Abdiin Waaliyaan Chaaniif darbu boru murtaa’a

Finfinnee: Walmorkii waancaa kubbaa miilaa Chaan kan ALA bara 2022 magaalaa guddoo Aljeeriyaa, Aljersitti adeemsifamuuf tapha gulaalaa dhaqaafi deebii adeemsifachaa kan jiru Waaliyaan dorgommii maahessaa boru garee Ruwaandi wajjin taasifata.

Hagayya 20 bara 2014 Taanzaaniyaa, magaalaa Daaresalaamitti tapha gulaalaa duraa godhachuudhaan 0-0n adda kan bahe Waaliyaan, walmorkii boruu kanatti yoo mo’ate waancaa Chaaniif darba jedhamee eegama. Waaliyaan walmorkii kanaaf turban sadii kaasee magaalaa Adaamaa Istaadiyooma Yunivarsitti Saayinsiifi Teknolojiitti shaakalaa tureera.

Tapha kanaaf kan isa gargaaruufi ejjennoo safarachuuf garee Ugaandaa wajjin tapha michummaa lama godhachuudhaan tokkotti mo’ate tokkotti walqixa bahuunsaa kan yaadatamuudha.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 28 Bara 2014

Recommended For You