Filannoo milkiidhaan xumurame

Finfinnee: Waancaan Kubbaa Miilaa Addunyaa akka qophaa’u yaanni isaa kan dhihaate ALA bara 1920 ta’us Waldaan Kubbaa Miilaa Addunyaa kan hundeeffame duraan dursee ALA bara 1904 ta’usaati seenaan ‘FIFA’ kan mul’isu.

Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa “CAF” kan hundeeffame ALA bara 1957 Sudaan, magaalaa Kaartuunitti yoo ta’u, federeeshiniin kubbaa miilaa Itoophiyaa “EFF” ammoo bara 1943 ta’uun isaa kan yaadatamuudha.

Waldaan Kubbaa Miilaa Addunyaa edda hundeeffamee waggoota 118 ta’eera. Waggoottan kanneen keessatti lammiileen biyyoota torbaa pirezdaantummaadhaan dursaniiru.

Ingiliziifi Siwizarlaandi yeroo sadii, Faransaay yeroo lama, Neezarlaandi, Beeljiyeem, Biraaziliifi Kaameeruun ammoo al tokko tokko dursaniiru. Ameerikaan, Eshiyaafi Awustiraaliyaan carraa argachu hindandeenye.

Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa ammoo waggoottan 65f bakka bu’onni Misir, Sudaan, Itoophiyaa, Kaameeruun, Maadagaaskaar, Rippaablikii Dimokraatawaa Koongoofi Afrikaan Kibbaa hoggananiiru.

Oggantoota kanneen keessaa lammiin Kaameeruun Isaa Haayaatu waggaa 29fi ji’aa jahaaf, Obbo Yidnaqaachoo Tasammaa ammoo waggaa 15f Konfedereeshinicha hoggananiiru.

Akka seera Waldaa Kubbaa Miilaa Addunyaa “FIFA”tti filannoon kan adeemsifamu waggaa afuritti al tokkoo. Miseensonni mana maree yoo barbaadan pirezdaantiifi koree raawwachiiftuu federeeshinichaa yeroo lammaffaaf akka filataman seeri isaa tumameera.

Haata’u malee, yeroo filannoon ‘FIFAfi CAF’ dhihaatu hoggantonni taayitaasaanii gadi hinlakkisnu jechuudhaan wal unkuruun waanuma baratamedha. Fakkenyaaf lammiin Biraaziil Joo Haavaalaanji yeroo isaaf eeyyamame caalaa sababii adda addaatiin yeroo filannoo achi dheeressuun ‘FIFA’ waggoota 24fi ji’aa tokkoof durseera.

Lammiin Siwizarlaandi Sep Bilaatariis taayitaa gadi hindhiisu jechuudhaan waggoota 17fi guyyoota 12f waldicha humnaan bulcheera. Adeemsa kana keessatti ammoo waldichi malaanmaltummaafi saaxilamuudhaan doolaarii biliiyoonaan lakkaa’amu saamameera.

Maallaqni pirojektoota biyyoota harkaqalleeyyiif ramadamus saamamuudhaan kubbaa miilaarratti dabni guddaan hojjetameera. Pirezdaantonni saamicharratti bobba’an kunnenis to’annoo seeraa jala oolaniiru. Ta’uus, sababii malaammaltummaa irraa kan ka’e guddinni ispoortii kubbaa miilaa keessumattuu kan biyyoota guddatootaa quucareera.

Garaa Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa CAF’s yoo dhufnee Isaa Haayaatu waggoota 29f aangoo gadidhiiuu diduun guddina ispoortii ardichaarratti dhiibbaa uumee darbeera. Isaa Haayaatu CAF qofa osoo hinta’iin FIFA’s yeroo dheeraadhaaf pirezdaantii ittaanaa, akkasumas guyyoota 141f wayita Sep Bilaatar mana hidhaa seenu hogganeera.

Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaatti erga hundeeffame waggootan 79 lakkofsiseera. Waggoottan kanneen keessatti namoonni 14 ol ta’an pirezdaantummaadhaan dursaniiru.

Haa ta’u malee, bara 1983 kaasee waggoottan 31n darbanii as naannooleen mataa ofi danda’uun magaalaa Finfinneefi Dirree Dhawaa dabalatee federeeshinoota kubbaa miilaa naannoolee hundeesun mataa ofi danda’udhaan socho’aa jiru.

Yeroo filannoon pirezdaantummaafi raawwachiftuu hojii federeeshinchaa gaggeeffamu hundisaanii bakka bu’oota dhiheeffachuun filachisaa turaniiru. Haaluma kanaan, naannoolee Oromiyaa, Ummatoota Kibbaafi Hararii pirezdaantummaan dabare dabareedhaan federeeshincha bulchaniiru.

Injinar Gizaaw Takilamaariyaam Oromiyaa bakka bu’uun waggoota saddeetiif, Doktar Ashabbir Waldagiyoorgis Ummatoota Kibbaa bakka bu’uun waggoota saddeetiif, Obbo Saahilu Gabrawaldis Ummatoota Kibbaarraa waggoota afuriif bulchaniiru.

Haa ta’u malee, sababii Doktar Ashabbir Waldagiyoorgis kilabootaafi federesshinoota naannoolee wajiin waliigaluu dhabaniin federeeshinichatti waggoota sadiif osoo filannoon hingaggeeffamiin akka turu ta’eera. Obbo Junedii Baashaa Harariirraa waggoota afuriif dursaniiru. Waggoottan arfan darbanif Obbo Isaayyaas Jiraa Oromiyaarraa federeeshinicha hoggaananiiru.

Biyya keenyatti malaammaltummaan dhokatus sababii hoggansaatiin yeroo filannoon dhihaatu federeeshiniin kubbaa miilaa Itoophiyaafi federeeshinnonni naannoolee, kilaboonni kubbaa miilaafi waldaaleen kubbaa miilaa wal unkuruun isaanii yaadannoo yeroo hundaatti.

Naannoleen karaa dimokraatawaa ta’en kaadhimamtootasaanii dhihessuun filachiisurra maqaa walii xureessuun gareedhaan adda qoodamanii filannoof dhihaatu. Adeemsi akkanaa kun guddina kubbaa miilaa biyyaarratti dhiibaa guddaa uumeera.

Bara 2010 filannoo pirezdaantummaaf adeemsifametti Oromiyaa bakka bu’uun Obbo Issaayyaas Jiraa sagalee filannoo 146 keessaa 87 argachuudhaan pirezdaantii ta’uun waggoota afuriif hoggananiiru.

Filannoon kun baranas Hagayyaa 21-22f magaalaa Finfinnee galma Komishinii Dinagde Afrikaa ‘ECA’tti bakka bu’onni Waldaa Kubbaa Miilaa Addunyaa ‘FIFA’fi Konfedereeshiniin kubbaa miilaa Afrikaa ‘CAF’ argamanitti karaa dimokraatawaa ta’een adeemsifameera.

Filannoo taasifamenis, Obbo Isaayyaas Jiraa yeroo lammaffaadhaaf Oromiyaa bakka bu’uun sagalee 94 argachuun pirezdaantii federeeshiniichaa ta’uun filatamaniiru. Akkumas, barana naannoo Amaaraa bakka bu’uun pirezdaantummaaf kaadhimamaa ta’uun kan dhihaatan Obbo Malaakuu Fantaa sagale 27, bakka bu’aan Dirree Dhawaa Injinar Tokkichaa Alamaayyoo ammoo sagale 17n osoo hinfilatamiin hafaniiru.

Koree raawwachiftuu federeeshinichaaf ammoo Addee Habiibaa Siraaj Finfinneerraa, Aadde Fayisal Rashaad Somaalerraa, Aadde Bizu’aayaw Jambaruu Dirree Dhawaarraa filatamaniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 28 Bara 2014

Recommended For You