20 qofa. Dhibbeentaan 47 ammoo ji’a ja’aa utuu hinguutin abdii kutatanii haala jiran keessatti hafu. Sababiin isaa namootni amala isaanii jijjiiruun salphaa miti.
Egaa nuti akka biyya keenyaatti bara haaraatti ce’aa jirra. Barri haaraa ta’uu qofa utuu hinta’in nutis eenyummaa haaraan guyyoota dhibba sadiifi jaatamii shan simachuun murteessaadha. Isa kaleessaa keessaa ba’uun, amala hamaafi isa moofaa of irraa baasuun isa sirrii uffachuun namummaa haaraan guyyoota fuula keenya dura jiran simachuun barbaachisaadha.
Kanaafis ilaalcha keenya dabalatee akkaataa itti kanaan dura ofii keenyas ta’e namoota kan biraa ilaalaa turre bara itti geeddarru ta’uu qaba. Wanti dagatamuu hinqabne inni guddaan ilaalchi bu’ura jijjiirama jireenya keenyaati. Jijjiiramni angafa waan hundumaa ta’e jijjiirama ilaalchaati.
Ilaalchi namaa hojii isaa irratti dhiibbaa qaba. Ilaalcha gaarii namni ofiif qabu daandii ittiin karoora isaa hojiitti jijjiiree argu ibsaa hindhaamne of harkaa qaba. Ilaalchi gaariin firii gaarii fida. Jireenyi nu’i jiraannu calaqqee ilaalcha keenyaati. Kanaaf ilaalchi keenya jijjiiramuu qaba. Wantoota gaarii simachuufi hamaa dhiisuu danda’u, carraa kallattii adda addaatiin nu qunnamutti fayyadamuu, dhiibbaa hamaa irraa of qoqqobachuu, hojii jaallachuu, sammuu keenya beekumsaan sooruu, yeroo keenya nama ceepha’uutti utuu hinta’in waan gaarii hojjechuufi yaaduutti dabarsuufi yeroo ganama kaanu yaada gaariin guyyicha eegaluudha. Sababiinsaa nu’i firii yaada keenyaati. Barri fuula keenya duraa bara itti isaan kanneenirratti hojjennuufi of jijjiiruu irratti xiyyeeffannu ta’uu mala.
Bara haaraa fuula keenya dura jiru kanaaf duraan dursinee karoora sirrii hojiitti hiikamu qabaachuun murteessaadha. Namoonni jijjiirama of irrattis ta’e dhaloota irratti fidan namoota karoora sirrii qaban, namoota karoora isaanii hojiitti hiikaniidha. Isa kanaaf garuu wantootni nuti gochuu qabnu keessaa tokko bara haaraa qofa ayyaaneffachuun dabarsuu utuu hinta’in ofii keenya haaressuuf karoora sirrii qabaachuun barbaachisaadha.
Namni karoora hinqabne of irrattis ta’e hawaasarratti jijjiirama nan fida jedhee yaaduu hindandaa’u. Sababiinsaas yoom maal akka hojjetu nama adda baasee hinbeekne waan ta’eef. Kanaaf milkoominaan kan nu ga’u jalqaba irratti maal akka gochuun nuuf ta’u dursinee karoorsuun baay’ee barbaachisaadha. Namni karoora hin qabne goonkumaa milkaa’uu hindanda’u. Namni karoora qabu galma sirrii niqabaata. Waan hojjetu jalqabasaa qofa utuu hinta’in dhuma isaas arguu danda’a.
Mul’ata gaarii yoo qabaanne eenyuun caalaatti karoorsuufi hojjennee milkoomuuf carraan nuti qabnu baay’ee bal’aadha. Waan nuti karoorsines kan gufachiisuu danda’u hinjiru. Sababiin isaa namni mul’ata qabu karaa qaba. Dandeettii karaa haaraa baafachuu danda’u qaba. Karaan tokko yoo cufamu hinbitatta’u, karaa biraa baafata.
Namni mul’ata hinqabne garuu isa kanarraa adda. Karoora hinqabu. Eessa akka deemu hinbeeku. Tarsiimoo sirrii hinqabu. Namni akkasii akka doonii kallattii hinbeekne irra socho’uuti. Meeshaa kallattii agarsiisu malee dooniin tokko akka barbaachisetti eessayyuu sirriitti ga’uu hindanda’u.
Socho’eellee karaa sirrii irra lafa yaade ga’uun salphaa miti. Bu’aan isaas bubbee galaanaatiin asiifi achi oofamuudha. Egaa bara fuula keenya duraatti bubbee moo karooraan jiraannaa? Isa kamiin gaggeeffamna? Utuu waggaa haaraan hinsimatin, utuu itti hinseenin dursinee teenyee isa kanarratti hojjechuun murteessaadha.
As keessatti garuu wanti dagatamuu hinqabne karoorri nuti baafannu si’a tokko tokko gufannaan qunnamuu nidanda’a. Keesumatti immoo karoora nuti haala keessa jirru jijjiiruuf baafannu ciniinnannaa barbaada. Jabaatanii irratti hojjechuu gaafata. Gufuu karoora keenyaafi mul’ata keenya qunnaman injifannee darbuu gaafata.
Karoora baafanne yerootii gara yerootti raawwii isaa hordofaa deemuun murteessaadha. Isa kana gadi fageenyaan itti yaaduun barbaachisaadha. Namni of irratti hojjetee jijjiirama of irratti fiduu barbaadu kamuu karoora baafate sirriitti hordofuun hojiitti geeddaruu qaba.
Ammaa qabnee kan dagachuu hinqabne kan biraan karoora baafanne hojiitti hingeeddartu taanaan karoorsuun keenya faayidaa hinqabu. Yeroo tokko barreessaan tokko akkas jedhe,“Itti yaaddee yoo karoorsite, jabaattee yoo hojjette, sammuufi humna kee sirriitti yoo hojjechiifte, of irra darbitee mul’ata biyya lafaa jijjiiru yoo burqisiifte nama biyya lafaa jijjiiru ta’uu nidandeessa.” Inni kun dhuguma. Sirriittis itti yaaduu nugaafata.
Egaa bara dhufu maal ta’uu barbaaddaa? Isa ta’uu barbaaddu kana bira ga’uuf ammaa eegaltee karoorri kee maal fakkaachuu malaa? Akkuma bara darbeetti jiraachuuf moo jireenya addaa, ilaalcha addaa, amala addaa, imala addaa…eegaluuf qophoofteettaa? Isa kana irratti yeroo xiqqoo fudhannee hundumti keenya itti yaaduun barbaachisaadha. Adeemsa wal fakkaatuun firii addaa eeguun hindanda’amu.
“Itti yaaddee yoo karoorsite, jabaattee yoo hojjette, sammuufi humna kee sirriitti yoo hojjechiifte, of irra darbitee mul’ata biyya lafaa jijjiiru yoo burqisiifte nama biyya lafaa jijjiiru ta’uu nidandeessa.” Barreessaa hinbeekamne
BARIISAA SANBATAA Qaam’ee 5 Bara 2014