Magaalaan Finfinnee Shaampiyoonaa Ispoortii Bishaan Daakuu dargaggoota guddattootaa bara 2014 ta’e

Shaampiyoonaa Ispoortii Bishaan Daakuu dargaggoota guddattootaa bara 2014 Qopheessummaa Federeeshinii Ispoortii Daakuu Bishaanii Itoophiyaatiin magaalaa Bishooftuutti adeemsifamaa ture Wiixata darbe kan xumurame yoo ta’u, Magaalaan Finfinnee shaampiyoonaa ta’uun xumureera.

Ministir De’eetaa Ministeera Aadaafi Ispoortii Ambaasaaddar Masfiin Charinnat sagantaa cufiinsa dorgommichaarratti akka jedhanitti, ispoortiin daakaa bishaanii ispoortiiwwan dursanii biyyattiitti gurmaa’an keessaa tokko yoo ta’u, dargaggoota guddattootarratti yoo hojjetame ispoorteessitoota ispoortii daakaa bishaaniitiin Itoophiyaa bakka bu’anii sadarkaa addunyaatti dorgoman horachuuf kan gargaaruu ta’uufi fuuldurattis cimee kan itti fufuu ta’uu eeraniiru.

Shaampiyoonichi waltajjii dargaggoonni ispoortiin obbolummaaf, nagaafi tokkummaa uumuu keessatti meeshaa guddaa ta’uu itti barataniidha kan jedhan ambaasaaddarichi, gama biraan ammoo dirree itti ispoorteessitoonni muuxannoo itti waljijjiiraniifi abbootiin qabeenyaa akka ispootiiratti hojjetaniif carraa kan uumu ta’uu himaniiru.

Pirezdaantiin federeeshinii ispoortichaa Aadde Masarat Damissuu akka jedhanitti, federeeshinichi ispoortii daakaa bishaanii guddisuudhaaf dargaggoota guddattoota ispoortichatti kennaafi fedhii qaban adda baasee irratti hojjechaa jiraachuufi dorgommiiwwan kana fakkaatan gara fuulduraattis kan adeemsifamu ta’uu dubbataniiru.

Shaampiyoonichi dargaggoota guddattoota waggaa 17 gadiifi 14 gadii ramaddii lamatti qoodaman gidduutti adeemsifamaa kan ture yoo ta’u, naannoleefi magaalonni ramaddiiwwan lamaaniin dorgommicharratti hirmaachuun injifatan, ispoorteessitoonni urjiifi leenjistoonni badhaasa waancaafi medaaliyaa argataniiru.

Dorgommii daakaa bishaanii waggaa 14 gadiitiin Magaalaan Finfinnee koorniyaa lamaaniin injifachuudhaan waancaa kan badhaafame yoo ta’u, dorgommii dargaggoota waggaa 17 gadiitiin dhiirotaatiin Magaalaan Dirre Dawaa, dubaraan ammoo naannoon Kibbaa badhaasa waancaa argataniiru.

Ispoorteessitoota umurii 14 gadii dhiirotaatiin Betseloot Haftuu warqii sagal akkasumas dubaraan Qiddisti Mulugeetaa warqii shan argachuudhaan Magaalaa Finfinneerraa ispoorteessitoota urjii ta’uun filatamaniiru.

Ispoorteessitoota waggaa 17 gadii dhiirotaatiin Nabiyyuu Eliyaas Kilabii Daakaa Bishaanii Qiddus Qiirqoos irraa warqii 11 argachuudhaan ispoortessaa urjii ta’ee yoo filatamu, dubaraan ammoo Feeben Asnaaqee warqii ja’a argachuudhaan dorgomtuu urjii ta’uuf filatamteetti.

Leenjistoota waggaa 14 gadiitiin Leenjisaan Daakaa Bishaanii Magaalaa Finfinnee Iskindir Achaamyelleh leenjisaa urjii ta’anii yoo filataman, waggaa 17 gadiin ammoo leenjisaan Bulchiinsa Magaalaa Dirre Dawaa Misikkir Amsaaluu leenjisaa urjii ta’uun filatamaniiru. Naannoon Kibbaa ammoo waancaa amalaa kan argate yoo ta’u, Naannoon Gaambeellaa haala addaatiin waancaa addaa dorgommichaa argateera. Qaamoleen milkaa’ina shaampiyoonichaaf gumaacha guddaa taasisan ammoo Federeeshinicharraa waraqaa raga argataniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Qaam’ee 5 Bara 2014

Recommended For You