“Oromiyaatti lammiilee biyya alaa eeyyama malee albuuda baasuurratti bobba’an 20 ol to’anneerra; akka seera mana hojichaatti waggaa 15 adabsiisa” – Obbo Tasfaayee Magarsaa

Oromiyaan qabeenya albuudawwan gatijabootiin daran badhaatuudha jedhamtus naannichatti abbaa ta’ee kan hojjetu, alergiirratti bobba’ee dinagdeesaa kan cimsatu isa hatuufi saamu qofa ture.

Warqiin Oromiyaa keessaa bahu yeroo qotamu maqaa Oromummaan yeroo gabaa alergiif dhiyatu maqaa biraatiin ture. Gochi seermalleessi kun warqii qofarratti kan hundaa’e otoo hintaane bunarrattis akkasuma.

Kanumarraa ka’uunis warri Sidaamaa, “Bunni keenya gaafa omishamu buna Sidaamaa jedhama, gafa gabaa alergiif dhiyaatu maqaa biraatiin sharafa alaa nama dhuunfaaf argamsiisa, kun saamicha qorqlabiifi dinagdee keenya qorqaa tureedha” jechuun ibsu.

Sirnoonni dhufanii darban marti ulee abaarsaasaanii boquu ummataarratti fe’uun gola ummataa saamaa, golgoleessaa dinagdeefi hawaasummaa warra qabeenyaa dhimmi kallattiin ilaallatu akka toora keessaa bahu taasisaa turaniiru.

Saamichi damee albuudaarratti Oromiyaa keessatti qaqqabaa ture daran hammaataa yoo ta’u, keessumaa misooma albuuda warqii shaakkisootti gaggeeffamaa tureen miidhaan qaamaa qorqalbii namaa miidhu dhalootarra qaqqabe daran hadhaa’aa ture.

Sirnoonni dhufanii darban marti umrii aangoosaanii dheereffachuuf afanfajeessa sobaatiin akka ummanni dagatu gochaa ulaagaa misooma albuudaa osoo hinguutiin faayidaa hawaasaa osoo hingiddugaleeffatiin maqaa investariitiin miidhaan naannawaa albuunni bahutti qaqqabaa ture fayyaa namaarratti balaa qaqqabsiisuun ala faalama qilleensaa, teessuma lafaa balleessuun hudhaa jireenyaa ta’aa turaniiru.

Erga mootummaan jijjiiramaa gara aangootti dhufee as hudhaalee kanneen furuuf tarkaanfiiwwan guguddoon hawaasa bal’aa fayyadamaa taasisan fudhatamaa jiru.

Saamicha, hanna, miidhaafi alseerummaa albuuda uumamaa biyyattiis ta’e Oromiyaan qabdurratti qaqqabaa ture maqsuun dinagdee golgolaa’e bayyanachiisuuf sochiin jiru maal fakkaata isa jedhuuf turtiin Gaazexaan Bariisaa Hogganaa Abbaa Taayitaa Misooma Albuudaa Oromiyaa Obbo Tasfaayee Magarsaa wajjin taasise kunooti.

Bariisaa: Albuudni Oromiyaa keessaa bahu hamma Oromiyaa keessa qofa jirutti kanuma ummataafi biyyaati; gaafa gabaaf dhiyaatu garuu maqaa nama dhuunfaatiini jedhamaa ture kun hammam dhugaadha. sirna hattuu leellisuuf oolaa ture jedhama quba qabduu?

Obbo Tasfaayee: Dhugaadha; abbummaa albuudaa akka barbaadan gochaa kan turan sirnoota darbani. Oromoon albuuda alatti erguu miti bakka albuunni irraa bahutti waardiyyaa ta’ee hojjechuu hindanda’u ture. Kanamalees bakkasaallee akka beeku hineeyyamamuufii ture. Sun har’a seenaa ta’eera. Mootummaan jijjiirama taasiseen bu’aa guddaan hawaasa fayyadamaa taasisu galmaa’aa jira.

Bariisaa: Saamicha albuuda Oromiyaarratti qaqqabaa ture maqsuuf tarkaanfiin mootummaan fudhate maali? Jijjiiramni dhufe hoo akkamiin ibsama?

Obbo Tasfaayee: Jalqaba saamichi damee kanarratti sirna dahoo godhachuun qaqqabaa ture hammaataadha siin jedheera. Kufaatii sirnichaa booda mootummaan jijjiiramaa fayyadamummaa hawasaa mirkaneessuuf dameen kun sadarkaa naannootti of danda’ee abbaa taayitaatiin akka hogganamu taasiseera.

Abbaan taayitichaas aangoo kennameefitti fayyadamuun hawaasa naannawaa fayyadamaa taasisuurraa kaasee hanga sharafa alaa naannoof argamsiisuutti hojii boonsaa hojjeteera. Bu’aan kun afaaniin qofa kan dubbatamu osoo hintaane maallaqa guddaa argamsiisuun seenaa galii albuuda Oromiyaa kan jijjiireefi hawaasallee onnachiiseedha.

Bariisaa: Oromiyaan albuuda uumamaatiin badhaatuudha jedhamti, albuuda maal maal qabdi, kan qorannaan mirkanaa’an gosoota albuudaa meeqa qabdi?

Obbo Tasfaayee: Oromiyaan qabeenya albuudaatiin badhaatuudha. Dhugaadha. Ta’us albuudni tokko bakka akkasii jira jechuuf jalqaba qorannaan mirkanaa’uu mala.

Haaluma kanaan qorannoowwan gara garaa ogeessotaan deeggaramnee taasisneen akaakuuwwan albuudaa 48 qabatamaan dachee Oromiyaa keessatti argamu. Waan qorannoon keenya hindhumneef malee kanaa ol albuudawwan gara garaa akka jiran abdatama.

Kanneen keessaa warqiin, emeraaldiin, albuudiwwan indastiriif oolan, sibiilonni akka kopparii, ayiranii, kiroomaytii, dhakaa cilee miidhaginaafaa eeruun ni danda’ama.

Alboodonni kunniin qorannoodhaan kan mirkanaa’aniifii galiin sharafa alaa irraa argamaa jiruudha. Qorannaa akka taasisnuuf sababa kan ta’e sirni darbe ragaalee albuudaa dhokataa ofii qabuun ala qaamni biroo akka hinbeekne taasisaa tureera.

Albuunni eessa eessatti akka argamu dhoksaa turuunsaanii hammam ummataaf balaa akka turan kan agarsiisuudha. Kana malees aadaan albuudatti sona dabaluu akka gabbatu, ittifayyadamasaarratti, bulchiinsasaarratti, dhiibbaa albuuda baasuun booda dhufu ittiisuuf maaltu ta’uu qaba isa jedhu erga qorannee, hojiitti galuun bu’aa guddaa galmeessisneerra.

Kaayyoon qorannichaa humni alergii keenyaa dachaan akka dabalu, hawaasni keenyas qe’eesaatti fayyadamaa akka ta’u gochuu waan ta’eef gama kanaan milkaa’aa jirra.

Bariisaa: Bara bajataa darbe keessa galiin sharafa alaa warqii sookoorraa argame hammami?

Obbo Tasfaayee: Bara bajataa 2014 keessa galiin sharafa alaa warqii sookoorraa argame doolaara Ameerikaa miiliyoona 314 oli. Kun jalqaba. Kana boodas kanaa ol argamsiisnee dinagdee naannichaas ta’e biyyattii cimsuu keessatti hojii guddaa hojjechuuf kutannaan tattaaffataa jirra.

Bariisaa: Abbootiin qabeenyaa misoomawwan gara garaarratti bobba’an hedduun faayidaa dhuunfaasaanii guuttachuun ala rakkoo booda dhufu hawaasarraa qolachuurratti hanqina guddaa qabu. Fakkeenyaaf kan Shaakkisoo fudhachuu dandeenya. Kana akkamiin hordofaa jirtu?

Obbo Tasfaayee: Jalqabuma oggaa eeyyama investimentii kenninu ulaagaan guutamuu qabu kan abbaan taayitichaa baafate guutumaa adda baasna. Kana ta’uu baannaan eenyuyyuu hinkeessummaa’u.

Kanaan dura dhaabbilee waliin dhahuu yaalan 48 eeyyamasaanii haqneerra. Hamma ulaagaa hinguunnetti qabeenya ummataa saamuufi golgoleessuun yoomiyyuu hindanda’amu.

Akka kanaan duraa akka fedhan gola Oromiyaa seenanii fedhan qotuu fedhan diiguun hawaasa buqqisuun hindanda’amu. Meeshaa teknolojii ammayyaadhaan deeggarmuu, rakkoo faalamaa dhufuu malu maqsuurrattis ittifayyadama teknolojii isaan hojiirra oolchan qoratamee hojiitti akka seenan taasifama.

Kanamalees erga eeyyamni kennamee booda lafa albuunni irraa bahe deebisanii kunuunsuurratti akka hojjetaniif hordoffii walirraa hincinne taasisna.

Bariisaa: Hordoffiin lammiilee biyya alaa seeraan ala albuuda baasuufi biyyaa miliqsuurratti bobba’anirratti taasifamu maal fakkaata?

Obbo Tasfaayee: Kun dhugaadha. Hordoffii cimaa taasifamaa tureen yoo xiqqaate lammiileen biyya alaa 20 ol seeraan ala albuuda baasuufi daldala seeraan alaarratti bobba’an qabamaniiru. Namoonnii kanneen hojii misoomaa biraatiif bobba’anii dhoksaanimmoo seeraan ala albuuda baasuufi daldaluurratti bobba’aniidha.

Yeroo ammaattis seeratti dhiyaatanii murtee eeggachaa jiru. Seeraan ala albuuda baasuufi daldaluun yakka cimaa waan ta’eef adabbiin hidhaa hanga ganna 15 akka irratti murtaa’u eegaa jirra.

Bariisaa: Lammiileen biyya alaa to’ataman kunneen lammummaansaanii eessa, hojii seeraan alaa kana akka hojjetaniif wanni sababa ta’eef ykn haala mijeesseef maali?

Obbo Tasfaayee: Namoonni qabaman lammiilee Chaayinaa, Keeniyaafi Mozaambiki. Irri jireessisaanii hojii misoomaa gara birootiif bobba’anii daangaa ce’uun rakkoo nageenyaa biyyattii dahoo godhatanii seeraan ala albuuda qotaa turan.

Hordoffii qaamota nageenyaafi caasaaleedhaan taasifameen qabamaniiru. Warri waliigaltee albuuda baasuu qabanis maqaa eeyyama qabna jedhuun daangaa isaan akka irratti misoomsan kennameefiin ala darbaa qotuufi albuuda gara biroorratti waan bobba’aniif eeyyamsaanii mulqineerra.

Bariisaa: Lammiilee biyya alaatiin ala warri biyya keessaa daldala albuuda seeraan alaarratti maal fakkaatu?

Obbo Tasfaayee: Daldalli albuudaa seeraan ala gaggeeffamu kun namoonni biyya keessaafi alaa qindoomanii bakki ittigaggeffamus jira,

Qaamonni hidhatanii socho’an tokko tokkos madda loojistikii gara garaa itti bitatan godhataniiru. Kanammoo qofaa keenya kan hordofnu osoo hintaane caasaalee gaaraa kaasee hanga dakaatti jiraniifi dhaabbilee gara garaa waliin ta’uun hojjenna.

Bakkeewwan rakkoon nageenyaa jiru keessumaa Wallaggaafi Gujiitti qaamonni hidhatanii socho’an albuuda saamaa, seeraan ala dabarsanii gurguruun faayidaa bittaa meeshaa waraanaaf oolfachaa jiru.

Kun hordoffii cimaa barbaada. Sababnisaas rakkoon nageenyaa uumamuun samichaafi hanna albuudaarratti qaqqabuuf sababa guddaa ta’eera.

Wayita dhoksaadhaan albuuda biyyaa baasuuf yaalamutti buufata xiyyaaraatti, daangaarratti hordoffii taasifamaa jiruun yeroorra yerootti qabamaa jiru, kun ammas cimee ittifufa.

Bariisaa: Dhaabbilee maqaa investimentiin eeyyama baafatanii lafa daanga’amee kennameefiirratti dabalatanii hojjetanii, waliin dhahuuf warreen yaalan akkamiin hordofaa jirtu?

Obbo Tasfaayee: Lafa isaan albuuda irraa baasan qofa kenninee callisnee hinilaallu. Daangaa kabajuusaanii waliigaltee eeguusaanii duukaa buunee hordofna. Warra faallaa waliigaltee deeman eeyyamasanii haqneerra.

Bariisaa: Alseerummaa albuudawwan gatijabeeyyiirra qaqqabu dhaabsisuuf sochii gaariirra jiraachuu kaastaniittu. Albuudawwan xixiqqoo dhiyootti argamanirratti hanni raawwatamu daran hammaachaa dhufuun ni himama. Fakkeenyaaf, dhagaa, cirrachaafi kan biroo. Kana hammam quba qabdu?

Obbo Tasfaayee: Fakkeenyaaf Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee yoo ilaalle guyyaa guyyaan sinotiraakiin akka barbaade fe’ee Finfinnee seenaa oola. Eessaa fida jennee yoo gaafanne dhokataa miti. Hordoffiin Finfinneefi godinicha gidduu jiru laafaadha. Kanarraa kan ka’e akkuma barbaadan fe’aa turan.

Alseerummaa kana to’achuuf keellaawwanirratti adeemsi nagaheefi eeyyama gafachuu eegaleera. Nagahee malee fe’ee deema taanaan caasaaleen nageenyaa keellaarratti to’annoo taasisan xiyyeeffannoon hojjetaa jiru.

Abbaan Taayitaa Misooma Albuudaa Oromiyaa erga hundaa’ee dhiyoo ta’us gama kanaan hojiilee gara garaa hojjetaa jira. Fuuldurattis of cimsaa waan deemuuf galii Oromiyaan alergii sharafa alaa albuudaarraa argattuun ala albuuda biyya keessatti ijaarsawwan adda addaatiif oolurraas galii addaa argamsiisuun warraaqsa dinagdee Oromiyaafi kan biyyaa utubuun shoora olaanaa taphata jennee abdanna.

Bariisaa: Beekamtii Abbaa Taayitichaatiin ala mootummaan federaalaa akka barbaade eeyyama albuuda baasuu kana kennuu danda’aa?

Obbo Tasfaayee: Eeyyamni sadarkaa federaalaatti kennamuufi sadarkaa naannootti kennamu jiraatus beekamtii naannoo mitiitii caasaa godinaa hanga gandaatti jiruun ala lafti albuuda baasuuf abbaa qabeenyaaf kennamu hinjiru.

Naannoon eeyyama wayita kennu beekamtii godinaafi aanaa darbees hanga caasaa gadiitti jiru giddugaleeffateeti malee akka kanaan duraa humnaan akka fedhan raawwachuun hindanda’amu.

Bariisaa: Qabeenyi uumamaa gatijabeessi osoo jiruu dargaggoonni hojii dhabanii rakkatan hedduudha. Kanarratti hammam hojjettaniittu?

Obbo Tasfaayee: Rakkoo hojidhabdummaa furuun walqabatee namoota kuma 129 oliif carraa hojii uumneerra. Kun jalqaba. Fuuldurattis kana caalaa hojjechuuf kutannaan socho’aa jirra.

Bariisaa: Dargaggoonni hedduun hojii albuuda baasuu kanarratti bobbahan karaa mala aadaatiini. Kunimmoo faayidaa battalaatiif yoo ooleen ala dhaabbiin dinagdeen isaan hundeessuuf bu’aa hinbuusu. Kun akka fooyya’uuf maaltu hojjetamaa jira?

Obbo Tasfaayee: Kanaan dura sochii taasifneen meeshaa teknolojii warqiin itti bahu saddeet binnee kennineerra. Isaan kunneen hamma tokko fayyadamaa ta’aa jiru.

Kaayyoon keenya bal’inaan teknolojicha dhiyeessuun dargaggoonni mala aadaa keessaa bahanii albuuda qulqulluu baasanii gatii madaalawaa akka argataniif hojjetaa jirra. Kun humna keenya qofaan kan milkaa’u waan hintaaneef mootummaanillee nu deeggaruu qaban jedha.

Teknolojiin yoo fayyadamneen ala albuuda baasuu dhamaatii guddaa kan qabu; darbees rakkoo qulqullina godhachuun alergiirratti miidhaa waan qaqqabsiisuuf ittifayyadama teknolojiirratti hojjechuun toora xiyyeeffannoo keenya bara ittaanuuti.

Bariisaa: Misoomni albuudaa waldaaleedhaan gaggeeffamu bakka albuunni bahe deebisanii kunuunsuurratti hanqina qaba jedhama isin maal jettu?

Obbo Tasfaayee: Waldaaleen hedduun albuuda baasuurratti bobba’anii jiran erga irraa fayyadamanii lafa qotaa turan dhiisanii gara birootti yeroo cehan mul’atu.

Lafti sun mukatu irraa cirame, albuudatu keessaa baafame, deebisee kan kunuunsu hinjiru. Kanarraa kan ka’e komiin hawaasaa bal’aa ture. Faalamni qilleensaa haalli naannawaa akka yaratu gochaa tureera.

Kun qormaata damee albuudaa qoraa jiruudha. Dhaabbileen dargaggoota hojidhabeeyyii gurmeessan kunuunsa naannawaarrattis xiyyeeffatanii hojjechuu qabu. Kun yoo hintaane albuuda baasanii lafa qotanii rakkoo uumuun hindanda’amu.

Warreen gurmaa’anii hojii albuuda baasuurratti bobbahan yoo laficha deebisanii hinmisoomsine biyyaaf balaa waan ta’eef irratti hojjechuun barbaachisaadha.

Bariisaa: Albuuda baasuun ala sona dabalanii gabaaf dhiyeessuurratti hubannaa hawaaasni qabu akkamiin madaaltu?

Obbo Tasfaayaee: Albuuda lafa keessaa qonnee baasnee deeggarsa teknolojiin ala callisnee gabaaf dhiyeessuun rakkoo qulqullinaafi gatii quubsaan akka hinargamne taasisa. Hudhaa kana furuuf sona dabaluun barbaachisaadha.

Gama kanaan leenjiin hubannoo uumuu kennamaa jira. Waldaaleen kana booda gurmaa’anii hojjetan yoo jiraatanis sona dabaluun albuuda qulqulluu gabaaf dhiyeessuun gatii madaalawaa akka argatan taasisa.

Bariisaa: Dur dur alergii keessatti hirmaachuu mitiitii qabeenyichi kankooti jedhanii dubbachuun yakka ture. Jijjiiramaa as garuu Oromoon alergiirratti bobbahe jiraa?

Obbo Tasfaayee: Akkuma dura kaasne qabeenyi uumamaa kun sirna hattuun saamamaa ture. Amma garuu murnoota akkasiitti karaan cufameera. Hordoffiin casaasaa eeggate gaaraa kaasee taasifamaa jira. Oromoon albuuda baasuurra darbee alergii keessattis hirmaatee dinagdeen of humneessaa jira. Kun fuuldurattis cimee ittifufa.

Isa kanatti ni gammanna. Namni qabeenyasaatti hojjetee dinagdeen caalee dhaloota hojidhabeeyyii isa jala jiraniifillee carraa hojii uumee yeroo argamu kana caalaa wanti nama gammachiisu hinjiru.

Bariisaa: Qorannaa albuudaa taasifameen baay’inni albuudawwan Oromiyaa keessa jiranii 48 ol adda bahuu kaastaniittu. kanneen hafan hinjiranii, otoo dhibbantaan nuu ibsitanii?

Obbo Tasfaayee: Kan qorannaan mirkanaa’e akaakuuwwan albuudaa 48 yoo ta’u, dhibbantaa 90 lafti Oromiyaa hinqoratamne jechuun nidanda’ama. Adeemsa keessa gaafa ittifayyadamni teknolojii babal’atu bal’inaan irratti hojjetama abdii jedhu qabna.

Ta’us albuuda hedduu qabna jennee akkuma feene qonnee baasuun miidhaa hammaataa waan qabuuf qorannarratti hundaa’uun lafa albuunni irraa bahe deebisanii misoomsuun haala qilleensa naannawaa miidhaarraa baraaraa imala gara badhaadhinaatti taasifamu milkeessuun barbaachisaadha.

Bariisaa: Gara mana hojii keessaniitti deebinaatii caasaaleen keessan daldala seeraan alaa albuudaafi hannarratti bobba’an hinjiranii?

Obbo Tasfaayee: Dhugaadha. Caasaaleen mana hojichaa hojmaata badaa kanarratti bobbahan jiru. Isaan kana akkaataa badiisaaniin tarkaanfii seeraa madaalawaa irratti fudhatameera, ammas cimee ittifufa.

Bariisaa: Omishaafi omishtummaa albuudaa dachaan dabaluufi qulqulluu gabaaf dhiyeessuuf sochiin jiru maal fakkaata? dhiyeessiin meeshaalee teknolojii maalirra jira?

Obbo Tasfaayee: Meeshaalee teknolojii albuuda baasuuf oolan bitanii dhiyeessuuf daran qaaliidha. Haala yeroo biyya keenyaa wajjin walbira qabnee bittaan dhiyeessuuf rakkoo ta’us gama mootummaatiin sochiiwwan gara garaa taasifamaa jiru.

Yaalii kanaan dura taasifameen waldaalee filatamoof maashiniin sookoo miicu saddeet bitamanii kennamaniiru. Ergasii jijjiiramni omishtummaa qulqullina albuudaarratti mul’atu dhibbantaa 80n dabaleera. Kun fuuldurattis cimee ittifufa.

Bariisaa: Garaagarummaa mala aadaatiin warqii baasuufi teknolojiin deeggaramanii baasuu akkamiin ibsitu?

Obbo Tasfaayee: Dargaggoonni mala aadaatiin warqii baasan guyyaa guutuu dhama’aa oolanii kan argatan daran muraasa. Dhamaateensaas garmalee ulfaataadha. Erga teknolojiin kun dhufee garuu waliin gahiinsarratti rakkoo qabaatus jajjabeessaa ta’aa jira.

Hudhaa kana furuuf mootummaan naannoo Oromiyaa xiyyeeffannoodhaan hojjetaa jira. Deemsa keessa maashinoota dabalataa dhiyeessuun walharkaa fuudhinsaan waldaan tokko yeroo cehu isa biraaf akka dabarsu taasisuun fayyadamummaa dargaggoota keenyaa mirkaneessuuf hojjetaa jirra.

Abbootiin qabeenyaa warshaa dhagaa cilee miicu dhaabuuf federaalarraa eeyyama fudhatanii turan. Warshichi osoo dhaabatee dhagaa cilee qulqullina qabu gatii madaalawaan akka gurgurannu nutaasisa ture. Ta’us abbootiin qabeenyaa tokkollee hojiitti hingalle. Akka hojiitti seenaniif haalli mijatuufis hojiitti galuu hindandeenye.

Kanarraa kan ka’e dhagaan cilee warshaa simintoof dhiyaatu sadarkaansaa gadi bu’aa waan ta’eef omishaasaarratti rakkoo fidaa jira. Waldaleen dhiyeessanis fayyadamaa ta’uu hindandahan. Kanaaf warshaan kun ijaaramee hojiitti akka seenuuf mootummaan tumsa barbaachisu taasisuu qaba jenna.

Bariisaa: Warraaqsa dinagdee Oromiyaan qabatee ka’e milkeessuu keessatti shoora dameen albuudaa taphatu akkamiin ibsitu, sektaroota dhimmi ilaallaturraa maaltu eegama jettu?

Obbo Tasfaayee: Warraaqsa dinagdee Oromiyaan qabatee ka’e milkeessuu keessatti dameen albuudaa gahee leencaa taphata. Akka fakkeenyaatti fudhannee yoo ilaalle barana qofa alergii warqii sookoorraa galiin doolaara miiliyoona 314 ol kan argame yoo ta’u, seenaa galii Oromiyaan damee albuudaarraa argatte keessatti isa jalqabaati.

Omishaafi omishtummaan damee kanarraa argamu akka milkaa’uufimmoo hojiin qindoomina sektarootaa murteessaadha. Abbaan taayitichaa seektaroota hedduu waliin hidhata waan qabuuf qindoomina uumuun hannaafi saamicha damee albuudaarra qaqqabaa jiru maqsuun Oromiyaa dirree badhaadhinaatti baasuuf duulli waloo eegalame cimuu qaba.

Bariisaa:Turtii yeroo keessaniif guddaa galatoomaa

Obbo Tasfaayee: Isinilleen galatoomaa; horaa bulaa.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 21 Bara 2014

Recommended For You