Badhaasa ‘Gaaddisaa Awwaardi’ jalqabaa

•Seenaa jireenyaa Gaazexeessaafi Barreessaa Isaayyaas Hordofaa

Sirni Awwaardii Gaaddisaa jalqabaa maatii barreessaa Gaaddisaa Birruufi Waldaa Barreessitoota Oromiyaatiin qophaa’e Adoolessa 23 bara 2014 haala daran miidhagaadhaan adeemsifameera. Gaazexaan Bariisaas kanumarratti hundaa’ee seenaa namoota waltajjicharratti badhaafamanii walduraa duubaan dhiyeessaa tureera. Maxxansa kanaan kutaa lammaffaa seenaa jireenyaa Gaazexeessaafi Barreessaa Isaayyaas Hordofaa isin dubbisiisna.

Maxxansa darbeen turtiin isaan ogummaa gaazexeessummaa keessatti darbarsan maal akka fakkaatu mataduree xiqqaa, ‘Gaazexessummaa’ jedhu jalatti dubbisiisuu eegallee turree, isumarraa ittifufna.

Dabballoota Dargii, kanneen lammii Oromoo ta’anii Dargii cina hiriiran, Oromoo mirga Oromoof qabsaa’aniin “dhiphoo” jedhanii hidhaniifi hiisisaniin “Goobanoota” jedhu. Haata’u malee tuuti hawwisoo aadaa Wallaggaa kun waltajjiirratti sirboota sirna Nafxanyaafi Goobanoota balaaleffatuufi qeeqatu dhiheessu. Fakkeenyaaf Wallisaa Tarfaasaa Mitikkuu kan wallisu;

“Ashamaa isin hundi keessanii Warri waldhaansoon yoona geessanii Walbeektuu isin hundi keessanii? Sin keessa jirti diinni keessanii Ofkeessaa baasaa yeroon keessani.

Beektuu Goobanaa?

bitamtuu horii gurgurtuu sabaa Ciraa balleessaa abiddaan gubaa Saba Oromoo yaa cunqurfamaa Garaan madaa’ee kan kuuse malaa Jirti diinnikee bobaakee jala”

Kan jedhuufi kkfn waltajjiirratti dhiheessuunsaanii hinoolle. Obbo Isaayyaasis yeroo sirba ittaanee dhiyaatu beeksisuuf waltajjiitti bahan dhimma miira Oromummaa cimsuufi ummati Oromoo mirgasaa argachuuf qabsoo gochuu qabu dhaamsa dabarsu turan.

Ergama kana kan Isaayyaasitti kennan hogganaa dhaabbata siyaasaa Qabsoo Warraaqaa Cunqurfamoota Itoophiyaa (‘Ya Itoophiyaa ciqqunoochi abiyootaawii tigil) Obbo Baaroo Tumsaa kan jedhaman turan. Gaafa Isaayyaas waajjira TOI Naqamtee dhaquuf qoqophaa’an Hagayya bara 1969 qajeelfamoota tokko tokko Obbo Baaroon kennaniifii turan. Kana malees, Wallaggaa keessa yeroo hojii gaazexeessummaaf socho’an namoota itti dhiyaatanii wajjin hojjechuu qabanis himanii turan.

Utuma haala kanaan hojjetanii wallistoonni hawwisoo aadaa Wallaggaa “dhiphummaa babaldhisaa jirtu Tokkummaa Itoophiyaa diiguuf ummata dadammaqsaa jirtu” jedhamanii yeroo ajaja miseensa Dargii kutaa biyyichaatiin hidhaman Isaayyaasis wajjin hidhamaniiru.

Kana qofa osoo hintaane ilmaan of tuultota bara sanaa mataa ol qabatan, Obbo Isaayyaasiin lolanii hamma ilkaan cabsuutti miidhaa irraan ga’aniiru. Rakkoo kana booda gaaffiisaaniitiin bara 1970 ji’a Adoolessaa keessa gara waajjira TOI, Jimmaatti jijjiiraman. Erga achi gara ji’oota ja’aa hojjetanii booda ji’a Bitootessaa bara 1971 gara Raadiyoonii Itoophiyaa, qophii Afaan Oromoo Hararitti jijjiiraman.

Harargeettis gaaffii qondaaltoti siyaasaa kutaa biyyichaa dhiheessaniifiin miseensa komishinii Paartii Hojjettoota Itoophiyaa gurmeessu ta’an. Isaayyaas miseensa paartichaa ta’uuf fedhii hinqaban ture. Haata’ullee malee yoo didan rakkoon akka kutaa biyya Wallaggaa isaan irra gahe akka isaan irra hingeenyeef gaaffii dhiyaateef fudhachuuf dirqaman. Haaluma kanaan yeroo paartichi hundeeffames miseensummaan ittifufan.

Buufata Raadiyoo Harar keessa bara 1971 ji’a Bitootessaarraa kaasee hanga bara 1977 ji’a Sadaasaatti sadarkaa qopheessaarraa kaasee hanga hogganaa waajjira ministeera beeksisaa kutaa biyyichaa ta’uudhaan waggoota ja’aaf tajaajilaniiru.

Turtiisaanii kutaa biyya Harargee kana keessatti Kolleejjii Qonnaa Haromaayaa galgala galgala baratanii eegumsaafi misooma midhaanii (crop production and protection technology)dhaan dippiloomaadhaan bara 1976 ji’a Adoolessaa eebbifamaniiru. Kana malees bara 1972 keessa barumsa Gaazeexeessummaa Haangaarii, magaalaa Budaapeesti Inistitiyuutii gaazexeessitoota Waldaa Gaazeexeessitoota Adduunyaatti hordofaniiru.

Obbo Isaayyaas Buufata Raadiyoonii Hararirraa bara 1977 gara Raadiyoonii Itoophiyaa Qophii Afaan Oromoo, Finfinneetti jijjiiramanii hanga bara 1983, ji’a Waxabajjiitti qopheessaa olaanaa ta’uudhaan tajaajilaniiru.

Bara 1983 ji’a Waxabajjii guyyaa 16tti televiziyooniin Itoophiyaa Afaan Oromootiin gaazeexeessitoota sagantaa dabarsuu bara

jalqabe shanan keessaa Isaayyaas tokko turan. Gaafa Waxabajjii 16 sagantaan Afaan Oromoo jalqabe “Baga gammaddan” jechuudhaan kan dura daaw’attootatti muldhachuudhaan saganticha banan Isaayyaas Hordofaa turan.

Obbo Isaayyaas seenaa televiziyoonii Itoophiyaa qophii Afaan Oromoo keessatti sadarkaa qopheessaa irraa hanga Gulaalaa (Editor-in-chief) ta’uudhaan tajaajilaniiru.

Keessumaa qophii ijoollee maqaa, “Abdii borii” jedhuun Amajjii 2 bara 1994 jalqabsiisaniiru. Turtiisaanii televiziyoonii keessatti hawwii gaarii sabasaaniif qabanirraa akkasumas ejjennoo Oromummaasaaniirraa kan ka’e dhiibbaa cimaan irra ga’u ture.

Keessumaa bara 1984 keessa Sagantaan isaan qopheessaniifi oduun isaan dhiheessan shakkii guddaadhaan gulaalama ture. Kan gulaalanis ogummaa gaazeexeessummaafi muuxannoodhaan kan isaan caalan osoo hitaane kaadirootaan ture. Kun ammoo isaan aarsa ture.

Keessummooti Isaayyaas intarvii godhan ejjennoon siyaasaasaanii dura qoratamuu qaba. Kana malees iddoon isaan dhaqanii hojjetan ni daangeffama. Fakkeenyaaf walga’iifi sochii ABO’n godhurratti argamanii oduus ta’e sagantaa hojjechuu hindanda’an. Achirrattis akka argaman hinbarbaadamu. Haala kanaafi kkfn dhiibbaan isaanirratti cimaa dhufee sadarkaa hojii gaazexeessummaasaanii hojjechuu hindandeenyerra ga’an. Kana malees lubbuun jiraachuuf isaan sodaachisnaan gara qabsoo ABO tumsuutti galan.

Gaazeexeessummaa dhaaba ABO Keessatti

Obbo Isaayyaas Hordofaa haala kanaan kana keessa darbanii lubbuun jiraachuufis sodaan itti dhaga’amnaan Finfinnee gadhiisanii ogummaasaaniitiin qabsoo ABO’n gaggeessu tumsuuf bara 1984 ji’a Caamsaa keessa Sudaan, Kaartum dhaqan. Raadiyoonii sagantaa bilisummaa Oromoo (SBO)tti makamanii hanga bara 1985 ji’a Adoolessaatti ogummaasaaniitiin utuu tajaajilanii mootummaan Sudaan raadiyicha cufnaan biyyatti deebi’an.

Hojii Daldala Geejibaa

Obbo Isaayyaas erga biyyatti deebi’anii booda haalli gaariin isaan hinqunnamne ture. Ija shakkiitiin ilaalamanii hojii dhaaban. Sababii kanaan waggaa tokkoof isaaniifi maatiisaanii rakkoon mudatee ture. Booda garuu gargaarsa firootasaaniitiin Baankii Daldala Itoophiyaarraa qarshii liqeeffatanii konkolaataa geejibaa (mini bus) bitatan. Haaluma kanaan hayyama konkolaachisuu sadarkaa lammaffaa kana dura qaban fooyyessanii sadarkaa sadaffaa baafatan.

Bara 1987 magaalota Bishooftuu-Adaamaa- Maqiifi Shaashamannee, gidduuu ofumasaaniitiin utuu hojechaa liqii baankii deebisaa jiranii Amajjii 3 bara 1988 hogganaan waajjira DhDUOfi ajajaan poolisii magaalaa Shaashamannee, “Konkolaataan kun konkolaataa ABOti. Isaayyaas Hordofaa kan jedhamu tooftaadhaan ABO’f odeeffannoo erga” jedhanii hayyama konkolaachisuusaanii harkaa fudhatanii isaaniifi konkolaataa ittiin hojjetan wajjin mana hidhaa galchan. Guyyoota afur boodas hiikan.

Erga hiikamanii booda utuma sodaafi dhiphuudhaan hojjechaa qarshii baankiirraa liqeeffatan utuu deebisanii ammas Onkoloolessa 19 bara 1989 ajajaa Waajjira Poolisii Magaalaa Shaashamannee ta’ee haaraa kan dhufe ammoo daandii konkolaataa Magaalaa Shaashamannee walakkaarratti utuma ummati arguu, shugguxii itti luqqifatee konkolaataa minii baasiisaanii wajjin sababii tokko malee guyyoota lama mana hidhaa Waajjira Poolisii Magaalaa Shaashamannee keessatti isaan hidhe.

Tibba kana biyya Itoophiyaa keessa qofa osoo hintaane biyya lafaarra jiraachuu isaan jibbisiise. Lubbuunsaanii akka balaarratti kufte hubatan. Jireenyisaaniis wabii dhabe. Waajjirri Embaasii Itoophiyaa magaalaa Kaartuumitti argamu yeroo gara biyyaatti deebi’an rakkoon akka isaanirra hingeenye waadaan gale hin eegamneef. Utii miseensa dhaaba siyaasaa kamuu hinta’in nagaan hojjetanii jiraachuuf abdii kutatan.

Bara sana Ijoollee sadii qabu turan. Ijoolleesaanii kunniin yoo carraaqanii hojjetan malee barsiisuu hindanda’an. Haati warraasaanii ogeettii fayyaa (narsii) taatus galiishee qofaan jiraachuufi ijoolleesaanii akka gaariitti barsiisuu waan hindandeenyeef tattaafachuun irra ture. Haala kanarraa ka’uudhaan biyyatti deebi’uusaaniitti daran gaabban.

Haalli kun isaan sodaachisnaan magaalaa Shaashamannee dhiisanii Finfinnee manasaanii maatiisaanii wajjin bulanii Wiixataa hanga Sanbataatti Magaalota Bishooftuu, Moojoo, Adaamaafi Maqii gidduu hojjechaa galgala Finfinneetti deddeebi’aa Dilbata qofa boqotu turan. Dilbanni guyyaa waaqeffannaasaanii waan ta’eef Waldaa Kiristaana Muluu Wangeelii Magaalaa Finfinnee, Qaxanaa Hulattii jedhamutti maatiisaanii waliin dhaqu.

Dilbata tokko waldaa kanatti Obbo Daggifee Bulaa (booda Ambaasaaddara) wajjin walargan. Obbo Daggifeenis waldaa kiristaanaa kana keessatti waaqeeffatu. Walarganii erga nagaa walgaafatanii booda waa’ee jireenyasaaniifi hojii daldala geejibaa hojjechaa jiranii gaafatan. Hojiin geejibaa dadhabsiisaa akka ta’e itti himan. Bara sana hogganaa sagantaa televiziyoonii Itoophiyaa, qophii Afaan Oromoo turan.

Kana malees Obbo Daggifeen Miseensa koree giddugala Dhaabbata Dimokraatawaa Ummata Oromooti. Gaafa sana Obbo Isaayyaas erga Obbo Daggifee wajjin haasa’anii booda yoo fedhii qabaatan televiziyoonii Itoophiyaa qophii Afaan Oromootti isaan deebisiisuu akka danda’an ittihiman. Obbo Isaayyaasis yaada Obbo Daggifeen dhiheessaniif shakkii malee fudhatan. Sababiinsaas Obbo Daggifee wajjin baay’ee waliigalu. Obbo Daggifeen nama siyaasaa qofa osoo hintaane ilmaan namaa hunda ija namooma gaariitiin kan ilaalan, nama Waaqayyoon sodaatanii jiraataniidha.

Gara Hojii Gaazexeessummaa dura turanitti deebi’uu

Obbo Isaayyaas haala kanaan hojii daldala geejibaarraa gara hojiisaanii durii, gazeexeessummaatti deebi’uuf iyyata akka barreessan gorsa Obbo Daggifeetiin iyyata dhiheeffatan. Iyyannaansaanii qaama mootummaa olaanaadhaan waan fudhatama argateef bara 1989 ji’a Hagayyaa hojiisaanii durii gaazeexeessummaatti deebi’an.

Waggoota muraasa booda garuu Obbo Daggifeen bakka biraatti jijjiiraman. Erga isaan jijjiiramanii booda hoggantooti sagantichaa Isaayyaasiif gaarii hinturre. Keessumaa bara 1995-2000tti dhiibbaa guddaa irraan ga’aa turan. Obbo Isaayyaas osoo gaazexeessaa hangafa ta’anii jiranii iddoo ittigaafatamaarra isaan hinkaa’an. Hoggantooti televiziyoonii Itoophiyaa sababii siyaasaatiin haalli isaan itti ilaalan Isaayyaasiin hingammachiisu ture.

Hojii isaan ramadanii hojjechiisanirratti shakkii qabu. Kunis Obbo Isaayyaas miseensa dhaabbata siyaasaa biyya hogganuu (ADWUI) hinturre. Kanaaf ittigaafatamaa kutaa hojii kamuu godhanii isaan muuduu hinbarbaadan. Obbo Isaayyaas garuu erga ABO dhiisanii deebi’anii miseensa dhaaba siyaasaa kamuu ta’uu hinbarbaadne.

Utuma haala kanaan jiranii bara 2001 gara dhumaa irratti ramaddii hojii haaraa dhaabbata Raadiyooniifi televiziyoonii Itoophiyaatti taasifameen yookiin “ramaddii hojii “BPR” jedhamuun ramaddii hinargatin hafan. Yeroo sana isaan sooramaaf hingeenye. Otoo waggooti shan isaan hafuu “Soorama sibaasna eegi” jedhamanii manasaanii keessa taa’anii waggoota lamaaf mindaasaanii guutuu argachaa asoosama seenaqabeessa (historical novel) Afaan Oromoo “Yoomi Laataa?” jedhu barreessanii ji’a Hagayya bara 2002 maxxansiisuudhaan ummata isaaniif dhiyeessaniiru. Kana booda ji’a Onkololeessa bara 2003 soorama ba’an.

Bakka jireenyaafi Waldaa Barreessitootaa ijaaruu

Obbo Isaayyaas hawaasa keessatti yeroo boqonnaasaanii ummata waliin jiraatanii wajjin waliigaluudhaan misooma naannawasaaniirratti qooda guddaa fudhatu. Gandi isaan keessa jiraatan Godina Aaddaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee, Magaalaa Sabbataa, ganda Gadaa Faajjii 03tti bara 1992 mana ijaarratanii galan.

Kana malees seenaa ummata Oromoo keessatti kan jalqabaa kan ta’e Waldaa barreessitoota Oromoo barreessitoota Oromoo jaha ta’anii ji’a Ebla, bara 2002 hundeessaniiru. Waldaa kana keessatti Obbo Isaayyaas pirezidaantii itaanaa ta’anii filatamanii waggoota jahaaf qooda ogummaa irraa barbaadamu raawwataniiru.

Obbo Isaayyaas bara hojii mootummaarra turan hojiisaaniif kabajaa guddaa qabu. Ganama hojjetaan isaan dursee biiroo seenu hinjiru. Hojiirraas sa’aatii malee hinba’an. Hojii gaazeexeessummaa daran jaallatu. Hojii ramadamanirratti jaboodha. Sababii kanaan hoggantootisaanii hojii cimaadha jedhamurratti isaan ramadu.

Baroota raadiyoonii Itoophiyaa Qophii Afaan Oromoo hojjechaa turanitti Afaan Oromoofi Amaaraatiin kutaa biyya gara garaa itti ergamanirraa bilbilaan gabaasaa turan. Kanarraa ka’uunis bara 1972fi bara 1973, darbees bara 1975 “Gaazexeessaa Qaxalee” jedhamuun Ministeera Beeksisaafi Waldaa Gaazexeessitoota Itoophiyaarraa badhaasa argataniiru.

Baroota kutaa biyya Harargee keessa turan dura taa’aa waldaa Gaazexeessitootaa kutaa biyyichaa ta’uudhaan tajaajilaniiru. Sababii kanaan walga’ii waldaa gaazexeessitoota adduunyaa bara 1975 magaalaa guddoo biyya tokkummaa Sooviyeet (U.S.S.R.) durii Moskoofi Rippablikii Kirgisataanitti godhamerratti argamaniiru.

Televiziyoonii Itoophiyaa qophii Afaan Oromoo keessatti Sagantaa “Abdii Borii “ yeroo jalqabaaf bara 1995 ji’a Amajjii qopheessanii dabarsuu kan jalqaban Obbo Isaayyaasi.

Kitaabota maxxansiisan

Obbo Isaayyaas barreeffamoota Asoosamoota barreessan baay’ee qabu. Kitaabni jalqaba maxxansiisan Hawwii kan jedhamuudha. Hawwiin bara 1995 dhaabbata maxxansiisaa Meeggaatiin maxxansame. “Yeroon Siif haadhiistu” kan jedhu ammoo qarshiisaaniitiin bara 2000 keessa maxxanfamte.

Bara 2002 “Yoomi laata” bara 2005tti “Tsigeeradaafi asoosamoota gaggabaaboo gara biraa” bara 2008 “Alii Barkii Tuuchoo’ Goota Oromoo kan jedhaman maxxansiisanii ummataaf dhiyeessaniiru

Kitaaba “Namummaafi asoosamoota gaggabaaboo” jedhamuufi galiinsaa Waldaa Barreessitoota Oromoof oolu barreessitoota waldichaa kaan wajjin ta’uun barreessanii dubbistootaaf dhiyeessaniiru.

Kana duras diraamota raadiyooniifi televiziyoonii barreessanii daaw’attootaafi dhaggeeffattootaaf dhiheessaniiru. Fakkeenyaaf;

1.“Fooziyaa”—-Diraamaa Raadiyoonii sa’aatii 1:30. Bara 1976 raadiyoonii Harariin, bara1979 raadiyoonii Itoophiyaatiin dhiheessaniiru.

2.“Hawwii” (Wajjin duuna): Diraamaa raadiyoonii sa’aatii lamaa bara 1979 jalqabarratti raadiyoonii Itoophiyaa qophii Afaan Oromoo biyyaalessaatiin darbe. Diraamaan kun seenaa diraamaa raadiyoonii Itoophiyaa qophii Afaan Oromoo keessatti kan jalqabaati (diraamaan kun bara 1995 gara kitaabaatti jijjiiramee maxxanfame.)

3.“Dur hafe”: Diraamaa sa’aatii tokkoo. Raadiyoonii Itoophiyaa, qophii Afaan Oromootiin bara 1983 jalqabarratti dhaggeeffattootaaf kan dhiyaateedha. Sadaasa 12 bara 1984 ammoo televiziyoonii Itoophiyaa, qophii Afaan Oromootiin daaw’attootaaf dhihaate. Diraamaan sa’aatii tokkoo kun seenaa televiziyoonii Itoophiyaa qophii Afaan Oromoo keessatti dheeraafi isa duraati.

4“Raajii Waatiilee”: Diraamaa gabaabduun daqiiqaa18 kun raadiyoonii Itoophiyaa, Qophii Afaan Oromoo biyyaalessaatiin bara 1980 Televizyinii Itoophiyaa, Qophii Afaan Oromootiin ammoo bara 1983 ji’a Adoolessaa keessa daaw’attootaaf dhihaate. Kunis seenaa qophii Afaan Oromoo keessatti diraamaa gabaabduu jalqabaati.

5.“Warqeekoo”: Diraamaa sa’aatii1:15ti. Raadiyoonii Itoophiyaa, Qophii Afaan Oromoo biyyaalessaatiin walakkeessa bara 1979tti dhaggeeffattootaaf kan dhihaate yoo ta’u, televiziyoonii Itoophiyaatiin bara 1986 keessa daaw’attootaaf dhihaate.

6.“Kan cabaa tuffate agabuu bula”: Diraamaa sa’aatii 1:30ti. Bara 1990 ji’a Hagayyaa keessa daaw’attootaaf dhihaate.

7.“Kan facaasan haamu”: Diraamaa sa’aatii tokkooti’. Kunis bara 1986 ji’a Amajjii keessa daaw’attootaaf dhihaate.

8 “Yaachii Qani”: Diraamaa daqiiqaa 20 Amaariffaan barreessanii raadiyoonii Itoophiyaa, sagantaa dargaggootaa Sanbata duraarratti Sadaasa 4 bara 1986 dhaggeeffattootaaf dihaate.

9.“Guyyattii sana”: Diraamaa televiziyooniifi raadiyoonii sa’aatii 1:30ti. (Amaariffaatti jijjiiramee sagantaa dargaggootaa Sanbata duraarratti Sadaasa 4 bara 1986 dhaggeeffattootaaf dhihaate.)

Kana malees diraamota, “Carraa Jigsii”, “Yaa farsoo” jedhaman qophii Afaan Oromoo, sagantaa Dhangaarratti daaw’attootaf dhiyeessaniiru.

Tajaajila miidiyaalee gara garaarratti

Dhaabbata maxxansaa Ayyaanaa barruu Afaan Oromoo Siif Siin jedhamu ALA bara Nov. 10 2015-Aug.25, bara 2016tti Gulaalaa olaanaa

Televizyinii Mo’aa, qophii Afaan Oromoorratti bara 2008-2012 Gulaaalaa olaanaa

Oromiyaa Birodikaastiingi Neetworkii, Sagantaa Televizooyinii Gaammee bara 01/10/2013 jalqabsiisuudhaan hanga Muddee 30 bara 2014tti gulaalaa olaanaaa ta’uudhaan tajaajilaniiru.

Maatii

Obbo Isaayyaas ijoollee dhiiraa afur kan qaban yoo ta’u, isaanis Naa’ol, Leeqaa, Musee Isaayyaas jedhamu. Haati warraasaanii ogeettii fayyaati. Sistar Itaalam Birhaanuu kan jadhaman yoo ta’u, yeroo ammaa kana mana waldhaansa fayyaa Xuqur Ambassaa keessaa tajaajilu.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 28 Bara 2014

Recommended For You