Gahee beekumsi xabboo walitti bu’iinsa furuu keessatti qabu

Yunivarsiitiin Qiddista Maariyam Kibxata darbe Seminaarii qorannoo 14ffaa adeemsiseera. Seminaaricharratti qorannoowwan mata duree adda addaarratti xiyyeeffataniifi rakkoolee ummataafi biyyattii furuuf gargaaran dhiyaatanii hirmaattotaan marii bal’aan irratti adeemsifameera. Qorannoowwan dhiyaatan keessaa tokko tooftaalee beekumsawwan xabboo (duudhaalee ganamaa) walitti bu’iinsa furuuf gargaaran kan Godina Guraagee gosa Maaraqoofi gosa Maskaan isa tokko yoo ta’u, barreeffamni kunis dhimma kanarratti xiyyeeffata.

Yunivarsiitichatti Pirezdaantii Ittaanaa Qorannoofi Hariiroo Biyyoolessaa kan ta’an Doktar Mizgaanaaw Solomoon akka jedhanitti, yunivarsiitichi waggaatti yeroo afur yaa’ii qo’annoofi qorannoo adeemsisa. Yaa’iiwwan qo’annoofi qorannoo kanneen keessaa tokko sadarkaa biyyoolessaatti kan adeemsifamu yoo ta’u, sadii ammoo sadarkaa biyyaalessaatti adeemsifamu. Yaa’iiwwan qo’annoofi qorannoo kunneen utuu walirraa hincitin waggoota 14f dhimmoota adda addaa rakkoolee hawaasaa furanirratti xiyyeeffachuun adeemsifamaniiru.

Yaa’ii qorannoo marsaa 14f Kibxata darbe adeemsifamerratti qorannoowwan dhimmoota gara garaarratti xiyyeeffatan 13 qorattoota yunivarsiitichaafi dhaabbilee mootummaatiin dhiyaachuu himanii, qorannoowwan kunneen rakkoolee gara garaa biyyattii keessatti mul’ataniif mala furmaataa kan kaa’an ta’uu himu. Qorannoowwan dhiyaatan mariifi duubdeebiidhaan gabbatanii sirriitti erga qindaa’anii booda qaamolee imaammata baasaniifi rakkoolee mudatan furuu keessatti kallattiin hirmaataniif kan kennnan ta’uu ibsu.

Fakkeenyaaf qorannoon dhimma barnootaarratti adeemsifame Ministeera Barnootaatiif, kan dhimma fayyaarratti adeemsifame Ministeera Fayyaatiif, kan dhimma hawaasummaarratti adeemsifame dhaabbilee dhimma hawaasummaarratti hojjetaniif kan kennamu ta’uu kaasu.

Yunivarsiitichi dhaabbilee mootummaa waliin hariiroo gaarii uumee hojjechaa jiraachuufi dhimmoota biyyaa adda addaarrattis hirmaatee hojjechaa jiraachuu kan eeran Doktar Misgaanaawu, yeroo Ministeerri Barnootaa labsiiwwan garagaraa qopheessus irratti hirmaachuun gumaacha barbaachisu taasisaa jiraachuu eeru. Yunivarsiitichi dhimmoota dhaabbilee dhuunfaas ta’e mootummaa fayyadanirratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuufi Pirezidaantiin yunivarsiitichaa Doktar Wandawasan Taammiraatis miseensa Boordii Yunivarsiitii Barnootaa Kotobee ta’anii tajaajilaa jiraachuus himaniiru.

Biiroo Barnoota Finfinneetti Qorataafi Ogeessa Seenaafi Antiroppooloojii Obbo Yohaannis Tasfaayee qorattoota yaa’icharratti qorannoo dhiyeessan keessaa isaan tokko. Tooftaalee beekumsawwan xabboo walitti bu’iinsa Godina Guraagee gosa Maaraqoofi gosa Masqaan gidduutti mudate ittiin furame dhiyeessaniiru. Walitti bu’iinsa beekumsa xabbootiin furuun nageenyiifi tasgabbiin akkasumas misoomniifi guddinni itti fufiinsa qabu akka jiraatu gochuu keessatti gahee olaanaa qaba. Beekumsi xabboo kun walitti bu’iinsa gosa Maaraqoofi gosa Masqaan gidduu ture furuu keessatti gumaacha olaanaa taasiseera jedhu.

Godina Guraageetti walitti bu’iinsi gosa Maaraqoofi gosa Masqaan gidduu ture to’annoo mootummaatiin ala ta’ee ture kan jedhan qorataan kun, walitti bu’iinsi kun gurmaa’ina dargaggootaa al idilee gosoota lamaan keessa jiraniiniifi TPLFn deeggaraniin kan uumame ta’uu himu. Walitti bu’iinsi to’annoo mootummaatiin ala ta’ee ture tooftaalee beekumsa xabbootiin ittiin furamu fayyadamuun jaarsolii biyyaafi hawaasa naannawaa waliin ta’uun furamuu dubbatu.

Nageenyiifi tasgabbiin hinjiru taanaan misoomniifi guddinni hinjiru kan jedhan Obbo Yohaannis, beekumsi xabboo ammoo walitti bu’iinsa ittisuufi karaa nagaatiin furamaata akka argatu taasisuudhaan nageenya mirkaneessuu keessatti gumaacha olaanaa taasisa. Hawaasni nageenyasaa mirkaneessuuf beekumsa xabboo walitti bu’iinsa ittiin furatuufi ittisutti deebi’uu qaba. Sirni araaraa kamiyyuu jaarsoliin biyyaatiin kan raawwatamu ta’uus eeraniiru.

Tooftaan beekumsa xabbootiin walitti bu’iinsa furuu gosa Masqaaniifi Maaraqoo kan walfakkaatu ta’uu himanii, beekumsi xabboo kun walitti bu’iinsa sadarkaa maatii, ollaa, gosaafi sabaatti jiru furuuf kan gargaaru ta’uus eeraniiru. Beekumsi xabboo walitti bu’iinsa xixiqqoo irraa kaasee hanga nama ajjeessuutti jiru karaa nagaatiin furuuf kan gargaaru ta’uufi sirna kenniinsa haqaa mootummaas daran kan deeggaruudha. Namoonni lama walitti bu’anii gara mana murtii mootummaatti erga walgeessanii booda karaa duudhaa ganamaatiin araaramuu yoo barbaadan manni murtii sadarkaa yakkichaa adda baasuudhaan kan eeyyamuuf ta’uus himu.

Beekumsi xabboo hawaasni nagaan akka waliin jiraatuufi walitti bu’iinsa uumamu karaa nagaatiin furuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu himanii, duudhaan kun walitti bu’iinsa daangaa, maatii, gosaafi sabaa karaa nagaatiin furuufi walitti bu’iinsa gama kanaan uumamu dursee ittisuu keessattis gahee olaanaa qaba. Walitti bu’iinsi hawaasa gidduutti uumamu kamiyyuu karaa amantii, duudhaa ganamaafi mana murtii haqaa mootummaatiin kan furamu ta’uus dubbataniiru.

“Beekumsa xabboo gosti Maaraqoofi Maasqaan walitti bu’iinsa furuuf fayyadame adda kan taasisu jaarsolii ‘Raagaa’ jedhamaniin kan adeemsifamu ta’uusaati. Jaarsoliin kunneen yakka namni tokko yeroo yeroon raawwatu galmeessanii kaa’atu. Jaarsoliin Raagaa jedhaman seenaa hawaasa sanaa sammuu keessaa waan qabaniif nama irra deddeebiin yakka raawwate adda baasanii waan beekaniif waa’ee dhimma seeraarratti isaan gaafachuun murtiin kennama” jedhu.

Godina Guraageetti, gosa Maaraqoofi Masqaan gidduutti walitti bu’iinsi akka uumamu kan taasise dargaggoota al idileen gurmaa’aniifi TPLFn deeggaran ta’uu himanii, kana malees abbootiin qabeenyaa walitti bu’iinsicha uumuu keessatti hirmaatan kan jiran ta’uus eeraniiru. Hawaasni garuu waan isa gargaaruufi miidhu adda baasee waan beekuuf rakkoo walitti bu’iinsaa mudate salphaatti qabachuufi qabbaneessuu danda’eera. Walitti bu’iinsi waggoota afran darban gosa Maaraqoo gidduu ture yeroo ammaa beekumsa xabboo ganamaatiin furamuu danda’eera. Jiraattonni Masqaan baqatanii turanis yeroo ammaa kan deebi’an ta’uu himaniiru.

Qorattoonniifi hayyoonni beekumsi xabboo tokkoon tokkoon hawaasa bira jiru akka beekamuufi irraa baratamu taasisuu keessatti gahee olaanaa kan qaban ta’uu kan himan Obbo Yohaannis, duudhaalee ganamaa hawaasni baroota dheeraaf ittiin gaggeeffamaafi rakkooleesaa ittiin furachaa ture beeksisuu keessatti dargaggoonniifi namoonni baratan gahee isaanirra eegamu bahachuu qabu. Hawaasni nageenyi, tasgabbiin, misoomniifi guddinni walqabatanii kan deeman ta’uu sirriitti hubatee waan beekuuf rakkoo nageenyaa furuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu himaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Qaam’ee 5 Bara 2014

Recommended For You