Bara keessa jirru kana biyyoottan akka Ameerikaatti ulfa baasuu wajjin kan walqabaterratti bara itti rakkoo cimaan uumame, murtoo guddaan murteeffame jechuun nidanda’ama. Waggoota dheeraaf ulfa baasuun seeraqabeessa ta’ee inni ture nika’e; inni kun ammoo namoota hedduuf sababa aarii ta’ee akka hiriiraafi mormii dhageessisan ta’eera.
Baay’een kallattiilee gara garaatiin mormiisaanii dhageessisaniiru. Haa ta’u malee ulfa baasuun kun maali? Nutis attamitti ilaalla? Isaan kana gabaabaatti haa ilaallu.
Ulfa baasuufi barsiifannisaa haaraa miti. Dhimma dhaloota Kiristoosiin dura tureedha. Haa ta’u malee ulfa baasuun akka bara kanaa kan itti baay’ate, namootni gara garaa kan keessatti hirmaatan jira jedhee hinyaadu.
Haa ta’u malee biyyootni garaa garaa biyya keenya dabalatee hanga ammaatti ulfa baasuu seera qabeessa kan hintaasisin jiru. Garuu lubbuu haadhaaf yoo sodaachisaa ta’e, kan miidhuu danda’u yoo ta’ee argameefi mirkaneeffame qofa ulfa baasuun eeyyamama. Kanaachi akka seera yakkaa biyyattii keewwata 528 ulfa baasuun yakka. Amantii kiristaanaa dabalatee amantiiwwan gara garaa ufla baasuu akka ajjeechaatti ilaalu.
Sababiinsaas ulfa baasuun akka barsiisa amantaattis ta’e akka ilaalcha warra ogeessota fayyaatti yakka. Ulfa garaa keessaa yoo fudhannu, guyyaa sanyiin dhiiraafi buphaan dhalaa wal argatee mucaan garaatti hafeetii jalqabee nama jedhamee waamama. Kanaaf sadarkuma kamittuu ulfa baasuun ajjeechaadha.
Namoonnis sababoota garagaraarratti hundaa’uudhaan mucaa gadameessa keessaa guddina dhorkuun ajjeesu. Sababoonni kunis namoota baayyeedhaaf karaa ta’uun ulfa baasuun akka seera qabeessa ta’ee eeyyamamuuf biyyoota hedduu gargaareera.
Bu’urri falmii kanaas kanneen akka ulfa hinbarbaachisnee, qaamaafi sammuu haadhaarratti ulfi sun miidhaa nigeessisa jedhamee yoo tilmaamame, mucaan dhalatu hir’ina qaamaa niqabaata jedhamee yoo shakkamu, ulfa gudeedamuu irraan ka’ee uumame, firarraa ulfaa’uu, dhiibbaa hawaasummaafi dinagdee kan jedhaman jiru. Isaan kanneen sababeeffachuun ulfa baasuun akka danda’amu warri falman nijiru.
Ulfi hinbarbaachisne yeroo hedduu sababoota gara garaatiin ni uumama. Addumaan bara keessa jirru kana dargaggoonni rakkoo kanaaf kan saaxilaman fiilmota qullaa namaa argisiisaniifi saalfii tokko malee gocha qunnamtii saalaa raawwatamu intarneetiirratti maxxansaman do’achuun akka ta’e hubachuun nama hindhibu. Isaan kun qorannoodhaanis kan addeeffamaniidha.
Teknolojiitti seeraan fayyadamuu dhabuun rakkoo hamaa kanaaf nama nisaaxila. Dargaggoonni of qabuun of eeggachuun akka hinjiraanneef sababa ta’aa jira. Fakkeenyaaf qorannoo Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa (WHO) bara 1992 (ALA) godhetti addunyaa kanarraa guyyaa tokko qofatti qunnamtii saalaa miiliyoona 100tu ta’a.
Kanarraa kan ka’e guyyaa tokkotti ulfa kuma 910tu uumama. Ulfa uumamaa kana keessaa dhibbantaa 50 karooraa ala yommuu ta’u, 25 ammoo ulfa hinbarbaachisne jedhamee beekama. Kanaaf guyyaa tokkotti addunyaa kanarraa ulfa kuma 150 oltu baafama. Dhiigni namaa lola’aa oola. Sababa kanaaf hanga ammaatti mucooliin miiliyoona 100 ta’an ajjeefamaniiru.
Gochi kun mirga jiraachuu ilmaan namootaa kan sarbe akka ta’e argina. Sababiinsaas ulfa baasuun gama amantaanis ta’e gama saayinsiitiin sirrii akka hintaaneefi kanneen ofiif dubbachuu hindandeenye kallattii kanaan miidhaa jiru guyyaatii gara guyyaatti kan mul’atuudha.
Ulfa baasuu ilaalchisee tarii gaaffiiwwa gara garaa qabaachuu dandeenya. Fakkeenyaaf, dubartiin karoora malee ulfoofte tokko da’uuf nidirqisiifamtii? Mucaan durbaa humnaan gudeedamte ykn fira ishee irraa ulfoofte tokko irraa baasuun gaarii mitii? Kan jedhuufi kan kana fakkaatan qabaachuu dandeenya. Gaaffiilee kanneen miira keenya qofaan yoo ilaallu deeggaruu dandeenya.
Kanaaf furmaanni ulficha baasuu qofaadha jennee yaaduu dandeenya. Garuu gadifageenyaan itti yaaduun barbaachisaadha. Sababoota ittiin addunyaan kun daa’imman hindhalatiin ajjeesuuf ulaagaawwan keesseef hordofna moo, dhugaafi soba adda baafnee ilaaluuf yaalii goona? Deebii kanaa tokko tokkoon keenya irratti hojjechuufi itti yaaduu qabna.
Namoonni ulfa baasuuf sababa fayyadaman keessaa muraasni ulfa hinbarbaachifne baasuun nidandaa’ama kan jedhan nijiru. Al tokko dargaggeettiin hiriyaa qabdu tokko akkas jettee turte. “…ani jaalallee dhiiraa tokkon qaba. Utuun isa waliin jiraadhuu gaaf tokko akkan ulfaa’een hubadhe. Yeroon hiriyaa koo sanaa wajjin mari’adhus akkan ulfa sana of irraa baasuu qabu natti hime. Ani barattuu galii hinqabneedha. Ulfa kana baasuudhaafis cubbuu lammaffaan hojjedhaa laata jedheen sodaadhe. Waa’een ulfa kanaa baay’ee na dhiphiseera. Naman itti himadhu tokko hinqabu. Yeroo hundumaan boo’a. utuu yeroon natti hindarbin gorsan barbaada” kan jedhu ture.
Yeroowwan tokko tokko rakkoolee kana fakkaatan irraa kan ka’e obboleettonni rakkoof saaxilamuu danda’u. Kaanis sababa hiyyummaa, gudeeddii ykn yakkoota garagaraarraa kan ka’e ulfi tokko hinbarbaachisu kan jedhu dhaga’uun keenya hinoolu. Gudeeddiin ykn yakki dubartoota irra ga’u mirga dubartootaa sarbuu, maqa balleessii, yeelloofi kkf ishee saaxiluu danda’a. Isa kana jalaa ba’uuf gara ulfa baasisuutti yaada ishee hiruu dandeessi.
Akka ragaaleenn mana yaalaa tokko tokko mul’isanitti immoo dubartoonni ulfa hinbarbaachisne baasan shamarran umurii dargaggummaa irra jiraniifi utuu hinheerumin karoora malee ulfaa’aniidha. Ulfi uumamu kun ammoo heddumminaan gudeeddiin akka hintaane ragaan ni mul’isa. Shamarran dhimma gudeeddiitiin mana murtiitti dhihaatan kuma afuriifi 500 keessaa gudeeddiidhaan kan ulfa’an akka hinjirre argisiisa.
Waggoota muraasaan dura dhimma gudeeddiitiif ulfa uumame baasuun akka furmaata tokkootti ilaalamaa ture. Haa ta’u malee ulfi gudeeddiidhaan uumamu baay’ee akka hintaane argina.
Wanti dagatamuu hinqabne ulfa baasuun miidhaawwan hedduu qaba. Kanneen keessaa tokko miidhaa xiinsammuu (Psychology) haadholiirraan ga’uudha. Yeroo baay’ee haadholiin ulfa baasan jeequmsa, aarii, nagaa dhabuufi abdii dhabuutu itti dhaga’ama.
Keessumaa akka nama lubbuu balleesseetti waan of lakkaa’aniif himata eenyuuyyuu malee ofiisaaniitti yakka muraa jiraatu. Garafuula duraattis dhabduu ta’anii waan hafan sababii ittifakkaatuuf nidhiphatu. Akka haadha gaarii ijoolleesaanii sirriitti guddifatanittis of hinyaadan. Dhumarratti dhiphina guddaarraa kan ka’e gara lubbuusaanii balleessuutti adeemuu danda’u.
Namoonni duraan dursanii yeroo ulfa baasuuf kaayyeffatan waan boqonnaa argatan itti fakkaata. Garuu akka namni ‘Nawey Michel’ jedhamu dubbatutti haadholiin erga ulfa ofirraa baasanii booda boqonnaa argatu utuu hinta’in dhiphina yeroo ulfi sun jiru caalaa akka miidhaman dubbata. Ulficha baasuudhaan rakkina ishee jalaa waan furamte yoo itti fakkaatuyyuu waa’ee lubbuu bade sanaaf daran itti dhaga’ama.
Sodaa, aariifi yakkamoo ta’uu isaaniitu boqonnaa isaan dhowwa. Kanatti dabalataan, haadhotiin ulfa of irraa baasan, yoo abbaa manaa qabaatan abbaan manaa isaanii ba’uu ulfa kanaa irratti walii hingalle yoo ta’e, abbaa warraasaaniirraa kabaja dhabu. Mana warrasaanii jiru yoo ta’e immoo, maatiifi hawaasasaaniirraa kabajaafi fudhatama waan hinarganneef yaadaan dhiphachuurra darbee gara lubbuusaanii balleessuutti tarkaanfii fudhachuu danda’u.
Karaa biraas ulfa baasuun dhala dhabuu danda’u. Yeroo ulfa baasan meeshaan ittiin fayyadaman gadameessa haadhaa miidhuudhaan ittifufiinsa firii kennuu gadameessaarratti dhiibbaa geessisuu danda’a. Haadholiin dhala dhabanii hafan tokko tokko yeroo mari’achiifaman seenaa kanaan dura dabarsan keessatti akka ulfa of irraa baasanii turanitti dubbatu. Akka ogeessonni fayyaa jedhanitti yeroo ulfa baasan sababii mormi gadameessaa miidhamuuf mucaa kanaan booda dhalaturratti dhiibbaa guddaa geessisuu danda’a. Kanaafuu carraan dhala dhabuu haadholii kanaan dura barsiifata ulfa baasuu qaban, kanaan dura warra ulfa hinbaafne caalaa bal’aadha.
Darbees ulfa baasuun lubbuu haadhaarratti miidhaa guddaa qabaata. Al tokko barreessaan hinbeekamne tokko “…, ulfa baasuun dhukkubsatanii gara mana yaalaa kan dhufan keessaa fayyanii kan ba’an walakkaa qofa” jedhe. Namoota ulfa baasuu deeggaranii falman tokko tokkorraa yeroo dhageenyutti, ulfa baasuun rakkinaafi du’a haadhaa nihir’isa jedhu. Garuu dhugaarraa kan fagaateedha. Akka ragaa mana yaalaatti dhukkuboonni garagaraa, baay’ina dhiiga dhangala’uufi cufamuu ujummoo fincaanii irraa kan ka’e lubbuun haadholii baayyeen utuu darbuu ilaaluun beekamaadha.
Kanaaf, haadholii ulfa baasuun du’aa jiraniif eeggannaa gochuun barbaachisaadha. Darbees haadholii ulfa baasuun booda gargaarsa addaa dhabuun du’an ardiiwwan guddataa jiran kanneen akka Afrikaa keessatti gabaasni isaanii hinargamu. Ulfa baasuun lubbuu mucaa badu sana qofa irratti miidhaa qabaata osoo hintaane dubartii ulfa of irraa baafte irrattis miidhaa cimaa sababii qabaatuuf, yeroo dhimmi mirga dhala namaa ka’u, addumaan immoo ulfa baasuun mirga yeroo jennu lubbuun namoota baay’ee harka keenya keessaa akka barbaadamu dagachuu hinqabnu. Isa kana itti yaaduun barbaachisaadha.
Doktar Zarihun Gabree
BARIISAA SANBATAA Hagayya 21 Bara 2014