“Ummanni Magaalaa Dukam waa’ee nageenyaa sirriitti hubateera, ni beekas” -Obbo Masfin Geetuu

 Finfinnee: Magaalaan Dukamiifi jiraattonnishii yeroo hunda dhimma nageenyaarratti cichanii hojjechuun beekamu. Gaazexaan Bariisaas muuxannoo gama kanaan naannawa kana jiru akka nuu qoodaniif hogganaan Waajjira Nageenyaafi Bulchiinsaa Magaalaa Dukam Obbo Masfin Geetuu dubbiseeraa; yaadnisaaniis kunooti.

Finfinneerraa kallattii bahaatiifi dhiyeenya fagoorratti kan argamtu Magaalaan Dukam jiddugala industirii ta’uun beekamti. Kanaanis hojjettoota dargaggeeyyii hanga kuma 50 ta’antu warshaalee keessatti mindeeffamee hojjeta.

Kanatti dabalees hojjettoonni guyyaa ni jiru. Magaalaan Dukam jiddugala industirii qofa otoo hintaane bakka bashannanaatisi. Kanaanis guyyaatti konkolaattota hanga kuma lamaafi 500tu seenee bula. Konkolaataan Jibuutiidhaa dhufus kan bulu magaalaadhuma keenya.

Kanarratti dargaggoonni gurmaa’anii hojii eegumsaa hojjetan ni jiru. Dargaggoonni kunniin kanneen qaama nageenyaatiin leenjii ga’aa fudhataniidha. Waraqaa dabalatee waa hunda qabu. Kanarraa ka’uun halkan otoo qabeenyi tokkoyyuu hinbadiin, bulooniin tokkollee hinhiikamiin qabeenya nama dhuunfaa mara akkuma fuudhanitti eeganii, kunuunsanii karaa nagaatiin kennu. Inni bashannanus karaa nagaatiin bashannanee sa’aatii barbaade socho’uu akka danda’uuf hojiin hojjetan jira. Qaama nageenyaa wajjin qindoominaafi walittidhufeenya cimaadhaan hojjetu.

Ummanni Magaalaa Dukam waa’ee nageenyaa sirriitti hubateera, ni beeka. Ijaarsi bilookiis ni jira. Ijaarsa hojii mootummaa ykn misoomaa ittiin hojjetan qofa otoo hintaane kan nageenyaas sirriitti ijaaramee jira. Ummanni tokko tokkoo bilookii keessatti qoodamee hirmaachaa jira.

Warshaalee adda addaa keessattis koreelee nageenyaa dhaabuudhaan hojii bal’aan hojjetamu daran bal’aadha. Kana maddiitti gaachanni sirnaas waan jiruuf haala kanaan hojjetamaa jira.

Akkaataan nageenya magaalattii ittikabajame tokkoffaa ummanni Dukam dhimma nageenyaarratti mamii tokko malee hojjeta. Odeeffannoo ni kenna; eegumsarratti ni hirmaata. Bakka ittiramadametti leenjii qaamolee nageenyaatiin kennamu fudhatee bobba’ee, ni eega, hojjeta. Bakka sakatta’insi barbaachisuttis qaamolee nageenyaa wajjin ta’ee ni sakatta’a.

Magaalonni Oromiyaa hundi milishaa qabaatanis waanti kan Dukam adda godhu caasaan milishaa magaalattii harki caalu humna dargaggeessaati. Milishoonni kunniin xiqqaatus mindaa humna hawaasaatiin kanfalamuuf ni qabu. Humni kun poolisii wajjin walutubee hojii nageenya naannawaa mirkaneessuu halkanii guyyaa hojjeta.

Gara fuulduraattis hanqinoota mul’atan furuuf xiinxala geggeessinee waantota sirraa’u qabu sirreessuuf xiyyeeffannaadhaan hojjetaa jirra. Hanqinoonni loojistikiidhaan walqabatanii ka’an ni jiru. Irreecha dabalatee ayyaanota adda addaatiif qophii gahaa taasisneerra. Oranteeshiniifi ramaddii kenninee hojjetaa jirra.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 28 Bara 2014

Recommended For You