Baratee hojii dhabuudhaan maatii rakkatee isa barsiiserratti rakkoo dabalataa ta’ee taa’uuf dirqamus, rakkoo hiyyummaafi gadadoo bu’aa ba’ii jireenyaatiin mogoleensaa waan laaffate fakkaatus, sirnoota abbaa irreefi fedhiifi faayidaa ummataa hinkabajnerratti qabsaa’uudhaan miirri qabsoo nuffuu keessoosaa waan jiru fakkaatus gaafa galteen wayii biyyatti dhufe kan dursee biyyaaf birmatuufi weerara fedhe dura dhaabatu dargaggeessa.
Qormaanni umriin dargaggummaa sababa baayooloojikaalaatiin dargaggootarratti mul’atu akkuma jirutti ta’ee, dargaggootni har’aa qormaata dachaa garaa garaa keessa darbuuf yeroo itti dirqaman keessatti argamu. Baratanii barumsa xumuruunuu ifaajii barataafi maatii barataa kan gaafatu ta’us, erga ifaajeefi xaarii guddaan booda maatii hiyyeessaa rakkisanii barumsa baratanii xumuraniin booda immoo hojii argachuun bowwuu mataa guddaa erga ta’uu eegalee bubbuleera.
Dargaggoota waggoota hedduuf barumsa xumuranii dhaabbilee barnoota olaanoo garaa garaa irraa eebbifamanii hojii dhabanii qe’eetti deebi’uudhaan maatirratti ba’aa dabalataa ta’aa jiran ilaalaa hamileen dhalootni boodaa dhufu barnootaaf qabus yerorraa yerootti gadi bu’aa akka jiru taajjabuunis salphaadha.
Biyya tokkotti hammi nama dhalatuu akkuma baay’achaa adeemuun fedhiiwwan dhala namaas walumaan dabalaa waan adeemaniif namni baratee eebbifame carraa hojii dhabuun sababa baay’ina barattootaa qofaan kan walqabatu hinfakkaatu. Wantootni namni barate carraa hojii akka hinarganne taasisan hedduu yoo ta’an, isaan keessaa inni guddaan rakkoo imaammata barnootaa akka ta’e himama.
Kun immoo dameewwan barnootaa barnootni itti kennamu waan gabaan barbaadurratti kan hinhundoofne ta’uun ka’umsa rakkinichaa isa olaanaadha. Yeroo ammaa garuu riifoormii seektara barnootaatti taasifamaa jiruun rakkoon kun ilaalcha keessa galee imaammannisaa akka fooyya’u abdiin jiru guddaa waan ta’eef, dargaggoonni rakkoolee kana duraatiin abdii kutachuu osoo hintaane, riifoormiiwwan abdii namatti horan eegalamaa jiraachuu hubachuudhaan barnootarraa abdii kutachuu dhiisuu qabu.
Dargaggoonni rakkoolee hawaasummaa ulfaataa kana keessa utuu jiranii sirna lammiilee biyyattii waggoota hedduuf dhiiga boochisaa ture kan aangorraa kaase qaamuma ofiifuu carraa hojii hinarganne kana ture. Dargaggoonni humna jabaa, abdiifi utubaa biyyaati. Sirna hiraarsaafi dararaa wayyaannee jalaa ummata bilisoomsuuf aarsaa qaqqaalii kan kaffale dargaggoota (Qeerroofi Qarreedha). Aarsaa isaan kaffalaniin biyyi diigumsarraa baraaramtee bilisummaa ishees labsatte. Jaalalliifi quuqamni dargaggoonni Itoophiyaa biyya isaaniif qaban seenaa ta’ee galmaa’e. Har’as bilisummaa aarsaan argatan tiksaa dinagdee biyyattii guddisuuf hirmaannaa ho’aa taasisaa jiru.
Qabsoon dargaggoota biyya kanaa sirnoota yeroo adda addaatti biyya bulchaa turaniifi ummata miidhaa turan fonqolchuu keessatti sadarkaa duraatti kan waamamu dargaggoo Oromoo Qeerroofi Qarreedha. Sochii sirna mootummaa ADWUI waggoota hedduuf lammiilee biyyattii boochisaa ture harka kennachiisee gara jijjiiramaatti galchuuf taasifamaa jiru keessatti qaamni Qeerroofi Qarree Oromoo dura maqaansaa dhahamu hinjiru.
Qabsoo waggoota shaniif gaggeeffamee kufaatii sirnichaa ariifachiise kan gaggeeffames irra jireessaan Dirree Oromiyaa keessatti akka ta’e namni haalu hinjiru. Wal’aansoo mootummaa taankiifi baankii harkasaatti galfate waliin taasifameenis namni Qeerroofi Qarree Oromootiin qixa itti dhiige, madaa’e, cabeefi wareegame hinjiru.
Kun immoo sirna amma jiruufi mootummaa kanaaf abbaan galataa dargaggoota Oromoo caalu akka hinjirre kan agarsiisuudha. Gama biraatiin immoo hojiiwwan misoomaa mootummaan kun gaggeessu keessatti, aggaammii biyyattiirratti taasifamuufi haala waliigala biyyaarratti quuqamni dargaggoota Oromiyaa fakeenya gaarii ta’a. Bara darbe yeroo humni ABUT tanaan dura dirree Oromiyaarratti Qeerroon injifatamee ture dirreesaa jijjiiree kallattii kaabaatiin biyyattii diiguuf waraana banes Qeerroon Oromiyaa taphichi dirree kiyyaan ala jedhee irraa hinhafne.
Dargaggoota Oromiyaa biroo faana hiriiruudhaan aggaammii biyyatti dhufe fashaleessee garicha immoo qaaneessee biyyattiis diigumsarraa oolchee utubaa biyyattii ta’uus mirkaneesseera. Ammas taanaan gareen waraana malee jiraachuu hindandeenye kun waamicha nageenyaa qaamota garaa garaatiin dhihaachaafi jiru fudhatee karaa nagaatti hindeebi’u taanaan karuma inni filateen isa awwaaluuf garasitti duuluun kan hinhafne ta’uus marii tibbana dargaggootni Oromiyaa, godinoota, magaalotaafi aanalee hunda keessatti taasisaa turanirratti calaqqisiisaniiru.
Dargaggoonni daandii badhaadhina biyyasaanii milkeessaa hirmaannaa isaaniitiin fayyadamummaa isaaniis mirkaneessuun badhaadhina waloorraa fayyadamoo ta’uuf hojjechaa jiru. Fayyadamummaasaanii kanas bifa qindaa’een galmaan ga’uuf Liigii, Federeeshinii, Waldaa akkasumas Biiroo Dhimma Dargaggootaafi Ispoortii jalatti qindaa’uun gurmaa’insasaanii cimsachaa jiru.
Liigiin Dargaggoota Paartii Badhaadhinaa waggoota sadan darban keessatti hojiiwwan guguddoo gama siyaasaan, dinagdeefi hawaasummaatiin fayyadamummaa dargaggootaa mirkaneessan hedduu hojjechaa akka turetu himama. Miseensonni liigichaa duula birmadummaa biyyaa kabachiisuu keessatti lukkuu hanga lubbuu isaaniitti akka arjoomaniif hojii dadammaqsuufi qindeessuu hojjachaa kan ture liigichi, dargaggoonnis abdii biyyaa ta’uu isaanii mirkaneessuun ergama isaanii sirnaan ba’achaaafi waamicha weerara birmadummaa biyyattii tiksuurratti dhihaatu hordofanii si’oominaan hirmaachuudhaan biyyattii diigamuurraa baraaraa jiru.
Liigiin dargaggoota Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa hojiiwwan waggoota sadan darban gama hundaan raawwateen, ciminootaafi hanqinoota turan qorachuun hojiiwwan gara fuula duraaf ijaarama isaanii cimsuufi kallattii kaa’achuuf Hagayya 22-23 bara 2014tti Koonfiransii sadarkaa magaalotaafi godinaaleetti gaggeessaa turuu Ittigaafatamaan Liigii Dargaggoo Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa Dargaggoo Adinaan Haajii ibseera.
Koonfiransii sadarkaa godinaaleefi aanaaleetti gaggeeffameen dargaggoonni miiliyoona 1.5 ta’an hirmaachuu kan himu Dargaggoo Adinaan, konfiransicharratti miseensonni Liigii Dargaggoota Paartii Badhaadhinaa sadarkaa gandaafi aanaaleerraa filataman magaalotaafi godinaalee walitti dhufuun bakka bu’oota isaanii Konfiransii Liigii Biyyaalessaarratti hirmaatan karaa dimokiraatawaa ta’een filachuusaanii ibsa.
Dargaggoonni godinaalee Oromiyaa hunda keessatti konfiransiin Liigii Dargaggoota Paartii Badhaadhinaa 1ffaarratti hirmaatan keessumaa dhimma mootummaa seeraan filame tikfachuurratti bal’inaan mari’ataniiru. Mootummaan amma jiru kan wareegamaafi qabsoo dargaggootaatiin argame waan ta’eef dhimmi sirna qabsoo Qeerroofi Qarreetiin aangootti dhufe tikfachuu kan mariif dhihaatu akka hintaanes jala sarareera.
“Biyya lafee goototaatiin ijaaramte tikfachuufi mootummaa qabsoofi wareegama dargaggootaatiin argame tikfachuuf aarsaa kamuu ni kaffalla, biyya birmadummaan ishee eegamee nuga’e, nutis kabaja itti gochuun biyya badhaatuu dhalootaaf ni dabarsina” jedha.
Walumaagalatti, biyyattiin tasgabbooftee daandii misoomaarra akka galtuufi rakkoo hiyyummaafi hongeerratti akka xiyyeeffattuuf waraana baname kana yoo danda’ame karaa nagaatiin furuun filannoo jalqabaa ta’uu qaba. Kun akka dhugoomuuf immoo dhiibbaan biyya keessaafi alaan qaamolee garaa garaatiin taasifamu cimee itti fufuu qaba.
Dhimmicha karaa nagaatiin furuun yoo dadhabame garuu dargaggootni biyyattii tokkummaafi birmadummaa biyyaasaanii mirkaneessuuf aarsaa barbaachisu hunda kan kanfalan yemmuu ta’u, keessattuu dargaggootni sirna dhiigasaaniitiin fidan kana tiksuuf waan qusatan hinqaban.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 28 Bara 2014