“Booqaan birraa kun kan tasgabbiifi nageenyaa akka nuuf ta’uuf dhiifamaan haa ceenu” – Artistoota

Qeerroon “Hoo yaa birraa birraan bar’ie farda biti yaa gootaa” kan jedhamu waqtii birraan bari’u kanatti. Qarreen ammoo “Adaan daraare yoona malee yoomii” jechaa anaa dhufu birraa jedhu, bacaqiin ganna dhidhimee dacheen magariisa abaaboon uwwifamee kanniisni abaaboorra maarsitee dukkana keessaa ifatti bahuu sagaleeshee miidhagaan leellisti.

Jabbileen hidhaarraa hiikamanii dirreetti ol yaaafamanii olii gadi burraaqanii sagalee hawwataan misiraachoo anaa dhufuu birraa dhageessisu.

Hameeyyiinis coqorsaafi marga laliisaa dheedanii jabbileesaanii hoosisu, aannan okolee guutuun hoomacheessuun abdiifi quufa ilma namaatti horu. Yeroo dukkanni ifu yeroo lagni gu’u yeroo firri walitti adeemu waqtii abdiin haaraa itti horatamuudha.

Bari’uun birraa dhala namaan alatti uumama lafarraatiif waktii hawwiin jijjiiramaa, karoorri haaraa itti eegalamuufi yeroo galateeffannaati.

Booqaan birraa yeroo itti dukkana keessaa ifatti bahan waan ta’eef uumama lafarraa hundaaf yeroo gammachuufi hawwiin ofii itti milkaa’udha.

Kanarraa kan ka’e yeroo galataa waan ta’eef Oromoon yeroo itti irreecha malkaatiif of qopheessuudha. Irreecha malkaa kanarrattis uffata aadaan miidhagee sammuu haaraan of qopheessee malkaatti bu’uun uumaasaa dukkana gannaarraa booqaa birratti isa ceessise galateeffachuuf of qopheessu waan ta’eef yeroo kabajaafi ulfoodha.

Firri gamaafi gamanaa guuta lagaatiin walirraa fagaatee tures walitti adeemuun baga bacaqii gannaarraa gara ifa birraatti nagaan baate jedhanii walgaafatu.

Bacaqiin gannaa dhidhimee, lafti abaaboon uwwifamee uumamni hundi gammachuun yeroo itti buburraaqu waan ta’eef waraanni biyya keenya goolaa ture araaraan furamee dhiifamaan ce’uun biyya nagaa qabdu ittifufsiisuuf tumsi lammiilee barbaachisaa ta’uu artistoonni hawwii qaban ibsu.

Yeroo rakkoon nageenyaa mudatu lammiileen dinagdeefi hawaasummaan miidhamaa kan turan yoo ta’u, hudhaan biyya goolaa jiru kun booqaa birraa kanatti akka hafuufi biyya nagaa qabdu dhalootaf dabarsuuf hunduu tumsa gochuu akka malu Artisti Saaaliyaa Saamii ni dubbatti.

Artisti Saaliyaan ayyaana bara haaraa 2015 cehumsa booqaa birraa sababeeffachuun turtii Gaazexaa Bariisaa waliin taaasisteen birraan yeroo dukkanni ifaan mo’amee firri guuta lagaatiin walirraa fagaatee ture wal-iyyaafatuufi baga ceete waliin jedhuudha jetteetti.

Egaa waggaan haaraa ykn booqaan birraa yeroo ce’umsaa akkuma ta’e ilaalcha waldhabdeefi walwaraansaa biyyattii keessatti hudhaa ta’aa jiru furuun biyya badhaate ijaaruuf tokkoomuun barbaachisaa ta’uu kaasteerti.

Waraanaan daa’imman, haadholiin manguddoonni gaaga’ama hammaataa keessa galu kan jette Artisti Saaliyaan, marii bal’aa taasisuun nageenya boora’e bakkatti deebisuuf xiyyeffannoo kennuun murteessaa ta’uu kaasteetti.

Nageenya biyyaa waaraa ta’e bakkatti deebisuun ala lammiilee balaa ongeetiin miidhamaa jiran jajjabeessuuf biyya keessaafi alaan deeggarsa taasisuun murteessa ta’uu Artisti Saaliyaan ibsteetti.

Hamma ongeen balaa uumamaan qaqqabu keessaa isa tokko ta’etti lammiileen biyya keessaafi alaa xiqqaafi guddaarraa waliif qoodee walceessisaa ture ammas cimsee ittifufuu akka qabu yoo dhaamtu booqaan birraa kan gammachuu nageenyaa, tokkummaafi milkaa’inaa akka ta’uuf hawwii qabdu ibsiteetti.

Artisti Tsaggaayee Dandanaas (Sayyoo) gamasaatiin booqaan birraa bara kanaa kan gammachuu, kan waldanda’uufi milkaa’inaa akka ta’uuf hawwii qabu ibseera.

Booqaan birraa yeroo gammachuuti, yeroo ce’umsaa firri fagoofi dhiyoo walitti deemuudha jedhee, jibba jaalalaan mo’achuun biyya nagaa qabdu ijaaruuf waliin dhaabachuun ilaafi ilaameen waldhabdee furuun murteessaa ta’uu kaaseera.

Barri kun gammachuu offii duwwaa kan itti dhandhaman qofa osoo hintaane lammiilee ofii sababa ongeetiin qe’eefi qabeenyasaarraa buqqa’ee rakkachaa jiruuf yeroo itti birmatan ta’uu akka qabu dubbata. Kanaafis lammiileen biyya keessaafi alaa deeggarsa barbaachisu taasisuu akka qaban dhaameera.

“Nu waliin dhaadannaa walmalee maalqbana” akkuma jedhmu lammii keenya sababa ongeen mankaraaraa jiruuf walcina dhabachuun hojii ijoo dabalataa ta’uu mala ergaa jedhu dabarseera.

Booqaan birraa kun inni qabu kan itti gammadu inni hinqabnemmoo kan itti gaddu akka hintaaneef lammiilee ongeen abdiin jireenyaa itti dukkanaa’etti abdii an siif jiraa horuun barbaachisaadha.

Booqaan birraa kan nagaa kan gammachuu kan milkaa’inaa akka ta’u hawwaa, yeroo itti kan karoorfame milkaa’u, saawwi mirgisu, kan facaasne itti nyaachuu eegalu, firri dhiyoofi fagoo walitti adeemuun baga ganna baate waliin jennu akka ta’uuf nan hawwa jedheera Artisti Tsaggaayee Dandanaa.

Lolarraa bu’aan argamu yoo jiraate jibba walbuqqisuu wal hiraarsuufi rakkoo dinagdeefi hawaasummaaf walsaaxiluu ta’uullee kaasee yaada ofii jijjiiruun ilaalcha tarkaanfachiisaa ta’een biyya nagaa qabduufi badhaate ijaaruuf of qopheessuun barbachisaadha.

Hudhaaleen bara darbe numudatan nuwaliin bara haaraa kanatti akka hindabarreef gamanumaa of qopheessuun fala ta’uullee ibsee hanqinoota jiran booddeetti dhiisanii karoora haaraan jijjiirama haaraafi injifannoon guutame galmaan ga’achuuf kutannoon hojjechuun murteessaa ta’uus kaaseera.

Nuti akka artistiitti sagalee keenya ummata ongeen miidhamaa jiruuf birmachuun kan barbaachisu yoo ta’u, abbootiin qabeenyaa biyya keessaas ta’an diyaaspooraaleen jiran karaa Buusaa Gonofaa deeggarsa humnisaanii baasu taasisuufii qabu jedhee, kanaan duras bifuma kanaan walgargaaraa akka turame kaaseera.

Lamiin keenya buqqa’ee jiru numaan qaba kanaaf hunduu tumsa taasisuun barri haaraa kun isaaniifis bara gammachuu milkaa’naafi abdii haaraa kan itti horatan akka ta’uuf faana dhaabachuu qabna jedheera.

Yeroo barri jijjiiramu faranjiin meeshaa garaa garaa jijjiirti nummoo yaada jibbaa kanaan dura akka biyyaatti numudachaa ture jaalalaafi yaada haaraan injifachuun bara milkaa’inaa taasisuuf hojjechuu qabna.

Walumaagalatti barri 2014 Itoophiyaf bara qormaataa yoo ta’u, sababa waraanaatiin walqabatee daa’imman, haadholiin manguddoonni ni miidhamu. Waldhabdeen jiru ilaafi ilaameen furamee obboleeyyan wallolanis dhiifamaafi araaraan ce’anii biyya badhaate, biyya hunda qixa keessummeessituufi dimokiraasiin keessatti lafa qabate ijaaruuf miira tokkummaafi jaalalaan akkasumas sammuu haaraadhaan yeroo itti waliin dhaabannu ta’uu mala.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Qaam’ee 5 Bara 2014

Recommended For You