Keessummaan keenya maxxansa kanaa Obbo Binnaalfi Andu’aalam yoo ta’an, yeroo ammaa Ministira Nageenyaa ta’anii tajaajilaa jiru. Gaafdeebiin keessummaa kana waliin dhimmoota nageenyaafi wayitiirratti taasisne akka armaan gadiitti dhiyaateeraa dubbisa gaarii.
Bariisaa: Bara 2014 Itoophiyaatti nageenya waaraa mirkaneessuuf hojiilee guguddoon raawwatamaniifi bu’aaleen gama kanaan galmaa’an akkamitti ibsamu?
Obbo Binnaalfi: Itoophiyaan erga sochiin jijjiiramaa jalqabdee waggoota afurii as dhimma nageenyaarratti xiyyeeffannaan hojjetamaa jira. Jijjiiramichi dhugoomaafi riifoormiidhaan akka hogganamu ta’eera. Nageenyaafi olaantummaa seeraa kabachiisuurrattis riifoormii guddaan taasifameera.
Tarkaanfiiwwan nageenya biyyattii mirkaneessuuf fudhatamaniin hariiroon waggoota 20f Itoophiyaafi Ertiraan gidduutti addaan citee ture karaa nagaatiin furmaata argateera. Lammiileen Itoophiyaa biyyoota alaatti hidhamanii turan hiikamanii gara biyyaatti akka galan ta’eera. Paartiileen siyaasaa biyya alaa turanis gara biyyaatti deebi’anii karaa nagaan akka qabsaa’an ta’eera. Adda addummaan yaadaa karaa nagaafi ammayyaa’aadhaan akka furamu ta’eera. Rifoormiiwwan seeraafi seerarratti bu’uureffatan akka hojiirra oolan ta’eera.
Dhimmi nageenyaa dhaabbataan akka hogganamuuf Ministeerri Nageenyaa hundaa’eera. Bu’aaleen hojii riifoormichaatiin galmaa’an addunyaallee ajaa’ibsiisaniiru. Seenaa biyya keenyaa keessatti Mnistirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad hojiilee gama nageenyaatiin raawwataniin Badhaasa Boobeelii Nageenyaa argataniiru.
Riifoormiidhaan booda biyyattiitti jijjiiramoonni hedduun mul’achaa jiru. Dhaabbileen mootummaas humna namaa, teknolojiifi hojmaataafi gurmaa’inaan jijjiirama guddaa akka fidan ta’eera. Kun mootummaan dhimma nageenyaatiif xiyyeeffannaa guddaa kennee hojjechaa jiraachuu agarsiisa.
Walitti bu’iinsotaafi rakkoolee nageenyaa mul’atan mariidhaan furuuf konfiraansiin nageenyaa naannolee hundatti akka adeemsifamu ta’eera. Rakkoolee nageenyaafi walitti bu’iinsota mariidhaan furuuf waggoota afuran darban hojiilee hedduun raawwatamaniiru.
Bariisaa: Haala kamiin nageenya mirkaneessuun hawaasa abbaa nageenyaa taasisuun danda’ama?
Obbo Binnaalfi: Nageenya mirkaneessuuf tokkoon tokkoon keenya dura nageenya keessoofi sammuu keenyaa mirkaneessuu qabna. Namni tokko yoo keessasaatti nagaa qabaate ofiisaa, maatii, ollaafi hawaasa waliin nagaan jiraachuu danda’a. Namni keessasaatii nagaa hinqabne ammoo carraa inni ofiisaa, maatii, ollaafi hawaasa waliin nagaan jiraachuusaa dhiphaadha. Kanaafuu nageenya mirkaneessuuf dura nageenya keessoo keenyaa mirkaneessuu qabna.
Namoonni baay’een nageenya kan mirkaneessu qaamolee nageenyaati jedhanii yaadu. Hundi keenya madda nageenyaa ta’uu keenya hubachuu qabna. Manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaatii hanga yunivarsitootaatti gumiin nageenyaa hundeessuudhaan barattoonni waa’ee nageenyaarratti hubannoo gahaa horatanii akka guddataniifi walitti bu’iinsotaafi rakkoo nageenyaa kamuu mariifi karaa nagaatiin furuun nageenya mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu akka hubataniif irratti hojjetamaa jira. Barnoonni nageenyaa kariikulamii barnootaa keessa galee akka akaakuu barnootaa tokkotti akka kennamuufis hojjetamaa jira.
Nageenya jechuun waraanni ykn walittibu’iinsi dhabamuu jechuu miti. Biyya keenyatti walittibu’iinsonni hedduun mudataniiru. Maddoota ka’umsa walittibu’iinsotaa ta’an adda baasuun walittibu’iinsota dursanii ittsuufi kanneen mudatan ammoo dafanii furuuf irratti xiyyeeffannaan irratti hojjetamuu qaba.
Walitti bu’iinsota kutaalee biyyattii adda addaatti mudataniin lammiileen jumlaan dhumaniru; qabeenyi guddaan barbadaa’eera, lammiilee hedduun buqqa’aniiru. Mootummaanis lammiilee sababa walitti bu’iinsaafi rakkoo nageenyaatiin buqqa’an qe’eesaaniitti deebisuufi qabeenyaawwan tajaajila hawaasummaa barbadaa’an deebisee ijaaruuf yaalii guddaa taasisaa tureera. Rakkoo nageenyaa bakkeewwan gara garaatti garee Shanee, TPLFfi kkf mudatan furuufis lammiilee miidhaman deebisanii damdammachiisuuf hojiilee hedduun raawwatamaniiru. Ministeerichis dhimma nageenya biyyattii mirkaneessuurratti hojiilee guguddoo raawwachaa jira.
Bariisaa: Duudhaalee walittibu’iinsota karaa nagaafi mariitiin furuu ummanni biyyattii qabu babal’isuufi dhalootatti dabarsuuf maaltu hojjetamaa jira?
Obbo Binnaalfi: Saboonni, sablammoonniifi ummatoonni Itoophiyaa duudhaalee walitti bu’iinsota karaa nagaafi mariitiin furuu ajaa’ibaa qabu. Duudhaaleen hanga ammaatti hinqoratamnellee jiru. Dudhaalee walitti bu’iinsota karaa nagaafi mariitiin furuu babal’isuufi kanneen hinqoratamnemmoo qoratanii dhaloota ittaanutti dabarsuu ammayyuu hojii cimaa gaafata.
Aadaa ykn duudhaa kanneeniin walitti bu’iinsonni bakkeewwan gara garaatti furamaniiru. Yeroo baay’ee walitti bu’iinsota malee walitti bu’iinsonni karaa nagaafi mariidhaan furaman ifatti hinmul’atan. Duudhaalee walitti bu’iinsota karaa nagaafi mariitiin furuu babal’isuun hawaasni nageenyasaa eeggatee nagaan bahee akka galuufi jiraatu taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba.
Bariisaa: Rakkoo nageenyaa yeroo ammaa Itoophiyaa mudatee jiru furuuf maaltu hojjetamuu qaba?
Obbo Binnaalfi: Itoophiyaatti waggoota dheeraaf madda rakkoo nageenyaa ykn walitti bu’iinsaa ta’ee kan ture inni ijoon rakkoo aadaa siyaasa biyyattiitiin walqabatee jiruudha. Waggoota dheeraaf biyyattiitti aangoo siyaasaa qabachuun karaa ammayyaa’aafi nagaatiin utuu hintaane tokko isa kaan ajjeesuudhaani. Dargiin Hayilasillaasee ajjeesuudhaan aangoo qabate. ADWUIn sirna Dargii waraanaan balleessee aangoo siyaasaa qabate. Biyyattiitti aangoo siyaasaa karaa ammayyaa’aafi nagaatiin walittidabarsuun hinbaratamne ture.
Seenaan aangoo siyaasaa qabachuu biyyattii waggootaaf ture wal ajjeesuu, walballeessuu, adda addummaa, walshakkuurratti kan xiyyeeffatu ture. Paartiileen siyaasaas akka diinaatti akka wal ilaalan taasisuun nageenyiifi tasgabbii waaraan biyyattii keessa akka hinjiraanne taasiseera. Dhukkubbiin siyaasa biyyattii kun nageenyiifi tasgabbiin waaraan akka hinjiraanne taasisuudhaan biyyattiin hiyyummaafi duubatti hafummaa keessaa akka hinbaane godheera. Rakkoo nageenyaafi walitti bu’iinsaa biyyattii keessatti mul’atu gfuruuf marii biyyaalessaa adeemsisuuf sochiin taasifamaa jira.
Paartiilee siyaasaa ilaalchota gara garaa qaban dabalatee qaamoleen dhimmi biyyattii nagalcha jedhan hundi maricharratti hirmaachuu qabu. Dhimmoonni maricharratti walii hingalamne ammoo ummataaf dhiyaatanii akka murtii dhumaa akka argatan aasisuun barbaachisaadha. Mariiin biyyaalessaa kun haala nageenya biyyattii ni tasgabbeessa jedheen amana.
Bariisaa: Tarkaanfiin mootummaan rakkoo nageenya Itoophiyaa kaabaa furuuf taasisaa jiru maal fakkaata?
Obbo Binnaalfi: Ka’umsi rakkoo nageenya Itoophiyaa kaabaa gareen TPLF jijjiiramicha fudhachuu dhabuun kan walqabatuudha. Waggoota afur dura yeroo mootummaan jijjiiramaa kun dimokraasii, haqaafi nageenya fooyya’aa biyyattiitti mirkaneessuuf sochii eegalu, TPLF faayidaa kootu tuqame jechuudhaan jijjiiramicha morme.
TPLF jijjiiramicha gufachiisuuf erga yaaliiwwan adda addaa taasisee dadhabee booda Maqaleetti galee waraanaaf qophii taasisuu jalqabe. Waraanniifi walitti bu’iinsi miidhaa malee bu’aa kan hinqabne ta’uu itti jiraannee waan argineef mootummaan rakkoo garechi uume karaa nagaafi mariitiin furuuf irra deddeebiin waamicha taasisaafii ture.
Jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantiifi haadholiin TPLF gara nageenyaatti akka dhufuuf hanga Maqaleetti dhaqanii kadhatanis garichi waraanni anaaf tapha aadaati jechuudhaan didee waraanaatti seene. TPLF Onkoloolessa 24 bara 2014 Raayyaa Ittisa Biyyaa (RIB) Ajaja Kaabaarratti haleellaa raawwachuudhaan ifatti waraana eegale. Yeroo kana mootummaan birmadummaa biyyattiifi nageenya lammiilee kabachiisuuf duula olaantummaa seeraa kabachiisuu torban sadiif geggeesseen Maqalee galee waraanicha qolate.
TPLF ummanni Tigraay RIB akka weerartootaafi diinaatti akka ilaaluuf kakaasaa tureera. Mootummaan garuu ummata Tigraayiif carraa kennuudhaan rakkoof akka hinsaaxilamneef RIB Maqaleedhaa akka ba’u taasise. TPLF garuu kana akka carraatti itti fayyadamuudhaan RIB, ummata Amaaraafi Affaarirratti walitti fufiinsaan miidhaa guddaa geessise. Ummata Amaaraafi Affaar daangaarra jiran weeraruudhaan miidhaa guddaa irraan gahe. Yeroo kana Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad biyyattii diigumsarraa oolchuudhaaf gara dirree waraanaa deemuudhaan weeraricha qolatan. Hojii biyyattii diigumsarraa baraaruufi weeraricha qolachuu kanarratti hoggantoonni mootummaa biroonis hirmaachuudhaan bakkeewwan TPLF weeraree ture bilisa baasaniiru.
Mootummaan RIB Maqalee akka hingallee taasisuudhaan rakkoon nageenyaa mudate karaa mariidhaan furmaata akka argatuuf TPLFf irra deebiin waamicha taasise. Mootummaan yeroo sana hawaasa addunyaafis waamicha taasiseera. Mootummaan jaarsummaa Gamtaa Afrikaatiin bakkaafi yeroo kamittuu TPLF waliin mari’achuuf waamicha dhiyeessee ture. TPLF garuu fedhii waan hinqabneef waamicha mootummaan taasiseef didee ummanni Tigraay hundi akka waraanatti seenuuf kakaasee irra deebiin waraanaaf of qopheesse. Balballi mootummaa ammayyuu nageenyaaf banaa ta’us, murnichi yeroo sadaffaaf waraanaatti seeneera. Waraanni gocha dirqamaan itti seenaniidha malee filmaata miti. Mootummaan hojii biyya baraaruu hojjechaa ammayyuu waraanichi karaa nagaatiin akka furamuuf biyyoota addunyaattis beeksisaa jira.
Biyyoonni addunyaa garuu waraana murnichi bane ifatti balaaleffachaa hinjiran. Ibsawwan isaan baasanis TPLF waraana dhaabee gara mariitti akka deebi’uuf dhiibbaa kan uumu miti. Biyyoonni addunyaa qaamolee TPLFn meeshaafi maallaqaan gargaaruun waraanaaf qopheessanirrattis dhiibbaa geessisuu qabu. Gareen TPLFn duuba goranii meeshaa waraanaatiin deggeruurra otoo murnicha gara nageenyaatti fiduuf tattaafatanii gaariidha.
Rakkoo nageenyaa Itoophiyaa keessatti mudatuun dura kan miidhamu lammiilee biyyattiiti, nageenyi mirkanaa’uusaatiin dursa kan fayyadamus isaanuma. Waraanni furmaata nageenyaa ta’ee hinbeeku. Rakkoon nageenya Itoophiyaa biyyattiirra darbee biyyoota Gaanfa Afrikaarrattillee dhiibbaa qaba.
Itoophiyaan nageenya Gaanfa Afrikaa mirkaneessuu keessatti maqaafi seenaa guddaa qabdi. Nageenyi Gaanfa Afrikaa mirkanaa’uunis nageenya Itoophiyaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qaba. Itoophiyaan nagaa taanaan biyyoonni Gaanfa Afrikaa carraa nageenyaa bal’aa qabu. Rakkoon nageenyaa Itoophiyaas Gaanfa Afrikaarra darbee rakkoo nageenya Afrikaafi addunyaa ta’a. Kanaafuu biyyoonniifi hawaasni addunyaa dhimma nageenyaarratti waliin hojjechuu qabu.
Bariisaa: Waraana booda akka nageenyi dhufuuf maaltu hojjetamuu qaba?
Obbo Binnaalfi: Fedhiidhaanis ta’e dirqiidhaan waraanatti seenuun nageenyaaf furmaata dhumaa ta’ee hinbeeku. Waraanni lubbuu namaa galaafachuufi qabeenya barbadeessuu miidhaa guddaa qaqqabsiisa. Fakkeenyaaf Waraana tokkoffaa Addunyaarratti namoonni miliyoona 40ni kan miidhaman yoo ta’u, isaan keessaa miliyoonni 20ni du’aniiru jedhamee tilmaamama. Waraana Addunyaa lammaffaarrattis namoonni miliyoona 70 hanga 80 miidhamaniiru jedhamee tilmaamama. Waraanni duguuggaa sanyii Ruwaandaatti raawwatames miidhaa guddaa qaqqabsiiseera. Waraanota kanneen keessatti kan mo’ateefi mo’atame jiraatus dhumarratti furmaata nageenyaa fiduu hindandeenye.
Waraanaan booda garuu karaa nagaatiin mari’atanii araaramuudhaan dogoggoroonni akkanaa akka irra hindeebi’amneef waliigaltee taasisuufi seerota haaraa baasuudhaan nageenyi akka mirkanaa’u ta’e. Rakkoon nageenyaa biyya tokko keessatti mudatus dhumarratti mariidhaan furama. Rakkoo nageenyaa Itoophiyaa keessa jiru furuufis daandii nageenyaa qofa hordofuudhaan nageenya biyattii mirkaneessuun barbaachisaadha. TPLFs waraana aadaasaa taasifachuurraa of qusatee karaa nageenyaa filachuu qaba. Seenaa waraanaa darberraa seerota walitti bu’iinsa ittisan baafnee hojiirra oolchuudhaan nageenya biyya keenyaa mirkaneessuurratti hojjechuu qabna.
Bariisaa: Hojiilee guguddoo ministeerichi nageenya mirkaneessuuf raawwateefi raawwachaa hojjechaa jiru maalfaadha?
Obbo Binnaalfi: Ministeerichi ejjennoo mootummaan nageenya mirkaneessuurratti qabu milkeessuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Ministeerichi ilaacha hawaasaa jijjiiruudhaan nageenya waaraa mirkaneessuuf hojiilee baay’ee raawwachaa jira. Lammiileen ijaarsa nageenyaarratti bal’inaan akka hirmaataniifi walitti bu’iinsonni karaa nagaafi mariitiin akka furaman gochuurratti hojjechaa jira.
Nageenyi wabii jireenya hawaasaa, misoomaafi guddinaati. Nageenya malee misoomni, guddinniifi dimokraasiin hinjiru. Nageenyi jiraachuu baannaan lubbuu namaa garmalee bada, qabeeny horatames barbadaa’a. Kanaafuu nageenyaaf dursa kennuu qabna. Ministeerichis waldhabdeen gara walitti bu’iinsaatti akka hinceene taasisuun nageenya mirkaneessuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira.
Ministeerichi naannoleefi mootummaa Federaalaa gidduutti hariiroo gaariin akka jiraatuufi walitti bu’iinsi kamuu karaa nagaatiin akka furamu taasisuurrattis xiyyeeffatee hojjechaa jira. Kana malees seera kabachiisuu, namoonni yakka raawwatan akka seeraan gaafataman taasisuufi dhaloonni duudhaa nageenyaa eegee akka guddatu gochuurratti hojjechaa jira.
Ministeerichi nageenya mirkaneessuu, walitti bu’iinsa mudate furuuf fiiguurra mala dursanii ittisuun danda’amurrattis hojjechaa jira. Sababoota walitti bu’iinsa uumanirrattis dursee hojjechuun walitti bu’iinsa hir’isuu, duudhaalee aadaa walitti bu’iinsi ittiin furamu babal’isuufi gabbisuu, lammiilee dhimma biyyaarratti duubatti hinjenneefi tajaajila tola ooltummaa kennan baay’inaan horachuu, dhaabbilee hunda keessatti tola ooltummaa babal’isuu akkasumas lammiilee beekumsa, qarshiifi humnaan ambaasaaddaroota nageenyaa ta’an baay’inaan horachuurratti hojjechaa jira.
Atileetota, hayyoota, abbootii qabeenyaafi abbootii amantii bebbeekamoo ambaasaaddaroota nageenyaa taasisuun dhimma nageenyaarratti wajjummaan hojjetamaa jira.
Hojii tola ooltummaa dargaggoonni naannoo tokkoo naannolee biroo deemanii akka tajaajiolan taasisuus cimee kan ittifufu ta’a. Hojiin kun dargaggoonni aadaa saboota biroos akka baratan taasisuudhaan tokkummaa keenya cimsuu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf ittifufiinsaan kan hojjetamu ta’a.
Ministeerichi waliigalteen biyyaalessaa Itoophiyaatti adeemsifamuuf jedhuuuf haala mijataa uumuun milkaa’ina marichaatiif Komiishinii Marii Biyyaalessaa deggaruufi jabeessuurrattis hojjechaa jira. Kana malees lammiileen odeeffannoo teknolojii ammayyaatiin deggarame akka argataniif hojjechaa jira.
Bariisaa: Bara haaraa 2015 ilaalchisuun yoo ergaa qabaattan?
Obbo Binnaalfi: Nageenya utuu alaa hintaane keessa keenyaa barbaaduu qabna. Nageenya ofii keenyaas ta’e biyyattii mirkaneessuuf ofii keenyaan waliigaluu, waan gaarii yaaduu, adda addummaa aadaa, afaaniifi amantii, saalaa kabajuu, mirga nama biraa kabajuu, waan akka nurratti ta’u hinbarbaanne nama biraarratti raawwachuu dhiisuufi duudhaa tokkummaa keenya cimsachuu qabna.
Biyyattiin yeroo ammaa qormaatawwan hedduu keessa waan jirtuuf lammiileen biyyattii hundi ijaarsa nageenyaarratti hirmaachuu qabu. Waggoota afran darban qormaatawwan hedduu keessa taanee gama misoomaa, nageenyaafi kanneen biroodhaan injifannoowwan hedduu galmeessisneerra. Qormaatawwan nu mudatanii dabarree bara 2015 gara badhaadhinaatti ni ceena. Bara haaraa kanatti badhaadhina lammiilee mirkaneessuu akkasumas aadaa dimokraasiifi tokkummaa keenya cimsuufi hojiilee misoomaa gurguddoo kan itti hojjennu ta’a.
Rakkoon waraanaan furamu waan hinjirreef mootummaan Itoophiyaa dhimma nageenyaaf dursa kennee hojjechaa jira. Waraanni lubbuu namaa balleessuufi qabeenyaa barbadeessuun miidhaa guddaa waan qaqqabsiisuuf wantoota gara waraanaatti nu oofanirra of qusachuu qabna. Qormaatawwan nu mudatan kana darbuuf tokkummaa keenya yoomiyyuu caalaatti cimsachuu qabna. Yoomiyyuu taanaan waraanaaf utuu hintaane nageenyaaf gatii kaffaluu qabna.
Waraanni kamuu bu’aa hinqabu. Nageenyi kamuu miidhaa hinqabu. Kanaafuu hawaasni nageenya dhuunfaafi biyyasaa eeguuf tokkummaan dhaabbachuu qaba. Yeroo bari’uuf jedhu ni dukkanaa’a. Dukkana booda ifatu jira. Qormaatawwan nu mudatan booda ammoo abdiifi waan fooyya’aatu jira. Barri haaraan 2015 bara sagaleen meeshaa waraanaa itti hindhaga’amne, bara badhaadhinaafi nagaa akka nuu ta’un hawwa.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Qaam’ee 5 Bara 2014