Oromoon waggaa tokko wayiti afurti hira. Isaanis Birraa, Bona, Afraasaafi Ganna jedhamu. Kana keessaa wayitiin jaalatamuufi hawaasni abdii guddaan simatu wayitii birraati. Wayitiin kunis simannaa ayyaanota akka Taaboree, Qaammee, Masqalaafi Irreechaa kan simatamu ta’a.
Ummanni Oromoo akkuma bal’ina lafaafi baay’inasaatti aadaa saboota ollaasaas ofitti fudhatee waliin jiraachaa tureera. Aadaa waliin jireenyaa keessatti kan ofiis kennanii kan ollaas fudhachuun adeemsaafi guddina aadaa keessatti kan barameedha.
Oromoo karaa bahaa aadaa hawaasa musliimaa kan fudhate yoo ta’u, karaa kaabaatiin immoo aadaa hawaasa kiristaanaa fudhatee waliin jiraachaa tureera, jiras.
Kanarraa ka’uun Oromoon ayyaanota baay’ee ummatoota Itoophiyaa keessa jiraatan waliin kabajaa tureera. Ayyaanota waggoota kanneen keessaa tokko ayyaana Shinooyyee ykn Daddarbaa ykn Qaammeeti.
Qaammeen jecha ‘phagumee’ jedhamurraa kan madde yoo ta’u, jecha durii kan kaabaa bahaa jiddugalaa, iddoo mootumma kiristaana Baazaantaayin (Turkii) ta’uun akka hinoolle ni dubbatama. Aadaan kabaja ayyaana kanaas amantii kiristaanaatiin walqabatee kan dhufe ta’uu seenaan ayyaanichaa ifa godha.
Kana malees ayyaani kun wayitiin ganna dhumee seensa tibba biraa ykn bara haaraan kan itti eegaluufi barri haaraan itti simatamu waan ta’eef ayyaana gammachuu ta’uun kabajama.
Qaammeen Ayyaana shamarranii waan ta’eef Oromoo biratti guyyaa shamarran daa’imtiifi geessuun gandaan walwaamanii maatiisaaniirra naanna’uun itti eebbisaniidha. Hawaasa Oromoo biratti eebbi dubarri daa’immanii kabajaafi dhageettii guddaa qaba jedhamee yaadama. Hawaasa biratti eebbi daa’imman dubaraa fuudhatama guddaas ni qaba.
Ayyaana kanarratti hawwan ykn beerren Ateetee ni facaafatu. Sirbi Shinooyyee kun jala bultiidhaa qabee kan raawwatamu ta’ee warri gaa’elatti seenan ykn heeruman kan irraatti hinhirmaanne yoo ta’u, jarreen xixiqqaan kan itti miidhaganii yaa’aniidha. Kana malees shamarran geessuun itti muldhataniidha.
Guyaan kun dargaggoonni gaa’elaaf ga’an kan michuu itti filachuuf carraa argataniidha. Jala bultii ayyaana Qaammee kana lafa caffee qunniin itti margutti yaa’anii qunnii buqqifatu. Qunniin kun immoo kennaa ayyaana walargii waan ta’eef maatiin gammachuu guddaadhaan ijoollee dubaraa harka dhungachuun irraa fudhatu. Marga qunnii kanarraayis manarratti darbatu. Kanarraa ka’uun ayyaana Daddarbaa jedhu. Sirboota shamarranii guyyaa kanaa yoo fudhanne Shinooyyeen isa tokko.
“Shinnooyyee yaa shinooyyee
Qaammee yaa masqalooyyee
Inquxaaxaashiin ayyaanaa (2)
Daddarbaaf karra yaana!
Jechuunn walyaamani maatii ganda sanaarra yaa’anii qunnii qabatan kennuun manarrattis daddarbuun eebbisani deemu. Maatiinis ijjoollee shamarranii kana affeeranii dhadha dibuun eebbisanii qarshiis badhaasanii gaggeessu. Iddoowwan tokko tokkotti Qaammeen ayyaana hingiccaa jedhama. Dardaroonni hinfuune jaalalleesaanii kan eeganiifi tasa itti dhungataniidha. Kunis hawwii gara fuulduraashiif qaban kan itti mul’isaniidha.
Obbo Alamaayyoo Hayileetiin
BARIISAA SANBATAA Qaam’ee 5 Bara 2014