Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahimad (PhD) Dilbata darbe dargaggoota kutaalee biyyattii keessaa baba’an waajjirasaaniirratti mari’achiisanii turan. Bakka buutonni dargaggootaas dhimmoota wayitii, nageenyaa, hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaarratti yaadaafi gaaffii qaban kan dhiheessan yoo ta’u, Doktar Abiyyis deebii bal’aa irratti kennaniiru.
Nutis, deebii ministirri muummichaa kennan keessaa qabxiilee muraasa akka maxxansaaf tolutti qindeessinee dhiyeessineerraa dubbisa gaarii!
Abjuu bara Ijoollummaa ilaalchisee
Ijoollummaatti namni baay’een waan ta’uu barbaadu yeroo itti hawwuudha. Kaan doktara ta’uu, kaan paayilatii, kaan sooreessan ta’a jedhee hawwiisaa ibsata. Yeroon dargaggummaa garuu yeroo itti karoorfatan osoo hintaane yeroo abjuu, hawwiifi fedhii ijoollummaatti yaadaa turre hojiitti jijjirruudha. Yeroon dullumaa ittaanee dhufummoo yeroo gabaasaati.
Dargaggoota bara kanaaf kanin dhaamu kan ijoollummaatis, dargaggummaattis darbee dullumatti abjootan baay’eedha. Yeroo warra dullooman irraa gabaasaafi muuxannoo dhaga’uu qabnutti abjuu dhaga’uun guddinaaf rakkisaadha. Kanaaf isinis abjuu keessaas gabaasa keessaas ba’aatii humna dandeessaniin hojii hojjedhaa. Yeroo hojjechuu qabnutti hojjechuu yoo dadhabne booda gaabbii uuma.
Hojjetanii jijjiiramuu ilaalchisee
Marii dargaggoota waliin taasifamu kanaan haala ittiin hojjettanii jijjiiramuu dandeessan irratti qabxiilee muraasa isinii kaasuun barbaada. Dargaggoota hirmaattoota keessaa obboleettiin yaada kennite tokko “Itoophiyaadhaan hinbeeknuun” jettee yaada kennitee turte. Dhugaa dubbachuuf Itoophiyaa isin mitii nutiyyuu barree hinfixne.
Itoophiyaan qabeenya lafa keessaa qabdi; nuti garuu barree hinfixne. Eessa bishaan, eessa warqee, eessa albuuda gatii jabeessa, eessa maaltu jira jennee adda hinbaafanne.
Itoophiyaan Afrikaa keessaa biyya % 50 tulluu qabdudha. Garuu tulluu misoomsuu, keessa deemuufi faayidaasaa beekuuf waan baay’ee nu hafetu jira. Inni Tigraay jiru Tigraay dhaabatee, inni Kibba jiru Kibba dhaabeetetu Itoophiyaa jedha. Safartuunsaa bakka inni jiru qofa. Beekuuf daran hojjechuu qabna.
Daaw’annaan dargaggootaa amma eegalames akka cimu jedhee kanin yaaduufi ittis qophaa’aa jirru kana. Dargaggeessi tokko barnootasaa sadarkaa lammaffaa erga xumureen booda osoo gara yunivarsiitii hinseenin tajaajilli waan akka tajaajila lammummaa isa barbaachisa. Tajaajila kanaanis wantoota naannawasaa ala jiran ilaaluuf ittifayyadama. Kanas akka kanaan duraa dirqama hingoonu; garuu nama biyyasaa hinbeekne hojii hinmindeessinu.
Joobiraan fakkeeffamuu Itoophiyaa
Akka waliigalaatti, Itoophiyaan joobiraan fakkeeffamti. Joobirri samii keessa ol ka’iinsaan balali’uu kan danda’u, ariitiidhaan balali’uu kan danda’u, maayilii dheeraa imaluu kan danda’u, samiirra ta’ee galaana keessatti ilaalee adamsee fudhachuu kan danda’u akaakuu simbirroo cimaadha.
Joobirri kun hammamillee uumama akkanaa qabaatus yommuu walakkaa bara jireenyasaa xumuru ni dadhaba. Naannawa waggaa 35ffaasaatti wantoota sadii dhaba. Akka duraa saffisaan balali’uu hindanda’u, adamsee hinqabu, waan kennameefis qimmiidee qabachuu dadhaba.
Qaamotasaa dadhaban keessaa tokko baalleesaati. Lammaffaarratti kan jalaa dulloomu uuruusaati. Uuruunsaa ni dadhaba, ni jallata. Sadaffaa kan jalaa dulloomummoo qeensasaati. Wantoonni sadeen kunneen yommuu jalaa badan joobirri eenyummaa, kabajaafi dandeettii qabu sana dhaba. Itoophiyaanis yeroo tokkotti biyya cimtuu turte. Dubbii keenyarratti Itoophiyaa yommuu jedhamu kaartaa isa har’a jiru qofa hinilaaliinaa. Maqaan Itoophiyaa jedhu maqaa Afrikaati.
Itoophiyaanis akkuma joobiraa wantoota sadii dhabdeetti. Tokkoffaa kan dhabde nama. Lammileeshee jaalalaafi tokkummaadhaan tursuu hindandeenye. Kana dura garuu tokko ta’anii Adawaarratti hojii boonsaa hojjetanii agarsiisaniiru. Haala amma jiruun waranni Adawaa utuu banamee walqoodnee, utuu qaamni biraa nu hinbarbaachisiin, numti walnyaannee Itoophiyaa qaama biraatiif dabarsinee kennina.
Tokko ta’uu jechuun akaakuu tokko ta’uu jechuu miti. Namoonni korniyaa, amantii, qomoo, ilaalchi siyaasaafi wantoota biroo ittiin adda ba’an ni jira. Akka waliigalaatti ilaalcha waa’ee biyyaarratti tokko itti ta’anii biyya akka biyyaatti ittifufsiisan qabu. Ilaalchi sun deebi’ee dhufuu qaba, akka joobiraatti ofii keenya haaressuuf.
Yaalii kana deebisuuf taasifamu keessatti akkamiin utuu waa’een tokkummaa, jaalalaafi ida’amuu dubbatamuu, walajjeessuun maaliif jiraata, akkamiin oduunsaa dhaga’ama kanneen jedhan jiru. tokko ta’uun utuu halkan tokkotti uumamuu danda’amee addaddummaanuu hinuumamu ture.
Joobirri suni waggoota 35 booda yommuu qeensisaa dulloomu, jijjiiruuf yoo xiqqaate ji’oota shan ittifudhata. Akaakuuwwansaa keessaa adda ba’ee beela’aa, dheebochaafi dhiigaa qofaasaa ta’ee yeroon isa barbaachisa. Haareffamuun adeemsa gaafata. Tokkummaa, jaalalliifi dhiifamni nuti har’a facaafnu shakkii tokko malee Itoophiyaa gara eenyummaashee isa turetti ni deebisa. Sababnisaa kan nuti facaasaa jirru sanyii gaarii waan ta’eef.
Gaaffii amma maaliif sadarkaa sanaan hindhaga’amu? jedhuuf ammoo namoonni bara ijoollummaasaaniitti abjoochaa, bara dargaggummaasaaniittis abjochaafi ammas dullumasaanii namoonni abjootan waan jiraniifi.
Qabeenya uumamaa biyyattii ilaalchisee
Inni lammaffaa Itoophiyaan hinbeekne qabeenya uumamaasheeti. Kennaa uumamni kenneef beekuufi ittifayyadamuu dhabuusheetini. Addunyaarratti biyyi akka keenya bishaan taliilaa, dolol’oofi laggeen baay’inaan qabu akka Itoophiyaa hinjiru. Utuu qabeenya bishaanii lafarraafi lafa keessaa qabnuu nuti kan haasofnu bishaan dhugaatii hinqabnuudha. Biyya baha giddugaleessaatti qabeenyi bishaanii osoo hinjiraatiin dhimmi bishaanii ajandaa utuu hinta’iin, Naannoo Somaalee keessa bishaan dolol’oofi lagaa utuu jiruu waa’een bishaan dhugaatii ni ka’a.
Kana haala qabatamaa naannawa keenyaa wajjin yoo ilaalle dhugaan jiru kanuma. Magaalaa Finfinneellee yoo ilaalle laggeen jiran fincaaniifi kosiidhaan balleessinee, gaaffii bishaan dhugaatii kaasna. Waan qabnu kana daganneetu gara biyyoota guddataniitti godaanuuf gammoojjii keessatti dhumuuf kaana. Isa nuu kenname dheessinee isa nuu hinkennamne barbaaduutti duuna.
Waa’ee olka’iinsa Itoophiyaa
Inni sadaffaan ammoo akkanumaan lafaa ka’anii Uumaa jibbuufi waltuffachuudha. Ummati biyyattii harki 95 nama amantii qabuufi Waaqaan buluudha. Garuu mootummaanis, inni barateera jedhamus wayita “galata Waaqaa” jedhamu dhaga’u ni aara. Ammas ni aara malee Uumaan ni galateeffama. Sababnisaa Uumaa ganuudhaan, qabeenya uumamaa nuu kenname dhiisnee akka hinkennamneef ta’uun Itoophiyaa ni kasaarse malee bu’aa hinargamsiisneef.
Akka joobira sanaa ofii keenya haareessinee deebi’uuf wantoota nu hir’ate sadan kana ilaaluu qabna. Kanneen sadaniif deebii kennuu yoo dandeenye Itoophiyaan gara ol ka’iinsaatti ni baati.
Jechi Itoophiyaan gara olka’iinsaatti ni baati jedhu kun namoonni isaanitti hintolle baay’een ni jiru.
Itoophiyaan yoom olka’iinsarra turteetu kan akkana jedhamu jedhu. Egaa ol ka’iinsi akka waliin madaaluuti. Darbii tokkooffaan nama laffarra jiruuf olka’iinsa. Darbii lammaffaan ammoo isa tokkoffaarra jiruuf olka’iinsa.
Kana fakkeenyaan dhiheessuuf Itoophiyaan yommuu biyyoonni Afrikaa hundi kolaniidhaan bitaman hinbitamu jechuun bilisummaashee kabachiifatteetti. Erga bilisa taatees warri kaan akka bilisa ba’an mariisifteetti, leenjiifteetti, hidhachiifteetti, biyyoota akka Taanzaaniiyaaf ammoo xiyyaara ergitee ittisteetti.
Gama dippiloomaasiitiinis Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti duraan ‘League of Nation’ jedhamu keessatti biyyi ardiii Afrikaa tokkittiin Itoophiyaa turte. Alaabaawwan Dhaabbata Mootummoota Gamtooman keessatti mul’atu kan Itoophiyaa qofa ture. Gara Afrikaatti yommuu fidnu ammoo biyyoota Afrikaa shantamii wayi keessaa Gamtaa Afrikaa kan hundeessan sadii turan. Sadan keessaa biyyi hundeessituu duraa Itoophiyaadha.
Gama dinagdeetiin waggaa 50, 60 dura Musliimonni imala Hajjiitiif qarshii Itoophiyaatiin akka doolaaraatti tikeetii muratu; kana abbootii keessan gaafachuu dandeessu. Qarshii Itoophiyaa qofa qabatanii Galaana Diimaa qaxxaamuranii waan doolaara jedhamu osoo hinkaasiin ittiin bitanii gurguraa turan.
Ragaa biraan namni paaspoortii (Ittiindarba Buufata Sakattoo) qabate gaaffii tokko malee viizaa biyya kamuu argachuu ni danda’a ture.
Yoo madaala kamiinuu deemtan Itoophiyaan biyyoota addunyaarra jiran keessaa kan duraati jechuu baadhus biyyoota kabajni kennamuuf keessaa ishee tokko jechuu dandeenya. Kanaaf namoonni olka’iinsa keenya fudhachuun isaan rakkisu salphaadhumaan fakkeenyota kanneen ilaaluu danda’u.
Har’a garuu olka’iinsonni kunneen bakka hinjiran. Kanaaf yoo xiqqaate kana deebisuuf hojjechuu qabna. Kanaaf ammoo qalbii deebifannee tokkummaadhaan yoo hojjenne yeroo gabaabaa keessatti deebisuu dandeenya.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 21 Bara 2014