Bara haaraatti bu’aa gaarii omisha qamadiitiin argamaa jiru cimsanii ittifufsiisuuf

Itoophiyaan biyya omishawwan addaddaa omishuuf mijattuu taatus itti fayyadamuu dhabuusheetiin lammileeshee sooruu dadhabdee biyya alaarraa sharafa olaanaatiin omisha galchaa turte. Keessumaa qamadii wajjiin walqabatee waggaatti qarshii hedduu baasuuf dirqamaa turte.

Kun hafee biyyattiin omisha qamadiidhaan of danda’urra dabartee biyya alaattillee erguuf Abiyyi Ahimad (Doktar) inisheetiivii jalqabsiisanii turan. Kunis bonaa ganna qamadii omishuun manii kaa’ame bira ga’uuf hojjechuudha. Bu’uuruma kanaan wayita ammaa bu’aa jajjabeessaan argamaa jira.

Ministirri Muummee Doktar Abiyyis fuula feesbuukiisaaniirratti “Omishtummaa qamadii hamma yoonaatti galmeessifne cimsineefi babal’isaa yoo deemne, nyaataan of danda’uu bira darbinee naannawaa keenyaa madda midhaan nyaataa gochuu dandeenya” jechuun bu’aan argamaa jiraachuu ibsaniiru.

Hojii kana naannolee haala qabatamaasaaniitii fudhatanii hojiirra oolchaa kan jiran yoo ta’u, akka Oromiyaattis qonna gannaafi boonaatiin qamadii kuntaala miliyoona 100 argachuuf hojjetamaa jiraachuu biiroon qonnaa naannichaa ni ibsa.

Hogganaa Ittaanaan Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu leenjiin leenjistootaa ogeessota qonna godinaafi hoggansa qonnaa aanaaf tibbana magaalaa Adaamaatti kennamerratti bara kana qonna gannaa akka inisheetiiviitti qabachuun lafa hektaara miliyoona 1.6 misoomsuuf karoorfame hanga ammaatti lafti hektaarri miliyoonni 1.52 faca’uufi qonna bonaatiin immoo lafa hektaara miliyoona tokko misoomsuun waliigala omisha kuntaala miliyoona 100 argachuuf karoorfamee xiyyeeffannoo addaatiin hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Qonna bonaafi arfaasaa baranaatiin qamadii kuntaalli miliyoonni 19.9 sassaabamuu eeranii, bara dhufutti immoo qonna gannaa gaggeeffamaa jiruufi bona dhufu misoomuun kuntaala miliyoona 100 misoomsuun fedhii omisha qamadii akka biyyaatti jiru kuntaala miliyoona 80-90 guutuun kuntaala miliyoona 10 immoo biyya alaatti erguuf ogeessonni qonnaafi gaggeessitoonni sadarkaan jiran xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu himu.

Karoora qabame kana milkeessuuf hoggansiifi ogeessonni ammumarraa eegaluun lafa irratti misoomu, qabeenya bishaanii jiru, guddistuuwwan callaa barbaachisaniifi qabeenya jiru adda baasuun qindooomina cimaan akka hojjetan dhaamu.

“Qonni keenya mala baramee keessaa bahuun gara bizinasiitti jijjiiramuu Qonnaan bultoonnifi horsiisee bultoonni keenya sirriitti hubachuun fayyyadamoo ta’a jiru. Ogeessonniifi gaggeessitoonni qonnaa jijjiirama bu’uuraa fiduuf gahee adda durummaa bahachaa jiran cimsanii tokkummaafi qindoominaan hojjechuu ittifufuu qabu” jedhu.

Haala mijaawaa hundatti fayyadamuun bara dhufu qamadii bonaatiin kuntaala miliyoona 38 misoomsuun birmadummaa biyya keenyaa mirkaneessuuf hojjetamuu akka qabus Obbo Geetuun ni hubachiisu. Bara kana ragaa dogoggoraa lafa misoome waliin walqabatee jiru furuuf lafti misoome hundi GPStiin fudhachuun ragaa qulqulluu akka gabaasuu qabanis kallattiin kaa’ameera. Hojii misooma qamadii bonaa kanarratti abbootiin qabeenyaa, yunvarsiitiiwwaniifi dhaabbilee addaddaa hirmaachisuun ofii misoomsuurra darbanii deggersa teknolojii akka taasisaniif hojjetamuu akka qabu kaasu.

Dabalataanis, komaandi poostii cimaafi ittigaafatamummaa olaanaadhaan ragaa qulqulluu xiyyeeffannoodhaan fudhachuun qindeessuu danda’u sadarkaa naannootii hanga aanaatti hundeessuun hojjetamuu akka qabuufi SMS (Subject Matter Specialist) cimaa gandoota qabatee hanga dhumaatti deggeruun bu’aa qabatamaa buusuu danda’u ramaduudhaan hojiitti galamuu akka qabus Obbo Geetuun ni ibsu.

Karoora bal’aa qabame kana milkeessuuf hanqina dhiheessii bishaanii, paampiifi galteewwan qonnaarratti hojii kana keessatti uumamuuf fala battalaa qindoominaan kennuun barbaachisaa akka ta’eefi omisha qamadii argamu seeraan ala akka biyya keessa hinbaaneefi ittifayyadama biyya keessaaf akka ooluuf xiyyeeffannoo addaatiin eegumsa barbaachisu akka taasifamuus Obbo Geetuun kallattii kaa’aniiru.

Gama biraatiin, raawwiin omisha qamadii bara 2014fi karoora bara 2015 ilaalchisee bakka hoggantoonni seektara Misooma Baadiyyaa argamanitti Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa qorachuun Roobii darbe kallattii kaa’aniiru.

Gabaasa qorannicharratti dhiyaateenis waggoota sadan darban, Bara 2012 godinaa afur lafa hektaara kuma sadiifi 380 irraa omisha kuntaala kuma 129fi 947; bara 2013 godinaalee 21 lafa hektaara kuma 382fi 237 irraa omisha kuntaala miliyoona 11.8fi bara 2014 Godina 21 lafa hektaara kuma 669 olirraa omisha kuntaala miliyoona 20.1 jallisii bonaafi qonna gannaatiin argachuun akka danda’ame Biiroo Qonnaa Oromiyaatiin ibsameera.

Bara bajataa 2015tti, ammoo qamadii jallisii bonaatiin lafa hektaara miliyoona tokkorraa kuntaala miliyoona 38.5fi lafa hektaara miliyoona 1.7 irraa qonna gannaatiin kuntaala miliyoona 61.5 walitti kuntaala miliyoona 100 argachuuf karoorfamuun ibsameera.

Raawwiin omishaafi omshitummaa qamadii kun, manii qamadiin of danda’uufi biyya alaatti erguuf akka naannootti qabame kan dhugoomsu ta’uu hirmaattotaan ibsameera.

Obbo Shimallisis raawwii hojii omisha qamadii hojjatame milkaa’ina olaanaa kan qabu akka ta’e ibsuun, bara bajataa 2015tti hojii omisha qamadii daran milkeessuuf hojiin paampiifi iskiimoota suphuu hatattamaan akka xumuramu, galteewwan qonnaa sanyii filatamaa, xaa’oofi kompoositii baay’inaan akka dhiyaatuufi hojii jallisii irratti hubannoo qonnaan bulaa, hoggansaafi oggeessota misooma qonnaa akka cimuu akka qabu kallattii kaa’aaniiru.

Waliigala biyyattiin karoorawwan guddina dinagdee qabatte qormaatawwan garagaraa keessa teesseellee milkeessaa kan jirtu yoo ta’u, barri haaraas Itoophiyaaf bara ifaa akka ta’u Ministirri Pilaaniifi MIsoomaa Doktar Fitsum Asaffaa waltajjii ‘Addis Wag’ Wiixata darbe taa’amerratti ibsaniiru.

Biyyattiin waraana dabalatee rakkooleen keessoofi alaa hedduu ishee mudatus dandamattee gama carraa hojii uumuu, saharafa alaa argamsiisuu, omishaafi omishtummaa guddisuufi invastimantii alaa dabalatee bu’aalee jajjabeessoo galmeessuu danda’uushee himu. Bara bajatichaas lammiilee miliyoona 2.3f carraa hojii uumamuu, sharafa alaa daldala, tajaajila, lammiilee ala jiran irraa kan argamuun waliigala galoo doolaara biliyoona 22tti siqu argamuu ibsu.

Hojiin eegalame kun cimee itti fufuun qabatamaadhaan jireenya lammilee akka jijjiiruuf hunduu tumsuu qaba. Keessumaa nageenya biyyattiif waardiyyaa dhaabachuun guddina dinagdee fagootti yaadame akka milkaa’uuf hunduu miira ittigaafatamummaatiin hojjechuu qaba.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Qaam’ee 5 Bara 2014

Recommended For You