Abbootiin qabeenyaa guguddoon har’a addunyaarrratti beekaman, namoonni hojii kalaqa adda addaatiin addunyaarratti beekaman yeroo tokko harka duwwaa turan. Akkasumas namoota damee hojii adda addaarraa ari’atamaniifi dhiibaman turan. Namoonni baay’een harka duwwaa (zeeroorraa) ka’anii, ari’atamuufi dhiibamuu keessaa ba’anii qabeenya guddaa horachuudhaan sadarkaa addunyaatti beekamuun kan danda’amu ta’uu hojiisaaniitiin mirkaneessaniiru jedhu Hayyuun Dinagdee Doktar Guutuu Teessoo.
Barreeffamni kun namni tokko akkamitti sadarkaa gadaanaa ykn zeeroorraa ka’ee qabeenya guddaa horachuu akka danda’u gorsuu ykn kallattii agarsiisuurratti xiyyeeffata. Sadarkaa qabeenya barbaaddaniirra ga’uufi dhiisuu keessan kan murteessu isinuma mataa keessani. Addunyaa kanarra sadarkaa qabeenya horachuu barbaaddanirra akka hingeenye namni ykn humni isin dhaabuu ykn dhorku tokkollee hinjiru. Imala qabeenya guddaa horachuu keessanitti gufuu kan ta’u ykn kan milkeeffatus isinuma mataa keessani jedhu Doktar Guutuun.
Bu’aaleen qo’annoofi qorannoowwan xiinsammuu sadarkaa addunyaatti adeemsifaman akka mul’isanitti, namoonni kutannoofi kaka’umsa cimaadhaan hojjetan, utuu abdii hinkutatiin hanga dhumaatti qabsaa’an baay’eensaanii bakkaafi sadarkaa barbaadanirra ga’uun milkaa’aniiru.
Fakkeenyaaf abbaan qabeenyaa Chaayinaa sadarkaa addunyaatti beekamu; Alibaabbaa fudhachuu dandeenya. Alibaabbaan nama hojiirraa ari’ameefi bakka hojii duwwaa baay’ee dorgomee hinmilkoofne ture. Alibaabbaan nama yeroo ammaa qabeenya guddaa horachuudhaan sadarkaa addunyaatti beekamuudha. Abbaan kalaqaa maayikiroosooftii (Microsoft) ‘Bill Gates’ nama yeroo tokko barumsa kolleejii hordofuu hindandeessu jedhamee ari’ame ture.
Yeroo ammaa garuu Biilgeet qabeenya guddaa horachuudhaan addunyaarraa nama afuraffaadha. Namoonni utuu abdii hinkutatin hanga dhumaatti qabsaa’an bakka barbaadaniifi karoorfatan ga’uu ni danda’u jedhu hayyuun dinagdee kun.
Dameen hojii irratti bobbaanu adda adda ta’uu danda’a. Tokko tokkoon keenya akkaataa dandeettii, barumsa, muuxannoofi kennaa keenyaatiin dameen hojii qonnaa, daldalaa, tajaajilaa, manifaakchariingii, teknolojii, gorsaafi kanneen biroorratti hirmaachuu dandeenya.
Waan hojjennutti milkaa’uufi qabeenya horachuuf “Ani nan danda’a, hojjechuuf itti yaadeera, karoorfadheera. Kanaafuu bakkan ga’uu barbaadu nan ga’a yaada jedhuun of amansiifnee hojiitti seenuu qabna. Namoonni tokko tokko qabsaa’anii, fiiganii, dadhabanii bakka barbaadan kanneen hingeenye jiru.
Utuu itti hinqophaa’in, hinqo’atin, utuu haaldureewwan barbaachisan hunda hinqindeeffataniifi hinkaroorfatin yoo hojiitti seenne itti milkaa’uu dhiisuu dandeenya. Namni tokko dorgommii fiigichaarratti hirmaatee injifachuuf dura qophiilee barbaachisan taasisuu qaba. Qophiin kun shaakala taasisuu, nyaatasaa sirreeffachuu, haalota qilleensa adda addaa keessatti shaakaluu ta’uu danda’a. Yoo qophii dhabuufi aarsaa barbaachisu kaffaluu dhabuu ta’e malee waanti bakka barbaanne akka hingeenye nu taasisu hinjiru jedhu Doktar Guutuun.
Helan Kalar mucummaasheetii jalqabdee nama dhaga’uufi arguu hindandeenye turte. Garuu aarsaa guddaa kaffaluudhaan addunyaarratti dhiibbaa guddaa uumuu dandeesseetti. Barreeffamoota hedduu maxxansiisuudhaan ummata addunyaa biraan geesseetti. Dhaabbilee gargaarsaafi falmitoota mirga namaa hundeessuudhaan addunyaarratti dinqisiifannaa guddaa argatteetti.
Namoonni addunyaarratti dhiibbaa uumaniifi qabeenya guddaa horatan hundi namoota aarsaa guddaa kaffalaniidha. Ameerikaatti warri gurraachaafi adii gidduutti walqixxummaan akka jiraatuuf Maartiin Luutar Kiingi qabsoo guddaa taasiseera, aarsaa guddaas kaffaleera. Maartiin Luutar yeroo sana “Natti mul’ata warri adiifi gurraachaa kutaa tokko keessa taa’anii yeroo waliin baratan.
Natti mul’ata warri adiifi gurraachaa hoteelaafi kaaffee tokko keessa taa’anii yeroo waliin nyaatan, Natti mul’ata gaarren Ameerikaa keessa jiran keessaa tokkummaafi jaalalli akka bishaaniitti yeroo yaa’u” jechuun dubbachaa ture. Mul’atasaa kana dhugoomsuufis aarsaa hanga lubbuun wareegamuutti kaffaleera jedhu.
Hojii kamittuu milkaa’uuf haaldureewwan barbaachisan guuttachuu qabna. Haaldureewwan barbaachisan guuttachuuf ammoo obsa, yeroofi maallaqatu nu barbaachisa. Bakka barbaannu bira ga’uun bu’aa ba’ii guddaa keessa darbuu nu gaafata.
Bu’aa ba’iiwwan nu qunnaman keessa darbuun ammoo qophii barbaachisu taasisuu, aarsaa guddaa kaffaluufi fuulduratti tarkaanfachuu nu gaafata. Bakka barbaanneefi karoorfanne bira ga’uuf, qabeenya guddaa horachuu barbaannu bira ga’uuf miira nan danda’aafi nan milkaa’aatiin hojjechuu qabna. Akkasumas jijjiirraa amalaa fiduufi akkaataa itti yaadnu jijjiiruu qabna.
Yaada gad bu’aa, kan addaan nama qoodu, yaada duubatti nu deebisu qabannee milkaa’uufi fuulduratti tarkaanfachuu hindandeenyu. Yaadni ijaaruufis ta’e diiguuf, dhaabuufis ta’e buqqisuuf, guddisuufis ta’e xiqqeessuuf humna guddaa qaba. Kanaafuu jijjiirama yaadaafi amalaa fiduurratti xiyyeeffannee hojjechuun barbaachisaadha jedhu Doktar Guutuun.
Wantoonni addunyaarratti arginu hundi yeroo tokko yaada turan kan jedhan hayyuun dinagdee kun, fakkeenyaaf samiifi dacheen amma arginu kun yeroo tokko yaada Waaqayyoo keessa turan. Gamoowwan, daandiiwwaniifi iddoowwan bashannanaa har’a Finfinnee keessatti ijaaramanii mul’atan yeroo tokko yaada namootaa keessa turan.
Erga yaadni sammuu namaa keessa ture waraqaarra buufatee booda lafarratti mul’ate. Xiyyaarriifi konkolaattonni nuti har’a ittiin imallu yeroo tokko sammuu namoota muraasaa keessa turan. Kanaafuu dandeettii yaaduu keenyaa fooyyessuu, leenjisuufi sirreessuu qabna. Waan salphaa yaadaa bakka guddaa ga’uu hindandeenyu. Waan duubatti hafe yaadaa sadarkaa guddaarra ga’uu hindandeenyu. Sammuu hindanda’amuutiin yaadaa sadarkaa guddaarra ga’uu hindandeenyu. Namni tokko hammam ga’a gaaffii jedhuuf deebiinsaa hamumma yaadasaa ga’a kan jedhudha. Addunyaarratti nama guddaadha kan jedhamu nama barumsa, qabeenyaafi taayitaa guddaa qabu utuu hintaane nama yaada guddaa qabuudha jedhu.
Namni tokko kan inni ittiin madaalamu yaadasaatiini. Namni waanuma sammuusaatti yaadu fakkaata. Namni waan xiqqoo yaadu xiqqoodha. Namni waan guddaa yaadu ammoo guddaadha. Namni duubatti hafummaa yaadu duubatti hafaadha. Akka Macaafni Qulqulluun jedhutti, namni gaariin galmee yaadasaa keessaa waan gaarii baasa. Waanti inni afaaniin dubbatus sammuusaa keessaa burqa. Yoo nama guddaa taate yaada gaarii, ijaaraa, araarsaa, ceesisaa, tokkummaa, injifataafi milkaa’aatu si keessaa madda.
Kanaafuu waan sammuu keenya keessatti yaadnu dubbachuun dura sirriitti xiinxaluu qabna. Sadarkaa yaada keenyaatiin yoo mo’amne addunyaarrattis injifatamneerra jechuudha. Loltoonni oggaa gara dirree waraanaa deeman jalqaba sammuusaanii keessatti yoo injifachuu yaadaa itti deeman ni injifatu. Yoo xiinsammuunsaanii mo’ame garuu dirree waraanaarratti injifachuu hindanda’an.
Yaadni humna guddaa qaba, yoo nan danda’a jette ni dandeessa, yoo hindanda’u jette ammoo hindandeessu. Fakkeenyaaf Pirezdaantiin Ameerkaa duraanii, Baaraak Obaamaan yeroo Ameerkaan dinagdeen kuftee turtetti dhaadannoo, ‘Eeyyee ni dandeenya ykn “Yes we can” jechuun xiinsammuu umatichaarratti hojjechaa ture. Kanaafuu bakka barbaanne ga’uuf miira nan danda’aa sammuu keenya keessaa qabaachuu qabna jedhu.
Garaagarummaan keenya akki nuti itti yaadnuufi ittihojjennuudha kan jedhan Doktar Guutuun, namoonni ni danda’ama, ni milkoofna jedhanii dhama’aniifi hanga dhumaatti aarsaa barbaachisu kaffalan hundi sadarkaa guddaarra ga’uu danda’aniiru.
Biyya kana keessa namoonni kophee qulqulleessuurraa eegalanii hoteela abbaa urjii shanii ijaarratan jiru. Konkolaataa nama biraa oofuurraa ka’anii abbaa hoteela urjii shaniifi abbaa warshaa kan ta’anis jiru. Namoonni daldala qociirraa (gulliitiirraa) ka’anii abbaa warshaa shanii ta’an jiru. Icciitii guddaan milkaa’inasaanii yaada ni danda’amaatiin utuu abdii hinkutatin hojjechuusaaniiti jedhu Doktar Guutuun.
Qabeenyi ykn albuudni gatijabeessi guddaan addunyaa kana jijjiiruu danda’u yaada sammuu namaa keessa jiruudha. Yaada kana akkamitti qotnee baafnee ittifayyadamuu dandeenyaa? kan jedhu ammoo gaaffii deebii argachuu qabuudha. Namoonni yaada sammuusaanii keessa jiru qotanii baasanii itti fayyadaman hedduun milkaa’aniiru.
Imalli qabeenya guddaa horachuun yaada sammuu keessa jirurraa jalqaba. Kana dhugoomsuuf ammoo jijjiirraan amalaa, yaadaa, akkasumas utuu walirraa hinkutin dhama’uu, aarsaa barbaachisu kaffaluufi abdii utuu hinkutatin hanga dhumaatti qabsaa’uun dirqama ta’uu dubbatu.
Namoonni tokko hanga tokko carraaqanii yoo milkaa’uu dadhaban kan koo carraan harka Waaqayyoo waan jiruuf boriif yaadda’uu hinqabu jedhu. Kun yaada dogoggora. Carraan koo harkuma koo jira. Waaqayyos dafqii dhama’ii nyaadhu jedha. Barsiisni Kiristaanaa, Islaamaafi Waaqiffataas kanuma deeggara. Carraafi jireenya keenya milkeeffachuuf yoo carraaqne Waaqayyos nu gargaara, dadhabbiin keenyas bu’aa qabaata. Harki dhoqqee laaqee hojjete ni jijjiirama jedhu.
Akka qorattoonni xiinsammuu jedhanitti, yeroo hundumaa sochii qaamaa taasisuu yaadni gaariin sammuu keenya keessaa akka maddu, fayyaan keenya akka eegamu, dhiigni qaama keenya keessa sirnaan akka naanna’u, jabina qaama keenyaaf, dhiphina sammuurraa bilisa akka taanuufi umurii dheeraa akka jiraannuuf nu gargaara.
Yaada cimaafi jijjiirama fidu yaaduu akka dandeenyuuf yeroo hundumaa sochii qaamaa taasisuun barbaachisaadha. Akkasumas namoota yaada gaariifi cimaa qaban waliin hariiroo uummachuu qabna. Kaanaafidha “Hiriyaa kee natti himi, eenyu akka ati taate sittin himaa” kan jedhamuuf.
Macaafni Qulqulluunis sibiilli sibiila akkuma qaru namnis nama qara jedha. Kanaafuu namoota mul’ata qaban waliin hariiroo cimsachuufi waliin ooluun daandii milkaa’inaati. Namoota qarshii garmalee balleessan, bashannana baay’isan, araada adda addaan qabaman, kan boriif hinyaadne waliin ooluufi hariiroo isaan waliin qabnu cimsuun ammoo daandii gad deebiiti jedhu.
Jireenya keenyatti milkaa’uuf waa’ee waan hinqabne utuu hintaane waa’ee waan qabnuu (fayyaa, barumsa, muuxannoo, dandeettii) qabnuu yaaduu qabna kan jedhan hayyuun dinagdee kun, akkasitti yaaduun yaadaafi karoora fooyya’aa akka qabaannuuf akka nu gargaaru dubbatu.
Akkasumas yaada hamaa keessaa baanee yaada gaariifi ijaaraa maddisiisuu qabna. Yaadni badaan yeroo hundumaa balaa hanga lubbuu dhabamsiisuutti geessisu qaba. Yaadni gaariin ammoo yeroo hunda ijaaraafi bu’aa waliiniirratti xiyyeeffatuudha. Yaadni gaariin humna addunyaa jijjiiru of keessaa qaba. Yaadni gaariin rakkoo kamiifuu furmaata kaa’a. Yaada gaarii qabaachuuf araada ykn amaloota badaa qabnurraa deebi’uu, of jijjiiruufi rakkoolee mudatan kamuu salphisnee ilaaluu qabna jedhu Doktar Guutuun.
Of jijjiiruun barumsaafi shaakallii guddaa barbaada. Of jijjiiruuf ammoo sammuu keenyarratti hojjechuu qabna. Addunyaa jijjiiruuf dura of jijjiiruu qabna. Namoonni addunyaa kana jijjiiraniifi rakkoolee addunyaa hedduu furan warra dura of jijjiiraniidha.
Har’a dukkana keessa ifa akka argannu kan taasisan, galaana, lafaafi samiirra akka imallu kan taasisan namoota dura of jijjiiraniifi haala jijjiiraniidha. Kanaafuu dura ofiii keenya jijjiiruu, haala ittifayyadama hojii keenyaa jijjiiruu, haala ittifayyadama qarshii keenyaa jijjiiruu qabna. Hojii keenyarratti dammaqinaafi kaka’umsa qabaachuuf ganama ganama sochii qaamaa taasisuufi bakki hojii keenyaa ifa ga’aa akka argatu gochuun barbaachisaa ta’uu dubbatu.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 28 Bara 2014