“Saamichi, weerarri lafaafi daldalli daandiirraa waraana tokko jenneetu irratti qabsaa’uuf hojjetaa jirra” -Aadde Natsaannat Dhaabaa

Hoggantoota dubartootaa cimoo Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee keessaa tokko. Hojii quuqama eenyummaatiin walqabatee hojjetaniin baay’onni kan isaan jajan, jaalataniifi kabajan, filannoo bara darbe adeemsifameenis kutaa magaalaa dorgomanirratti sagalee caalmaa argachuun kan mo’atan keessummaa keenya maxxansa kanaati. Isaanis Aadde Natsaannat Dhaabaa, Gaggeessituu Hojii Kutaa Magaalaa Nifaas Silki Laaftooti. Nutis muuxannoofi mudannoosaanii isinii qooduuf jennaatii; dubbisa gaarii!

Bariisaa: Mee dubbistoota keenyaan walbaraa. Aadde Natsaannat eessatti dhalatanii, guddatanii akkasumas baratan? Haala jalqabbii hojii keessaniis walumaan osoo nuu kaastanii.

Aadde Natsaannat: Ani kanin dhaladhee guddadhe Godina Shawaa Kaabaa, Aanaa Waacaalee, Magaalaa Muka Xuuriitti. Barnoota kiyyas godinuma sana, Magaalaa Fiicheettin baradhee xumure. Akkuman baradhee xumureenis hojii barsiisuummaa eegaleen waggoota muraasa hojjedhe. Barnootaan of cimsuuf jechas akaakuu barnootaa Maanaajimantii baradheen, isaanis Bulchiinsa Magaalaa Fiicheetti sadarkaalee garagaraarratti ramadamee hojjedheera.

Sana booda gara Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti dhufuun ogeessummaarraa kaasee hanga abbaa adeemsaatti, darbees hoggansaatti waggoota 20 caalaaf hojjechaan jira. Irra caalaas hojii gaggeessummaarra kanin hojjedhe yoo ta’u, kanaanis aanaa, kutaa magaalaafi biiroorra hojjedheera.

Hojii gidduuttis carraa barnootaa argadheen digriikoo lammaffaa baradhee deebi’een Kutaa Magaalaa Qiirqoos gaggeessaan ture. Digriikoo lammaffaas ‘Leadership and Good Governance’n baradhe. Sadarkaa ittaantuutti biirolee lama jechuunis Biiroo Pabliik Sarviisii Magaalaa Finfinnee akkasumas Hirmaannaa ummataafi tola ooltummaatti walitti qabuurratti hojjedheera.

Bariisaa: Maatii keessaniif intala meeqaffaadha, obbolaa meeqa qabdu?

Aadde Natsaannat: Maatiikootiif intala lammaffaadha. Obbolaa durba lamaafi dhiira shaniin qaba.

Bariisaa: Ogummaa barsiisummaarraa kaatanii kallattii jijjiirachuun siyaasa keessa seentanii hamma gaggeessummaatti dhufuun keessan kun hawwii keessan ijoollummaati moo?

Aadde Natsaannat: Hawwiinkoo ijoollummaa akkuma nama kamuu baradhee maatiifi ummata tajaajiluudha. Akka ogummaatti garuu haadha seeraa ta’uun hawwaa ture. Ta’us waanin maanaajimantii bareedheef gara bulchiinsa ummataatti gore. Kanaanis waggoota dheeraaf ummatakoo tajaajiluu danda’eera.

Hojiin gaggeessummaa daran ulfaataa, dadhabbiifi dhamaatii guddaa kan qabu ta’us itti gammadeen hojjechaa jira. Yommuu gara gaggeessummaatti dhuftu yeroo ofiikeetii hinqabaattu. Sa’aatiikee hunda ummataafi mootummaaf kennitee kan tajaajiltu ta’us hojiilee hojjetaman yommuu argitu daran namatti tola. Keessumaa sana keessatti hojii seenaqabeessa hojjetanii darbuun nama gammachiisa. Wanta bade tokko ala teessee haasa’uurra keessa seentee sirreessuu waan dandeessuuf boqonnaa sammuu olaanaa namaaf kenna.

Bariisaa: Hojii keessan keessatti qoodni maatii keessanii akkamiin ibsama? Obboloota keessan keessaawoo daandii keessanirra kan dhufe jiraa?

Aadde Natsaannat: Maatiinkoo deggarsa olaanaa naa taasisan. Bultoo dhaabbadhee daa’ima tokko qaba. Abbaan warraakoos hojjetaa mootummaa waan ta’eef baay’ee na gargaara. Akkan hojiikootiin milkaa’uuf waan na jajjabeessuuf hojiikoorratti milkaa’uu danda’eera. Hojiin gaggeessummaa gargaarsa maatii malee milkaa’uuf nama rakkisa.

Maatii jechuun ammoo abbaa warraa qofa osoo hintaane abbaa, haadha, obbolaafi firoota kaanillee dabalee jechuudha. Gama kanaan hunduu na duukaa ta’anii gorsaan, hamilee kennuufi kan danda’aniin waan na deggaraniif malee hojichi daran ulfaataadha.

Obbolaankoo hojiikootiin na haa jajjabeessan malee garakoo kan dhufe hinjiru. Hunduu ogummaawwan garagaraarratti bobba’anii jiru malee gara siyaasaa dhufuuyyuu hinbarbaadan. Dadhabbiifi dhamaatii qabu anarratti waan arganiif fagoodhumatti sodaatu. Isaan ogummaa fayyaa, injinariingii, kan dhuunfaafi kkf irratti bobba’aniiru.

Bariisaa: Amma lafa ga’uu barbaaddan ga’eera jettanii yaaddumoo fuulduratti waan yaaddan biraa qabdu?

Aadde Natsaannat: Ani durumaa iddoo kamuu taa’ee ummata tajaajiluutu natti tola. Rakkoo ummataa furuu, komiisaanii hiikuu, nama waa gargaaruun fedhiikooti. Keessattuu mana hojii mootummaa keessatti gaggeessaa ta’ee mitii ogeessa ta’eeyyuu yommuu namni rakkatu arguun baay’ee natti dhaga’ama. Yeroo namni akka malee deeddeebi’ee rakkatu natti ulfaata. Yommuun waan akkanaa argu “nama kanaaf anumatu jira, anatu gargaaruu qaba, boo’uu hinqabu, tajaajila argachuun mirgasaati. Kanammoo guutuufi kan qabu ana” amantaa jedhuun qaba.

Yeroo baay’ee haala kanaan rakkoo ummataa furuurratti xiyyeeffadhee waanin hojjedhuuf baay’ee natti tola. Gaafa namoonni na eebbisan, na galateeffataniifi na jajan argu keessikoo guddaa gammada. Gaafa waan gaarii hojjettu hamma dhumaatti si waliin deema; yoo waan badaa hojjettes akkanuma jechuudha. Kanaaf dadhabus, rakkoofi bu’aa ba’ii hedduu keessa darbus waan danda’an hojjetanii darbuun waan guddaadha. Kanaafuu ani wanti na hafeera jedhu hinjiru. Fuuldurattis taanaan bakkuma kamittuu ummatakoo tajaajiluun barbaada.

Yommuun ummatakoo tajaajilummoo takkaa dadhabbiin natti dhaga’amee hinbeeku. Fakkeenyaaf bakkan amma jiru kana guyyaa Roobii dhuftee utuu ummata galmaafi mooraa keessa guutee taa’u argitee baay’ee si dinqa. Yommuu sana argitu daran nama dadhabsiisa; garuu dhumarratti rakkoosaanii hiiktee, imimmaansaanii haqxee yoo argitu sigammachiisa.

Yoo rakkoosaa battalatti hiikuu baattellee dhaggeeffattee rakkoosaa qooddattee yommuu nama tasgabbeessitu hamilee sii kenna. Namni dhufee si eebbisee deema malee sin abaaru. Kanaaf ani waan na hafa jedhu tokkollee hinqabu. Waaqaafi ummatakoo waliin ta’ee bu’aa gaarii galmeessiseera jedheen amana. Caalaattimmoo ummata filannoo bara darbeetiin imaanaa nutti kenne caalaatti tajaajiluuf nan hojjedha.

Bariisaa: Aadde Natsaannat, hojii keessaniin akka ko’ommattan beekamaadha. Gara hojii mana keessaatiinoo akkami? Gaafa ayyaanaa yookiin guyyaa boqonnaa keessanii mana keessa maal fakkaattu?

Aadde Natsaannat: Dhugaa dubbachuuf ammarra manakoo seenee ba’uu malee hojiin hojjedhu hinqabu. Kunis yeroo dhabuurraa kan madduudha. Darbees mana keessa ijoolleen na gargaaran waan jiraniif yerookoo caalaatti hojii alaatiifin kenna.

Bariisaa: Gara bakka amma gaggeessummaadhaan hojjetaa jirtanii Kutaa Magaalaa Nifaas Silki Laaftoo namni baay’ee itti isin beekuutti haa dhufnuutii, yoomii kaasee gara kana dhuftan? Erga dhuftaniis hojiilee fakkeenyummaa qaban hojjetaman utuu nuu kaastanii?

Aadde Natsaannat: Ergan gara kutaa magaalaa kanaa dhufee waggaa lammaffaadha. Kutaan magaalaa akka magaalaa salphaa miti. Gaggeessummaan walqabatee ani aanaas, kutaa magaalaas gaggeesseera. Gidduuttimmoo guddinaan biiroo magaalaas hogganee argeera. Yommuu biiroo jirtu kutaalee magaalaa qindeessanii gaggeessuufi hordoofuu malee hangas mara hojiin nama dadhabsiisu hinjiru.

Yommuun gara kutaa magaalaa kanaatti ramadamee dhufu garuu xiqqoo waan addaatu na mudate. Amalumti kutaa magaalichaa adda. Bakka rakkoo bulchiinsa gaarii, gaaffiifi komii ummataa baay’ee qabuudha. Rakkoon kunis kan bara dheeraa tuulamaa dhufe waan ta’eef yeroo gabaabaa keessatti hiikamee kan dhumu miti.

Naannawa qonnaan bulaan irra jiru waan ta’eef lafaan walqabatee rakkoo walxaxaa hedduutu jira. Durirraa kaasee qonnaan bulaan kutaa magaalichaa akka malee lafasaarraa buqqa’eera. Darbee akkaataa barbaachisuun wanti argachuu malu hinkennamneef. Kanarraa kan ka’e bo’ichi jiru guddaadha. Rakkoo bu’uuraalee misoomaan walqabatees aanaalee qonnaan bulaan keessa jiraatus, kan keessa hinjiraannettis komii guddaatu ka’a.

Akkuma gara jijjiiramaatti dhufameenis rakkoon uumamee ture. Abbaa qabeenyummaa wajjin walqabatee haala sirriin itti hojjetamaa hinturre. Karaalee garagaraatiin waantonni hedduun babbadaniiru. Utuma qajeelfamni kallattiidhaan qonnaan bulaa fayyadamaa taasisu jiruu qabeenyisaa akka hintaanetti gara biraa kan jalaa deemee har’allee bo’icha keessa jiru baay’eedha. Kana hiikuufi tasgabbeessuun hojii isa guddaa ture.

Seektaroota mootummaas yommuu ilaallu haalli mijaa’aan hinjiru. Seektaroonni bakkawwan addaddaatti faffaca’anii argamu. Kuun kiraa keessa jiru, kuun ammoo manuma hintaane keessa jiru. Tajaajilli mootummaa haalaan kennamaa ture jechuufillee nama hindandeessisu.

Kanaaf yommuu gara hojiitti seennu hunda dura kana walitti sassaabuun hojii guddaa ture. Rakkoolee jiran adda baasanii beekuun, furmaata akkamii kennuu akka barbaachisu, gaaffiilee jiran adda baasuun yeroo itti hiikamuu danda’an beekuun hojiilee ittaanan turan.

Akkasumas caasaa gaggeessuun, gaggeessitoota sadarkaa sadarkaarra jiran riifoormi gochuun, akka isaan humna qabaatan gochuun, ummata gurmeessuun, hirmaannaasaanii sadarkaa sadarkaan cimsuun barbaachisaa waan ta’eef kanneen qabannee hojiitti seenne.

Haala kanaan kuteenyummaadhaan kan hojiitti seename yoo ta’u, kanneen karoorfaman sadarkaa guutuu jedhamuu danda’uun qofa osoo hintaane isa karoorfameen oliyyuu hojjechuun danda’ameera. Yeroo gabaabaa keessatti hojiileen ni hojjetamu jedhamanii hineegamne hojjetamaniiru. Waggaan darbe yeroo filannoos waan tureef isaaf jecha hojiileen baay’ee jalqabamanii turan. Ummata wajjin hariiroo cimaa uumuufi qindeessuun hojiitti seenne.

Haala kanaan bara darbe hojiilee misoomaa hedduu hojjenne. Bajata mootummaafi hirmaannaa ummataatiin akka waanti baay’een hojjetamu goone. Kanaanis ummanni amantaa “edaa akkanaan hojjechuun, jiijjiramuun ni danda’amaa” jedhu horachuu danda’eera. Kana qabachuun itti cimsaafi babal’isaa deemuun filannoos haala gaariidhaan mo’anne. Ummanni isa hojjenne kana argee abdii godhachuun imaanaa nutti kenne. Nutis isa qabannee tokko lamaan hojiitti galle jechuudha. Haala kanaan guyyaa jaatamaan, sagaltamaan karoorfannee hojii baay’ee hojjecha jirra.

Akka beekamu akkuma hojiitti seenneen biyyi keenya waraana keessa seente. Nageenyaan walqabatee rakkoo diinni uume guddaa ture. Nageenya tasgabbeessuun hojii keenya isa guddaa ture. Ummata qindeessuun hojjechuun hojii keenya isa tokkoffaa ta’e. Gama kanaanis hojiin hojjetame bu’a qabeessa ture jechuun ni danda’ama.

Yeroo waraanaa sana ummanni nageenya naannawaasaa eegsisuurra darbee Raayyaa Ittisa Biyyaaf illee gaachana ta’uun gaheesaa ba’ateera. Deggarsa jajjabeessu taasisuurratti, adda waraanaa deemanii jajjabeessuurratti, nyaata ho’aa halkan guutuu hojjechaa buluun deemanii nyaachisuurratti wanti hojjetame jajjabeessaa ture. Gara sangoota 45 qaluudhaan halkan guutuu nyaanni hojjetamaa bulee raayyaa keenya kuma 40 ol ta’aniif Dabrabirihaan deemuun ciree nyaachisneerra. Darbees namoota filachuudhaan gara duulaatti erguurrattis wanti hojjenne jajabeessaa ture.

Kana malees namoota buqqa’aanii bakka garagaraa deeman deggaruurratti hojii boonsaatu hojjetame. Namoota Affaar, Walloofi bakkeewwan kaaniirraa buqqa’aniif waggaa guutuu kakaasuudhaan qabeenya sirriitti walitti qabnee deggarreerra; kanaan kutaan magaalaa keenya adda dureedha.

Nageenyi kutaa magaalichaa akka eegamuufis ummanni ala bulee, hoggansi waajjira bulee hojiin hojjetamaa tureera. Tokkummaa ummataa, hoggansaafi hojjetaa eegsiisuurrattis yeroo darbu xiqqaa fakkaata malee hojii, ifaajiifi dadhabbii guddaa qabuudha kan hojjetame. Ta’us hojichi bu’aaqabeessa ta’uunsaafi mo’achuun keenya waan guddaadha. Akka waliigalaatti waraana marsaa lama nu mudateen qarshii miliyoona 500 ol sochoosuun deggarsa nurraa eegamu taasisneerra.

Hojii nageenya amansiisaa mirkaneessaammoo hojii misoomaas halkaniifi guyyaa hojjechuun waadaa ummataaf seenne deebisuuf tattaafataa turre. Kanaanis hojii bal’aa hojjenne.

Bariisaa: Mee hojiilee misoomaa hojjetaman keessaa kanneen akka fakkeenyaatti eeraman nuu kaasaa.

Aadde Natsaannat: Gama kanaan hojiin idileedhaan hojjennu jechuunis tajaajila ummataa haqaqabeessaafi si’ataa taasisuun akkuma jirutti ta’ee, hojiin misoomaa hojjetame hedduudha. Kunneenis hirmaannaa ummataa, tola ooltummaafi bajata mootummaatiin kanneen hojjetamaniidha.

Akka fekkeenyaatti mooraa kutaa magaalaa kana yoo ilaalle, gamoonsaa erga dhaabbatee waggaa torba. Waggoota torba guutuu abbaa hinqabu ture. Kutaan magaalaa hundi gamoo mataasaanii kan qabu yoo ta’u, Nifaas Silki Laaftoon garuu hinqabu ture. Nutis jalqabarratti kan hojjenne kana. Qaama dhimmichi ilaallatu kan akka biiroo konistiraakshinii magaalichaafi kantiibaa waliin ta’uun halkanii guyyaa hojjetamee gamoon kun dhume jechuudha.

Kana gochuu keenyaan baasii waggaatti kiraa gamoof ba’u qofa qarshii miliyoona 20 caalaa hambisuu dandeenyeerra. Bakka tokkotti walitti qabamuu keenyaan ammoo dhamaatiifi baasii ummataallee hir’isuu dandeenyeerra. Qixa sirriidhaan hogganuufis bakka tokkotti walitti qabamuun mijataadha.

Kana malees erga waa’ee nageenyaa fixnee booda ji’oota sadan darban kanatti manneen barnootaafi dareewwan dabalataa hedduu ijaarreerra. Bakka oolmaa dargaggootaafi istaadiyeemiillee bakkawwan afuritti ijaarreerra. Ashaaraa magariisaatiin walqabatees hojiin hojjetame bal’aadha.

Bitaa, mirgaafi gidduu daandiiwwanii akkasumas addababa’iiwwan miidhagsuurraa kaasee hanga paarkii hundeessuutti wanti hojjetame kan ijatti toluudha. Daandii Haacaaluu Hundeessaa dabalatee, daandii Goofaa, Kaadiiskoo, Jamoofi kanneen biroo waliigala daandiiwwan 17 miidhagsineerra.

Dabalataanis, ummata bal’inaan kakaasuun namoota kuma 700 caalaa hirmaachisnee ganna kana biqiltuu miliyoona lamaa ol dhaabneerra. Adababa’iiwwanis Ejersa, Furii, Jarmaniifi Goofaa dabalatee addababa’iiwwan 11 bareechineerra. Paarkiiwwanis kan sadarkaasaanii eeggatan Paarkii Laaftoofi Haacaaluu dabalatee afur hundeessineerra.

Rakkoo mana jireenyaa hiikuu wajjin walqabatees gatii gadaanaadhaan manneen 136 gamoowwn shaniin, jechuunis gamoon sadii G+1, lamammoo G+4 ijaarree harkaqal’eeyyiif kennineerra.

Kanas qaamolee garagaraarraa deggarsa gaafachuun hojjenne. Rakkoo manaa ijaarsawwan xixiqqoo ijaarruun furamu kan danda’u ta’uu baatus hamma jirrutti waanuma humna keenyaa hojjennee namoota rakkoo hammaataa keessa taa’anii bo’aniif jala jalaa rakkoosaanii furra jenneetu.

Kanneen malees wiirtuuwwan harkaqal’eeyyii guyyaatti altokko itti nyaachisnu lama kan ijaarre yoo ta’u, tokko hojii eegaleera, tokkommoo dhiheenyatti hojiitti kan galchinu ta’a. Darbees warshaa daabboo 11 ijaaraa jirra. Kanneen keessaa sadii kan qonnaan bulaan ijaarrateedha.

Abbootiin qabeenyaa ammoo shan ijaaraa kan jiran yoo ta’u, lama dhiheenyatti hojii ni eegalu. Akkasumas, yuniyeenonniifi waldaaleen hojii gamtaallee ijaaraa jiru. Isaanirraa fuudhanii daabboo kana kan raabsan dargaggoota 20 ol gurmeessuun konteenara sadarkaasaa eeggate qopheessineerraaf.

Qonna magaalaatiin walqabatees mooraa kutaa magaalaa kana dabalatee waajjiraalee mootummaa, manneen barnootaa hunda keessatti lafti xiqqoon illee duwwaa akka hinhafne, lafa qofa osoo hintaane dallaa dallaarrattillee fuduraaleen akka dhaabatan gooneerra. Manneen dhuunfaa kuma 63 keessatti hojiin kun eegalameera.

Isaan kunniin maatii hedduu nyaachisuu kan danda’an yoo ta’u, jalqabarratti ilaalchi “bishaan hinjirreen, akkamiin hojjenna” jedhu jijjiirame namni baay’een faayidaasaa bareera. Qonnaan bulaa birattis maasaa bal’aa keessatti hojjetamaa jira. Hojii kanas ilaafi ilaameedhaan xiyyeeffannaadhaan halkanii guyyaa hojjetaa jirra. Gama kanaan faayidaafi bu’aa olaanaan argamaa kan jiru yoo ta’u, ummannis itti gammadaa jira.

Gama gabaa tasgabbeessuutiinis gabaa sanbataa 10 banuun ummanni omishaalee gatii madaalawaadhaan akka argatu taasisaa jirra. Omishawwan dhufaniis Waldaalee Hojii Gamtaa Oromiyaa keessa jiran waliin waliigaltee uumuun hanga Maqiitti deemnee akka fidan goona. Hojicha kallattiidhaan isaan waliin waan hojjennuuf faddaalaan gidduutti gatii qaaleessu hinjiraatu.

Gama kanaan fuduraafi muduraa qofa osoo hintaane midhaan akaakuuwwan garagaraafi omishawwan warshaallee fichisiisuun ummata biraan ga’aa jirra. Yommuu hojii kana hojjennus hariiroo adda ta’een mariisiisnee, waadaa galchisiisnee, bakka meeshaa kuusatanillee kennineefii hojjetaa jirra.

Bariisaa: Kutaan magaalaa keessan yakkoota hannaafi weerara lafaatiif daran saaxilamaa akka ta’e ni beekama. Rakkoon kun amma furameera jechuu dandeenyaa?

Aadde Natsaannat: Sirriidha, yakkoonni garagaraa ni raawwatamu. Isa kanaaf akkatuma duraan caasaa diriirsinee hojjechaa turreen ammas hojiitti seenuuf qophii xumurreerra. Torban kana keessa haala adda ta’een qaamolee nageenyaa waliin marii taasisneerra. Keessumaa wayita ammaa rakkoo nageenyaatiin walqabatee namoonni heddumminaan gara Finfinnee seenaa jiru. Kunneen immoo baay’inaan kutaa magaalaa keenya keessa qubatanii argamu. Inni kun waan baay’ee nu qoraa jiruudha. Saamicha, weerara lafaafi daldala daandiirraattis kan baay’inaan hirmaatan kanneeni.

Kana furuufis karoora adda ta’e qabanneettu hojjetaa jirra. Inni kunillee waraana tokko jenneetu irratti qabsaa’uuf hojjetaa jirra. Kunis hojii qaamolee nageenyaa qofa hirmaachisuun hojjetamu osoo hintaane, hawaasa dabalachuun kan hojjetamudha. Tola ooltotas hirmaachisuun hojii dadammaqsaa olaanaa hojjechuun barbaachisaadha. Gama caasaa nageenyaa cimsuu wajjin walqabatee wiirtuu poolisii duraan qabnurratti haaraa ja’a daballeerra. Humna haaraa dabaluufis kaampiiwwan afur ijaaraa jirra. Kanaaf isa duraarra amma haalli mijaa’aan jira jechuu dandeenya.

Namooti bakkawwan garagaraarraa buqqa’anii dhufan keessa akkuma kanneen dhuguma rakkatanii dhufan jiran kanneen ergama addaa qabatanii dhufaniis ni jiru. Yommuu qabnee sakattaanu wanti arginu kana.

Weerara lafaatiin walqabatee amma wanti sarara qabachaa dhufe ni jira. Garuu har’allee hojii nu qoraa jiruudha. Ijaarsi seeraan alaa halkan tokkotti ijaaramee bula, ganama ni diigna. Kanneen gurmaa’anii fedhiifi dantaa siyaasaatiif deemanis baay’eedha. Gama kanaan caasaadhuma keenya keessaa kanneen keessatti hirmaatanillee ni jiru. Kanneen yommuu ijaaramu callisanii ilaalan jechuudha. Kanarratti namoota seeratti dhiheessaa jirrullee ni qabna. Garuu seerrisaas xiqqoo laafina waan qabuuf namoota wabiidhaan gadidhiisuufaatu jira. Nuti garuu hamma danda’ametti cimsnee hojjechaati kan jirru. Fakkeenyaaf Wiixata darbe qofa namoota 17 to’annoo seeraa jala oolchineerra.

Waanti daangaa bulchiinsaatiin walqabatu haala gaariidhaan deemaa jira. Kutaan magaalaa keenya Magaalaa Sabbataa wajjin waldaangessa. Dhimmi daangaa bulchiinsaa kun gaaffii ummataas waan tureef deebii gaarii argateera. Kanarratti nuti ummata mari’achiisneerra; ummanni rakkoo tokkoyyuu hinqabu.

Qaama dhimmichi kallattiidhaan hinilaallannetu siyaasa dhuunfaasaatiif jedhee miidiyaa hawaasaarratti olii gadi oofa malee. Ummanni faayidaasaa, guddinasaati kan barbaadu malee as deebi’uufi achii deebi’uusaarraa dhimma hinqabu. Kanarratti mariin taasifamee dhumee haala tasgabbaa’aadhaan hojii walharkaa fuudhinsaatu xumuramaa jira.

Lafti bal’aan abbaa hinqabu ture. Hojiin hojjetamaa turellee ittigaafatamummaa hinqabu. Amma garuu daangaan bulchiinsa daangeeffamee ittigaafatamni waan kennameef waan gaariidha. Kan itti hintolle warreen ittigaafatamummaan uumamuusaatiin saamicha baraniif hinmijoofneefiidha. Isaanis taanaan amma wantichi akka boodatti hindeebine baranii tasgabbaa’aa jiru. Darbee darbee ummata gidduutti olola ofuuf yaaluun jiraatus ummanni hubannoo waan argateef yaadasaanii irraa fuudhaa hinjiru.

Bariisaa: Kutaa magaalaa keessan keessaa lafti gara Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinneetti daangeffame eessafaadha?

Aadde Natsaannat: Laga Aqaaqiirraa qabee riqichaa as, Haannaa, Kondominiyeemiin Furii gara Finfinneetti daangeffame. Yoo kondominiyeemii sana ilaalle utuu iddoon hindhabamiin achi fageeffameetu kan ijaarame. Kun ittumaan lafa qabachuu akka ta’e ni hubatama. Lafti Laga duuba jiru duwwaan nutillee haalaan gaggeessaa hinjirremmoo gara aanaa Sabbataatti daangeffame.

Laficha misoomsuuf, qabiyyee kennuufillee rakkataa turre. Abbaan qabeenyummaa Oromiyaa jedha, laftisaammoo Finfinneetti daangeffamee kan tureedha. Waanti si gaddisiisu qonnaan bulaa achi jiruuf waggaa dheeraaf bu’uuraalee misoomaallee hinhojjenne.

Kondominiyeemii Oromiyaarraa garasitti daandiin tokko ni jirti. Isheen daangeffamaaf akka toltutti taatee, Mana Barumsaa Kaatolikiirraa kaasee garasitti daangeffame. Karaa Daandii Haacaaluurraa kaasee hamma Furiitti durumayyuu gara Sabbataatti kan daangeffame waan tureef garasuma deeme. Akkasumas Kondominiyeemiin Jamoo lama jedhamu qabatee achi daanga’e.

Waanti nama dhibu kondominiyeemichi Finfinnee jedhamee haa ijaaramu malee bulchiinsisaa Sabbataa ture. Invastimantiif lafa kan kennu bulchiinsa magaalaa Sabbataa ture. Waliigala yoo ilaalamu wanta rakkoo tureefi hojmanee mootummaa waggoota dheeraa kan ture waan ta’eef deebi’uunsaa waanuma sirriidha, waan baay’ees sirreessa.

Bariisaa: Kutaa magaalaa keessan keessa aanaa dubartoota qofaan hogganamu akka jiru odeeffanneerra. Aanaan sun kami? Amma haala maaliirra jira?

Aadde Natsaannat: Kutaan magaalaa keenya aanaalee 13 kan qabu yoo ta’u, kan dubartoota qofaan hogganamu Aanaa Jamooti. Hojiin hojjetamaa jiru dhugaa dubbachuuf bu’aaqabeessa. Qormaatiiwwan hedduu isaan mudatullee mo’atanii darbuun hojii gaarii hojjetaa jiru. Tokkummaa, kuteenyummaafi kaka’umsi isaan qaban waan daran namatti toluudha; hojii baay’eenis hojjetameera. Muuxannoosaanii ilaallee gara biraatti bal’isuuf yaadaa jirra.

Bariisaa: Dhumarratti fuulduratti ummanni maal isinirraa haa eegu? Maal hojjechuuf karoorfattan? Carraa kanaan waggaa haaraanis ga’aa waan jiruuf ergaa dabarsuu barbaaddan yoo qabaattan.

Aadde Natsaannat: Bara haaraa dhufaa jirutti muuxannoowwan gaarii baroota darbanii fudhannee babal’isuun xiyyeeffannoon kan hojjennu ta’a. Keessumaa barri 2014 bara waan baay’ee irraa barannuudha. Biyyi qormaatawwan hedduu keessa galtuus bu’aan waggoota lamaa sadii keessatti dhufuu malu galmaa’eera. Inni guddaan barri haaraan 2015 bara biyyi keenya rakkina keessaa baatee nageenyi amansiisaan ittimirkanaa’u akka nuu ta’un hawwa. Akka ta’us abdii qabna.

Barri haaraa kan diinonni Itoophiyaa injifatamanii badhaadhinni kan itti lafa qabatu akka ta’u abdanna. Kanaafis waanti guddaan jajjabaachuufi obsa qabaachuudha. Waan hojjennu hunda yoo xiiqiidhaan hojjechuu dandeenye rakkoo kamuu keessaa ba’uun ni danda’ama. Rakkoon caalaatti kan nama cimsu malee boodatti kan nama harkisu miti.

Hojjechuuf haala mijataa ta’eetu jira. Hawwiifi fedhiin ummata keenyaas olaanaa waan ta’eef barri haaraan kun akkaataa fedhii ummata keenyaan waan waadaa seenne hojjennee ummata itti ceesisnu, kan biyya itti misoomsinu nuuf haa ta’un jedha.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 28 Bara 2014

Recommended For You