Namni kamuu jireenyasaa keessatti bakka tokkotti kufataa yookaan milkaa’ina dhabuu isa jedhu utuu hindhandhamatin kan darbu hinjiru. Wanti guddaan garuu kufuu yookaan ka’uu utuu hinta’in haala numudatan akkaataa itti ilaalluufi keessa tarruudha. Namootni hedduun dhaloota isaanii keessatti addaa addummaa cimaa fidaniifi milkaa’oo ta’an hedduun jireenya akkasii arganiiru; kufaatii dhandhamataniiru; irraa baratanii dhaloota isaan duubaaf barumsa cimaa dhiisanii kan darban danuudha.
Isaan keessaa muraasa yoo ilaalle, namootni akka Ariiyaanaa Huufingiton kitaaba isheen barreessite yoo xiqqaate si’a 36 ol manni maxxansaa akka waan faayidaa hinqabneetti ilaaluun maxxansuufii dideera. Isheenis tokkichuumaan hinmilkoofne. Kufaatiin maal akka ta’e argiteetti. Namootni kitaaba ishee dubbisanii yaada itti kennuu malanis yaada alta’umsaa kennuun abdii kutachiisuu yaalaniiru.
Haa ta’u malee isheenis utuu yaada kanaan duubatti hindeebi’in namoota maqaansaanii dhaloota biratti yoomiyyuu yaadatamu taateetti. Yaadni namootni kennan, manni maxxansaa kitaaba ishee maxxansuu diduun, barreeffama faayidaa hinqabneefi dhiibbaa hingeessisne jedhamuun hamilee ishee cabsee boodatti hindeebisne. Caalaatti cimsee dhaabe.
Darbees namoota addunyaa keenyarratti ciccimoo ta’an namoota akka Biil Geetifaa yoo fudhanne tokkichumaan namoota hojii uuman keessaa nama milkaa’e hinturre. Kufaatii cimaan isa mudateera. Hojiinsaa inni jalqabaa salphaa hinturre. Kufaatii cimaa dhandhameera. Kufaatiisaa kana booda maayikiroosooftii kalaqeen daandii milkaa’inaa keessa seeneera.
Kana qofa miti Waalti Disneey namni jaarraa 20 keessatti nama cimaa nama kalaqaa haa jedhamuyyuu malee nama kalaqaa akka hintaanetti ilaalamuun hojii irraa gaggeeffameera, dhaabbilee gara garaa kanneen akka Hooliiwood jedhaman keessaayis ari’atameera. Dhuma irratti garuu jabaatee haala jiru injifachuun of qopheessee gara hojiitti seenuun namoota muraasa addunyaan keenya gama fiilmiin ajaa’ibsiifattu keessaa tokko ta’eera.
Egaa namoota hedduu maqaa dha’uu dandeenya. Namoota akka Isteeve Joobsi, dhaabbata ofiisaa keessaa koreen jiru nigaggeessan. Haa ta’u malee garuu dhaabbata Appiliitti deebi’uun nama jijjiiramaafi maqaa dhaabbatichaa tolche ta’eera.
Namoonni jijjiiramaa hanga milkaa’anitti kufuu nidanda’u. Warri kufoon garuu hanga kufanitti yaalii godhu. Kufaatiin booda adeemsasaanii nidhaabu. Hamileensaanii kufuu irraa kan ka’e gaara isaan hinbaasu. Sodaan keessa isaanii jiru akka isaan bareedina gaara irra jiru hinarginetti isaan daangeessa. Kan dandammatanii darbaniif garuu fiixee gaaraa irra bareedinatu jira. Haalli nama hindeemsisne fakkaatu yoo nama mudatellee abdii kutachuu irraa of eeggachuun deemsa itti fufuun yeroo hamaan nama qunname isa itti aanuuf amala namaa kan ijaaru, jabinaan kan nama gonfu, kaayyoo qabaniif kan nama qopheessu sababa ta’eef utuu abdii hinkutatin deemsa itti fufuun gaaf tokko akka boodasaanii ilaaluun faayidaa bu’aa ba’ii keessa darbuu galateeffatan taasisa.
Karaan irra deeman hangamillee yoo danqaa qabaate caccabsanii daandii ittiin ol ba’an gochuun hubannaa guddaadha.
Namootni seenaa biyya lafaa kana keessatti namoota jijjiiramaa ta’an haalota isaan mudateen namoota bakka gadidhiisanii isa namootni ittiin jedhanis ta’e haalli isaan keessa darban kan isaan danqee boodatti isaan deebisu hinturre. Wantootni isaan dhaga’aniifi argan kan boodatti isaan deebisu hinturre jechuudha.
Wanti nama ajaa’ibsiisu yoo jiraate dubbiin namaa kan nu miidhu yoo nuti eeyyamneef qofa. Abrahaam Lonkolin pirezidaantii biyya Ameerikaa ta’ee yeroo filametti muudamasaarratti haasawaa taasisee erga xumuree booda namichi maatii sooressaa keessaa dhalate waamicha sana keessa jiru tokko Abirahaam Linkoliin akkas jedhe “Obbo Linkoliin abbaan kee maatii kootiif kophee hojjechaa akka ture hindagatin” jedhe. Namootiin sagantaa kana hirmaatan nina’an. Ni ajaa’ibsiifatanis.
Abrahaam garuu ija namichaa keessa ilaaluun “sirriidha; abbaan koo maatii keetiif kophee hojjetaa tureera ta’a. Isaan qofaaf utuu hinta’in tarii as keessa namoonni hedduun jiraachuu nidanda’u. Sababiinsaa qophee bifa addaafi namni kamiiyyuu akka isaatti akka hojjechuu hindandeenyetti hojjetaa ture. Ni uuma ture.
Kophee qofa hin hojjetu; garuu of kennuun, itti yaaduun nama hojjetu ture. Waan tokkon si gaafadha. Kophee inni siif hojjete irratti mormii qabdaa? Sababiin isaa ani iyyuu akka itti qophee hojjetan nan beeka. Yoo mormii kophee abbaan koo siif hojjete irratti qabaatte ani akka itti hojjetan beeka waan ta’eef siif nan hojjedha.
Garuu hanga ammaatti, hangan beekutti eenyu illee kophee abbaan koo hojjete irratti namni mormii qabaate hin jiru. Inni nama beekaa cimaadha. Anis baay’een itti boona jedhe” Kana irratti namoonni hunduu nicallisan, Abrahaam Linkoliin nama hubataa akkamii akka ta’e, nama hojii abbaa isaatiitti boonu, abbaan isaa hojii isaa of eeggannoo cimaan akka hojjetu nama dubbatu akka ta’e; namni kamiyyuu hojii abbaan isaa hojjetutti akka mormii hindhiyeessin kan dubbate ta’uu isaa ajaa’ibsiifatan.
Akka nama gadi aanaatti akka of ilaaluuf waanti dubbatame isa miidhuu hindandeenye. Innis miidhaa kanaaf harka hinlaatne. Isa namoonni nuun jedhan utuu hinta’in deebii nuti laannutu nu miidha. Isa namoonni jedhan ta’anii argamuutu miidhaa qaba. Dhagaa isaan nutti guuran yaabbannoo godhannee ittiin fiixee gaaraatti ba’uu danda’uun murteessaadha.
Tarii kanaan dura namoonni hindandeessu; dadhabaadhaafi kkf., utuu ittiin jedhanii namni guddate ilaalcha ofiif qabu irratti dhiibbaa guddaa nifida. Keessumaa aadaa keenya keessatti hindandeessu nuun jechaa warri guddanne tarkaanfii keenyarratti dhiibbaa mataasaa danda’e qaba.
Dhiibbaa kana hambisuu kan danda’u ammoo nu qofa. Yeroo tokko waa’ee barataa mana barumsaa keessatti barattoota biraa wajjin walitti siqeenyaan hintaphanneefi hinoolle tokko ofii kootii carraa argadhee wajjin haasa’uuf yaalii godheera. Anis yeroof barsiisaa barataa kanaa tureera.
Barataan kun yeroo barattoonni biraan walii wajjin haasa’aniifi taphatan irraa fagaatee dhaabbata. Jireenyasaa keessattis abdii kutataafi gammachuu kan hinqabne akka barattoota kan biroottis ofitti amanuun kan itti hindhaga’amne ture.
Sababnisaa maatiin isaa yeroo isa guddisan akka inni nama hintaane itti himaa waan turaniif kanarraa kan ka’e ilaalcha gadi aantummaa akka qabaatu isa taasise. Ergan kana dhaga’ee booda ani immoo barataan kun nama dandeettii qabu; nama daree keessa jiru irratti yoo gaggeessummaa barattoota kutaa isaatii ta’ee kaa’ame nama geggeessuu danda’u; nama amala gaarii qabu akka ta’en itti hime.
Kutaasaarrattis akka gaggeessaa barattootaa ta’uuf nan kaa’e. Waggootii muraasa booda barataan kun namoota gama gaggeessummaan dhiibbaa gaarii geessisan keessaa nama tokko ta’uu danda’eera. Umurii xiqqaatti bakka cimaa galee gaggeessaa ta’e.
Baay’een keenya haalotaan abdii kutachuu dandeenya. Wantoota namootni nuun jedhaniin kan hamileen keenya kufee teenyu jiraachuu dandeenya. Haa ta’uyyuu malee isa namootni nuun jedhanii olitti namoota mul’ata qaban, namoota yaaduu dandaa’an, namoota haalaaf hinjilbeenfanne ta’uun barbaachisaadha. Yoo akkas ta’e egereen keenya nijijjiirama. Offiif, biyyaafi dhalootaaf bu’aa taana.
Kanaaf ammoo gadi fageenyaan itti yaaduun barbaachisaadha. Maaltu ilaalcha nuti ofiif qabnutti danqaa cimaa ta’ee jira? Lafa yaannu akka nuti hingeenyeef daanqaa guddaa isa nutti ta’e kana cabsuun ga’ee keenya. Waan guddaa akka nuti hinyaadne, akka nuti hinhiixanne kan nutaasise kamiiniyyuu cabsuu nidandeenya.
Akka nuti addunyaa kana tolchinuuf, jijjiirruuf namoota uumamne, uumaanis dandeettii akkasii kan nu keessa kaa’e nu dagachiisee, nu naaffisee hambisuuf kan yaalu of irraa mulquun haala jirru keessaa hatattamaan ba’uun murteessaadha.
Namoonni waa’ee keenyaaf ilaalcha isaan qaban; nutis fakkii fokkisaa ofiif qabnu yeroo dhumaatiif haxoofnee balleessuudhaan ofii keenyaafis ta’e hojii hojjennuuf ilaalcha gaarii qabaachuu nu barbaachisa. Sababiin isaa ilaalchi gadi aanaan, jechi namaa akka qiinqanii humna jijjiiramaa nu keessa jiru hororsee fixa. Nama dadhabaas akka fakkaannu, akkasitti akka of ilaaltu nu godha. Yaada kana keessaa hatattamaan ba’uun murteessaadha.
“Namootni injifatoon yeroo hundumaa kufaatii hinsodaatan; kufaatiin adeemsasaanii keessattis yoo isaan mudate akka dhuma jireenyasaanii ta’etti hinfudhatan. Namootni mo’amoon garuu sodaansaanii inni guddaan kufaatiidha. Kufaatii isaan mudatu garasitti wal’aansoo qabee nan injifadha kan jedhu namoota hinqabne namoota seexaansaanii kufeedha!”
Doktar Zarihun Gabree
BARIISAA SANBATAA Hagayya 28 Bara 2014